Sagalee Simbirtuu Qophii Amajjii 29,2015

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, January 28, 2015

Aside

Filannoon Sobaa Bilisummaa Oromoo fi Mirga Sabootaa Hin Fidu Mata Duree Jedhuun Sochiin FDG Magaala Adaamaa fi Naannoo Isheetti Itti Fufe

Aside

Yes We Can!!Amajjii 29,2015 gabaasa Qeerroo Adaamaa, Sochii mootummaan Wayyaanee maqaa filannootin ummata keenya burjaajessu dura dhaabbachuuf ,akkasumas filannoon biyya keenyaa ol’aantummaa paartii biyya bulchu qofaan kan adeemsifamu waan taheef ummatni Oromoo filannoo irraa akka of daangessee QBO faana sochii isaa akka taasisuuf ibsoota ejjennoo fi dhaaddannoowwan garagaraa kaleessa galgala magaala Adaamaa,bishooftuu,duukam fi fantaalle mataa haraa keessatti manneen barnootaa fi waajjiraalee jiran hunda irratti raabsamee jira. dhaaddannoowwan kunis

  1. Filannoon kijibaa mirga saba keenyaa hin dhugoomsu,akkasumas gabrummaadhaa nu hin baasu
  2. Filannoon mirga malee dirqamaa miti ,kanaaf kaardii filannoo dirqamaan kennuun haa dhaabbatu
  3. Barattoonno oromoo sababa gaaffii mirgaa gaafataniif qofa hidhamuu fi ajjeefamuun akkasumas mana barumsaa irraa ari’amuun haa dhaabbatu
  4. Qote bulaa oromoo sababa investimentiin qe’ee isaa irraa buqqisuun haa dhaabbatu
  5. Hoogganoota OPDO ergama wayyaanee galmaan gahuuf ummata keenya irratti hojjetan ni balaaleffaffa. fkn 1Abbaa duulaa Gammadaa (minaasee w/goorgis) 2,Kumaa Dammaqsaa (Taayyee Taklahayimaanot) 3,Muktaar Kadiir ,4,Abdul Aziiz Mohaammad fi kkf fa’a
  6. Ummata oromoo saboota ollaan walitti buusuf daangaa oromiyaa ciruun saba biraaf kennuun haa dhaabbatu
  7. Ilmaan oromoo oromummaa isaanin yakkamuun akka bineensaa adamsamanii jireenya isaanii irraa hidhaatti guuruun haa dhaabbatu
  8. Seerri ummata Oromoof  hin hojjenne ummata Oromoo irrattis hojjechuu hin qabu.
  9. HUB-Nuti sabni Oromoo mirgaa fi biyya diinaan nurraa mulqame filannoo sobaatin otoo hin taane qabsoodhan deeffanna- dhalli Oromoo shira mootummaan Wayyaanee uumata Oromoo irratti hojjechaa jiru hubachuun kaardii filannoo dirqamaan nutti laatamu dura haa dhaabbannu -maaster pilaanin finfinnee dhaabbatee otoo hin taane sochii barattoota oromoo dhaamsuf tooftaa bahe ta’uu hubachuun falmii keenya itti haa fufnu
    INJIFANNOON UMMATA OROMOOF
    Sochii taasifame kana erga agartee tikoonni wayyaanee daran yaaddoo keessa galuun dabballoota ishee magaala keessa facaasun waraqaa faca’e guuraa jiru ,dabalataanis haalichi mataa bowwoo itti tahee waan qabanii fi dhiisan dhabuun rifannoota keessa seenanii jiru  Qeerroo naannichaa irraa

Filannoo Sossobbaa/ Walaloo Abdii Baalee Irraa

Aside

Filannoo Sossobbaa

Abdii Baalee Irraa

images (1)Haa gahuu nagaan koo,hunda Oromootaa,
Jaallaan qabsoof dhuman gootowwan goototaa,
Booranaa fi Baarentuu,ilmaan qabsaa’otaa,
Garaan hin dagannee,yoomuu ni yaadataa,
Rabbii har’aan nu gahetti galata galfataa,
Galanni haa gahuu,rabbii hundaa horataa,
Namoota hagamtuu,Aaammiiiinn jedha laata?

Ajaa’iba rabbii,gochoota Itoophiyaa,
Seerri cabe jedhee,osoo addunyaan iyyaa,
Dimookiraasii jettee,haasofti halkan guyyaa,
Waraanaa fi wareeraan jeeqaa mirga biyyaa,
Nagaan alatti,Dimookiraasiin dhugaa akkamitti tayaa???

Namni Oromummaa qabdu,ilmi Oromiyaa,
Irraa of qusadhaa,gochoota Itoophiyaa,
Harka keessaa fudhaa,gochaan keessaa bayaa,
Tokkummaa jabeessaa,irratti haasayaa,
Gaafas,gaafiin Kenya,galma isaa gayaa
Filannoon sossobaa,sun jarumaaf tayaa,
Diina biyyaa baasuuf,hundinuu qabsaayaa,
Qawwee itti bitadhaa,diina mataa dhayaa!!!

Biyyarraa baqachuun deebii maalii tayaa,
Lammii koo,Oromoo,bakkayyuu wal tayaa,
Dammaqaa dammaqsaa,warri bahaa fi dhiyaa,
Falmaa Itoophiyummaa,fuulduratti bayaa,
Ilmaan Oromootiif,BILISUMMAAn fayyaa,
Kanaaf,sanyii Seemii nurraa kaasuu wayyaa,
Diina mataa dhahuuf,hundinuu qophaayaa,
Deebiin kana hundaa,qawween mirkanaayaa,
Gaaf san,BILISUMMAAn keenyas nutti mi’aayaa!!!

Qareessaa fi qareettiin ilmaan Oromootii,
Biyyarraa baqannee,biyya alagaatittii,
Rakkoo dhaan dhaanamaa,jiraachuun maal buuftii,
Maal maalitti,dhiifne,harmee haadha mootii,
Kan falmaa ishii dhuman leenconni abbootii,
Nuti hoo maaf dagannee,nurraa ooltii duutii,
Moo filannoo sanaan Wayyaaneen nuuf naatii,
Jettanii,teettan moo,yaa foon dhiiga kootii,
Ka’aa yaa lammii koo,gowwaa hin eeginaatii!!!

Qabsoo itti fufaan,Bilisummaan dhuftii,
Qabsaayuu qabaanna,hanga dhumaatittii,
Yoo duunee dhumnellee,seenaan nu yaadattii,
Hanga hundi dhumee,nam-tokko hafutti,
Jabaadhaa socho’aa qabsoon itti fuftii,
Lolu qabna dhiiroo,lama hin jirtu duutii!!!

         Amajjii 25,2015,

Barri 2015,bara Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa nuuf haa ta’uu!!!

Yaa Rabbi nu walaboomsi,nu birmadoomsi!!!

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Amajjii 28, 2015/ Gabaasa Haala FDG Godina Gujii

Aside

Barattooti Oromoo Diddaa Sirnna EPRDF Kaasuuf Jedhu Sababaa Jedhu Irraa Ka’ee Waraanni Wayyaanee Mooraa Yuuniversitii Jimmaa Sakatta’aa Jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Jimmaa Amajjii 27,2015

Qeerroo JimmaaAmajjii 27,2015 Mootummaan Abbaa Irree EPRDF/TPLF dhiphina kasaraa Siyaasaa isa Mudatee jiruun yaaddoo keessa seenuun  dargaggootni Oromoo FDG mootummaa irratti kaasuuf qophaawaa jiru yaada jedhuun ka’ee sakatta’iinsa cimaa mooraa Yuunversitii Jimmaa Keessatti gaggeessaa jira.

Guyyaa har’aa balbala Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa irra poolisoota dhaabuun gadi ba’uu fi oldeebi’uu barattootaa irratti guyyaa guutuu sakkatta’insi bifa haaraan eegalame jira.Magaalaan Jimmaas humna waraanaa fi dabballoota milishoota dhiyeenya maqaa Filannoo kijibaa Wayyaanee eegsisuuf jedhuun leenjifamaniin eegama jira. Uummatni Oromoo jirattootni Magaalaa Jimmaa, Aggaaroo, Yabbuu, Asendaaboo, Saqqaa fi Deedoo kardii filannoo sobaa wayyaanotaa ofumaaf hin fudhannu jechuun diddaan uummata itti fufe jira.  Lafa dimookiraasiin hin jirreetti kaardii filannoo fudhachuun bu’aa hin qabuu jechuun uummaatni dhaamsa qeerroon dabarsaafii jiru fudhachuun kaardii filannoo fudhachuun faayidaa hin qabu, dura mirgaabbaa biyyuummaa  keenyaaf haa falmannuu, Oromoon biyyaa isaa keessatti samamaa, hidhama, ajjeefamaa, qe’eef qabeenya irra buqqifama jira, Barattootni Oromoo gaaffii mirgaa gaaffii dimookiraasii fi nagaa karaa dimookiraasii fi nagaa dhiyeeffatan, gaaffiin barattootni Qeerroon Oromoo gaafatan gaaffii keenya, mootummaan Wayyaanee har’a duula filannoo dimookiraasii sobaa labsu kun gaaffii mirgaa karaa nagaa fi dimookiraasii dhiyaateef diibii ajjeechaa, hidhaa jumlaa, barnoota irraa arii’uu, doorsisuun biyyaa irraa arii’uu deebii godhate; egaa Dimookiraasiin wayyaanee isa kamii? Jechuun uummaatni waliigalee wayyaanee dura dhaabbachuutti jira.

Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF sochii uummataa fi qindoomina Qeerroo Bilisummaa Oromootti yaaddoo guddaa keessa galuun human milishaa bifa haaraan leenjisee human waraanaa waliin magaalaa jimmaa fi Yuunibarsiitii Jimmaa irratti bobbaasee eeggicha guddaa godhaa jira, guyyaa har’aas sodaan wayyaanotaa kun daran hammachuun gara sakkatta’insa barattootatti tarkaanfachuun sakkatta’insii bifa haaraa mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa irratti gaggeeffama jira.

Goototni Qeerroon barattootni Oromoo nuti Waraanatti hin amannuu waraannii fi sakkatta’insi, filannoon kijibaa warraaqsa FDG ni finiinsa malee dhaabuu fi ugguruu hin danda’u, nuti Dimookiraasii dhugaa barbaadna, gaaffiin keenyaa gaaffii mirga abbaa biyyuummaa gaaffii mirgaa fi Dimookiraasiitii waan ta’eef mirga keenyaa fi hiree uummata keenyaa kabachiisuuf bakka jirruu tokkummaan harka walqabannee ni qabsoofna jechuun dhaamsa dabarfatan!.

 

Guyyaa Har’aa,Shaggar,Salaale,Manneen Barnootaa Garba Gurraachaa Irratti FDG Barattoota Oromoon Qabate.‏

Aside

Amajjii 27,2015 Garba Gurraacha

diddaa9Kaaba Shaggar,Salaalee aanaa Garba Gurraachaatti Qeerroon barattootni Oromoo har’a Amajii 27,2015 mana barumsaa qophaayinaa,sadarkaa olaanaa, sadarkaa lammaffaa irratti dargaggoonni Oromoo diddaa sirna Wayyaaneef Fincila Diddaa Gabrumaa kaasan.

Fincilli kun Qeerroon naannicha irratti waraqaa waamichaa barattootaa fi dargaggootaaf taasise irratti hundaayee battalatti kan qabate yeroo ta’u barruuleen Qeerroon tamsa’anis gaaffilee mirgaa kan qabatee jiru waan ta’eef dhadannoon barattooti qabatanii FDG gaggeessaa jiranis kanuma ta’uu Wayyaanee fi bulchitoota naannoo yaaddesse. Haala kanaan dhadatnooleen ka’an keessaa

– Mootummaa gabroonfataan nurraa haa ka’u
– Wayyaaneen abbaa irree sirna cunqursaa dha,

-Lubbuu Oromoota yakka tokkoon malee ajjeefamaniif mootummaan Wayyaanee itti gaafatamuu qaba.

-Dhiigi gootota Oromoo angala’ee hin hafu!
– Hidhamtootni siyaasaa haa hiikaman,
– Mirgi uummata Oromoo haa kabajamuu fi kkf ture,

Hireen Murteefannaa uumata Oromoo haa kabajamu fi kkf ture Humni tika wayyaanee aanaa kana irra jiru haleellaa barattoota irratti fudhachuunis tahe barattootni dhagaa darbuun namootni miidhaman hedduu akka tahe odeessaan addeessa. Diddaa manneen barnootaa garagaraa aanaa kana keessatti eegalee jiru wal hidhataan hanga uummata kaasutti deemaa akka jiru gabaasni addeessaa jira, dhimmi FDG dabalataan baldhinaan ni gabaafama.

 

Baalee,Yuuniversitii Madda Walabuutti Nyaataan Wal Qabatee Barattootni Gaaffii Kaasuun Dhaadannoo Dhageessisan,Waraanni Wayyaanees Garasitti Bobbahe‏

Aside

Amajjii 27,2015 Uni Madda Walaabuu

OromiaALutaContinua2011FDGBaalee, Yuuniversitii Madda Walaabuu keessatti halkan edaa Amajjii 26,2015 barattootni Oromoo gaaffii mirgaa kaasan.bDiddaan barattoota Oromoo yeroo kana ka’e dhimma nyaataan kan wal qabate, dursa ganama Amajii 26,2015 nyaatni qulqullina dhabuu irraan, nyaata guyyaa lama sadii bule barattootaaf dhiyeessuu barattootni muraasni dhukkubaan saaxilamuun manni yaalaa rakkoo nyaataan dhibeen kun barattoota irratti argamuu mirkaneessuun gaaffiin barattootaa mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo rasaasni dadhabnaan, hidhaan, ajjechaan dadhabnaan amma karaa nyaataan barattoota Yuuniversitii miidhuu eegale jechuun halkan edaa fincilli jabaan mooraa keessatti akka ka’ee gabaasni addeessa. Barattootni oromoo moorichaas gaaffii mirgaa kan abbaa biyyummaatti jijjiiruun halkan guutummaa mooraa keessa deddeebi’uudhaan dhaadannoo dhageesisaa bulan,kanumaan mootummaan humna waraana akka amala isaa naannoo Yuuniversitii mooraa Madda Walaabuutti bobbaasaa jira.

Har’a guyyaa dabalatee halkan kanas garasitti humni waraana isaa ramadamee guuramaa jira,fincilli ka’uun mooraa kanatti daran mootummaa sodaachisuun dhagayamee jira,gaaffiin barattootaa kan mirgaa haalaan kan wal qabatee jiru itti fufuun ammas dhagayamaa jira.

SBO Amajjii 28 Bara 2015. Oduu, filannoo wayyaanee irratti gaaffii fi deebii jiraataa Godina Arsii Lixaa Obbo Nageessoo Bushee kutaa dhumaa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, January 26, 2015 with 15 minutes Oromia Insight

Aside