Gurraan-dhala 09,2012
Gurraandhala 7, 2012 galgala sa’aatii 6:30 PM tti Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ada’aa Bargaa, Magaala Reenjii jedhamtutti Abbaa qabeenyaa Warshaa Simintoo Dangattee jedhamuu kan ta’e nama lammii Chaayinaa tokkorratti tarkaanfiin fudhatamee lubbuun darbeera.
Humni hunbeekamiin tarkaanfii kan inni fudhate nama lammii Chaina kun abbaa qabeenyummaa warshaa kanaa keessatti kan aksiyoona guddaa qabu yoo ta’u, yeroo adda addaatti tuffii fi jibba ummata naannoo warshaatiif qaburraa kan ka’e miidhaa faalama naannoo irratti geessisuuf caalattuu yeroodhaa gara yerootti akka hammaatu taasisaa ture jedhama.
Haaluma kanaan har’a lammii Chaayinaa irratti tarkaanfii kan fudhattan isini jechuun milishoonni Wayyaanee mana hidhaatti guuramaa jiru.Mootummaan
Wayyaanee milishoota Oromoo ta’an yookin saaxilaa yookiin ammoo ABO waliin hidhataan kan hojjetu isini jechuun rakkisaa jiraachuun beekame.
Milishaa Mootummaa kanaa Obbo Birbirsoo Dhaabaa kan jedhamu sababa kanaan mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti darbatamee dhiibbaan garaa garaa irraan
ga’uu irratti argama.Uummatni naannoo kanaas sodaachisa Wayyaaneen
hiraaraa jira.
Karaa biraa Gurraan-dhala 08,2012 Godina Iluu abbaa Booraa keessatti oomishni shonkoraa waarshaa heektara 15,000 humna hin beekamneen gubatee jiraachuu gabaasi naannoo san irraa nu dhaqabe addeessa. Dabalata gabaasaa kanaa gana fuula duraatti dhiheessina.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!


