SBO Mudde 31 Bara 2014 Oduu, Dhaamsa Bara Haaraa ABO Amajjii 2015 fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Sagalee Qeerroo Mudde 29,2014 Imaamata Diinagdee Ethiopia n Hordoftu Ilaalchisee Qophii Addaa

Aside

Godina Dhiha Oromiyaa Magaalaa Gimbii Keessaitti Dhaddachi Maana Murtii Godina Wallagga Dhihaa Galmee Hidhamtoota Oromoo 32 Cufe.

Aside

Gabaasa Qeerroo Gimbii Muddee 30,2014
Muddee 26 fi Muddee 27/2014 Godina Dhiha Oromiyaa magaalaa Gimbiitti Dhaddachi Mana Murtii Godina Wallagga Dhihaa galmee hidhamtoota Oromoo Oromummaan yakkamanii hidhamanii himatamaa jiran ilaaluun ilmaan Oromoo 32 bilisaan gadi lakkisee galmee hidhamtootaa cufee jira.Mootummaan abbaa irree Wayyaanee sobaan Ilmaan Oromoo yakkee balleessa malee hanga barbaade erga hidhatti ukkamsee booda, galmee sobaan qindeessee ittin ilmaan Oromoo hidhee dararaa ture turtii je’oota hedduu fi waggootan lakka’amuu booda bilisan gadi lakkisuun haamilee fi sammuu ilmaan Oromoo erga torture godhee booda gatii kan hin qabne ta’uun beekamadha. Ilmaan Oromoo jumlaan ukkanfamanii manneen hidhaa Wayyaanee garaagaraa keessatti argaman hundi Oromoo ta’anii dhalachuu fi ani Oromoodha, mirgi keenyaa sarbamuu hin qabu waan jedhanii dubbatan qofaaf yakkamaa ta’an malee balleessa kan hin qabne ta’uun beekamadha.
Kanaafuu manneen murtii Oromiyaa dhugaa jiru hubachuun tarkaanfii sirrii fi seeraa warreen fudhachaa jirtan galatni keessan bilisummaa haa ta’uu jechaa ilmaan Oromoo manneen murtii Wayyaanee garaagaraa keessa jirtan waan dhugaa hojjettaniif midhaan fedhe iyyuu yoo isin irra ga’ee uummatni Oromoo cufti dugda keessan duuba jiraachuu hubachuun dhugaa Uummata keessanii fi haqa uummata Oromoo afaan qawween dabsamaa jiru akka dura dhaabbattan amma illee waamicha keenya dabarsina. Maqaa fi galmee himata ilmaan Oromoo irra bilisaan gadi lakkifaman kan isin qaqqabsifnu ta’uu ni hubachifna!!

Raadiyoo Sagalee Oromoo Qophii Mudde 29,2014/ Marii Hayyuu Duree ABO Obbo Daawud Ibsaa Waliin Tahe Kutaa 2ffaa

Aside

Waranni fi Humnootni Tikaa Wayyaanee Naannoo Magaalaa Jimmaa fi Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Qubate.

Aside

Gabaasa Qeerroo Mudde 29,2014  ,Jimma

dsc02197

Mootummaan Wayyaanee Yuuniversitii Jimmaa Keessaa Humna Waraanaa fi Tikaa Qubsiise, Amajjii 1 Guyyaa WBO fi Bara Haaraan Wal Qabsiisee Barattoota Yuuniversitii Kaanis Jeeqaa Jira.

Goototni barattootni Oromoo Yuuniverstiilee fi kolleejjota jiran keessatti gamtaa tokkummaa isaanii jabeeffachuun gaaffii mirga abbaa biyyummaa gaafatneef deebiin sirnaa fi seera qabeessi nuuf kennamuu qaba jechuun warraqsa FDG wal irraa hin citne bifa garaagaraan gaggeessa jiraachuun mootummaa Wayyaanee gaaffii karaa nagaa fi dimookiraasii dhiyaateef deebii waraanaa fi ajjeechaa kenneef yaaddoo ulfaata ciniinsuu hamaa itti ta’ee jira. Wayyaaneen gaaffii karaa nagaa gaafachaa jirruuf deebii ajjeechaa jumlaa dugugginsa sanyii, hidhaa jumlaa, biyyaa fi barnoota irraa nu arii’atullee warraaqsa FDG bifa qindaa’een irratti gaggeessineen Wayyaanee tapha addunyaa si’anaa keessa baasaa jirra, kun dargaggoota barattoota Oromoo , hawwasa Oromoo fi jarmiyoota qabsoo bilisummaa Oromoo akka waliigalaatti sochii warraaqsa FDG Qeerroon bilisummaa Oromoo qindeesse irraa qooda fudhataniif injifannoo boonsadha, Wayyaneef yaaddoo fi ciniinsuu dhumaa dhalaa jira.

Haala kana irraa Wayyaaneen hedduu sodaachuun mooraalee Yuunibarsiitii akka Jimmaa, Mattuu, Amboo, Walqixee, Wallaggaa , Gimbii, Shambuu, fi Walisoo humna poolisii federaalaa bobbaasuun eeggumsa guddaa gaggeessuu irratti xiyyeeffattee jirti. Addatti Yuunibarsiitii Jimmaa fi Magaalaa Jimmaa irratti humna waraana guddaa bobbaasuun eegumsa itti jira.

Haala kanaa Muddee 29,2014  mooraan Yuunibarsiitii Jimmaa Humna tikaa Wayyaaneen guutamee jira. dabballootni Wayyaanees barattoota Oromoo fi ilmaan Oromoo barsiisotaa hanga hojjettoota olaanoo Yuunibarsiitichaa fi hojjettoota gadi aanoo Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti argamaan hundumaa irratti hordoffii guddaa gaggeessa jiru.

Mootummaan Wayyaanee  sochii uumata Oromoo addattis dargaggoota Oromoo irraa soda waan qabuuf wagga haaraa fi guyyaa WBO irratti FDG ni ka’a sababaa jedhuun mooraalee barnootaa akka aadeffate humna waraanaan doorsisuu eegalee jira.

Olola Misoomaa Wayyaanee EPRDF fi Dhimmi Filannoo Nu Hin Laalu Jedhchuun Uummanni Wallagga,Aanaa Qellem, Anfilloo Diddaa Itti Fufan.

Aside

diddaa9Gabaasa Qeerroo Qellem, Anfilloo Muddee 29/2014

Dhimma Filannoof uummata walitti qabanii mariisisuuf karoorfame torbee darban kana Muddee 22,2014 irraa kaasee guyyoota lamaaf, Qellem Anfilloo irratti uummanni argamuu diduun feshelaa’e.

Odeessi Qeerroo Anfilloo har’a Muddee 29,2014 addeessaa jiruun, mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa dhimma filannoof hanga gandaatti gadi buusee uummata mariisisuuf caasaa isaa kanneen amanamoo ta’an dirqisiisaa jira, akka odeessan kun ibsutti caasaadhumti mootummaa hojii irra jiru dhimma filannoof mootummaa keessumsiisuu didee jira, dhimma filannoo ilaallatu uummata keenyatti dubbannee uummataan jibbamuu keenya irra hojicha dhiisuutu filatama jedhanii ajaja mootummaa kallattii kanaa lagatan mootummaan kan isaaf amanamoo ta’anittis dhimma bahee uummatatti dhiyaachuu eegale, namoota akkasiin torban darban keessa guyyoota olitti caqasaman Anfilloo irratti walgayii guyyaa lamaaf waamicha godhe irratti miseensota isaa kan ta’an walakkaan argaman irraa kan hafe uummanni guutummaatti hin argamin waan hafeef ergamni mootummaa karaatti hafee ammas haaluma kanaan wal qabsiisanii karaa biraadhaan uummata walitti qabuudhaaf misooma biyyee daagaa baasuu kan jedhu gammoojjii irratti uummata dirqimaan akka bahan taasifame kunimmoo isa dhumaa uummanni fincila kaasutti geese, misoomaa fi dhiqama biyyee eeguun mootummaadhaan durfamnee hin beeknu har’a mootummaan kana nu ajajaa jedhanii ajajoota mootummaan ergee kana irratti uummata bobbaasisuuf dirqama itti kenne uummanni of irraa ariye, akka odeessaan Qeerroo ibsutti daandii ittiin uummata bakka tokkotti walitti qabatan barbaachaaf kan deemanis feshale.

Kana malees  kanneen mootummaan dirqama kana itti kennee uummata bobbaasuu qabdu jedhuun caasaa isaa tamsaase kan gara uummataa jiran uummata keenyaan hin jibbamnu jedhanii ajaja mootummaa lagatanii jiru, akka walii galaatti dhimmi filannoo jedhamuu fi namni mootummaa filuudhaaf afaan saaqqatee dubbatu uummata Anfilloo gidduutti balaaleffatamaadha, uummatas tahe Qeerroon ona kana irraa dhimmoota filannoof namootni uummata keessa duula godhan diddaan uumataa daran jabaachuuf akka deemu Qeerroon gabaasa.

ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች:ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ: የሳምንቱ :ዜና:: December 27, 2014

Aside

SBO Mudde 28 Bara 2014. Oduu, Xalayaa ABO UNf Barreesse Irratti Gabaasa, Gaaffii fi Deebii J.Billoo Garbii Waliin, Dhaamsota Bara Haaraa fi Qophiilee Adda Addaa…

Aside

Mudde 27,2014 Raadiyoo Sagalee Oromoo /Gaaffii fi Deebii Hayyuu Duree ABO Obbo Daawud Ibsaa Waliin Taasise

Aside

Mudde 26,2014 Halkan Yuuniversitii Walqixxee Keessaa Barattooti Oromoo 40 ol Loltoota Wayyaaneen Ukkaamfamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Gabaasa Qeerroo Muddee 27,2014

oromo in ethioMuddee 26,2014 Godina Kibba Dhihaa Oromiyaa Yuunibarsiitii Walqixeetti Mootummaan abbaa irree EPRDF Wayyaanee barattoota Oromoo fi Amaaraa gidduutti rakkoo uumeen jeeqamsa kaasuun waraana mooraa Yuunibarsiitii seenee barattoota Oromoo goolaa jira.‏

Mootummaan abbaa irree shiraan umrii aangoo isa turfacha ture barattoota Oromoo fi barattoota saboota biroo walitti diruun ilmaan Oromoo barbaadu keessa guuree maqaa walitti bu’iinsan hidhuuf karoorfatee socho’aa jiru, Qeerroon barattootni Oromoo dura dhaabbachuun akeekaa wayyaanee fashalsuu irratti xiyyeeffatan. Yakkamtootni ilmaan habashaa ergama Wayyaanee fudhachuun waldhabdee hin barbaachifne dhaluu barbaaddan yeroon yoo gochaa diinuummaa fi ergamtummaa wayyaanee irraa of hin qusatne rakkoo haama keessa kan of galchaa jirtan ta’uu hubachiisuun, Qeerroon barattootni Oromoo walitti bu’insa barattoota Oromoo fi saboota biroo gidduutti dhalatuuf mootummaan ERDF Wayyaaneen itti gaafatama ta’uu jabeessine hubachiifna.

Shira dabballooti  Wayyaaneen uuman kanaan  walqabatee ilmaan Oromoo badii tokko malee Yuunibarsiitii Walqixee keessa halkan humna waraanaa  fi poolisaa Federaalaa Wayyaaneen ukkanfaman keessa kanneen maqaa isaani nu qaqqabee jiru

1.Barataa Yaadasaa Mirreessaa

2.Barataa Qalbeessaa Iddoosaa

3.Barataa Abarraa Xaafaa

4.Barataa Wagayyoo Nugusee

5.Barataa Abbabaa Balchaa

6.Barataa Jirra Nuus

Kanneen jedhaman kan keessatti argaman barattootni 40 olitti lakka’aman halkan humna waraanaan ukkanfamuu maddeen keenya Yuunibarsiitii Walqixxee irraa gabaasuun, Qeerroon barattootni Oromoo shira Wayyaanee dura dhaabbachaa jiraachuu ibsatan.