Breaking News -Mootummaan Wayyaanee Fiilmii Dokumentarii Dhara Kan Sochii ABO fi Daraggoota Oromoo Akkasumas Walii Gala Qabsoo Oromoo Hadheessuu Irratti Kan Xiyyeefate Har’a Galgala TV Isaa Irratti Dhieessuuf Karoorfate.

Aside

images (2)Mootummaan Wayyaanee Fiilmii Dokumentarii dhara irratti hundaa’e kan sochii falmii mirga abbaa biyyummaa ummatni Oromoo fi barattootni/Qeerroon ilmaan isaa geggeessan akkasumas sochii ABO gooltummaatti hidhuun qopheeffate Adoolessa 23,2014 guyyaa har’aa karaa TV. isaan dhiheessuuf saganteeffatee akka jiru ifa galaa dha.

Akka oduu SBO dhaqqabeetti mata dureen dokumenterii fiilmii wayyaanee kun “Shibbirtanyoochi” kan jedhu yeroo ta’u, guyyaa har’aa galgala keessaa sa’aa 10:00 irratti dhihaachuu akka danda’u oduun kun akeekeera.

Dokumentarii fiilmii dharaa wayyaaneen ABO irratti ittiin ololuu fi gaaffii mirgaa barattootni Oromoo fi sabboontotni gaafatan jal’isuun gooltummaatti hidhuuf yaalaa jirtu kana keessatti namootni Oromoo ta’an kanneen dirqisiifamanii fi maallaqaan bitaman 42 ta’an akka keessatti hirmaatanii jiranis oduun kun ifa godha.

Fiilmii dokumentarii Baddannoo jechuun kan ammaan dura wayyaaneen qopheeffattee ittiin ABO irratti ololaa turte keessatti namootni hirmaatanii dhara lallabaa turan iccitii baasu jedhamanii gariin isaanii akka ajjeefaman kan beeksise oduun kun, kanneen amma fiilmii dharaa kana keessatti hirmaachifamanis hireen isaanii yeroo eeggatee kana irraa adda akka hin taane hubachiisa.

Diddaan ummata Oromoo, falmiin mirga abbaa biyyummaa fi gaaffiin mirga ofii kabajsiifachuu ummatni Oromoo fi barattootni/dargaggootni/Qeerroon ilmaan isaa baatiileef geggeessaa jiran hidhaa fi ajjechaan dhaabbachuu waan dideef, sirnichi sochii karaa nagaan mirga ofii falmatuu ummata Oromoo fi ilmaan isaa kana gara dabarsee sochii gooltummaa fakkeessuuf ijibbaatni mootummaan Wayyaanee fi ergamtootni isaa godhan dhugaa ykn haqa lafa irra jiru jijjiiruu kan hin dandeenye ta’uus sabboontotni Oromoo hubachiisaniiru.

Fiilmii dokumentariin dhara irratti hundaa’e kan ummata Oromoo, barattoota/Qeerroo fi ABO goolessitoota fakkeessuu fi sochii jiru gooltummaatti hidhuu irratti fuulleffate mootummaan wayyaanee gola isaa keessatti karaa dabballootaa fi ergamtoota isaan qopheeffatee ittiin ololuuf fiigaa jiru kun, fiilmii dokumentarii ammaan dura yeroo gara garaatti qopheeffatee ittiin ABO fi QBO irratti ololaa turee fi bu’aa tokkollee irraa dhabeen adda akka hin taanes ibsameera.

Wayta QBOn jabaachaa, ummatni Oromoo fi ilmaan isaa gaaffii mirgaa cimsaa fi babal’isaa deeman akkasumas yeroo filmaatni jala ga’u mootummaan wayyaanee olola dharaa geggeessuun, waan hin jirre uumee hafarsuun yaadaa fi qalbii namaa gara biraatti harkisuuf, deggersa ummataa argachuuf shira irratti shira xaxuu fi dalagaa faallaa raawwachuun kan beekamuu dha kan jedhe oduun kun, ammas waanuma bare amala isaa mul’ifataa jiraachuu addeesse.

Kana waan ta’eef, ummatni Oromoo, sabboontotni, barattootni/dargaggootni/Qeerroon olola afanfajjessaa dhara irratti hundaa’e, kan dokumentarii fiilmii “Shibbirtanyoochi” jedhee wayyaaneen ittiin ololuuf deemu kanaaf osoo gurra hin ergisne gaaffii mirgaa, falmii mirga abbaa biyyummaa fi kabajamuu mirgootaa gaafataa jiranitti jabaachuun qabsoo finiinsuu akka itti fufan  sabboontotni Oromoo fi Hoggansi Qeerroo Bilisummaa Oromoo dhaamsa dabarsee jira.

Mootummaan wayyaanee FDG barattootnii fi ummatni Oromoo geggeessaa jiran, akkasumas ABO irratti kijibaan ololuuf dokumentarii fiilmii dharaa qopheeffachaa akka jiru gabaasa bal’aa bifa barruun qophaa’e armaan gadii kanaan kana dura saaxiluun keenya ni yaadatama. Ammas barruu kana irra deebiin dubbistanii akka hubattaniif yeroo lammataaf maxxansuuf dirqamneerra.

SBO Adoolessa 23 Bara 2014 Oduu – Ibsa Gamtaa ABO fi ABS akkasumas qophiilee biroo fi Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, July 21, 2014

Aside

Raadiyoo Sagalee Qeerroo Adoolessa 18 2014 Finfinnee Oromiyaa

Aside

OLF & SLF Joint Statement: Instigating violence between the two cousins never stops us from marching to our goal

Aside

JointOLF_SLF2

July 20, 2014

Joint Press Statement

By Oromo Liberation Front (OLF) & Sidama Liberation Front (SLF)

Time and again, we all have witnessed the Tigrayan People’s Liberation Front (TPLF) led dictatorial regime of Ethiopia deliberately masterminding various forms of atrocities in order to remain in power. The regime uses its organized agents  to deliberately instigate violence between the various oppressed nations in the country. Although the ‘divide-and-rule’ tactics have been adopted by all oppressive rulers all over the globe, the tactics of the current regime in Ethiopia differ in one key aspect. They are aimed at driving a wedge between the most closely related peoples and communities. The regime has done this between the two Kush cousins, the Oromo and the Sidama people, time and again seriously undermining their basic human dignities and democratic rights.

The Oromo and the Sidama people are culturally, ethno-linguistically, socially, geo-politically & morally intertwined nations. The two largest Kush cousins also share similar ancestral origins and large expanse of territorial boundaries. The alliance between these two sisterly nations is founded on historical roots, therefore, it is unshakable. Moreover, the Oromo and the Sidama nations are fundamentally democratic and egalitarianism societies, and govern their respective nations by using their traditional democraticGadaa and Luwa systems, respectively. Both nations use the aforementioned noble socio-cultural and politico-economic heritages as the pillars of genuine democracy, just and fairness.

The successive Ethiopian regimes are aware of the unshakable power the Kush brothers can galvanize if they are left to freely and peacefully exercise their rights.  For these simple reasons, the successive Ethiopian regimes have done what they could to instigate wars between the two cousins under various pretexts although their successes have been limited to the actions of uninformed immoral messengers sent out by these regimes to do their dirty jobs in both Oromia & Sidamaland. Due to such tragedies instigated sadly by the current regime, several lives have been unnecessarily lost in the past 23 years from both Sidama and Oromo people. However, our noble elders from both nations have effectively foiled the repeated plots of the current regime time and again. In spite of the repeated attempts by the current regime to divide the two brotherly nations permanently, our beloved nations have managed to maintain peace and harmony, and centuries old unity. However, this has never been palatable to the current regime. The regime is once again playing its dirty game of instigating further conflict between the two nations. Cognizant of the significance of the Oromo-Sidama alliance on its political future, the TPLF regime is sending out its messengers to fuel further instability in the neighbouring lines of the Sidamaland and Oromia.

In the Angettuu district of the Bale zone in the Oromia, the Sidama and the Oromo made their unity reality by cooperation and living together for centuries. In this very region, where both peoples peacefully and harmoniously live together, TPLF’s messengers are currently sent out to instigate hatred between the two. However, they weren’t successful in doing so as both peoples fully understand the regime’s divide and rule tactics. When the Oromo elders and the wider community refused to create any disagreements with their Sidama cousins, the TPLF’s Oromo messenger cadres themselves began burning the houses of Sidama residents by demanding the Sidama people to completely vacate the area. The situation remains tense where over 40 Sidama houses have been burned to ashes by the TPLF’s Oromo messengers when the Oromo people refused obeying their orders.

Similarly, repeated previous attempts of the regime have been foiled by the normalising actions of noble, wise and farsighted elders of both Oromo and Sidama nations. As the Oromo and Sidama are working hard for genuine political alliances, both within the country and in Diaspora, the regime feels extremely anxious and restless. Cognizant of the likelihood of the creation of a significant political alliance, the regime is working day and night to destabilise both nations.

Therefore, we call upon the peoples of both nations to be extremely vigilant and unconditionally reject the regime’s divide-and-rule tactics by sticking together to further our struggle for liberation.

We also call upon both nations to stick to our traditional values, and stand shoulder to shoulder to fight our common enemy which is robbing our dignity and pride by uprooting our peoples from their lands and incriminating those who demand for their rights. We also urge the TPLF Oromo cadres to stop burning the Sidama houses for the political gain of the regime in power.

Oromo Liberation Front (OLF) & Sidama Liberation Front (SLF)

July 20, 2014

XIIQII FI HADHEEFFACHUU BARACHUUN DIRQAMA KEENYA !

Aside

EENAA Y.G(2005)

barruuNama Oromiyaa keessatti guddatee amma Biyya alaa jiru tokko qeeqa naa dhiheesseen, barruu har’aa eegala. Kanaan duras waan kana kaaseen jira. Namni kun Bilisummaa keenya ni deeggara. Garuu Daandii bilisummaa keessan isinumatu ofitti dheeresse jedhee kulkulfatee dubbata. Baayyina keessan kana humnatti jijjiiruu qabduu nama jedhuudha. kana gochuu hanqachuu keessaniin “gartuu bicuu sanaaf ”carraa waggaa 23 kennitaniif jedha. Namni kun dhimma Oromoo fi Oromummaan maal akka taate, Nama ofitti amanee ibsuu danda’uudha. Akka tasaa wayita na arguu Namuma waliin beeknu garuu ammatti nu bira hin jirre na gaafata. waa’ee amala isaa fi gaarummaa isaa naa himee, “Kolfuu, Taphachuudha”amalli isaa. Waan “Aaruu fi Haloo” namatti qabachuu waa tokko hin beeku, jedhe. Anis afaanumaa fuudheen eeyyee dhugaadha jedhee itti fufuuf jennaan, harkumaan akkan callisu natti himaa haasaa itti fufe. Anis hayyee jedhee dhaggeefachuu itti fufe. XIIQII FI HADHEEFFACHUU BARACHUUN DIRQMA KEENYADHA !!.docx

Aside

Qeerroo Edit

 

Tokkoomuu ABO fi Qaama Ce’umsaa ABO Irratti Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Adoolessa 19,2014

Nuti gareen hoggana Qeerroon Bilisummaa Oromoo labsa tokkoomuu ABO fi Qaama Cee’umsaa ABO gidduutti mirkanaa’ee jiru yeroo dhageenyutti gammachuu guddaatu nutti dhagaa’ame. Ammaan dura waggoota muraasaaf wal hubatnoo dhaba ABO gidduutti mudatee turetti gaddaa kan turre, yeroo ammaa rakkoon jiru karaa nagaa furamee tokkummaan ABO jabaatee waliigalteen tokkummaa mallatteeffamuun hoggansii ABO qaama tokko jalatti deebii’uun milkii guddaa fi injifannoo boonsaa ta’uu Qeerroon  dinqisiifachuun ibsa armaan gadii dabarsee jira.

  1. Bakka buutonni Qeerroo bilisummaa Oromoo Godina Oromiyaa bakkoota gara garaa keessatti FDG bifa qindaa’een qabsiisuun abbaa irree Wayyaanee waawwachisa yeroo jirrutti ibsa tokkoomuu ABO fi qaama cee’umsaa ABO yeroo dhageenyu hedduu gammadne.ABO’n gaachana uummata Oromooti. Uummanni Oromoos dhaaba kana ni jaalata, ni kabaja, yeroo ammaa kanatti uumata Oromoo Oromiyaa keessa jiru biratti ABO jechuun mallattoo eenyummaan Oromoo fi Oromiyaa itti beekamu ta’uu irraan ummati Oromoo akka eenyummaa isaatti ilaala.ABO’n uummatni Oromoo gita bittaa kam jalaa iyyuu ba’ee mirgii namoommaa fi mirgii dimookiraasii kabajameefii mirgi abbaa biyyummaa uummata Oromoo mirkanaa’ee Oromoo fi Oromiyaan akka wal simatan dhaaba uummata Oromoo fedhii uummata Oromootiin hundeeffame jarmiyaa ulfina qabeessa Oromoon itti amanudha. Kanaaf rakkinni hogganoota dhaaba kana gidduutti mudatee ture karaa nagaan furamuun jijjiramni siyaasaa fi wal danda’uu guddaan dhaabicha giddutti uumamuun jijjirama siyaasa Oromoo waan ta’eef labsa tokkomuu ABO kana dachaan kan deeggaru ta’uu hoogganni Qeerroo bilisummaa Oromoo gammachuu itti dhaga’amee jiru ibsata.

 

  1. Jijjiiramni siyaasaa ABO keessatti yeroo amma mallatteeffamee jirutti ija gochuuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo wareegamaa barbaachisuu itti fufinsaan kanfaluuf qophii ta’uu ibsuun nuti Qeerroon bilisummaa Oromoo qabsoo eegallee jirru daran jabeessuun kan itti fufnu ta’uu ejjeennoo keenya sochiin kan mul’ifnu ta’uu ni hubachiifna.

Guutummaa Ibsa Qeerroo dubbisuuf: – Walii Galtee ABO Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adoolessa 19 2014

Aside

Timeless Words-Milkeessaa Gadaa – Mandi1992

Manni murtii waliigala Oromiyaa ol iyyaannoo Oromoota mana hidhaa Amboo keessatti hidhamanii ilaaluun mirgii wabii isaanii qarshii 1000’n akka eegamuuf kan murteesse humni Poolisa fi loltoota Wayyaanee guutummaatti dura dhaabbachuun murtii dhadacha Oromiyaa fashalsuun Oromoota hidhaatti deebise.

Aside

Q NEWS3AAGabaasaa: Adoolessa 18,2014 , Manni Murtii Waliigala Oromiyaa ol iyyaannoo Oromoota mana hidhaa Amboo keessatti hidhamanii ilaaluun, mirgii wabii isaanii qarshii 1000’n akka eegamuuf muteessuullee Mootummaan abbaa irree Wayyaanee humna waraanaa fi qawweetti amanaa jiru, Murtii manni murtii waliigala Oromiyaa murtees hin fudhadhu jechuun ilmaan Oromoo akka hidhaa irra hin gadhiifamne humna loltuu, tikaa fi poolisa of harkaa qabuun dura dhaabbachaa jira.‏

Sochii FDG Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruun wal-qabatee FDG karaa nagaa uummaatni Oromoo Godina Lixa Shawaa diddaa sirna abbaa irree irratti gaggeessa jiru jabeessuun mootummaan faashistii Wayyaanee nu hin bulchu jechuun karaa nagaa uummata sagalee diddaa dhageesisaa jiru irratti mootummaan Wayyaanee baatii Eblaa irraa eegaluun hanga ammaatti uummata Oromoo hidhuu, ajjeessuu, ukkamsuun gara dabarsuu, madeessuu fi gochaa diinummaa uummata Oromoof qabu mul’isuuf jecha jiraachun beekamadha. Ilmaan Oromoo badii tokko malee jumlaan ukkanfamanii mana hidhaa wayyaanee Magaalaa Amboo fi naannoo isheetti argamanitti galfamani utuu mana murtiitti illee hin dhiyaatiin dararama kan jiran ta’uun ibsamera.

Haa ta’uu malee kaka’umsaa fi dammaqinsaan hoggansii Qeerroon Bilisummaa Oromoo dhihaa Oromiyaa uummataa fi Maatii hidhamtoota ilmaan Oromoo cina dhaabbachuun uummata keenya hidhamanii dararama jiraniif ol iyyaannoo gara mana murtii waliigala Oromiyaatti dhiyeessuun torbee darbee keessa ilmaan Oromoo seeraan ala hidhamanii dararamaa jiran erga hidhamanii gariin isaanii utuu mana murtiitti hin dhiyaatiin baatii sadii oliif hidhamanii dararamaa waan jiraniif haalduree tokko malee mirgii seeraan qaban eegamee akka gadi lakkifamanii fi akka mirgi wabii isaaniif eegamuuf jechuun ol- iyyaannoon hidhamtoota Oromoo karaa bakka bu’oota isaanii Mana murtii Oromiyaaf dhiyaatee deebii eeggachaa ture.

Manni murtii Waliigala Oromiyaa Iyyaannoo hidhamtoota ilmaan Oromoo itti dhiyaate ilaaluun Adoolessaa 17/2014 Dhaddacha oleen uummaanni Oromoo Manneen hidhaa Godina Lixa shawaa Amboo irraa iyyaannoon dhiyaateef yakka akka hin qabne hubachuun kanneen ol iyyaannoon qaqqabee jiruuf mirgii wabii qarshii 1000 akka eegamuuf ajaja mana murtii waliigala Oromiyaa dabarsuun isaa ni yaadatama.

Garuu dabballootni mootummaa Abbaa irree gaafa afrikaa Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO ‘n humna waraanaa fi hidhatoota dabalachuun akka ilmaan Oromoo kamuu mirgi wabii isaanii kanneen eegameefii jiru, hin gadhiifnuu jechuun daraaraan itti caaluu ibsamee jira. Kana malees ilmaan Oromoo yeroo amma mana hidhaa kalchallee Ambootti hidhamanii jiran mirgii wabii isaanii afaan qawween sarbamee jira. Humnootni waraanaa, Tikaa fi poolisootni dabballee abbaa irree Wayyaanee ta’aan ilmaan Oromoo akkan hin hiikamne afaan qawween ajaja mana murtii Oromiyaa dura dhaabbatan. Haallii kun uummata daran kan aarsee waan ta’eef uummaanni manni murtii Oromiyaa aangoo hin qabuu?? Jechuun FDG irratti kaachisuuf qophii cimaa irratti argama. Magaalaan Amboo fi manneen hidha Amboo keessatti argaman humna waraanaa guddaan eegamaa jiru. Ilmaan Oromoo mirgii wabii eegaamee fi jiruu atattamaan yoo kan hin gadhiifamnee ta’ee rakkoon ulfaataan mmootummaa abbaa irree Wayyaanee akka mudachuuf jiruu poolisootni ilmaan Oromoo sabboontota ta’an ibsaa jiru.
Mootummaa wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO olaantummaa seeraatti hin amanne, mirga namummaa fi dimookiraasii afaan qawween nurra mulqaa jiru angoo irraa maqsuuf yeroon gamtaan qabsoo FDG finiinsan amma,waamicha FDG dhiyeenyatti hoggansii Qeerroo bilisummaa Oromoo godina dhiha Oromiyaa dabarsuu hordofuun, uummaanni Oromoo qotee bulaan, dargaggoonni, barattootni, barsiisotni, daldalaan, hojjetaan mootummaa, dafqaan bultootni, poolisootni , fi hidhattootni dhalootaan Oromoo taatanii fi sabboonummaan Oromummaan isinitti dhagaa’amu FDG keessatti hirmaachuun ga’ee keessan akka gumaachitan hoggansii qeerroo
bilisummaa Oromoo waamichaa lammummaa isiniif dabarsaa jira.
 

SBO Adoolessa 20 Bara 2014 Oduu – Dokumentarii Fiilmii wayyaaneen itti jirtu irratti gabaasa dhihaate – Gaaffii fi deebii Miseensa GS-ABO Jaal.Daani’eel Disaasaa waliin godhamee fi qophiilee biroo

Aside