SBO: Fulbaana 13 bara 2017. Oduu, Dhaammannoo Hirmaattota Kora Sabaa 4ffaa ABO fi Itti fufa Yaada Hirmaattota Kora Sabaa 4ffaa ABO Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

Aside

Lubbuu, Dachii, Qeyee fi Qabeenyi Ummata Oromoo, Bilisummaa Oromiyaa Qofaan Tikfama:

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Irraa Kenname.

Fulbaana 12,2017

Dhiigaa fi lafee ummata keenyaatiin aangoo isaa hundee irraa raafamee kufaatiif gatantaraa jiru lubbuu itti horuuf, mootummaan Wayyaanee, humna waraanaa ergamtuu isaa ta’e, ‘liyyuu poolisii’ humna ittisa Impaayera Ixoophiyaa fi tikaa bobbaasuun, dachii fi qeyee isaa irratti:  Baha Oromiyaa, Kibba Baha Oromiyaa fi Zoonii Booranaa keessatti, duula faashistummaa fi shaynii duguuginsaa hamaa, seenaa gabrummaa  keessatti argamee hin beekne ummata Oromoo irratti raawwataa jira.

Har’a, ummatni Oromoo, filannoo lama gidduu dhaabbata. Akka saba mirga falmatuu gabroomfataa dura dhaabbatee: qeyee, dachii fi biyya isaa bilisoomsuu ykn dhabamuu dha. Mirga: of ittisuu, nagaa, kabajaa fi bilisa ta’ee jiraachuuf akka aadaa fi seera addunyaatti qabu dhimma bahee weera wayyaanee kana cabsuun mootummaa Wayyaaneetti xumura godhuun dirqama keenya kan yeroo ti.

Keessattuu, dirqama kana adda durummaan kan raawwachuu qabu qeerroo bilisummaa waan ta’eef, hoogganooti Qeerroo Bilisummaa kan zooniilee Oromiyaa mara keessa jirtan,dirqama hatattama kana shaffeessaan ofitti fuutanii ummata keenya waliin adda durummaan  finciluun, mootummaa Wayyaaneetti xumura maayyii akka itti goonu, akkasumas, ummata keenya: Bahaa, Kibba Bahaa fi Booranaa falmaa hadhooftuu geggeessa jiruuf  karaa: qoricha, nyaata, dhugaatii, rasaasa, qawwee fi geejjibaa ummata bal’aa Oromoo hatattamaan dirmaachisuufiin irree ittisa ummata keenyaa akka taanu yaamicha hatattamaa fi kan jireenya ykn dhabamaa isiniif dabarsina. Nuti Qeerroon Bilisummaa  ofii : duunee, madoofnee fi dhiiga dhangalaafnee, mootumaa Wayyaaneetti xumura godhuun,ummata Oromoo: gabrummaa, saamicha, salphina, tuffii fi shanyi duguuginsa irraa dandamuun jireenya ummata keenyaaf wabii taanee nagaa fi tasggabbii waaraa fiduuf yeroo nuhi itti hiriira jalqabaa seennu har’a. Ilmaan Oromoo, bifoota adda addaatiin mootummaa Wayyaaneef hojjetaniis: qabeenyaa fi dandeettii keessaniin ummata keessan cina akka dhaabbatan Qeerroon yaamicha gootummaa Oromoo fi  hatattamaa isiniif dabarsa.

Qabsoon bilisummaa Oromoo, mirga fi qabeenyaa ummattootaa, akkasumas, tokkummaa ummattoota cunqurfamoo tiksuutti kan amanu waan ta’eef, fincila xumura gabrummaa kana keessatti kana akka kabajnu jabeessinee dhaammanna.

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti.

Injifatnoon ummata Oromof !

Qeerroo Bilisummaa Oromoo.

Fulbaana 12,2017 Finfinnee

Fulbaana 12,2017 Ficila Xumura Gabrummaa Godina Harargee Magaalaa Calanqoo Keessatti Deemaa Jiru.

Aside

FXG Baha Oromiyaa Magaalaa Dadar Keessatti Guyyaa Har’aa Deemaa Jiru, Fulbaana 12,017

Aside

Continue reading

SBO: Fulbaana 10 bara 2017. Oduu, Gabaasa Haala Kora Sabaa 4ffaa ABO ilaallatu -kutaa 3ffaa fi Yaada Hirmaattota Kora Sabaa 4ffaa ABO.

Aside

SBO: Fulbaana 8 bara 2017. Oduu, Ibsa Walgahii Gumii Sabaa ABO fi Gabaasa Haala Kora Sabaa 4ffaa ABO ilaallatu -kutaa 2ffaa.

Aside

SBO Fulbaana 06,2017. Oduu fi Guutummaan Qophii keenya Har’aa kan ta’e Sirna baniinsa Kora Sabaa ABO 4ffaa H agayya 20-30/2017 taasifame kan ilaallatu akkasumas Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

SBO: Fulbaana 3 bara 2017. Oduu,Labsa Kora Sabaa 4ffaa ABO fi Murtii fi Kutannoolee Kora Sabaa 4ffaa Adda Bilisummaa Oromoo.

Aside

Qeerroon Bilisummaa Oromoo itti baha KS 4ffaa ABOf deeggarsa guutuu akka kennu ibse; humna Qeerroo jabeessuf deeggarsa hoggansi ABO kennes dinqisiifate

Aside

 

 

 

(Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Fulbaana 1, 2017)  Kora Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), Hagayya 21-29/2017 geggeeffame irratti ibsa Qeerroo Bilisummaa irraa kenname.

Kallachi qabsoo Bilisummaa Oromoo, Addi Bilisummaa Oromoo, Hagayya 21-29/2017tti Kora Sabaa 4ffaa geggeeffatee jaarmaa fi hooggana haaromsuu isaa ogguu dhageenyu gammachuun nutti dhagahame daangaa hin qabu. Mootummaa Walaba Oromiyaa dhaabuu akka akeeka siyaasaatti irra deebi’ee raggaasuun, akkasumas:  goleelee Oromiyaa mara irraa shamarrani fi dargaggoon kan keessatti argaman irraa hooggana haarayaa utubuun, kora 4ffaa ABO, kora  addaa kan abdii fi hawwii ummata Oromoo kabaju ta’uu isaa mirkaneeffatneerra. Hayyu duree fi itti aanaa hayyu dureen  filamanis: amanamummaa kaayyoo, muuxannoo, dandeettii fi muratnoo qabsoon bilisummaa Oromoo gaafatu  kan baroota dheeraa kan qabani waan ta’eef  bilisummaa Oromoo, kan ummatni Oromoo jaarraa tokko oliif dheebetaa ture bakkaan gahuuf qabsoo geggeeffamaa jiruuf hooggansa qajeelaa fi haqaa akka kenan shakkii hin qabnu.

Waan kana ta’eef, nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo, Adda Bilisummaa Oromootiin hoogganamnu, murtiilee Korri 4ffaan ABO dabarse garaa guutuun itti amannee, hooggana haarayaa kora kana irratti filaman irraas qajeelfama fi ajaja guutuutti  fudhatnee akeeka bilisummaa Oromiyaa bakkaan gahuuf qooda keenya dachaa akka taasifnu waadaa keenya irra deebinee haaromsina. Hooggana Adda Bilisummaa Oromoo, humna qeerrootiin jabeessuu irratti murtii korri kun fudhates ajaa’ibsifachaa,  ABO’n, hawwii fi fedhii dargaggoo fi shamarran Oromoo guutuu isaa of qusannoo tokko malee mirkaneessina.

Murtiileen kora kana irratti darbani fi hoogganooti kora kana irratti filaman, ummata Oromoo fi ummattoota cunqurfamoon Impaayera Ixoophiyaa gabrummaa bara dheeraa jalaa bilisa bahanii mirga hiree murteeffannaa isaanii akka mirkaneeffatan kan taasisu waan ta’eef, ummatni Oromoo fi ummattooti cunqurfamoon Impaarichaa, kan ba’aan gabrummaa itti ulfate, murtiilee fi hooggana korri kun maddisiise waan hundaan bira akka dhaabbattan Qeerroon bilisummaa Oromoo cimsee yaamicha dabarsaafi.

Murtiilee fi filannoo korri kun maddisiise fudhatanii, wal dura dhaabbachuu irra, wayyaanee qofa irratti akka qiyyaafataniif, dhaabota Oromoo akeeka addaa qabaniifis yaamicha addaa dabarsinaafi.

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti !

Injifatnoon Ummata Oromoof !

Qeerroo Bilisummaa Oromoo,

Fulbaana 1, 2017  

Kun qabiyyee PDF ibsichaa: Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Fulbaana 1 2017

Falmaan Bilisummaa Oromoof taasifamu jabaatee itti fufa!

Aside

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hagayya 27 bara 2017

(Qeerroo Bilisummaa Oromoo, 27 Hagayya 2017, Oromiyaa) Koreen Aduulaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Hagayya 27 bara 2017 teessoo ariifachiisaa guyyaa tokkoof gaggeessee jira.

Teessoo kana irrattis haala yeroo ammaa Oromiyaan keessatti argamtuu walhubachiisee jira. Kanuma waliins, duula itti fufiinsaan gaggeeffamuu qabu irratti kallattii kaayeera.

Akka kanaanis, mirga abbaa biyyummaa kabachiifachuuf wareegama olaanaa ummati Oromoo baasaa jirutti firii gochuun waan hunda dura kan irratti xiyyeeffatmau ta’uu irra deebi’ee irboomseera.

Keessayyuu, dhalooti qubee aadaa fi gootummaa ummata keenyaa dhaaluun akka bilisummaan ummata Oromoo kabajamu, mirgi abbaa biyyummaa keenya mirkanaa’u  taasisuuf qabsoon maraalessaa kan filmaata hin qabne ta’uu raggaasiseera.

Dhimmoota kunneenis dhugoomsuuf waan barbaachisu of qusannaa tokko malee akka gumaachinu waadaa keenya haaromfanneerra.

Kanuma waliinis, haala yeroo irratti ibsa ejjannoo qabxiilee shan of keessaa qaban baafanneerra.

  1. Siidaan maqaa ummata Oromoo ayyaana Irreechaa irratti bara darbe dhumaniin Bishooftuutti dhaabbate kan kaayyoo fi haqa wareegamtootaa bakka hin buunee dha. Kana waan ta’eef gochaa kana jabeessinee mormina; siidaan sunis hatattamaan akka kaafamu jabeessinee hubachiifna!
  2. Mormii gabaa lagannaa guyyoota sadiif gaggeeffameen booda hidhaa fi hiraarsaan ummata keenya irratti fudhatamaa jira. Haalli kun akka dhaabbatuuf dhaamsa keenay ni dabarsina. Kun hin ta’u taanaan yeroo gabaabaa keessatti fincila maraalessaa akka waamnu jabeessinee hubachiifna.
  3. Moseensoti Qeerroo Bilisummaa Oromoo, deegagrtooti qabsoo Oromoo fi ummati Oromoo marti wal’aansoo jabaa itti fufiinsa qabuu fi Wayyaanee hundeen buqqisu gaggeessuuf akka of qopheessan waamicha keenya dhiyeessina.
  4. Hidhamtooti Oromoo sababa siyaasaatiin hidhaman hatattamaan akka gadhiifaman ammas irra deebinee gaaffii keenya dhiyeessina; kun ta’uu baannaan, Qeerroon Bilisummaa Oromoo dallaa hidhamtooti keessatti hiraarfaman kamiyyuu diiguuf akka ofqopheessan ni hubachiifna.
  5. Daangaan Oromiyaa haga ammaatti cicciramaa dhufes akka iddootti deebi’u jabeessinee gaafanna. Qeerroon Bilisummaa Oromoo daangaan Oromoo taakkuun tokko illee akka dabarfamee alagaaf kennamu hin hayyamnu; falmaan bilisummaa Oromoo kabachiisuuf taasifamu jabaatee itti fufa.  Nutis, Qeerroon Bilisummaa Oromoo, daangaa Oromiyaa dhiigaa fi lafee keenyaan iddootti deebisuu fi kabachiisuuf  qophaa’oo ta’u keenya ammas irra deebinee ni mirkaneessina!!

Bilisummaan ni dhufa; gabroonfataan ni kufa!!

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo