Godina Wallaggaa Aanaa Waamaa Hagaloo Keessatti Kaabinooti Ragaa Sobaan Dargaggoota Oromoo Yakkaa Jiru.

Aside

Amajjii 26,2016 Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Waamaa Hagalootti fincila xumura garbummaa adeemsifamaa jiruun ilmaan Oromoo irratti kaabinooti OPDO wal ijaaruun mana murtii aanichaatti ragaalee sobaa funaanuun yakkaa jiru,kanneen keessaa:-

1 Siwayyaa Rabbumaa
2 Fayyeeraa Waaqumaa
3 Guutamaa Dheeressaa
4 Barsiisaa Olumaa
5 Moosisaa Tarfaa
6 Mulaatuu Addunyaa
7 Taajuu Daawud
Yeroo ta’an,ragaa kanas

Baala tuufoo ABO nuuf wayya nuufoo
Lafee keenya malee lafa keenya hin laannu
Buraayyuun laga xaafoon keenya finfinneenis keenya faayidaa irra argachuu qabna jechaa dhaadachaa fi sirbaa turan jechuun namoota armaan gadii kana irratti ragaa ba’aniiru

1 Geetuu Baqqalaa
2 Dirribaa Waaqumaa
4 Ibraahim Aagaa
5 Gannatii Sanbatoo
6 Kaalid Abduu yeroo ta’an, namooti mootummaa kufte kana jalatti taa’umsa eeguuf ragaa sobaa bahuuf jedhan kana irrattis tarkaanfiin uummataa Barsiisaa ta’e akka fudhatamus beekameera.

Mootummaan kufe biyya maqaletti yeroo galu isaan diinaaf suphaa ta’an immo bor waan isaan dhibuuf gocha akkasiirra akka of qusatan jechaa himatamtoonni kun beellama itti aanutti ragaa faccisaa akka dhiyeeffatan ajajmaniiru

SBO AMAJJII 27,2016. Oduu, Gabaasa FXG Oromiyaa keessaa, Gabaasa hiriira nagaa hawaasa Oromoo Trondelag, Norway akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo(SQ) Qophii Amajjii 26, 2016

Aside

Amajjii 26,2016 Wallagga Mana Barnootaa Biiftuu Naqamteeti FXG Itti Fufee Baha Oromiyaa Ciroo Ammoo Gamtaan Barattooti Jaallan Isaanii Hiriira Irratti Madaawan Gaafatan.

Aside

Baha Oromiyaa Ciroo

Lixa Oromiyaa Naqamte

 

 

Aside

Amajjii 26,2016 Sa’aa ammaa kanatti, Gindeberet Magaalaa Kaachis Mana barumsaa Sadarkaa 2ffaa irraa kan ka’e hanga ammaatti FXG bifa adda ta’een deemaa jira, Waraanni Agaazii dhukaasa hedduu mana barnootaa Magaalaa Kaachis irratti dhukaasaa jira. Ummannii fi barattooti diddaa cimnaan dura dhaabbachaa jiru.

Sababaa Sochii Lafaa Irraan Kan Ka’e Barattooti Mooraa Yuuniversitii Hawaasaa 4 Du’uu Irraan Kaan Mooraa Gadhiisanii Mooraa Ala Jiru.

Aside

ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች: ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ: የሳም:ንቱ: ዜና:: (SQ ) January 25, 2016

Aside

FincilliFincilli Xumura Gabrummaa Eegalee Itti Fufee Godina Shaggar Lixaa Keessatti Motummaa Wayyaanee Daran Raasaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Amajjii 25,2015 Waraanni Wayyaanee ammallee uummata irratti dhukaasa banuu hin dhaabne jedha Qeerroon. Shaggar lixaa magaalaa Shanan keessatti har’a ganama irraa kaasuun uummanni bahee dhaadannoo dhageesisaa ture, ofiin of dandeenya ofiin of bulchina sirna wayyaanee hin feenu, mootummaa Wayyaane hin barbaannu, Wayyaaneen ajjeesaadha jechuun tarkaanfii waajjiraalee mootummaa Wayyaanee garagaraa irratti uummanni fudhate.

Humni waraana wayyyaanee uummata nagaa irratti dhukaasa baneen namnootni hedduun akka madeeffaman gabaafame. Barataan yeroof maqaan isaa nu qaqqabin rasaasa wayyaaneen wareegames jira. Sa’a kana magaalli shanan dirree waraanaa taatee jirti. Uummanni gaaffii isaa karaa nagaatiin itti fufee jira. waraanni magaalicha keessaa akka bahu sagalee uummataatu dhageessifamaa jira kun tahuu baannaan tarkaanfii fudhatamu itti seenna jechuunis qonnaan bulaan baadiyaa keessas bahaa jira.

Baha Wallaggaa Aanaa Sibuu Sireetti Humni Waraanaa Diinaa Agaaziin Oromoota Miseensa KFO Ta’an Isin ABO dha Jechuun Ukkamse.

Aside

Amajji 25,2016
Miseensonni KFO hedduun dararaa hamaa keessa kan jiran yoo ta’u,badii tokko malee hidhuuf reebutti fuulleffate jira TPLF haaluma kanaan magaalaaf baadiyyaa Siree keessa deemuun ilmaan Oromoo hedduu ABOf hojjettu miseensota ABOti sababaa jedhuun ukkaamsaa jira Namoota kanneen keessa hammi tokko:-

  1.  Sisay Galataa miseensa KFO kan ta’e yeroo gararaa mana hidhaa adaddaatti kan hidhamaa ture har’as achii buuteensaa dhabamee jira
  2. Barsiisaa Qanaasaa miseensa KFO kan ta’e innis yeroo gara yeroo reebichi hamaan kan irra ga’a ture hanga har’atti ukkamfamuusaa malee
    bakki buutesaa qirixii bishaan buute ta’e.
  3. Shibbiruu Kitilaa miseensa KFO kan ta’e manasaa deemuun kan qaban bakki buuteesaa dhabame
  4. Fiqaaduu Asaffaa Miseensa KFO kan ta’e ukkamfamee jira.
    Namoota qaroo hawwaasaa kana kan hisisanis saaxilamaniiru isaanis
    A Fiqaaduu Yohaannis
    B Addunyaa Aagaa Jarreen kun jala deemtota diinaa ta’uun hisisuuf ajjeesisufillee akka jiran ibsa gabaasi achii

Barattooti Oromoo Wallagga Yuunibarsiitiin FXG Haalaan Jabeessanii Jiru

Aside

Amajji 25,2016 Itti Fufee Jira. Wallaggaa Yunibarsiitii keessatti FXG halkan edaa kan eegale har’as itti fufee ooleera.humni diinaa barattoota danuu madoo taasiiseera.kaansaani ukkamsaa jira ta’us humna barataa qabbaneessuu hin dandeenye.