Godinaalee Oromiyaa Garagaraa Keessatti Uummanni Ajaja Wayyaanee Lagachuu fi Fesheleessuu Eegale‏

Aside

Gabaasa Qeerroo  Amajjii 5,2015

diddaa9Godinaalee Oromiyaa garagaraa keessatti ayyaanni jijjiirraa bara haarawaa fi guyyaan WBO Amajjii 1/2015 haalaan kabajamee jira. Gabaasoti Qeerroo kallattii Oromiyaa gara garaa irraa kan dhaamamaa jiru akka ibsutti.  Waggaan haaraa Amajjii 1 fi guyyaa WBOn  uummata Oromoo birattis kan durii caalmaadhaan beekamee barattootaan, hojjetootaan, qonnaan bulaadhaan, caasaa opdo keessaallee uummata Oromoo waliin kan hiriiraniin haala hoo’aadhaan kabajamee darbe.

Walumaa gala kabajaan guyyaa kanaa bara kana mootummaa Wayyaane biratti mufii fi aariin bakkoota gara garaatti humnoota tikaa bobbaasuun yerootti uumata adamsaa turan muldhata. Wayyaaneen uummatni Oromoo duukkaa akka hin jirre yeroo hubatee naasuu guddaadhaan guutameedha yeroon kun, Oromiyaa godinaa hanga gandaatti kan mul’atus ijoolleedhaa hanga abbootii Oromootti Wayyaaneen galafaataa, gabroonfataa, ajjeesaa tahuu isaa caasaa mootummaatti ifaa ifatti yeroo itti baasanii dubbatanii fi waajjiraalee, manneen barnootaa, buufata fayyaa, bulchiinsa magaalota garagaraa fi naannoolee isaanitti barruulee mootummaa Wayyaanee abaaruu fi dhaadannoolee uummata Oromoo jajjabeessuutu mul’ata, kunis caasadhuma OPDO keessaa qabaniin kufaatii mootummaa Wayyaaneef warra yaadda’an irraa gara mootummaatti gabaasa tahu irraa Wayyaaneen waan dhagayuuf haala uummata Oromoo yeroo ammaa irra jiru ilaalchisuun keessattuu ayyaanni guyyaa WBO kan miillanaa kun uummata Oromoo biratti haalaan beekamee waan jiruuf akkuma beekames kabajamuun isaa ifatti waan mul’ataadha. kanumaan wal qabsiisuudhaan:-
Godina wallagga lixaa, Gimbii, Najjoo, Dambi Doolloo, Anfilloo, Jimmaa Horroo, Aayira Gullisoo, fi buufata manneen barnootaa keessatti caasaa OPDO  irraas amantaa waan dhabeef, humna waraana isaa keessaa kanneen sabaan Oromoo hin taane filee gara kanatti erguuf karoora keessa galchee jira jechuun odeessaan qaama mootummaa keessaa bahe nu gahaa jira. naannolee kanatti guddaa kan shakkee jiru yeroodhaa yerootti kan gabaafamaa ture uummanni ilaalcha ABOn dhugamee, ajaja ABOtiin socho’aa jira malee mootummaadhaan miti, fincilli ka’uun dura caasaa OPDO irraa abdiin waan hin jirreef humnuma waraana isaa keessayyuu kan sabaan Oromoo hin taanetti fayamuuf akka jiru qophii mootummaa Wayyaanee gama kanaan dursee odeessaan ibsa.

Aside

Walaloo Warraaqsaa Gammachiis Naadoo

Aside

Barri Haaraan Amajjiin1 2015 fi Guyyaan WBO Haala Qindoomina Qabuun Oromiyaa Keessatti Kabajame.

Aside

Gabaasa Qeerroo Amajjii 4,2015

Barri darbe 2014 seenaa Uummata Oromoo keessatti bara hammeenyi Wayyaanee daangaa hin qabne uummata Oromoo irratti raawwate galmee seenaa hin dagatamne galmeessisee fi dhiiga ilmaan Oromoo dhangala’eef gadda ulfaatan dabarsine haa ta’uyyu malee karaa biraa ammoo qabsoon Oromoo golee Oromiyaa cufa irraa finiinee, Oromoon warraaqsa FDG irratti wareegama baasuun warraaqsa FDG karaa nagaan qabsiisee wareegama qaalii kanfaluun gadda sana qalbii Oromoo keessaa haqee Qabsoo Oromoo sadarkaa Idil-Addunyaatti dhageettii horachiise tauun ni hubatama. Waggaa haaraa 2015 kana yeroo simannu gochaa diinaa daangaa hin qabne kanatti xumura gochuu fi qabsoo Oromoo hanga bilisummaatti finiinsuun galii isaatiin ga’u dandeenyu ta’uu qaba.

Amajjiin tokko Guyyaan WBO fi barri haaraan 2015 Godinaalee Dhihaa Oromiyaa fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Oromiyaa fi Dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoo fi sabboontota uummata Oromoo hedduminaan hirmaachise kun haala baay’ee ho’aa fi dinqisiisaa akkasumas Qindoomina qabuun kabajame. Kabaja guyyaa seena qabeessa kana wanti adda godhu, uummatni Oromoo fi dargaggootni Oromoo dhaamasa gurguddaa waliif dabarsuun Muddee 31/2014 jalbultii irraa eegaluun bifa hoaa taee fi sagantaa fi karooraa hojii qindeeffachuun tokkummaan walitti dhufuun lafa diinaan marfamee eegamaa jiru Oromiyaa fi dhaabbilee barnoota Olaanoo keessatti bifa qindoomina addaa qabuun kabajame, amma illee itti fufee kabajamaa jira.

Dhaabbilee Barnoota Olaanoo godina Oromiyaa garaagaraa irraa haallii kabaja guyyaa WBO fi waggaa haaraa 2015 akka armaan gadii nu qaqqabee jira.

Amajjii 1 2015 Dhiha Oromiyaa430.doc

Walaloo Sirkanaan Ahimadi,

Aside

Kan Amaanaa sabaa yogguu sagal nyaatu

WBOn haala kana gonkumaa hin fudhatuu

Dhimma Afaan,Media fi Artii Oromoo Gadi Qabu Irratti Shira Mootummaan Wayyaanee Hojjetu Dura Dhaabbachuu,Ibsa Sagalee Qeerroo

Aside

Amajjii 1 Guyyaa WBO/Dhaamsa Qeerroo Nairobi

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, January 3, 2015

Aside

Madda Walaabuu Media Foundation (MWMF) will start English program

Aside

ovr3 January 2015

Oromo Voice Radio (OVR) English Service will be launched on 5 January 2015, every Monday for 15 Minutes from 7:15-7:30 pm Oromia Local time. For the start OVR English Service program will be aired once a week, and with time it hopes to increase the time length and scope of the program.

MWMF is a non-governmental, non-partisan and non-profit organization, incorporated in Washington, D. C. (USA) and Melbourne Australia.Founded in 2013 by a broad based collective of human rights advocates, civic society leaders, journalists and community members who are committed to the principles of democracy, human rights, freedom and justice, the MWMF provides an independent voice for the Oromo people and other voiceless communities of the Horn of Africa, including the Diaspora communities from the region.

The MWMF envisions that providing public education through its media outlets will enhance knowledge and appreciation about the true nature of the Oromo society and also the interest and its neighbours. MWMF’s pride is our common bond, aspirations, achievements and the desire to be a positive voice in the global society.

The OVR English Service program is designed to address issues that impact on the daily life of Oromo people and its neighbours in the Horn of Africa. It broadcasts 15 minutes English Program every Mondays at 7:15 PM local time at 16 MB or 17850 kHz.

For further information please call Mr. Aliye Geleto Anota on 61422602204 or email mwmfdirector@gmail.com

Sagalee Seife Nebelbalaalii fi Simbirtuu Qophii Eegala Amajjii 2015

Aside