“Alaabaan Keenya ol-Baate” Jedhu Gootonni Qeerroo Hararge Milqayee, Daaroo Labuu, Gurraandhala 25,2016

Aside

FXG Godina Harargee Bahaa Aanaa Baddannoo Araddaa Illikoo Keessatti Ta’e

Aside

Guyyaa Har’aa Gurraandhala 25,2016 Dargaggoon Oromoo Efreem Tamasgeen Jedhamu Wallagga Aanaa Kiramuu Irraa Loltoota Wayyaaneen Butame.

Aside

Aside

Yabee YabeeeloGuraandhala 25/2016 Godina Booraanaa ona Yaabelloo keessatti kaleessa FXG qonnaan bulaadhan eegale har’a bal’achuudhaan barattoota manneen barnoota sadarkaa hundaatti itti fufee jira. Amma sa’a kana aanaa Yaabelloo keeysaatti dhiiraa fi dhalaa guddaa fi xiqqaa osoo hin jennee daandiin cufamee dhaadannoo sagalee guddaa fi tokko taheen dhaga’amaa jira.
– Yaa oromo isaa hoomaan bulu ka’I mirgakee falmadhu,Bilisummaakee gonfadhu
– Dacheen dachee oromoo malee kan Tigre miti
– Oromiyaan bilisoomuu geesseetti
– Uummata xiqqaadhaan hin bitamnu
– Ka’I Qeerro hin kaanaa
– Abbaan biyyaa ABO dha
– WBOn hirkoo keenya abdii Kenya
Jechuudhan amma sa’a kana sagaleen Qeeyroo fi uummata guddaaa Boorana aanaa Yaabelloo keessaa dhaga’amaa jira.
Waraanni raayyaa ittisa biyyaa naannoo Sumaalee irra jiru garasitti fe’amaa jira. FXG itti fufti.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Gurraandhala 24, Bara 2016

Aside

Sagantaan keenya har’aa Oduu,qophii addaa,Beeksisaa fi Gaaffii fi deebii wallisaa sabboonaa Elemoo Alii waliin dhimma concerti tumsa qeerroo ilaalchisee goone kan of keessatti haammatudha.

Aside

Guraandhala 24,2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa qanyiitti warraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa FXG gaggeeffamaa jiru daran jabaachuun Manneen barnoota sadarkaa 2ffaa, Qophaa’inaa fi sadarkaa 1ffaa fi Gandoota Baadiyyaa keessatti gaggeeffamuun daran jabaatee itti fufe.Alaabaan ABO Aanaa MIdaa Qanyii dhuunfachaa jira.

Guyyaa har’aa Yeroo kanatti  goototni uummatni Oromoo  fi Qeerroon Dargaggootni Barattootni Oromoo Aanaa Midaa Qanyii M/B sadarkaa 2ffaa Midaa Qanyii kan Magaalaa Bixxillee keessatti argamuu fi Qonnaan Bultootni gandoota Goodaa Galaan walitti dhufuun hiriiraan alaabaa ABO qabachuun gara Magaalaa Baallammiitti adeemaa jiraachuu madden keenya gabaasaan.

Waraanni wayyaanee Aanaa Calliyaa Magaalaa Geedoo fi naannoo ishaatti bobbaafamee jiruu heddumina guddaa kan qabuu dheengaddaa,  kaleessaa hanga har’aatti Uummatatti bobba’ee uummata reebaa jira, Tarkaanfiin Diinummaa hammachaa jiruu kun Akka uummatni Oromoo waanqabutti fayyadamee diinaa of irraa haleeluu godhee waan jiruuf yeroo amma Uummatni Oromoo waan qabuun diina of irraa ittisuuf qophii ta’uu ibsuun Shororkeessa agazii of irraa ittisuuf jira.gabaasaa guutuun walitti deebina

Aside

Guraandhala 24/2016 Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Heebantuu keessatti Warraaqsii Biyyoolessa Oromiyaa #FXG utuu Wal irraa hin Citiin
gaggeeffama ture, guyyaa har’aa dhan Jabaachuun alaabaan ABO Aanaa Heebantuu Magaalaa Qeelloo keessa uummataa fi dargaggoota Oromoon
olqabame dhaabamera. Alaaban abbaa irree Wayyaanee OPDO barbada’uun gubateera.

Guyyaa Har’aa Gurraandha 24,2016 Goototi Dargaggoonni Oromoo Godina Harargee Aanaa Daaroo Labuu Burraysaa Keessatti Akkanaan Oolan

Aside

Magaalaa Gadulloo Aanaa Daaroo Labuu Godina Harargee Keessatti Goototi Dargaggooni Oromoo Akkanatti FXG Gaggeessaa Oolan.

Aside

darooo labuuDaaroo labuuuDaaroo labuuDaaroo labuu11 daroo labuu1

Guyyaa Har’aa Gurraandhala 24,2016 FXG Wallagga Horroo Guduruu Amuru Keessatti Ta’e.

Aside

Amuruu horroo Amuruu horrooa