Ololli Dharaa fi Diinummaa ABO Irratti Aggaammate Oromoo Dadhabsiisuufi!

Aside

ABO balleesuf

Waldhaansoon doohaa lolaati, Mammaaksi duudhaa dubbiiti, Jabbileen biifa kormaati, Gaggabni seensa du’aati.

Qixxeessaa Lammii Irraa

Jechoota kana sababa malee miti kan dhimma itti bahe. Maaliif jedhamuun hin oolamu. Deebiin gabaabaadha. Namni of hin fakkaatne nama biraa fakkaachuu hin danda’u. Namni of hin qeeqne nama biraa qeequu hin danda’u. Haalli yeroo ammaa murna yartuun dhimma qabsoo sabaa irratti hundaawamee odeeffamu maal akka fakkaatu kan hin hordofin malee kan hordofee fi quba qabu akka gaaritti beeka.

Namootni qabsoo sabaa irratti namoota bara dheeraaf rakkatan ta’e jedhanii itti bobba’anii maqaa balleessan of fakkaataniiti malee nama biraa fakkaatanii waa jechuu akka hin dandeenye kan hubatan natti hin fakkaatne. Dhimma qabsoo irratti yaada fedhe kennachuu kan danda’u guyyaa tokkoofis yoo ta’e nama itti ifaajee beeku ta’uu qaba. Waldhaansoon namootni dhimma qabsoo hin beekne qabsaawotaan qabuu fedhan tolaaf osoo hin taane lola barbaadaniiti. Oromoon har’a nama waliin lolu hin beekne, kan obboleessa isaan ololuuf dheekkamu yoo jiraate doofaa diinaan ergame qofa. Continue reading

Raadiyoo Simbirtuu ,Gurraandhala 23,2017

Aside

Ginbot 7 and Dr. Berhanu Nega’s hostility toward Oromo cause

Aside

 By Geresu Tufa

The naked hostility of Ginbot 7 and significant sections of the Amhara elite against the Oromo national liberation struggle came to the surface over the last month.

Their radio stations, television broadcasters, writers, paltalk rooms, bloggers, websites and social media pages opened a war of attrition on the Oromo Liberation Front, Oromo activists and the Oromo people at large. All in unison took the offensive on laughable grounds. The intensity was deafening; the repetition was monotonous; the relay was wide and the substance was empty.

As the saying goes, “old habits die hard”. Certainly, such malicious coverage was carried out in accordance with their old racist adage: “minim atamentu ye-Gallan goffere inkuan be-wejigira yisheshal be-weree”. Consumed within such racist obsession, they entertained their own illusion; celebrated a non-existent victory; propagated a non-convened congress; applauded an unfounded change of program. An article, titled “the Integrity of Public Writing” authored by Ephrem Madebo signifies the epitome of such hasty mania. Continue reading

OROMO PRO,BEKAAN GULUMAA…KAYYOO…FEB.2017

Aside

“WBO,Qeerroo” Abdii Sabaa,Wallee Haaraa Artist ADAM TAJU

Aside

Seenaa Ummata Oromoo Qalbeeffatanii Baruuf Facebook “Oromo Graphya” Jedhu Hordofuun Barbaachisaa Dha.

Aside

Onesimos Nasib bara barnootaaf biya  Germany ture San akka agartan kan fakkaata.

Image may contain: 1 person, closeup

Magaala harar bara 1899

Image may contain: 1 person

Mootummaan Wayyaanee godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee keessaa Dunkaana Uummataa cufaa jiraachuu Qeerroon gabaase.

Aside

Gurraandhala 22,2017
Sirni abbaa irree Wayyaanee Godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee keessaa  maqaa waraqaa eyyamaa hin qabdan jedhuun dunkaana uummataa humnaan samsaa akka jiru ibsame.
Mootummaan gita bittuu abbaa irree Wayyaanee kan sirnisaa saamichaaf hannaan duroome yero ammaa godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee keessa oliif gadi adeemuun Dunkaana/Suuqii uummata magaalichaa dirqiin cufsiisaa akka jiru himame.Akka oduun achirra nu qaqqabettis hanga ammaatti Dunkaanni uummata magaalichaa heedduminaan waan cufameef uummanni rakkoo jabaa keessa seenee jiraachuun ibsame.Akka uummanni magaalichaa jedhanittis sirni wayyaanee maqaa eyyama daldalaatiin dunkaanni keenya waan nu jalaa cufameef heeddu rakkachaa jirra jechuun iyyachaa jiraachuun gabaafame.

Continue reading

SBO: Gurraandhala 22 bara 2017. Oduu fi Gaaffii fi deebii Artiist Eebbisaa Solomoon waliin taasifame -Kutaa 1ffaa Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromo (SQ) Gur 21, 2017

Aside

Waraabeecha (Bineensa) Biyya  Bineesummaan  Isaa Beekamutti  Itillee Naaf Afaa Jedhu  Mammaaksa Oromoo Keessatti Dhageeyee Hin Beeknu!

Aside

Baarentuu Gadaa Irraa

Bineensa

Wayyaaneen waggoottan 25n darbaniif  waliin dhahaa, kan ishii morme hidhaa, dararaa, ajjeesaa fi saamaa as geechee jirti.  Haata’uutii gochi yakkaa ummata Oromoorratti keessumaa sabboontoota Oromoo irratti raawwachaa turtee fi jirtu  kun akka ishiin  yaaddeetti qabsoo ummanni Oromoo mirga isaaf taasisaa jiru; FXG gama kamiinuu dhaabuu hin dandeenye. Dhaabuu hin danda’usii. Keessumaa haali waggoottan 2n darbanii as impaayeera ityoophiyaa murna tanaan bulaa jirtu keessa jiru  dhugaa kana  ifatti  eenyufuu mirkaneessaa jira.

Hidhattoonnii fi basaastoonni sirnichaa ajjeechaa hidhaa fi dararaa sukanneessaa saba Oromoorratti raawwachaa jiranis sochiin ummanni Oromoo mirga abbaa biyyummaa isaa deeffachuuf taasisaa jiru ittuu finiinaa jira malee akka wayyaaneen yaadde hin qabnoofne, ykn hin dhaabbanne. FXG fi qabsoon hidhannoo yeroo ammaa kana gutummaa Oromiyaa keessatti diina dhiphisaa jira.  Akka ummanni Oromoo yeroo dhihoo keessatti mirga isaa humnaan mulqame humnaan deeffatus mallattooleen ifatti muldhatan danuudha. Diinni Oromoo waggoota 25n darbaniif goolaa turte Wayyaaneen yeroo ammaa kana dhiphuu fi sodaa guddaa keessa jirti.  Sochii ummanni Oromoo taasisaa jiruunis baaragdee yakkoota hedduu wal duraa duuban ummata Oromoorratti keessumaa sabboontoota ilmaan Oromoo qaroo ta’anirratti raawwachaa jirti. Continue reading