Waajjira Mana-maree Ameerikaa Keessatti Dhuga-bahinsa Dhiittaa Mirga Uummata Oromoo Gegeessame
Afaan Oromoo
Afaan Amaaraa
Afaan Oromoo
Afaan Amaaraa
(SBO Bitootessa 19 Bara 2016) Koongirasiin Amarikaa Dhimma Dhiitamiinsa Mirga Dhala Namaa Oromiyaa keessatti geggeeffama jiru irratti bakka ummatin oromoo BiyyaAmarikaa Kutaa Bulchiinsa gara garaa, Biyya Kanadaa kutaa Ontaarihoo Magaalaa Ottawaa fi Torontoo argamanitti rakkoo Saba oromoo irra mootummaa TPLFn gahaa jiru dhaggeeffachuun mootummaan Amarikaa dhimma kana kan yeroo kamii caalaa xiyyeeffanaa itti kennuun akka faana bu’anu Kongiras Tom Lantos dubbatan.ummatin kumaatamaan waltti dhufe kun Daandiiwwan Washington DC gurgguddoo cufsiisuun Hiriira Nagaa guddaas geggeeffataniiru.
Marii Gadaa irraa
Oromoon mammaaksaan “aak jedhanii waa tufan mammaakan waa himan” jedha.Haala cunqursaa ilmaan Oromoo irratti biyya abbaasaanii fi biyya alagaatti irratti ga’aa jiruufi ga’e ilaalee gadda keessa koo hube ibsachaa,yaadan ka’eefitti fufa! Oromoon Erga bara Gadaa Abbaa Gadaa Gaarii Duufaa Ankoobarii achitti humnoota habashaa deebisee,kanaafis SaahilaSillaaseen “itti dhiyeenyaan” jechuun Oromootti dhiyaachuu jalqabee,Minilikis mul’ata abbaasaatii dhugoomfatee Oromoo waliin diruutti ka’ee eegalee qabsoon falmaa birmadummaa,walabummaafi bilisummaa Oromoo addaan cite hin beeku! Baroota Habashoonni nu dhiitan,nu buqqisan,nu ajjeesan kana keessatti harki ilmaan Oromoo gantoota ta’anii keechaa dhabamee hin beeku.Kanaafis barreessaan Habashootaa Aatsimeen “foon dikeedhuma looniitiin bilcheessu”jechuun raga ba’eera. Gadheen kan ishee lafarra harkiftee kan ormaa olfuutee baatti