Sabboontuun Oromoo Barsiiftuu Talilee(Caaltuu) Aduunyaa Mammoo Sabaabaa Dhukkuba Akka Tasaa Ishee Mudateen Addunyaa kana Irraa Boqochuutti Miseensotiini Qeerroo Bilisummaa Gadda ibsatan.

Aside

Adoolessa 27/2015 Sabboontuun Oromoo miseensa Qeerroo Bilisummaa Oromoo kan taate barsiiftuu Talilee(Caaltuu) Aduunnaa Mammoo sabaabaa Dhukkuba akka tasaa ishee mudateen Addunyaa kana Irraa Boqochuutti Gadda guddaa itti Dhagaaame miseensotiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo ibsatan.

Sabboontuun Oromoo Barsiiftuu Taliilee(Caaltuu) Addunyaa Maammoo abbaa ishee Barsiisaa Addunyaa Maammoo fi harmee ishee Addee Shantamee Leejjisaa irraa godina Lixa Oromiyaa Aanaa Midaa Qanyii Ganda Godaa Galaanitti bara 1988tti dhalatte, Umriin ishee akkuma barnootaaf gaeen barumsa ishee sadarkaa tokkooffaa fi 2ffaa Aanaa MIdaa Qanyiitti kan Xummurte yoo tau, bara 2004 A.l.H barnoota ishee sadarkaa Dipiloomaatiin koolleejjii Barsiisota Jimmatti Ogummaa barsiisummaan kan barattee fi bara 2007/2015 Koolleejjii barsiisota Jimmaa irraa eebbifamtee, jalqaba baatii Adoolessaa irraa egaaluun dukkuba akka tasaa Somba ishee qabateen Adoolessaa 25/2015 Addunyaa kana irraa boqochuutti hoggantootni Qeerroo Bilisummaa Oromoo gaddaa guddaa isheef qaban ibsatan. Sirni gaggeessa ishee firoottan ishee fi lafa dargaggootni barattootni fi miseensotni Qeerroo bilisummaa oromoo kumootaan lakkaaman argaman Aanaa Midaa Qanyii ganda gooda galaanitti Adoolessaa 27/2015 rawwatera.

Sabboontoon Oromoo Barsiiftuu Taliilee (Caaltuu) Maammoo bara 2012 sochii warraaqsaa biyyaaleesaa fi Dimookiraasii Qeerroon bilisummaa Oromoo gaggeessuu keessatti makamuun miseensa tauun gaee ishee akka sabboontota barattoota Oromoo kamiitti iyyuu bauun sabboontuu amala qabeettii fi icciitii jarmiyaa jabeessitee eeguu irratti dandeetii fi cimina qabduu taatee argamuun dargaggoota Qeerroo fi Shammarreen Oromoo keessatti jalaala fi kabaja guddaa kan qabdudha. SAbboontuun Oromoo Sochii warraaqsaa FDG bara 2014 miseensotiin Qeerroo Bilisummaa Oromoon qabsifamee finiinaa ture

SBO Adoolessa 29,2015. Oduu, Ijoo Dubbii ABO fi Gabaasa Oduu Gumaacha Hawaasi Oromoo Sa’ud Arabiyaa WBO jabeessuuf taasisee fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 27 July 2015

Aside

“Hidhamtooti Keenya Gadhiffamuu Qabu” Jedhchuun Gaaffii Mirgaa Ka’een Wallagga Dambi Doolloo Keessatti Hidhamtooti Oromoo Namni 3 Yeroo Ajjeefaman 10 Ammoo Dhukaasa Waraanni Wayyaalee Itti Baneen Haalaan Madaa’uun Gabaafame.

Aside

Oromo oromiaAdoolessa 27,2015 Godina Qeellam Wallaggaa Magaalaa Dambii Doollootti Ilmaan Oromoo Oromummaan yakkamanii hidhamanii turan hamma yoomitti hidhamnii ta’u gadhiifamuu qabu sababbaa jedhuun diddaa gaaffii mirgaa uummannii fi Qeerroon kaasaniin hidhamtooti ilmaan Oromoo mana hidhaa keessatti badii tokko malee hidhamanii turan cabsanii bahuuf yaalii gootaniittu sababaa jedhuun Oromoota 10 yeroo rasaasa Wayyaaneen rukutamu namni sadii ammo lubbuun wareegamuu Qeerroon gabaase.

Ilmaan Oromoo badii tokko malee Oromummaa qofaan yakkamuun yeroo garaagaraatti mana hidhaa Magaalaa Dambii Doolloo keessatti ukkanfamuun dararamaa kanneen turan hamma yoomitti Oromummaan yakkamnee badii tokko malee hidhamna, murtiin seeraa fi mirgi keenya sarbamee mirgi namummaa nurraa mulqamee nuuf kabajamuu qaba, mootummaan Wayyaanee seeraan ala nu hidhee jiruu nu gadhiisuu qaba jechuun gaaffii mirgaa dhiyeeffachuun  FDG gaggeessan sagalee mirgi keenya kabajamuu qaba, Oromummaan dhaloota malee yakka miti, Oromummaan yakkamuu fi hidhamuun nurraa dhaabbachuu qaba jechuun sagaalee mormii guddaa mooraa mana hidhaa keessatti dhageesisuun mana hidhaa Wayyaanee diiguun bahuuf FDG kaachisuun walqabatee Mootummaan Wayyaanee humna waraanaa isaa kora bittinneessa jedhamuun kan beekamu irratti bobbasuun dhukaasaa irratti bane namoota 3 yeroo ajjeessu 10 ammoo madeessuun madden Qeerroo bIlisummaa Oromoo magaalaa Dambii Doolloo gabaasan. Ilmaan Oromoo rasaasa wayyaaneen Mana hidhaa Dambii Doolloo keessatti madeeffaman :

  1. Malkamuu Boggalee
  2. Lataa Yaadasaa
  3. Birhaanuu Fireewu kanneen keessatti argaman yeroo ta’u guutuu maqaa Qeerroon hordofee ni gabaasa.

Wallee Warraaqsaa Haaraa Adoolessa 2015. Oromticha Artist Hamzaa Hasan

Aside

Marriin Qeerroo Aanaa Nuunnuu Qumbaa Magaalaa Waamaa Adaree‏,Wallagga Keessatti Gaggeefame.

Aside

Adoolessa 26,2015 Naqamte

IMG_20150725_044008Giddugala magaalota fi baadiyyaa Wallagga bahaa aanaa Nuunnuu Qumbaatti magaalaa Waamaa Adaree keessatti sabboontoti barattoota,hojjettoota fi daldaltooti keessa bakka bu’ooti Qeerroo walga’ii hatattamaa ta’anii yaadaa fi qabxilee ijoo dhimma walabummaa,bilisummaa fi birmadummaa uummata Oromoo irratti marii taasisuu Qeerroon gabaase.
Kaayyoon marii kanaaf

  1. Qabsoon Bilisummaa,walabummaa fi birmadummaa uummata Oromoo taasifamaa jiru akka galii isaa dhaqabuuf saffisaan akka itti fufu
  2.  Wayyaaneen maaster killer hojiirra oolchuuf wayita tattaafattu kanatti akkaata itti uummati Oromoo biyya abbaasaa eeggachuu qabu
  3. Gameeyyin qabsoo akkaataa itti uummata isaanii sabboonummaa ofta’uu barsiisu malaniifi
  4. Ajjeechaa,hidhaa fi dararri uummata Oromoo irraan gahu taa’anii ilaaluu irra qabsoo diddaa gabrummaa fi abbaa irrummaa akkaataa itti jabinaan gaggeefamuu qabu.
  5. Hojjetooti, barattooti fi daldaltooti sirma mootummaa Wayyaanee filuu hanqatan ykn didan Mootummaa EPRDFn ni adabamu yoota’e bulchiinsi TPLF jalaa bahuuf gaheen taphachuu qaban maal akka ta’e fi ijoowwan jedhanirratti marii’ataniiru.

Gama biraan ji’oita shanii asitti qofa qabsaawota dargaggoo Oromoo Yuuniversitii adda addaa irraa galan dhaalootaan Waamaa Hagaloo ta’an 5 FDG gaggeesitan sababaa jedhuun kan loltooti Wayyaanee rukutanii ajjeessan qulqulluu ilaamaan Oromoo yaadachuuf walgahiin kun naannoo Waamaa Hagaloo magaala Adareetti akka ta’e Qeerroon addeessa. Addisuu Namarraa dhalootaan waamaa hagaloo magaalaa Moxeettii dhalatee kan guddate abbaa qabsoo ijoollee waamaati kan jedhamu namni kun ukkaamsitoota federaalaan erga ajjeefame Adoolessa 27,2015 har’aa Moxetti yeroo awwaalamu bulchiinsi Aanaa Waamaa Hagaloo oolmaa Addisuu Namarraa sirna awwaalchasaarrattillee akka hin ibsamne uggure
Walumaagalatti ajjeechaan ijmaan Oromoo hammaachaa waan dhufeefi garbummaan hammaachaa waan deemeef furmaati keenya maal ta’uu qaba,sabboonummaa keenya toora kamqabachuu qaba jechuun caasaan Qeerroo magaalaa waamaa adareetti walga’ii taa’ee milkiin xumurera

Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpgUummatni keenya Uummatni Oromoo fi sabootni cunqurfamoon biyya Impaayera Itiyoophiyaa mirga uumaamaan qabnuu fi mirgoota Dimookiraasii Mootummaan EPRDF/TPLF afaan qawween nurraa mulqee; mootummaan kun filanoo keenyaa fi fedhii keenya malee mootummaa humna afaan qawween mirga keenyaa ukkamsaa jiruu fi diinagdee fi capitala  biyyatti aangawoota mootummaa EPRDF/TPLF’n to’atamee kan jiruu fi bu’uurri dinagdee biyyatti keessatti argamuu addatti gamoowwaan Finfinnee keessatti argamanii  fi Warshaaleen biyyatti keessatti argamuu 90% kan aangawoota mootummaa abbaa irree Wayyaanee EPRDF/TPLF’n qabame jirudha.

Uummatni gidduu fi gara gajjallatti argamuu waan nyaatee bulu dhabee beelaa fi rakkoo jiruuf jireenyaan dararama kan jiruu fi biyyatti keessatti qabinsi mirga namummaa fi dimookiraasii gonkumaa kan hin jirre ta’ee utuu jiruu mootummaan Ameerikaa Baarak Obamaan Biyya kana dawwachuu dhufuun uummattoota cunqurfamoo sirna abbaa irree jalatti bulaniif fakkeenyaa abdii dimokoraasiif biyyooti guddatan warraaqan harkatti bisheesa.

Qabxiiwwaan armaan olitti tuqaman yaada keessa galfachuun Oromoonni biyya alaa fi keessa jiran aangawooti mootummaa Ameerikaa akka sirni dimikaaratawaan biyya Itiophiyaa keessa hin jirree fi mirgi dhala namaa jaarraa tokkoo oliif gara malee,

Haala kanaa jilli imala gara Ithiopiyaatti sosso’u qabxiileen  armaa gadii akka qoratamuu fi haala kana keessa akka irratti xiyyeefatnaan taasisuuf uummanni Oromoo biyya alaa fi keessaa bifa dandayaanee akka dhiibbaa taasisee sagalee dhageessitu gaafatna.Ibsa Qeerroo Bilisummaa Adoolessa 25 2015

SBO Adoolessa 26,2015. Oduu, Marii dura taa’ota hawaasa Oromoo Amerikaa, Kanadaa fi Awustiraliyaa kutaa 4ffaa isa xumuraa, akkasumas dhimma fakkaataa irratti Khartum, Sudaan irraa keessummaa haasofsiisamee fi qophiilee biroo

Aside

TVOMT Beeksisa, Gaafii fi Deebii Qeerroo Waliin Taasese

Aside

Waadaa Wayyaanee Kijibaan Hawwatamanii Owwaatuun, Dantaa Ummata Oromoo Fi Wareegama Qabsaawotaa Kabajaa Dhorkatuu Dha.

Aside

(Ijoo Dubbii ABO)

ABOMootummaan Itophiyaa murna bicuu Wayyaaneen durfamu QBO gufachiisuuf tooftaalee adda addaa baafatee hojjataa akka turee fi jiru lammii Oromoo jalaa dhokataa tahee hin beeku. Haalli biyya keessaa guutummaatti jijjiiramuu fi dantaan ummata Oromoo kabajame jechuun ummatni Oromoo Qabsoo Bilisummaa irra dhimmoota biroo irratti akka xiyyeeffatu taasisuu fi qabsoo bilisummaa lagachiisuuf hedduu yaale. Odeessa qabatamaa hin taanee fi kijibaa irra deddeebi’uun itti fayyadamuun ummatni dhugoomfatee deggersaa fi tumsa akka kennuuf tattaafatullee itti milkaa’uu hin dandeenye.

QBO sadarkaa har’aa irra gahuuf bu’aa-bahii hedduu qaxxaamure. Waggoota kanneen keessattis wareegamni baafame ol’aanaa fi hedduu qaalii dha. Lubbuu gootowwan qabsaawotaa fi lammiilee hedduutu irratti kitimame. Qabeenyi herregaan ibsuuf ulfaatu diinaan dhabamsiisame. Sababa mirga isaanii falmataniif lammiileen Oromoo qabeenya abbaa biyyummaa dhalootaan qaban dhabsiisuun qe’ee isaanii irraa buqqaafaman kumootaan lakkaa’aman. Biyya isaanii keessa nagaan jiraatuu dadhabuu irraa biyya ormaatti baqatuuf kanneen  dirqamanis kuma kudhanootaan lakkaa’amu. Ijoo Dubbii ABO – Torban Daispora Wayyaanee irratti…Adoolessa,2015