“Humnaan abbaan isaas akka isa reebu taasisuudhaan, dhagaa dugdatti hidhanii dullaan reebanii qaamni isaa erga raaamma’ee booda lubbuun darbe” yaada maatii namni irraa ajjeefamee
[SQ, Caamsaa 27,2020] Shaggar Kaabaa ona Dagam araddaa Leemman Caarraqii bakka addaa Buukkoo jedhamutti namni Habtaamuu Nugusee Roobii jedhamu, abbaa maatii kan ta’e waraana mootummaan reebichi hamaan irratti raawwatee ajjeefamuu isaa maatiin Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoof himan.
Obbo Habtaamuu Nugusee Roobii jiraataa ona Shaggar Kaabaa yoo ta’an abbaa warraa ijoollee 5 ti. Haati warraa isaanii aadde Biraanee Dinquu yoo ta’an, ijoolleen isaan waliin qaban Burtukee Habtaamuu, Gaaddisee Habtaamuu, Dirribee Habtaamuu, Sisaay Habtaamuu fi Mangistuu Habtaamuu kan jedhamanidha.
“Obbo Habtaamuu Nugusee siyyaasa kam irraayyuu bilisa” jedhan namni yaada nuu laatan. Continue reading
jedhamee SBOn dubbatamee gaddi labsamee guyyoota 15 booda akka lubbuun jiru dhagahame bara Chaarteraa.[Tolasaa Ibsaa Ayyaanaa]