Godina Lixaa Shawaattii Gaaffiin Mirgaa Amantoota Waqeffaannaa Jabaatee itti fufe.

Aside

Fulbaana 15 ,2013 Amboo

Hordoftoonni amantaa waaqeffannaa godina Lixa Shawaa Aanaa Ada’aa Bargaa mirga amantaa argachuu qabna jechuudhaan gaaffii lafaa iddoo itti waaqeffatan yeroo gara yerootti gaafachaa jiru.Deebiin jala deemtota mootummaa wayyaanee garuu,isin dhimmaa amantaa osoo hin taane kaayyoo siyaasa ABO ummata barsiisaa jirtu jechuun hidhuu fi doorsiisuu akka furmataatti fudhachuun, doorsisaa jiru.Gidduu kana walgahii magaala aanichaa Incinnii irratti taa’ameen isin gonkuma lafas ta’e eeyyama argachuu hin dandeessan jechuun murtee dabarsaniiru.Garuu,dargaggoonni naannichaa gaaffiin keenya duuba hin deebihu itti fufna jedhanii jala dhaabbatan. Deemaatii eeyyama Oromiyaa irraa fidadhaa jechuun deebii jallataa fi walxaxaa laataniiru.

Kanaan,alatti namni gaaffii qabna jettan maqaa keessan galmeessaa fidaa jechuun doorsiisaa jiru,Jiraattotni naannoo kanaas duraan gaafa iyyata galfannu maqaa keenya galmeessinee galchineerra inni har’a gaafatamnummoo kan maaliti jechuun jala deemtota mootummaa  Wayyaanee fuuldura gaaffiin sardaa jiru.

Hooggantootni mootummaa wayyaanees nama lamaa ol taatanii magaalaa Mogorii fi Inchinnii keessatti argamnaan kan isin eeggatu hidhaa,dararaa fi kkf jechuun dargaggoota gaaffii mirgaa biyya abbaa isaaniirratti gaafatan doorsisaa jiru. Dhaamsi ummata naannichaas ilmaan Oromoo mirga keenyaa karaa nagaa waan gaafanneef doorsifamaa jirra, Oromoon hundii dorsisaa fi gadii qabaa mirgaa nurraatti dalagamaa jiruu nuf hubachuun bakka jirtan hundaa mirgaa keenya kabachiisuuf tumsa barbachisuu haa goonu jechuun dhaamsa dabarsataniru.

Barruulee Gaaffii Mirga Oromoo Magaalaa Finfinnee fi Naannootti Bal’inaan Itti Fufee Maxxanfame.

Aside

Magaalaa Fifinnee fi naannoo isheetti barruuleen mirga uumata Oromoo gaafatan baldhinaan tamsa’uu fi faca’aa jiraachuun mootummaa Wayyaanee guddoo rifaasisee jira.Tamsa’uun waraqaa loltoota Wayyaaneen irra deemamee buqa’u illee battalumatti naannoo adda addaatti irra deebi’amee Fulbaana 13,2013 bal’inaan maxxanfamuu fi raabsamuun daranuu Wayyaanee yaaddessee jiraachuu gabaasi Qeerroo Finfinnee irraa addeessa.

SBO Fulbaana 15 Bara 2013

Aside

“Ummanni Oromoo Heddummina Isaa Gara Humnaatti Jijjiiruu Qaba” Jedhu Qeerroon Lixa Shawaa

Statement of peaceful demonstration of the Oromo Community in the United Kingdom

Aside

Today, 13 September 2013, members of the Oromo Community in the UK, protested against human rights violations and brutal killing exercised by the criminal Ethiopian Government.

The aim of the protest was to stand against Human rights abuses and the brutal killings of thousand s of Oromos including Engineer Tesfahun Chemeda and the Massacred Muslim Oromos in Arsi. The arbitrary arrest, torture, extra-judicial killings, mass murder & disappearances are not only the day- to- day practices in Ethiopia, but also reached the highest peak. For example, the Oromia Support Group in United Kingdom, a non-political organization that raise awareness of human rights violations in Ethiopia, has reported four thousand two hundred seventy nine (4,279) extra-judicial killings and 987 disappearances of civilians in Ethiopia from 1994 2010. These figures do not include the unreported killings and secret arrests that are exercised at several corners in the country particularly in Oromia region. The recent shocking incidents were the killings of twenty- seven innocent civilians including five children in Kofale, Arsi region of Oromia on August 3, 2013. Read More:- Statement of peaceful demonstration of the Oromo Community in the UK.doc

 

Ambo Micro College Keessaa Barachaa Kanneen Turan Barattooti Oromoo Lama Bakka Buuteen Isaan Dhabme.

Aside

Fulbaana 14,2013 Finfinnee

Sochii warraaqsa Bilisummaa fi Dimokraasiif dargaggoonnii fi barattooti Oromoo deemsisaa turan waliin kan wal qabate yeroo adda addaatti mootummaa Wayyaaneen doorisifamaa kanneen turan barattooti Oromoo hordoffii tikni diinaa yeroo gara garaa irratti taasiseen tureen ,barattooti Oromo lama Mesgene Dhimmaa fi Ababu Dhimmaa Baayyisaa kanneen jedhaman Hagayya 07,2013 irraa eegalee Kolleejjii  barataa turan keessaa bakka buuteen isaanii dhabamuu gabaasi Qeerroo Ambo irraa addeessa.

Haalli kun kan yaaddesse qeerroon nanneen hidhaa naannoo Amboo fi bakkoota biro keessatti iyyaafachiisaa akka jiru dhaamsi dhaqabe beeksisa.

Kana maleen mootummaan Wayyaanee yaaddoo barruuleen warraaqsaa bakkoota adda addatti maxxanfamaa fi raabsamaa jiru irraa kan ka’e godina Ilu-Abbaa Booraa magaalaa Baddallee keessatti humna waraanaa fi tikaa heddummeessuun dabballooti ABO magaala kana seenaniiru sababa jedhuun bufata adda addaa fi bakka oolmaa dargaggootaa sakata’aa akka jiru Qeerroon godhina kanaa gabaasa.

Haala Oromiyaa Keessaa Irratti Yaada Qeerroo Magaalaa Naqamtee

Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal,Fulbaana 12,2013

Aside

Lixa Shawaa Madhee ABO Hojjettoota Gudara Waliin Haala Walii Galaa irratti Gaaffii fi Deebii Ta’e.

Aside

Barruuleen Warraaqsaa fi dhaadannoo Magaalota Oromiyaa Garaagaraa fi Finfinnee Keessatti Maxxanfaman.

Aside

Fulbaana 12,2013 Finfinnee

Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa Kan Diimokiraasii fi Bilisummaa(Qeerroo)
Akkuma beekamu yeroo ammaa Wayyaaneen barri bittaa isheetii waan xumuramuu jala gaheef ilmaan Oromoo yakka tokko malee gaafatama seeraa jala kan jiranis ajjeesuudhaan qabeenyaa uummata Oromoo saamuu; hidhaa garmalee ariyatamuu manneen barnootaa irraa addumatti ilmaan Oromoo irratti akka raawwataa jirtu beekamaa fi ifa kan taheedha. Haalli gocha wayyaanee kanaa biyya keessatti yeroo ilaalamu guyyuudhaan kan dabalaa deemuudha miidhaan Oromoo irra gahaa jiru kuni. Sababa kanaan wal qabatee kakaumsa uummata oromoo fi barattoota akkasuma bara mootummaa wayyaanee kanatti xumura itti gochuuf Qeerroon Bilisummaa waraqaalee adda addaa dhaadannoo fi kkf magaalaa Finfinnee Yuuniversitii,koollejjii,manneen barnootaa fi dhaabbata adda addaatti maxxansaa tureera,akkasuma waamichi qabsoo godhamaa tureera, magaalaa Finfinnee qofa keessatti osoo hin taanee godinaalee addaa naannawwaa Finfinneettis kan raabsamee fi maxxanfamaa tureedha.
Kunis mootummaa Wayyaanee kan yaaddeesse tahuudhaan hidhamuun uummataa jabaatee kan itti fufaa jiruudha. Kun ammallee Qeerroo Bilisummaa boodatti kan hin jechisiisne itti fufuudhaan waraqaaleen hanga gandaatti, mana barumsaatti,hawaasa Oromoo gidduutti jijjiiramni tokko akka tahuuf ergamee akka maxxanfamu dhaamsa dabarfamee jira,sochiin gama hundaan jiru qabsoo jabeessee kan itti fufsiisaa jiruudha. Waraabbiin kan nun geenye godinaalee adda addaa kanneen akka Qellem,Shawwaa Bahaa,Harargee keessattis waraqoonni hedduun maxxanfamanii akka jiran gabaasaan nu gahaa jira. Waraabbiwwan jiran wal duraa duubaan gara fuula duraatti ni maxxansina. kanaa gaditti kan argamuudha.