Goddinni Addaa Oromiyaa Sulultaa fi Laga Xaafoo akkasumas Daadhii keessatti FDG Itti Fufee Jira.

Aside

FDG amma sa’atii kana ganama sa’a 2:30 irra eegalee barattootni fi uummanni godina addaa Oromiyaa Sulultaa, Laga Xaafoo fi Laga Daadhii
hiriira mormii isaa adeemsisaa jira.Gaaffiin uummanni dhiyeessaa jiru deebiin afaan qawwee tahuun isaa Diddaa keenya itti nu fifsiisa
jechuun Qeerroon dargaggootni oromoo magaala Sulultaa ganama kana qonnaan bulaa waliin daandii cufee hiriiree jira.
Akkasuma Laga Xaafotti uummanni maatii isaa tokko osoo hin hambisnee daanditti bahee mormii isaa dhaadannoodhaan dhageesisaa jira.Humnoonni waraanaa wayyaanees ganama Sulultaa fi Laga Xaafotti bobbaafamaa jiru.
Naannowaan Finfinnee guutummaan guututti Fincilatti hiriiruuf waamichas dabarsaa jira. Daandiiwwan guddaan gara Shaggar  kaabaa geessu cufamaa jira

Aside

Mudde 16.2015 galgalaa fi har’a Mudde 17,2015   Warraanni Agaazii  Wallagga Shaambu galchanii jiru. Waraanni kun konkolaataa 7 seene Barattootni Oromoo magaalichaa waraana seenetti dhagaa darbachuun itti chookanii dhadachuu fi WBO ABO dhadessaa jiru. Bulchiinsi magaalaa Shaambuu sagalee guddistuu dhaam namni tokko illee akka magaalaa keessatti gadi bahee hin argameef konkolaataan olii gadi fiigee labsii dhageessisaa jiru illee uummanni diddaa isaa itti fufee jira.

FDG Har’aa Mudde 17,2015 Qeerrolee Yubdoo Wallaggaa,

Aside

Aside

Maqaan Magaalaa Ijaajjii waan irraa moggaafame baroota 120 dura waraanni Minilik gara naannoo dhiha Oromiyaatti darbuuf bakka san yeroo gahu uummanni naannoo dabarsuu dide,bakka sanatti Ijaajise ( Dhaabe) gooti bara san lolee lolchiise Geendaa Buushan jedhama. Egaan waraanni Minilik waggoota 5 oliif achitti waan jaajjisaniif bakkichi Ijaajji jedhamuu maanguddoonni seenaa ni himu.

Har’as goototiin naannoo sanii Wayyaanee dabarsu diduun achitti Ijaajjisaa(Dhaabaa) jiru.

Mudde 17,2015 FDG Itti Fufee Wallagga Waamaa Hagaloo Keessatti Ummannii Loltoota Of Irraa Deebisaa Jiru.

Aside

Mudde 17,2015 Naqamte

IMG_20151215_042359Wallaggaa Waamaa Hagalootti Hardha 17/12/2015 Hiriira mormiirra jiru.  uummatnii fi hojjetaan mootummaa barattoota mana barumsa ifa waamaa fi moxee sadarkaa lammaffaa waliinta’uun
1)Finfinnee laachuurra dhumuu filanna,Finfinneen Kan Oromooti.
2) liiziin nurraa haa dhaabbatu
3) Gumaa barattoota keenyaa ni baasna
4) Hidhaa fi ajjeechaan qabsoo oromoo hin hambisu
5) Ormiyaan Ni Bilisoomti Jechuun Bul/aanaa Fuulduratti Dhaadachaa Jiru.

 

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcasts- 16 December 2015

Aside

Hiriira Mormii Mootummaa Gabroomfataa Ithiopia(Wayyaanee) Bahaniin Gamtaa Sabaa Muldhisan!!

Aside

Mootummaan Itiyoophiyaa(Wayyaanee)n Yakkaa fi Ajjeechaa Uummata Oromoo Irratti Gahaa Jiru Itti Fufee Magaala Dambi Doolloo Wallaggaa Keessatti U.Nagaa Ajjeessaa Jira.

Aside

FDG Mudde 16,2015 Lilxa Harargee Magaalaa Asaboot.

Aside

FDG Burraayu Shaggar Mudde 16,2015

Aside