Bulchiinsi Magaalaa Naqamtee Maqaa Eyyama Daldalaa Hin Qabdan Jedhuun Manneen 150 Ol Seeraa Ala Cufee Uummata Rakkisaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Onkoloolessa 23,2015 Naqamte

IMG_20151022_130910Oromoon Eyyamaa fi pilaanii qidaawaa magaalaa hin qabdan jechuun uummatarratti mana diiguufi aantummaan uummataa mootummaa itti hin dhaga’amne ta’uu isheetiin tuffiifi qabsoo hadheeffannoo hawaasiifi maqaa leenjii barattootaa jedhuun wayita sababaa barattootaan hojjettoota walitti qabanitti mormii mootummaa Wayyaanee  mudateen dabballoonni Wayyaanee OPDON uummata magaalaa manneen tarsiimoo fi pilaana hin qabdan jechuun mancaasuu itti fufan.
Onkoloolessa 22,2015 magaalaa Naqamtee keessaa manneen dhibba tokkoo fi shantamaa ol ta’an ganda 07 fi 03 keessaa qofa cufamanii akka hojii dhaaban taasisamaniiruManneen dukkaanaa,manneen rifeensaa,manneen bunaa manneen nyaataa manneen cuunfaa fi manneen raabsaa dhugaatii kaaffeewwaniifi hoteelonni utuu hin hafin maqaa”eyyama Daldalaa hin haaromsine ykn eyyamichi hin sirranne,kana maleellee abbaa feshaniin ati jiraataa magaalaa kanaa ta’uun keeyyuu hin beekamu” jechaa uummaticha gooluun mana isaanii irratti SAAMSAMEERA jedhanii irratti barreessanii maxxansuun cufaa oolanii jiru.
Ergamtoonni mootummaa kana godhan kun xiyyeeffatanii kana kan godhaniif mootummaan IHIADEG filannoo darbee taayitaas walii laatee waan mormiin uummataas irraa laaffateef ammaan booda warreen isaaf miseensummaa didaniifi wayita filmaataa isa hin filatin hafaniifis maqaa eyyama gahaa hin qabdan jedhuun mana irratti cufuun tooftaa ishee addaati jedhu keessa beektonni Jiraattonni dubbifne maaliif eyyama baafachuu dhabdan jenneen yeroo dubbatan “yeroo biiroo isaanii dhaqnu qaama garagaraatti nu’ergu eyyamicha baafachuuf matta’aa kanfallu gaafatamna yoo isa hin kaffalle immoo gatii galii guyyaa nurratti baa’isuun qaraxa guddaa kisaaraasaa keessaa hinbaane waan gaafatamnuuf haalli waajjira dhimma galiif gibiraa ykn faayinaansii yaaddessaa waan nutti ta’eefi gama biraanis warrumti dhaqanii eyyama gaafatan kan dhorkatamaniif matta’aa akka laataniif eyyami isaaniif hin laatamne” jedhu.
Namooti adda durummaan uummata keenya karaa matta’aan hiyyoomsuu fi diinagdeedhaan uummata keenya kuffisuuf magaalaa Naqamtee bara dhufee darbu saamanii TPLF saamsisan
1 Tolasaa Waggaarii
2 Raqiiq Akiliiluu
3 Tasfaayee Wandaafiraash
4 Asaffaa Baqqalee
5 Roomaan Tasfaayee
6 Eelsaa Barhee
7 Immiruu
Namoota jedhaman yeroo ta’u namoota kana uummati Oromoo ija qalbii qaduun akka ilaalamuu qaban hubachiifna

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 21 October 2015

Aside

Sagalee Simbirtuu Qophii Onkoloolessa 22,2015/ Oduu fi qophii IMALAA. Dhimma kabaja alaabaa Itoophiyaa ilaalchisee xinxala hayyuuu.

Aside

MUST-WATCH | Irreecha: Color & Treasure of Oromo | Documentary by Director Amansiisaa Ifaa – A New Breakthrough Reportage About ‘Oromo Thanksgiving’

Aside

“Alaabaa Eenyummaa” Walaloo Qeerroo Yuuniversitii Wallaggaa

Aside

Hiree MurteeffannaaMallattoo Ormaa dhaadhessaa
Kan ofii hadheessaa
Yookaan sodaadhaan dhodhoksaa
Hanga yoomiitti faarsina
Faajjii alagaa hafarsina?
Magariisa,  diimaa, keelloo
Qabannee hin sirbinu gelloo
Kun mallattookoo ittiin jettee
Hin dalaginkaa ateetee!
Imimmaan ofirra roobsaa
Alaabaa habashaa faarsaa
Maafan kan kiyyammoo dhoksaa?
Gootakoof yeroon weeddisu
Ayyanas yeroon waa baasu
Faajjii jaraa ol hin kaasu!
Jiraa bar kan abbaa gadaa
Inni walakkaansaa odaa
Gubbaasaarraan kan gurraacha
Diimaa, adii kan Oromtichaa
Oromtittii lammii Oromoo
Isaol kaasna yaa qomoo!
Moggaa lamaan diimaa biluu
Dhiiga warra bosona jiruu
Walakkaarraan magariisa
Sabboonummaa agarsiisa
Handhuurasaarratti aduu
Abdii waan bor nu fayyaduu
Walakkaarrattimmoo Odaa
Gaaddisa Oromoof qoodaa
Utuu qabnuu maa faarsina
Alaabaa habashaaf boonya
Keenyaafuu baay’eetu kufee
Salphaan mitii dhiigaan dhufee
Nu hin ibsu kan habashootaa
Dhaga’aa yaa qotee bulaa
Dhaga’aa yaa barattootaa!
Hubadhu atis atileetii
Kan baattu sun kan kee mitii
Hunduu hubadhaa ilaalaa
Warri biyya keessaaf alaa
Alaabaan Odaan faayyamee
Dirree qabsootti fandhifamee
Hundumtuu hawwiidhaan eegu
Kan WABO hundi yaa beeku
Haa kabajnu isa kan keenyaa
Muldhisnee tokkummaa keenya
Haa lagannu kan dhidhiittaa
Mallattoo cunqursaaf bittaa!
Kan Abbaa Gadaa fandhisi
Faajjii sirna Diimokiraasii!
Alaabaa biyya Oromoo
Keessoo onnee dhiigaaf qomoo!

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 19 October 2015

Aside

SBO Onkolooleessa 21,2015. Oduu, Ibsa Sochii Bilisummaa Ummattoota Beenishaangul, Qophii Addaa Tumsaa Fi Kabaja Ayyaana SBO Waggaa 27ffaa Kaanaadaa Toroontoo Akkasumas Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ)Qophii Onkoloolessa 19, 2015

Aside

Hiyyaasee “Sirna Abbaa Gadaa Ni Qabnaa Waadaa” Artist Fraa’ol Dabaree Wallee Haaraa 2015

Aside

Ayyaanni Irreecha Godina Jimmaa Magaalaa Jimmatti Malkaa Booyyeetti Haala  Miidhagaan Ta’een Kabajamuu Qeerroon Gabaase, Uummatnis Wallee Warraaqsaa ABO, WBO fi Qeerroo Faarsuun Qabsoo Bilisummaa Oromoo Ol Kaasan.‏

Aside

Irreecha Jimma (2)Irreecha JimmaaOnkolooleessa 18,2015 Ayyaanni Irreecha Godina Jimmaa Magaalaa Jimmatti Malkaa Booyyeetti Haala ho’aa ta’een kabajamee Uummatni Oromoo itti fufinsaan Wallee Warraaqsaa ABO, WBO fi Qeerroo faarsuun qabsoo bilisummaa Oromoo ol kaasan. Ayyaanni Irreecha kun kabaja Ayyaana Irreecha Hora Arsadee fi Malkaa Ateetee Waliin haala hedduu wal fakkaatuun Wallee Warraaqasaa fi dhaadannoo diddaa garbummaa mormii Master planii Finfinnee fi labsii Caffeen Oromiyaa Master planii Finfinnee fi Magaalota gurguddoo Oromiyaa irratti dabarfame dura dhaabbachuuf sagalee dhaakkamaa guutummaa Oromiyaa keessatti dhageesifamuun jabaatee Ayyaana Irreecha Jimmaa irrattis itti fufe. Ayyaanaa Irreecha Jimmaa Malkaa Booyyee kana irratti Uummatni Oromoo kumaataamaan lakka’amanii fi Addatti immoo Goototni Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa kumoota 10,000 olitti lakka’aman sirna ayyaanaa Irreecha kana irratti argamuun kabajachuu fi walleelee Warraaqsaa fi Sagalee mormii dheekkamsaan guutameen Maaster Plan Finfinnee fi magaalota Oromiyaa iraattii dabarfame balaaleffachuun Ayyaanichaa haala aja’ibsiisaa ta’een ho’isuu fi midhaksuu danda’ani jiru. Irreecha Jimmaa 2015
Mootummaan Wayyaanee akkuma Amala isaa human poolisii kora bittinneessaa jedhamuu fi Poolisii Oromiyaa magaalaa Jimmaa keessa qubsiifamanii jiran heddumminaan bobbaasuun sodaachisaa guddaa uumuuf yaaliin guddaa godhames tokkummaa fi gootummaa dargaggootaa fi sabboontoota ilmaan Oromoo ayyaana kana hirmachuuf bobba’aniin fashalaa’uu danda’ee jira. Sochiin uggura mootummaan wayyaanee gochaa jirutti dheekkamuun Wallee warraaqsaan ABO,WBO FI Qeerroo Oromoo faarsuun Itti Fufa qabsoon bilisummaa jechuun diina garaa gubaa olan.
Sochiin ayyaanaa Irreechaa Jimmaa kun onkoloolessaa 17/2015 kaleessa galgala jalbultiin isaa malkaa Deeddee Mooraa yuunibarsiiti jimmaa duubatti kan argamutti eegaluun haala ajaa’ibsiisaan sabboonummaa,Oromummaa fi Qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuuf tokkummaa fi jaalalli fi kabaja guddaa ABO,WBO fi qabsoo bilisummaa Oromoof qaban walleelee warraaqsaan ibsachaa guyyaa har’a Malkaa Booyyeetti Irreeffachuun Uummatni Oromoo waanjoo garbummaa jalaa bilisa ta’ee jiraachuuf waaqa uumaa isaa kadhachuun , waleelee
warraaqsaan abbaa irree TPLF/EPRDF balaaleffachuun haalaan kabajatan waraabbii video, Audio akkasumas suuraa Qeerroon qindeessee ni dhiheessa.