Gabaasaa Qeerroo Mudde 6,2015 Oromiyaa
1.Yuuniversitii Awwaddaayitti barattootni oromoo kumaan lakkaawaman guyyaa har’aa ayyaana sabaa fi sab-lammootaa mooricha gaggeeffame
sababeessuudhaan barattootni fi hojjetootni mooricha oromoo tahan keessattuu Barsiisotni barattoota waliin tahanii hucuu gaddaa uffachuudhaan mooraa keessatti barattoota oromoo mormii master pilaanii irratti wareegamani fi wareegamaa jiraniif yaadannoo guyyaa guutuu taasisaanii akka jiran caasaan Qeerroo mooraa Yuuniversitii Awaddaayi gabaasee jira. Rakkoo networkiif suurawwan achii nu qaqqaban darabsuu hin dandeenye. FDG mooricha ka’a jedhamee waan sodaatameefis humni waraanaa har’a naannicha buufatee akka oole gabaasanii jiru.
.
2.Godina Qellem wallaggaa magaala Dambi Doolloo, Sayyoo fi manneen barnootaa adda addaa keessatti guyyaa har’aa FDGn itti fufee oolera.
Qellem ona Jimmaa Horroottis diddaan akkuma eegaletti itti fufee jira. Barsiisotni mana barumsaa Ona Jimmaa Horroo irraa toohanna jala galuuf
mootummaan wayyaanee karoora keessa galchee akka jiru dursee odeesaan nu qaqqabe barsiisotni mana barumsatti barattootni FDG akka ka’an,
uummatas akka kaasaniif adda durummaan kan gaggeessaa jiru barsiisota tahuu shakkiidhan barsiisoni manneen barnootaa hunduu qoratamuu fi
toohatamuu akka qaban wayyaaneen ajaja baasaa jiraachuu Qeerroon gabaasee jira. FDG magaala Dambi Doollotti mootummaa wayyaanee yaaddoo keessa buusee waraanni isaa hanga har’aatti gadi guurama akka jiru Qeerroon gabaasaa jira. Halkan edaa dargaggootni Qeerroo oromoo
magaala Dambi Dolloo WBO fi ABO faarsaa akka bule Qeerroon gabaasee jira.
.
3.Godina Harargee lamaanuu keessattis diddaan kan itti fufe yoomuu tahu waraanni wayyaanee humnaan ol uummata irratti miidhaa gaggeessaa
akka jiru irra deddeebiidhaan gabaafamaa jira, kunis FDG yeroo ammaa kun guutuu oromiyaa kan waliin gahamaa jiruu fi uummata oromoo hundas kan hirmaachisa jiru waan taheef mootummaan wayyaanee osoo ilaaluu uummanni irra galagalee aangoo isaa irraa darbachuuf diddaa
jabeeffachuun isa yaaddessee uummata oromoo irratti dhukaasaa fi gocha gara jabeenyaa raawwachiisuu jabeeffataa jira. Haaluma kanaan cinatti
miidhaa uummata irraan gahaa humnoota waraana isaa keessaa kanneen shakkus oromummaadhaan hidhanoo irraa hiikkachiisaa fi toohanno jala galchaa akka jirus dhaga’amee jira. Humna waraana federaalaa keessa godna Harargeetti hidhattooni lama uummata irratti tarkaanfii hin
fudhanne jechuun hidhannoo erga irraa hiikanii booda qorannoof gara Finfinneetti fiduu Qeerroon gabaasee jira. kun har’a Muddee 5/2015
ganama sa’a 3:30 irratti tahuu Qeerroo gabaasee jira.
.
4.Mootummaan wayyanee yeroo amma godinaalee keessaa Onoota FDGn hin gaggeeffamaa hin jirre dursee walgayiidhaan uummata sammu xaxuu fi uummata afaan faajjessuuf yaadu maqaa walgayiin uummata walitti qabuu yaadu uummanni gara diddaatti seenaa jira. walgayiin wayyaaneen
diddaa gaggeeffamaa jiru kana laamshessuuf ka’e fakkaatuu fi uummanni garuu bakkeewwan wayyaaneen walgayii waama jirtutti fesheleessaa akka jiru Qeerroon gabaasaa jira. Iluu Abbaa Booraa, Mattuu, Buree fi kkf keessatti walgayiin wayyaanee uumataan feshalaa’uu irratti darbee
uummanni gara diddaatti seenaa jira. Akkasuma Qellem, Anfilloo, Gabaa Roobii fi Qaaqee jedhamu keessatti walgayiin wayyaanee qonnaan
bultootaan feshalaa’e kaabinoota wayaanee kanaaf deemani qaaneessuun ariyuu fi walgayiin wayyaanee feshalaa’uu har’a Qeerroon gabaasee
jira.
5.Gooticha fi sabboonaa oromoo yeroo hedduu mana hidhaa wayyaanee keessatti dararama turan guyyaa sadii dura Caancotti tika wayyaaneen
ajjeefaman Obbo Dabalaa Xaafaa Roobii sirni awwaalcha isaanii har’a gaggeeffamuu Qeerroon gabaasee jira. Sirna awwaalcha isaanii irratti
godina shawaa kaabaa keessa kan jiraatu jiraattootni oromoo dargaggoon, maanguddoon, ijollee daa’imni osoo hin hafne gaddaa fi
boo’ica guddaadhaan kan sirna awwaalcha isaa xumuranii fi awaalcha isaanii boodas dhaadannoon dargaggoota Qeerroo oromootiin
dhageesifamaa oolee jira. Dhaadaannowwan Gumaa Baasuu, Dhaadannoo fi faaruu WBO tu dargaggoota oromootiin dhageessifamaa oole.
Godinaalee oromiyaa fi magaalota oromiyaa dhaabbilee barnootaa yuniversiitii keessatti diddaan dabalee kan hin dhaabbanne tahee jira.
Odeessaa fi guyyuudhaan FDG gaggeeffamu qilleensarra ni oolchina!
Wallagga Horroo Guduruu Aanaalee Adda Addaa Keessatti FDG Itti Fufee Jiruun Warranni Wayyaanee Barattoota Hedduu Ulee Sibiilaan Reebuun Miidhaniiru.
Aside
Gabaasa Qeerroo Mudde,5,2015 Aliiboo
Mudde 5,2015 Godina Wallaggaa Horroo Guduruu Goototni barattootni Oromoo Aanaa Jaardagaa Jaartee M/B Aliiboo Sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi Qopha’ina fi Uummata Oromoo Magaalaa Aliiboo kan hirmachise Warraaqsii FDG , Mormiin Master pilaanii Finfinnee fi Labsii Magaalota Oromiyaa Warraaqsii jabaatee itti fufe.
Gootottni dargaggootni barattootni Oromoo M/B sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi qopha’inaa Aliiboo Gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa uummata
Oromoo fi Mormii karooraa badii balleessii uummata Oromoo fi Dachee Oromiyaa kan ta’ee Master Pilaaniin Finfinnee fi Labsiin Magaalota
Oromiyaa caffeen Oromiyaa wayyaaneen Labsame guutummaatti haqamuu qaba jechuun dhaadannoo guddaa Magaalaa Aliiboo keessatti dhageesisuun uummata Baadiyaa kan dammaqfatan goototni barattootni Oromoo warraaqsaa FDG jabeessuun itti fufan. Mootummaan abbaa Irree
Waayyaanee humna waraana isaa poolisii federaalaa fi Kora bittinneessa jedhamu Godina Horroo Guduruu irra gubsiisee jiru uummata karaa nagaa hiriira ba’ee jiru irratti bobbaasuu sochii karaa nagaa gaggeeffamaa jiru irraatti dhukaasaa banuun uummata gooluutti gadi ta’ee jira.
Warraaqsaa gaggeeffamaa jiru kanaan ilmaan Oromoo 4 humna poolisii Fedraalaa fi Kora bittuinneessaa rukuttaa ulee sibiilaan rukutamanii haalaan kan madaa’anii haala rakkisaa keessatti argama ta’uu fi barattootni hedduun waraana Wayyaaneen qabamanii hidhamuun ibsamera.
Kana malees gaafa Mudde 4,2015 Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Aanaa Jimmaa Raaree M/B Wayyuu 2ffaa fi Qopha’ina Uummata Oromoo Jaarsolii Biyyaa Qabachuun Bulchiinsa Aanaa Jimmaa Raareetti Gaaffii Isaanii Dhiyeeffachuun Sagalee isaanii dhageesifachuu Egaalan. Deebii Gaaffii isaaniif Wiixata dhufutti deebiif beellamni waan qabameef, Wiixatatti Aanaa Jimmaa Raaree Magaalaa Waayyuu keessatti Goototni Barattootni Mana Barumsaa Wayyuu fi Uummatni Oromoo Jaarsooliin Biyyaa utuu hin hafiin deebii gaaffii Mirga Abbaa Biyyummaa fi Mormii karoora Master Pilaanii Finfinnee fi Labsii Magaalota Oromiyaaf godhame fi yeroo amma kanatti duguuginsa sanyii ilmaan Oromoo irratti Mootummaan Wayyaanee gaggeessa jiruuf Mootummaan kun itti gaafatamuu qaba jechuun waan gaafataniif Deebii keessan Wiixata isiniif kennina jechuun Beellamni qabame jiraachuu fi Humni waraanaa fi poolisiin Federaalaa Magaalaa Waayyuutti guuramaa jiraachuu maddeen keenya gabaasan.
SBO MUDDE 06,2015. Oduu, Gabaasa FDG Guutuu Oromiyaa fi Ibsoota ABO
Aside
Dhaamsa Sabboontuu Biiftuu Tuulamaa
Aside
Yuuniverstiin Bulee Horaa Akka Jeeqametti Jira,Loltooti Wayyaanee Barattoota Oromoo Ta’e Jedhanii Miidhaa Jiru.
Aside
Mudde 05,2015 Gabaasa Qeerroo
Yeroo ammaa kanatti Oromiyaan biyya mootummaa dhablee dha. Mootummaan Wayyaanee kan filmaata dhibbantaan mohadhe jechaa ture uummatuma na fileera jedhutti dhukaasa banuun Oromoo lafa irraa fixaa jira. Sabi Oromoo dhaa mootummaa mataa isaa dhabuu irraan miidhaan akkaanii irraan gahaamaa akka jiru eenyuufuu ifaadha. Haalli kun hammaatee deemuu irraan guyyaa har’aa kana Oromiyaa bakkoota adda addaatti FDG itti fufee jiraatu iyyuu addatti Yuuniversitii Bulee Horaa barattoota Oromoo ta’e jedhanii adamsuun reebuu,qabeenya isaanii doormii galanii bittinsuu fi doormii itti galanis jalaa gubuun mootummaan ta’e jedhee yakka hiriyyaa hin qabne ilmaan Oromoo irratti hojjechaa jira.
Barattoota Oromoo qalamaa fi dabtara ykn waraqaa malee of harkaa hin qabne sababumaa mirga gaafataniif jecha ajjeessuu fi jumulaan rasaasaan miidhuu beekumsa siyaasaa godhatee itti jira. Haalli kun MOOTUMMAA WAYYAANEE HIN BAASU!

Sagalee QEERROO Bilisummaa SQ Muddee 5, 2015/Qeerroon Hojjettoota Mootummaaf Waamicha Taasise
Aside
Naasifaay Addunyaa – Tolaan Diddan!!!!!!!! /Wallee Warraaqsaa Haaraa
Aside
Lixa Shaggar Aanaa Ejeree fi Wallagga Dambi Doolloo Keessatti FDG Itti Fufee Jira,Barattooti Harka Qullaa Loltoota Dura Dhaabbataa jiru.
Aside
Gabaasa Mudde 05,2015
Muddee 5,2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Ejereetti Goototni Barattootni Oromoo M/B Sadarkaa 2ffaa fi Qopha’ina fi AAnaa Wal Maraa Magaalaa
Holotaa M/B Sadarkaa 1ffaa Gooroo Qeerransaa keessatti waarraaqsii FDG mormii karooraa Master Pilaanii Finfinnee fi Labsii Magaalota
Oromiyaa irratti sagaalee dhaadannoo Guddaa dhageesisuun Gaaffii Mirga abbaa biyyummaa dhiyeeffachuun Warraaqsaa FDG jabeessuun itti
fufan.
Mootummaan abbaa irree wayyaanee humna waraana poolisii kora bittinneessaa fi poolisii Federaalaa uummataatti bobbaasuun Oromiyaan
dirree waraanaatti jijjiramtee jirti.
Mormiin master planii itti fufuun, mana barumsa Qellem sad 2ffaa fi qopha’ina keessatti mormii jaban itti fufe jira,Akkasumas dhabbata leenji doona barbaar keessatis itti fufe jira! Hospita keessa baraattota yaalaman gadi basa jechuun gasi ija nama imimanessu hospitatti gadi dhisan! Godina Qellem Wolleggaa Dambidollotti eega mormiin itti fufe jira namoota heddus hidhaniru! Ama mani barumsa cufameera.
Gabaasa FDG fi Waayee Poolisoota FDG tti Makamaa Jiranii- Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ) Mudde 4 ,2015
Aside
Har’a Muddee 4,2015 Balee Gasaraa fi Yuuniversitii Bulee Horaa Akkasumas Magaalaa Najjoo Keessatti FDG Itti Fufee Oole.
Aside