Simbirtuu; Oduu, dhimma tumsa Qeerroo fi marii prezidentii \Waldaa Qorannoo Oromoo (OSA) wajjin ta’e. Obbo Johar Mahaammad wajjin dhimma kora WW OSA, waa’ee obbo Haayilee Fidaa fi qabsoo bilisummaa Oromoo irratti (gabaabinaan) G/D gooneerra.

Ummatni Oromoo sirna gabrummaa walabummaa, birmadummaa fi mirga dimokraasii isaa sarbee hacuuccaa fi saaminsa gadi dhaabuu barbaade baroota dheeraaf of irraa faccisuun walabummaa isaa tikfate. Haa tahu malee dhuma irratti diinni waggoota dheeraaf Oromoo gabroomsuu irratti hin milkaa’iin ture gargaarsa meeshaa fi beekumsaa ala irraa argateen ittisa Oromoo cabsee hawwii isaa bakkaan gahate. Kana irraas sirni Kolonii Oromoo irratti diriirfame. Abbaan biyyummaa Oromoo hafee biyya isaa irratti alagoome. Qabeenyi Oromoo fi Oromiyaa ajaja alagaa jala gale. Gabroomfatootni ummata Oromoo cabsuun ol aantummaa fi sirna Kolonii Oromiyaa fi Oromoo irratti diriirsuuf milkaa’an iyyuu ummatni Oromoo gabrummaa irratti fe’ame fudhatee tole jedhee jalatti hin bulle. Walabummaa fi bilisummaa humna qawween irraa sarbame deebifatuuf wareegama baasaa har’a gahe. Wareegamni gosa hundaa baasaa jirus ummata Oromoo irraa kan dhaabbatu guyyaa mirgi isaa guutummaatti dhugoomee dhimma isaa irratti murteessaa tahe qofa. Oromiyaa diina irraa ittisuu fi diina jalatti erga kufeen boodas walabummaa gonfachiisuuf kanneen wareegaman yaadatuun dirqama lammummaa ti. Kana hubatuun ture ABOn Ebli 15 guyyaa yaadannoo, Gootota haqa ummata Oromoof jecha lubbuu isaanii bakka bu’aa hin qabne baasan ittiin yaadatamu akka tahuu kan murteesse. Guyyaan Goototaa miseensota ABO qofaan eegale kun har’a kan ummata Oromoo maraa tahuun hubatamee biyya keessaa fi alatti kabajama. Kunis qabsaawota qabsootti jiran hamlachiisee, kaanis qabsootti akka makamanii fi gumaacha qabsoo adda addaa akka gumaachan taasiseera. Kanatti dabalees ilmaan Oromoo bilisummaa saba isaaniif jecha yeroo fi bakkoota adda addaatti kufan galmee seenaa fi onnee ummata isaanii keessatti akka galmaa’an taasise.
Ayyaanni Dh.D.U.O Yuuniversitii Gambeelatti kabajamuuf har’a Ebla 8,2015 akeekame barattoota Oromoo Yuuniversitichaan feshelaa’e.
Gabaasa Qeerroo Godina Iluu Abbaa Booraa magaala Mattuu Irraa har’a Ebla 8/2015 nu qaqqabeen maqaa Ayyaana jedhuun oromiyaa godinootaa fi dhaabbilee barnootaa keessatti mootummaa wayyaanee waggaa 25 guutuu uummata ajeessaa, hidhaa, qabeenyaa uummata Oromoo irratti duula saamichaa gaggeessaa jiru faarsuun dirqamaan uummataa fi barataa bobbaasaa kan jiran gabaasa Qeerroo nugahaa jiru irraa kan hubatamuudha. Haaluma kana fakkaatuun ayyaanni kun barattoota Oromoo mooraa Yuuniversitii Gambeelaatti akka kabajamuuf guyyaa har’aa akeekame barattootni sirba qabsoo fi dhaadannoo dhageessisuudhaan qondaalota OPDO keessaa achitti argaman dura dhaabbachuun mooraan Yuuniversitichaa kan dura ta’ee hin beekne weelluu qabsoon guutame, tikni mootummaa Wayyaaneen fageenya irraa waamamuudhaan naannoo Yuuniversitii sana qubate.
Dhaadannoo barattoota oromoo mooraa Yuuniversitii Gambeelaan dhageessifameen walgayii fi ayyaanni OPDO feshalaa’een:
– Nuti sabboontota Oromooti,OPDO hin beeknu ABO malee!
– OPDOn uummata Oromoo bakka hin buune,bakka bu’uus hin danda’u!
– Uummata oromof kan dhaabbatee qabsoo hadhawaa gaggeessaa jiru WBOn nuuf haa dhufu!
– Yaa OPDO dhiigni ilmaan oromoo lola’e isin haa gaafatu!
– Oromoon mirga isaaf hidhame haa gadhiifamu!
– Miidiyaan sobaa nurraa haa dhaabbatu!
– Wayyaaneen gabroonfataadha nurraa haa ka’u!
Jechuudhaan sagalee dhageessisan, dhaadannoo fi weelluunis haala aarii jabaatiin barattootni oromoo mooricha wal qindeessuudhaan dhageessisan, humni waraana wayyaanee magaalaa fi bakka Tarbi Shaalakaqaa jedhamu irraa sosso’uudhaan gara mooraa yuuniversitichaa qubachuu Qeerroon magaalaa Mattuu irraa odeessa dhiyeessa.
Gabaasa Qeerroo Ebla 7,2015 Asallaa
Uummatni Oromoo saaminsa lafaa Mootummaan Wayyaanee fi Investerootni alagaa fudhachaa jiran dura dhaabbachaa jira. Godina Arsii aanaa Gololchaa ganda Siree Baggoo fi Furda Bal’aa jedhamee beekamu keessatti investerri mootummaa Wayyaanee waliin harka mirgaa tahee hojjetu Mohaammed Amaan jedhamu lafa qotee bultootaa fudhachuuf wayita jedhutti Uummatni qotee bultootaa dura dhaabbatanii jiran. Investera kanaaf mootummaan wayyaanee Heektaara 1000 ol kan kenniteef yoo tahu qotee bultootni gandoota kanaa nuyi qe’ee keenya irraa hin buqqaanu, Lafti kan keenyadha jechuudhaan diddaa dura dhaabbatanii lafa isaanii dhorkachuun investera kana tokkummaadhaan ka’uun arii’anii jiran. Haaluma wal fakkaatuun Godina Baalee aanaa Daalloo mannaa fi Godina Wallagga bahaa Haroo Limmuutti mootummaan wayyaanee lafa qotee bultootaa investeroota Lammii Biyya Australiadhaaf kan kennite yoommuu tahu Uummatni gamtaan ka’uudhaan lafa isaa akka falmatu Qeerroon waamicha dabarsa.
Gaafa Ebla 5,2015 Godina Lixa Shaggar keessa itti shira filmaata sobaa Wayyaaneen wal qabatee adeema jiru ,Aanaa Meettaa Roobiitti FDG uummataa fi dargaggootaa barattoota Oromoon jabatee itti fufuun manneen barnoota cufaman,duulli hidhaas uummata Oromoo irratti jabaatee itti fufuu Qeerroon naannicha irraa gabaasa.
Mootummaan Wayyaanee torbaan darbe keessa Godina Shaggar Lixaa Aanaa Meettaa Roobiitti ummatni dirqamaan waggaa 25ffaa Dh.D.U.O akka kabajuuf mana mana irra deemee karaa dabballoota isaan uummata doorsisaa ture. Ummatni kabaja ayyaana kanaa guutummaatti lagannaan konkolaataan ummata geejjibu tajaajila ummata dhaabee milishoota isaa akka geejjibuuf dirqisiisaa ture. Ummatnis tajaajila geejjibaa dhabuu hin qabnu jechuun mirga isaaniif yommuu mormatan konkolaataan kamuu Aanaa Meettaa Roobii keessaa gara biraatti akka hin baane dhoowwaa turan. Dhumarratti dabballootni mootummaa Wayyaanee walga’ii taa’uun namni tokko sa’aa 12:00n booda karaa irratti argamnaa rasaasaan akka rukatamu dhaamsa ajaja dabarsanii turan.
Kuni kanumaan osoo jiruu gaafa Ebla 4,2015 Aanuma kana Magaalaa Eelaa jedhamtu keessatti diddaa sirna mootummaa Itiyophiyaa (Wayyaanee) gaggeessuuf uumata gurmeessitaniitti jechuun hidhaatti nama guuraa jiru. Namoota yeroo ammaa Waajjira Poolisii Magaalaa Eelaatti argaman keessaa muraasni;
1.Hirkoo Magarsaa
2.Hirkoo Giree
3.Baatiruu Giree
4.Abraham Bantii
5.Addisuu Hayilee
6.Damshuu Ajabii
7.Addunyaa Ajabii
8Addunyaa Badhaadhaa
9.Taaddasaa Hayiluu
10.Bokii Caalaa
11.Dajanee Baatuu
12.Margaa Naga’oo
13.Isiyaaq Damee fi kanneen biroo yommuu ta’an Namoota ja’a immoo gara biraatti dabarfaman keessaa muraasni;
1.Taaddasaa Daadhii
2.Tasfaayee Urgaa’aa
3.Gizaachoo Iddeessaa
4.Dirribaa Tsaggaayee fi warra maqaan hin qaqqabin biroo turan. Haala kanaan Barattootni Mana Barnootaa Eelaa Amuumaa Sad.1ffaa fi Mana Barnootaa Meettaa Sad.2ffaa achuma Magaalaa Eelaa keessatti argaman, barattootni hidhaman hanga gadi nuuf dhiifamanitti gaaffii mirgaa gaafachuu itti fufna jechuun barnoota dhaabaniiru. Haaluma kanaan ummata nagaan mana isaa jiraatu ABO manatti olkeessanii sooraa jirtu jechuun manneen namootaallee akka sakatta’aman taasisaa jiru.