Wallagga Aanaa Jimmaa Horroo Keessatti Barattootni Oromoo Kutaa 11ffaa Mormii Sirna Bulchiisa Wayyaanee Kaasuun Barnoota Dhaaban.

Aside

11387_489669604505323_7735385139558897223_n

Mudde 23,2014  Wallagga, Aanaa Jimmaa Horroo

Wallagga Aanaa Jimmaa Horroo Keessatti Barattootni Oromoo Kutaa 11ffaa Mormii Sirna Bulchiisa Wayyaanee Bultii 3f Deemsisan Itti Fufuun Gutummatti Barnoota Dhaaban

Hanqina Meeshaa Barnootaan Wal Qabatee Barattootni Qellem Wallagga Aanaa Jimmaa Horroo Kutaa 11 fi 12 Barumsa Dhaabuudhaan Gaaffii Kaasaa akka jiran gabaasa Qeerroo yeroo darbee irraatti darbee jira. Haaluma kanaan barattooti Oromoo gaaffii mirgaa fi haqa qabaniin itti fufuun Mudde 23,2014 loltoota mootummaa Wayyaanee waliin walitti bu’uu fi doorsifamuun hammaatnaan guutummaatti mana barnootaa cufanii ykn dhaabanii warratti galanii akka jiran Qeerroon aanicha irraa gabaasa.

Kana malees hir’inni meeshaa barnootaa manneen barnootaa hunda irra gahe maatii barataa fi barattoota ilaala jedhee mootummaan uumata irraa horii funaanuuf saganteeffate guutummaatti farrummaa uumataaf qabu muldhisa malee hir’inni meeshaa barnootaa fi qulquullinni barnootaa kan ilaalu mootummaa Wayyaanee mataa isaati, kanaaf hanga mootummaan of tuulaan miidiyaadhaan tarsiimoo fi misooma barnootaa jedhee odeessu kun meeshaa hanqate fidee guututti barumsa hin barannu, deggersa barumsaas qarshiin nutty murtaa’e dhimma barumsaaf miti mootummaa sooruudhaaf malee jedhanii har’a diddaa isaanii cimsanii barattootnii mooraa gadhiisanii bahuun barnoota dhiisanii gara maatiitti galanii jiru.

Waldorgommii Ispoortii Aanota Lixa Shaggar Magaalaa Ambootti Gaggeefamuu Eegale Irratti FDG Dargaggootaa Oromoon Ka’uu Irraan Waraanni Wayyaanee Dirree Ispoortii Heddumminaan Qubate.

Aside

diddaa9Mudde 23/2014 Waldorgommiin Sportii  Aanoota Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo keessatti gaggeeffamaa jiru gara FDG tti jijjirame. Staduim Amboo Wallee Warraqsaa Qabsoo bilisummaa Oromoo fi ABO faarsuun dhuunfatame!!

Waldorgommiin Ispoortii gosa garaagaraan aanoota Godina Lixa Shaggar 18 gidduutti kan gaggeeffamaa jiru gara FDG tti jijjarame jira,Goototni dargaggootni Oromoo uummatni Oromoo bakka waldorgommiin Ispoortii kun gaggeeffamutti walitti qabamuun wallee warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo fi gootota Oromoo fi ABO  faarsu sirbuun  sagantaa ispoortii fi taphootni garaagaraa wayyaaneen ittin sochii Warraqsa FDG laffisuu fi diddaa uummata Oromoo akka waliigalatti gaggeeffama jiru dura dhaabbachuuf qopheessite dura dhaabbachuun  diddaa sirna abbaa irree EPRDF’f qaban ifatti mul’isan.

Olollii afaan faajjii Wayyaaneen gama kamiin iyyuu gaggeessitu akeeka mirga keenyaa fi eenyummaa keenya kabachiifachuuf qe’ee keenyaa fi qabeenya keenya irratti wareegama qaalii baasa jirru irraa duubatti nu hin deebisu jechuun waraana wayyaanee, poolisoota Federaalaa Wayyaanee  basaastota wayyaanee ergama diinummaa fudhatanii sochii adeemsa FDG uummtni gaggeessa jiru kana dura dhaabbachuuf babbafamanii fi sabboontota Oromoo adamsuu fi qabanii hidhatti darbachuuf bobba’an dhagaan haleeluun bakkaa Waldorgommiin ispoortii Magaalaa Amboo Stadium guddicha keessatti gaggeeffamaa jiru arii’uun waldorgommiin ispoortii battalumatti gara FDGtti jijjiramuu danda’ee jira.

Mootummaan Wayyaanee akkuma amala isaa human waraanaa fi poolisoota federaalaa of harka qabu dargaggoota fi uummata irratti bobbaasuun dirree Stadium  Magaalaa Amboo gara dirree waraanatti jijjiruun uummata fi dargaggoota irratti goolii kaasuun uummata gooluu itti fufan illee goototni dargaggootni Oromoo Godina lixa Shaggar irraa sababaa wal dorgomii ispoortii Wayyaaneen ololaaf qopheesiteen magaalaa Ambootti walitti dhufan Wallee Warraqsaa ABO faarsuu fi qabsoo bilisummaa Oromoo fi gootota Oromoo leellisuu itti fufuun dargaggootni Oromoos tokkummaa isaanii jabeeffachuun  gara tokko dhaabbachuun dhagaan humnotaa tikaa fi waraanaa poolisii federaalaa wayyaanee dura dhaabbatan. Haaluma kanaan waldorgommiin Ispoortii ololaaf wayyaaneen qopheesitee guyyaa kaleessa irraa eegaluun caalmatti gara FDGtti jijjiramee jira. Guyyaa har’aa mudde 23/2014 illee Magaalaan Amboo human waraanaa guddaa fi poolisaa federaalaa heddumina guddaa qabuun marfamtee utuu eegama jirtuu, Walleen warraqsaa haalaan jabaatee itti fufee jira.

 

SBO Mudde 24 Bara 2014 – Oduu – Gabaasa Festivala Aadaa Oromoo Melbourne Australia – Dhaamsa Bara Haaraa miseensota WBO akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Sochii Barattoota Yuuniversitii Bulee Horaa fi Diddaa Uumataa Aanaa Ginniir Dura Dhaabbachuuf Jecha Waraanni Wayyaanee Hedduminaan Godinicha Irratti Ramadame.

Aside

Gabaasa Qeerroo Godina Baalee, Ona Ginnir Irraa Muddee 22,2014

diddaa9Humni waraana Wayyaanee Baalee aanaalee garagaraa fi naannoo Yuuniversitii Bulee Horaa socho’uun beekame. Gabaasni Qeerroo har’a Muddee 22 addeessuun , mormiin bulchiinsa mootummaa fi karoora miisooma mootummaa gufachiisuudhaaf uummannii fi barataan Yuuniversutuu Bulee Horaa wal tumsee jira sababa jedhuun mootummaan Wayyaanee ona Baalee garagaraa keessatti humna waraanaa qubsiisuun sochii diddaa dura dhaabbachuu qaba jedhee qubachiisuu gabaasni nu gahe addeessa.

Akka madda gabaasichaatti baatiwwan darban keessatti uummanni gaaffiwwan dhimma hidhamtootaa ilaalchisee gaafachuu irraan, akkasuma mootummaan dhimma amantaa keessa akka hin gallee fi hordoftoota amantaa musliimaa keessattis namoota maqaa shororkeessummaatiin mana hidhaa keessa jiraniin wal qabsiisanii gaaffii kaasuun kan yaadatamuu fi akkasuma barattootni Oromoo mooraa Yuuniversitii Bulee Horaa, gaaffii kaasan waraqaadhaan mooraa keessatti bittimsuun gabaasuun keenya kan yaadatamuudha kanumaan kan wal qabate mootummaan Wayyaanee godina Baalee irratti wal tumsi uummataa fi barataa daran jabaatee akka jiru waan hubateef FDG Oromiyaa keessatti ka’u humna waraana isaatti amanuun uummata dura waraana isaa buusuun hojii isaa fardii waan taheef, sodaa fi shakkii diddaa yeroo ammaa Oromiyaa keessatti qabuun kan ka’e ammoo godina Baalee irratti sochii barattootaa fi uummataa waan isaa yaaddeesseef, humni waraana isaa godina kana keessa onaalee garagaraa fi naannoo Yuuniverstii Bulee Horaa buufatee socho’aa fi doorsisa adda addaa mul’isaa jiraachuu gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.

Mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo biratti jibbamuu jala muree kan beeku tahullee abdii kutachuu dhabuun, tooftaa hannaa fi doorsisaan filannoo irratti filatamuuf amma irraa haala aanjeffachaa kan jiruu fi uummata keessatti ammoo uummanni qaama biraa filachuun akka adabsiisaa tahe doorsisa uummata irratti bananii baadiyaa keessa socho’uudhaan duula taasisaa jiru,kun godinaalee Oromiyaa garagaraa keessaa gabaasni Qeerroo addeessa.

Aside

Beeksisa:- Walleeleen Bara 2014 Keessa gaaffii Mirga Uumata Oromoo ol-kaasuun Mootummaa Wayyaaneen hundeen raasan keessaa hammi tokko Amajjii 1,2015 Itti Guutuu Oromiyaa fi Biyya Alaa keessatti Ummata Oromoo dhaqabuuf jira.

CD marsaa duraa tokkichi isaa walleelee 28 kan qabatu ta’a. Kan marsaa 2ffaas akkasuma baatiilee muraasa booda uumata Oromoon dhaqaba.

dvd lebel cov 333-02

Sababaa FDG fi Mormii Master Plan Finfinneen Wal Qabatee Dargaggooti Oromoo Mana Hidhaa Sabbataa Keessatti Dararamaa Jiru.

Aside

Mudde 22,2014 Gabaasa Qeerroo Sabbataa

Gaaffii mirga uumata Oromoon wal qabatee Ebla 2014 keessa dharaan yakkamanii mana hidhaa keessatti dararaa guddaan kan irraan gahamaa jiru Oromooti hedduu dha.Godinaalee Oromiyaa bakkoota gara garaa manneen hidhaa beekamuu fi hin beekamiin keessatti dararaan Oromoota irraan gahamaa jiru haalaan hamaachaa kan dhufe yeroo ta’u yeroo ammaa kanatti Master Plan Finfinnee mormuun Oromoota mootummaa Wayyaanee irratti kakaaftaniittu sababaa jedhuun Oromoota hedduu hidhamanii mana hidhaa sabbataa keessatti dararamaa kan jiran yeroo ta’u,kanneen keessaa haala hamaa miidhama guddaan warri irra gahan namni 4 karaa adda addaan ragaalee kijibaa kaabinoota, polissootaa fi nama dhalootan oromoo hin tahiin(abashaa) tti dhimma bahanii mana hidhaatti deddeebisuun dararaa guddaa irraan gahaa jiru.

Kanneen keessaa ammatti kan ragaa kijibaan yakkamanii dararaan irraan gahamaa jiru keessaa:-

Because I am Oromo1,Leencoo Girmaa

2,Tashoomaa Adunyaa

3,Caalaa Fufaa

4,Girmaa Araarsoo

Kanneen jedhaman keessatti argamu.

Oromia show 2014 on Oromia@Federation Square Melbourne Australia Dec 21,2014

Aside

WAREEGAMA HANQISUUF WAL TUMSUUN MURTEESSAADHA. kutaa 4ffaa fi xumuraa

Aside

SEENAA Y.G (2005) kutaa 4ffaa fi xumuraa | Muddee 21, 2014

Barreessaa dhugaa baasa!Mata Duree “WAREEGAMA HANQISUUF WAL-TUMSUUN MURTEESSAADHA”! jedhu jalatti, yaada bal’aa kutaa 3n kaasuu yaaleera. Yaadoonni kun irra jireessa, waan haaraa osoo hin taanee, qalbii Dhala Oromoo hundaa keessa kan jiruudha. Tumsi ani baanuus, kan hundi keenya keessa keenyatti hawwiinu, garuu , Hawwuu qofti furmaata akka hin taaneellee hubannu, har’a borii odoo jennuu wareegama Ummata keenyaa akka ida’aa deemuuf, odoo beeknuu carraa kennaa jiraachuu keenya yaadachiisuufi. Rakkoo keessa keenyatti arginu hundaaf Qorichi isaa, harkuma keenya keessa jira. Qorichi Tokkummaa ykn Wal-Tumsuu deebifnee of gaafaachaa fi wal gaafachaa jirru kanaaf kan ta’u, Ulaagaa WAL-TUMSUU YKN TOKKOOMUUN barbaaddu guutanii argamuudha. Inni lammaffaa Ulaagaa kana dhugeessuuf “HAWWII”keessaa ba’anii hojiin mul’achuuf murteeffachuudha.

Waanuma Umamaan Ummati keenya qabu , warri abshaalli totolchanii deebisanii nu barsiisanii akka ittiin eebbifamnee hafnu ykn waanuma akka dhuunfaatti qabnu fakkeessanii ofittummaan nu gaadi’an malee,TUMSA kabajaa qabu fi hiikkaa quubsaa qabu, Aadaa Umama Oromoo keessaa qabna. Waan Waliin umamne deebisnee barbaadaa akka jirru hubachuu dhabuu keenyatu, habjuu hawwii keessa nu gangalchaa jiraata. Nuutis sababaa ofittummaa irraa maddaniin, Tumsa Umamaa qabnu qorannaadhaan achi fageessaa jirra.warra wal Tumsee Bilisoome ilaallee ykn warra waliif dhaabbatee sagalee isaanii addunyaatti dhageesifatan TVn ilaallee “Oromoon akkas odoo godhee” jennee, hawwiin of dhukkubsina. Garaagarummaan isaan waliin qabnu garuu , hojiin mul’isuu ykn argisiisuu irratti qofaadha. Waan amma har’aatti gaggeeffame fi gaggeeffamaa jiru bishaan itti naquu miti. sadarkaa irra jirru irraa dachaan hojjachuutu Wareegama keenya hanqisuu danda’aatti amanu irraati.

WAREEGAMA HANQISUUF……..kutaa 4ffaa fi xumuraa..docx

ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች:ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ: የሳምንቱ :ዜና:: December 17, 2014

Aside

Hanqina Meeshaa Barnootaan Wal Qabatee Barattootni Qellem Wallagga Aanaa Jimmaa Horroo Kutaa 11 fi 12 Barumsa Dhaabuudhaan Gaaffii Kaasaa Jiru,Dhimma Barnootaan Sobni M/Wayyaanee Miidiyaadhaan Ololu Ifa Jira‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Mudde 19,2014 Jimmaa Horroo 

11387_489669604505323_7735385139558897223_nGabaasa Qeerroo Qellem, Jimmaa Horroo, Muddee 19/2014 Mootummaan Wayyaanee yeroon filannoo jala gahetti misooma barnoota jedhee hafarsuudhaan uummata Oromoon carraa filatamuutiif jecha miidiyaadhaan halkanii guyyaa hafarsaa jira.

Yuuniversitiilee Oromiyaa keessatti baayinaan sadarkaa duraa ol dabaluudhaaf mootummaan baajata guddaa dabalee jira utuu jedhee miidiyaadhaan qaamonni miidiyaa isaatii ololanii gama biraadhaan uummata keessatti ammo barattootni rakkoo hanqina meeshaatiin barumsa dhabanii miidhamaa kan jiran keessattuu barattootni godina Qellem, Jimma Horroo irraa barattootni kutaa 11 fi 12 baratan dhimma barnootaan wal qabsiisanii gaaffii kaasaa jiran, miidiyaaleen mootummaa wayyaanee sodaa fi garaa isaaniif jecha oduu sobaa kan dubbatan, yeroo ammaa uummata biratti kan hubatamee jiruudha, gama barnootaan mootummaan hanga gandaatti baajata guddaa ramadee deggersa barnootaaf kennaa jira kan jedhan barattoota mana barumsaa qophaayinaa Jimmaa Horroo irraa barataniif ammo rakkinoota hanqina meeshaa manni barumsaa qabu guuttachuudhaaf tokkoon tokkoon barataa qarshii 370 kennuu qaba jechuudhaan barattootatti dirqamni kan gadii bu’e torbe kana keessa tahuun isaa gabaani Qeerroo aanaa Jimmaa Horroo irraa ibsa

Kanumaan wal qabatee Muddee 18 irraa kaasanii barattootni kutaa 11 fi 12 baratan mootummaan gama biraadhaan baajata guddaa baaseen 10849770_489684271170523_3966400981765942262_nmisooma barnootaa Oromiyaa keessatti babal’isa, barataan meeshaa guutuudhaan barachuun dirqama isa kanaf ammoo baajatni guddaan ramadamuu isaa miidiyaa isaanii of harkaa qabaniin kan dubbataa jiran haala dhokataa uummanni hin beekneen ammoo barataa irraa qarshii funaanee kaayyoo jedhee olole san guuttachuudhaaf adeemaa jira, isa kanaaf mootummaan akkuma ololaa jiru san baajata san gadi fidee meeshaa san nuuf guutuu qaba, kana tahuu baannan barumsa hin barannu, qarshiin nu gaafattan hannaaf, duudhaa mootummaa irraa oolchuudhaaf malee faayidaa keenya ykns kan uummataa miti mootummaan maaliif uummata sobaa? Hanqina meeshaas utuu qabnu dorgommii barattoota biraa waliin galuu hin dandeenyu jedhanii barumsa dhaabaa kan jiran tahuu gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.

984239_489701554502128_8341123047098626439_nUummanni mootummaan erga of hin dandeenye, gadi haa dhiisu kan hojjetuuf kennuu qaba aangicha, meeshaa barnootaa nan guuta jedhee erga dubbachuu eegalee waggaa meeqa, har’a uummataa fi barataa homaa hin qabne irraa maal barbaada mootummaan tahus hanga kana karaa miidiyaa isaanii nu sobuun maalii jechuudhaan uummannis barataa deggeruu isaa , barattootnis barumsa barachaa kan hin jirre tahuu gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.