Ummanni Oromoo Biyoota Alaa Gara Garaa fi Oromiyaa Keessa Jiran Tokkummaan Ka’uun Oromiyaa Falmachaa Jiru.
Ela Akkasi! Ela ammasi! Garaan Nachiise Reefu
Ummatni Oromoo fi dargaggootni Oromoo addatti ammo barattootnii University, Kolejotaa fi Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi Lammaffaa torbanoota lamaan darbe gaaffii sirna fi seeraa Mootummaan Oromiyaa akka deebisuu fi mirga abbaa biyyummaa Oromoo gaafataa turre.
Haa tahu malee gaaffii keenyaaf deebiin mootummaa human Polisa Federalaa biyyattiin qabdu hidhannoo guutuu waliinii fi waraana Agazii dargaggota, barattootaa fi ummata harka qullaa irratti bobbaasuun Oromiyaa guutuu dirree waraanaa godhee lubbuun namaa hedduu fi qabeenyi barbadaawee jira. Gaaffiin keenya gaaffii mirgaa fi seera qabeessaa waan taheef:
Ka’i Qeerroo!!
Qabsoon Hanga galii isaa gahu Itti Fufa!
Qeerroo Bilisummaa
Caamsaa 9, 2014
Finfinnee
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Caamsaa 9 2014.docx Finfinnee
Caamsaa 8/2014 Erga Wayyaaneen maqaa koree tasgabbii jechuun ergamtoota Wayyaanee jila Abbaa Duulaa Gammadaa Waliin gara Godina Lixa Shaawatti bobbaaftee as ilmaan Oromoo nagaan 600 ol ta’an julmaan qabamanii hidhamaniiru, Sakkatta’insii guddaan Amboo irratti gaggeeffamaa jira, ilmaan Oromoo dhibbaan lakka’aman barbaadamaa jiru. Abbaan Duulaa Gammadaa Uummata julmaan hiisisuuf ergama diinummaa fudhatee bobbaafame. Erga Abbaan Dulaa Amboo seenee ijoolleen dubaraa illee julmaan hidhaatti guuramaa jiru: Shamarraan Oromoo Magaalaa Amboo keessa ukkanfamanii eessa buuteen isaanii dhabamee jiru keessa muraasni; 1.Shamarree Ayyaantuu Dagaagaa mana daldala huccuu aadaa Oromoo kan qabduu 2.Shaamarree Burgudee Araarsaa 3,Shamarree Baqqaluu Gidaada 4.Shamarree Dammee Taddasaa kanneen keessatti argaman ilmaan Oromoo ijoolleen dubaraa umriin isaanii waggaa 15 gadii illee kan keessatti argamaan ukkanfamuun hidhatti guuramaa jiru.
Gabaasa Qeerroo Lixa Shawaa Caamsaa 7,2014
Caamsaa 7/2014 Godina Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qanyiitti Waraannii Wayyaanee Uummata,Baratootaa, Qotee Bulaa, Kaabinoota Bulchiitoota, Itti Gaafatamtoota Wajjira OPDO illee utuu hin hambisiin jumlaan reebaa jiru. Jumlaan hidhaatti guuraa jiru, uummaannii amma illee diddaa isaa utuu wal irraa hin kutiin jabeessee itti fufee jira.
Bulchaan Aanaa Midaa Qanyii Obboo Shuumii Lataa Waraana Wayyaaneetiin akka malee reebame. uummatatti karaa nagaa harka
kennatte jechuun waraannii wayyaanee bulchaa aanaa midaa Qanyii lafarra harkisee rebbichaa ulfaata irratti rawwatamee jira,
Hoogannootni waajjira OPDO aanaa Midaa Qanyiis humna waraanaa wayyaaneetiin reebamanii hidhamaniiru.
Uummaannii Oromoo aanaa Midaa Qanyiitti argamuu qonnaan bultoota, barattootaa, daldaltoota, barsiisota, hojeettoota mootummaa dabalatee nammootni dhibbaan lakkaa’aman konkolaataa waraanaa Wayyaaneetiin abamanii ukkamsamanii gara dabarfamaa jiru, eessatti akka hidhaman kan hin beekamnee namoonni 400 olitti lakka’aman qabamuu maddeen keenya gabaasaniiru. maqaa guuttuu namoota hidhaman kana gaabasaa itti aanu keessatti ni dhiyeesina.