Barattooti Oromoo .Ayyaana Sabaa fi Sab-Lammii Wayyaanee Irratti Gaaffii Mirgaa Kaasuun Gochaa Sirnichaa Dura Dhaabbatan.

Aside

 Gabaasa Qeerroo Muddee 09,2014

Asoosaa BeeneshanguAlaabaa konkl Gumuz ,Muddee 7/2014 Godina Beenishaangul Gumuuz Magaalaa Asoosaa bakkaa Wayyaaneen ayyaanaa sabaa fi sab-lammoota kabajan jira jechuun ololaa jiranitti goototni barattootni Oromoo fi lammiileen cunqurfamoo biyyatti Yuunibarsiitii Asoosaa wallee warraaqsaa irratti wallisuu fi roorroo dhageessifachuun mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachuu eegalan. Barruuleen warraaqsaa haalaan bittinneeffaman. Qeerroon barattootni Oromoo wallee warraqsaan ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo faarsan.

Muddee 6/2014 Irraa Egaluun Gootootni Qeerroon  barattootni Oromoo fi barsiisotni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa shira Wayyaanee irratti dammaquun Guyyaan ayyaana sabaa fi sablammoota kun uummataa Oromoo fi lammiiwwaan Cunqurfamoo biyyatti hin ilaallatu jechuun diddaan waan dura dhaabbataniif jecha Mootummaan Wayyaanee human Poolisii federaalaa fi human waraanaa bobbaasuun magaa Jimmaa fi Mooraawwaan Yuunibarsiitii Jimmaa fi kolleejjii barsiisota Jimmaa irratti eeggichi haalan jabaate gochaa jira.

Yuuniversitii Jimmaa , Addaatti immoo Goototni Barsiisotni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Muddee 6/2014 mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa  mooraa Agriculture keessatti humnaan walitti qabamani akka guyyaa ayyaanaa sabaa fi sablammii Wayyaanotaa irratti yaada kennaniif dirqamuun galma moorichaa lafa barsiisotni, hojjettootni Yuunibarsiitichaa fi bulchiitootni magaalaa Jimmaa fi Godina Jimmaa dabballootni Wayyaanee jiranitti biyyaatti keessatti sirna mootummaa dhufaa darbaa keessa kan Oromoof qajeele tokko illee akka hin jirre bifa gahaa ta’een ibsame.

Kana malees mootummaan Wayyaanee humnaa fi dirqamaan guyyaa ayyaana sabaa fi sablamoota jechuun ololaa jiru kana Aanota Godina Jimmaa keessatti akka kabajamuuf dhiibbaa guddaa kan gochaa ture diddaa uummatan duraa fashalee jiraachuu qeerroon gabaasa. Uummatni Oromoo ibsaa fi sochii qabsoo warraaqsaa FDG itti jiru dabarsaa jiruun walqabatee uummatni Godinichaa Aanoota kanneen akkaa, Limmuu Saqaa, Limmuu Koosaa, Geeraa, Gaatiraa  fi Aggaaroo fa’aa irratti uummatni olola wayyaanee kana irraa qooda fudhachuu diduun mormii guddaa sirna nama nyaataa Wayyaaneef qabachuu mul’isan.  Akkuma godinichaatti dabballotni Wayyaanee karaa ETV fi radio isaanii olola gaggeessan dhabuun muddama guddaa keessa galuun guyyaa har’aa muddee 8/2014 galgala kana dhoksaan mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti kabajuuf yaaliin godhamus Qeerroon goototni barattootni Oromoo wallee warraaqsaa itti qabsiisuu eegallaan dabballootni Wayyaanee soda keessa galuun sagantaa eegalan addaan kutuun kan dhaaban ta’uun mirkanaa’era.

Yuunivesitii Wallaggaa,   Mudde 7/2014 Goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaas guuyyaa ayyaana sabaa fi sablamoota biyyattin kabaja jira jechuun wayyaneen ololaa jirtu , gammata barattoota Oromoo jabeessuun barri Wayyaaneen 23, xummurtee 24 lakkawwachaa jirtu kun lammiilee biyyattiif bara ukkamsaa, bara rakkinni gama amantaa, siyaasaa fi dinagdee fi hawwaasummaa itti ulfatee fi rakkisaa ta’ee bara nagaa fi nageenyi dhibamee sirni dabballummaa abba irrummaa itti gaafa baase, Addatti bara Oromoon jumlaan itti wareegamee mirgii namummaa fi dimookiraasii ilma namaa itti ukkanfame jechuun barruulee garaa garaa bittinneessuun olola sirni garboomsaa Wayyaanee ofaa jiru balaaleffatan, goototni barattootni Oromoo dame Gimbiis adeemsuma walfakkaatuun olola wayyaanee fudhatama dhabsiisuun wayyaanetti waaroo salphina uuffisan. Mooraan Yuunibarsiitii Naqamtee fi Gimbiis human waraanaan eegama jira.

Haala kanaan mootummaan abbaa irree Wayyaanee EPRDF sochii diddaa fi dura dhaabbannaa shira wayyaanee qeerroon barattootni Oromoo argisiisaa jiran irra yaaddoo fi sodaa guddaa FDG narratti qabsiifame jedhu irraa ka’uun mogaloota gurguddaa Oromiyaa akka Jimmaa, Mattuu, Naqamtee, Amboo fi Finfinnee  human poolisaa Federaalaa fi human waraanaan eegaa jira. Dhaabbileen barnoota Oromiyaa akka Yuunibarsiitotaa fi Kolleejjootni hundinuu poolisii federaalaan eegama jiru. Addaatti mootummaan wayyaanee  human waraana guddaa gara dhiha Oromiyaatti bobbaasuun dandiin  magaalaa Mattuu irra  gara Asoosaa geessuu human loltuun eegaama jira, haaluma walfakkatuun daandiin Wallagga dhihaa Danbii Dolloo, Gimbii fi Asoosaa geessuu human loltuu guddaan irratti ramadamee eegama jira.

Qondaalota Wayyaanee Ayyaana Sabaa fi Sab-Lammiin Dahatanii Yuuniversiti Mattuutti Eergaman Irratti Diddaan Cimaa Barattoota Oromoon Irratti Ka’een Arihamanii Mooraa Gadhiisan.

Aside

diddaa9Muddee 9,2014 Mootummaan Wayyaanee EPRDF olola burjaajii maqaa ayyaana Sabaa fi sab-lammoota kabajna jechaa jiru irratti  gootootni  Qeerroo Oromoo dhabbilee barnoota ol aanoo fi uummatni  mormii guddaan dura dhaabbachuun Wayyaanee Abbaa irree haala yaaddeessaa keessa buusan!!

 Muddee 7/2014 Goototni Qeerroon Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu olola Wayyaaneen maqaa ayyaana sabaa fi sablammoota bifa dhoksaa ta’een galgala aduu dhihaan mooraa Yuunibarsiitii Mattuu galma keessatti kabajuuf yaalii akkuma gochaa jirtuun dabbaallootni Wayyaanee akkuma galma keessatti walitti qabamteen goototni Qeerroon barattootni Oromoo dhagaan galma ololtootni Wayyaanee keessatti walitti qabamte reebuun mooraa keessa arii’uun sagantaan ololaa Wayyaanee fashale.  Biyya mirgi uummata fi lammiilee biyyatti keessatti sarbama jiru, biyyaa dhiigni uummata Oromoo irratti lola’aa jiru keessatti mirga uummataa kabachifne jechuun tuffii uummata biyyattiif Wayyaaneen qawweetti amanu qabudha, kafaafuu olola sobaa dibbee sobaa Wayyaaneen reebdu dhaabbatne dhaggeffachuu hin qabnu jechuun sagantaa Wayyaanee ifatti fashaleessan. Uummatni magaalaa Mattuu tarkaanfii goototni barattootni Oromoo fudhatan kana kan deeggaranii fi hedduu itti gammaduun kan cina dhaabbatan ta’uu ibsatan.

Maqaa Ayyaana Sabaa fi Sab-Lammiin Kabajuun Alaabaan Mootummaa Wayyaanee(EPRDF) Yuuniversitii Madda Walaabuu Marsee Fannifame Guutummaatti Barattoota Oromoon Buqifamee Darbamuu Gabaasi Qeerroo Addeessa.

Aside

Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Madda Walaabuu, Muddee 8,2014

OromiaALutaContinua2011FDGAlaabaan Mootummaa Wayyaanee Kabaja Ayyaana Sabaa fi Sab-Lammii Mooraa Yuuniversitii M/Walaabuu Irratti Kabajamuuf Fannifame,Barattootaan Harcaafame,Mootummaan Wayyaanees Mufachuun Caasaa Isaa Mooraa Keessatti Walgayii Teesisaa Jira!
Muddee 6,2014, irraa kaasee ayyaana sabaa fi sab-lammii jedhamee biyya keessatti habashootaa fi uummata kibbaan kabajameen mooraawwan barnootaa keessatti sochii Qeerroon taasiseen barattoota biratti hin kabajamiin darbuu isaa kan gabaasneedha, haata’u malee gabaasa har’a Mddee 8,2014 nu qaqqabe mooraa Yuuniversitii Madda Walaabuu irraa, guyyaa kaleessaa jechuun Muddee 7,mooraa Yuuniversitii Madda Walaabu keessatti ayyaanni kun akka kabajamuuf caasaadhuma mooraa keessaa qabanii fi barattoota habashaan hucuu aadaa fi sirboota garagaraa kan dhageessisanii fi caalmatti ammo guyya har’a kana itti fufuudhaaf alaabaa Wayyaanee mooraa keessatti fannifame hunda mooraa Yuuniversitii kana keessa kan tamsaasan Qeerroo mooraa Yuuniversitii kana irraa gabaasni nu gahee addeessa.

Barruuleen Qeerroo mooraa keessatti faffaca’anii turan ayaanni sabaa fi sab-lammii uummata Oromoo akka hin ilaallanne jabeessee dhaamsa barattootaaf dabarsaa tureedha, haaluma kanaan barattootni Oromoo mooraa Yuuniversitii Madda Walaabuu halkan edaa alaabaa gabroomfataa Wayyaanee maqaa golgaa Ethiopian fannifatu guutummaatti mooraa Yuuniversitii Madda Walaabuu keessatti bittimfamanii fi rarraafamanii turan bakka hundaa irraa funaanuudhaan, alaabaa Oromiyaa qofa kan hambisan, alaabaan guyyaan kabaja ayyaanaa kun har’a itti fufuuf mooraa keessatti naanna’ee fannifame marti barattoota Oromoo funaanamee bakka buusan kan dhabame yoo tahu, sababa kanaan har’a ayyaanni mooraa kanatti kabajamuuf karoorfame kan hin milkaayin hafee fi alaabonni funaanaman eessa akka galee fi eenyus akka bakka fannifamee buuse beekamuu baatus dhimmi ayyaana kana ilaallatu hafee mootummaan wayyaanee caasaa isaa mooraa Yuuniversitii kanatti qabuu fi bulchaa yuuniversitii kanaa waliin marii guyyaa guutuu kan qabatanii oolan tahuu maddi gabaasa kanaa kan addeessudha, Wayyaaneen kan jedhu mooraa barnoota keessatti barattootni eenyun akka dursamaa, eenyuun akka ajajamaa jiran nuuf hin galle Yuuniversitiilee keessa dhaabni ABO galee diigumsa uumaa jira, biyya keessaas dhaabuma ofii hundeessine dhaaba maqaa Oromoon hundeeffame irraayyuu shakkii qabna, ABOn haala fedha isaan barattoota leenjifate mooraa barnootaa keessa facaasee jira, haalli kun guutummaatti hanga secca’amee qoratamee bira gahamutti barumsatti fufuun barattootaa dhaabbachuu qaba, qaama mooraa barnoota keessa seenee jiru qorachuu qabna, alaabaa mootummaa fannoo irraa buusuun ulfina mootummaa fi biyyaa gadi buusuudha, kun tuffii keenya waan taheef kana irratti yeroo osoo hin kennin waan qoratamuudhaan bira gahamuu qabu bira gahuu qabdu jechuudhaan guyyaa har’aa mooraa yuuniversitii Madda Walaabuu keessatti walgayiin teesifamaa oole, alaabaan fannoo irraa harca’es bakki inni bu’e hin beekamne, kan cirames jira,kan gubates jira, mootummaan Wayyaanee kaan irratti hedduu mufatee akka jiru gabaasni qixa adda addaa irraa dhimma yuuniversitii kana keessatti raawwatameen tahee nu gahaa jira.

Baalee, Aanaa Ginnir Irratti Deggersa Mootummaan Wayyaanee Uummata Gaafate Milkii Malee Hafe.

Aside

Gabaasa Qeerroo Godina Baalee, Aanaa Ginnir irraa, Muddee 6/2014 Uumanni gahee fi dirqama isaa wal faana bahuu qaba kan jedhu mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo Godina Baalee,Aanaa Ginnir irra jiraatu dirqama labse, akka odeessan kun addeessuuti humna hidhaa haaromsaa galmaan gahuudhaaf uummata irraa buusiin walitti qabamuu qaba,uummanni waan argatu irraa mootummaa bira goree kaayyoo isaa kana galmaan gahuun akka dirqamaattis tahe, gaheen uummata irraa eegamu isa kana waan taheef, kaleessa Muddee 5,2014 dhimma kanaaf uummata walgayii teesisuudhaan, mootummaan guddina keenyaaf dhamaati irra jira jedhanii uummata gowomsaa kan turan, caasaan mootummaa wayyaanee godina kana irra jiru erga mootummaa dabarsuudhaaf gara san deeman, uummata irraa deebiin dhimma kanaaf kenname duraan dursa gaaffiin uummata Oromoo fi gaaffiin barattootni Yuunversitii fi koollejjii irratti kaasaa turan deebii haa argatu, mootummaan ijoollee keenya ilaalcha diinummaan ilaalaa akkamiin mootummaa deggeruu dandeenya, barataan keenya utuu hidhamuu, uummanni keenya utuu reebamu, ajjeefamu mootummaa waliin deemuu hin dandeenyu, kanaaf amma waan dhuftaniif nurraa deebii argachuu hin dandeessan isa dura gaaffiin barattootaa deebii argachuu qaba, kan hidhamanillee mana hidhaatii bahuu qabu, yakka malee, waan uummanni Oromoo itti miidhamaa jiruuf deebii isin irraa eegna, mootummaan deebii haqaa fi mirga uummata Oromoo erga kabajee,kabachiisee booda, erga inni mirga isaaf hidhamee booda mana hidhaatii bahe asitti walii galtee irra geenya, hangasittuu gibira kaffaltii waan jedhamu, hidhaa laga abbaayiif jettanii waan nurraa
funaanuuf deemtan waan nurraa argattan hin qabdan, jechuudhaan uummanni deebii kan kenneef namoota muraasa tohannaa jala turse, godina Baalee aanaa Ginnir irratti kaleessa Muddee 5/2014 mootummaan Wayyaanee kaayyoo deemuuf uummata irraa deggersa dhabee,feshelaa’uu gabaasni Qeerroo har’a nu gahe addeessa.

 

Ayyaanni Sabaa fi Sab-Lammii Wayyaaneen Qophaawe Uummata Oromoo fi Barattoota Biratti Hin Kabajamin Oole, Yuuniversitiilee Irrattis Hin Milkaayin Oole!‏

Aside

Muddee 6,2014, Gabaasa Qeerroo
diddaa9Guyyaa sabaa fi sab-lammii jechuun mootummaan Wayyaanee har’a Muddee 6 fi 7,
jechuun har’aa fi boruu naannoo Benishaangul, Asoosaa irratti kabajachuuf deema. Ayyaanni kun Media lee  Wayyaaneen odeeffamuun isaa baatiwwan hedduu kan lakkoofsiiseedha. Guyyaa ayyaana sabaa fi sab-lammoota uummatoota Itoophiya jedhanii kan odeessaa jiran,akkasuma uummanni biyyattii mirga isaa kan kabajame, guddina ariifachiisaa biyyattiin irra jirtuu fi walitti dhufeenya uummata biyyaa kan duraa
irra caale jechuudhaan miidiyaa isaanii kan of harkaa qabaniin ololuun uummata gowomsaa jiru. Haatahu malee odeessa Qeerroo godinaalee garagaraa fi naannoo ayyaanni kun itti kabajame kan baranaa Yuuniversitii Asoosaa irraa nu qaqqabee fi akkasuma Yuuniversitiilee irraa gabaasni nu gahee jiru; ayyaana kana irratti kan hirmaatee fi bobbahe uummata kibbaa fi habashoota irraa kan hafe uummanni Oromoo ayyaana isaanii kan har’aa irratti hin hirmaatin hafee jira, kan uummata oromoo ayyaana kana irratt argaman miseensota OPDO fi hojjetoota mootummaa muraasa irraa kan hafe namni gara san deeme akka hin jirre odeessi Qeerroo kan addeessuudha, kun odeessa gara Yuuniversitii Asoosaa irraa nu qaqqabeedha. Dursa akkuma dhaamnes mootummaan dhimma ayyaana kanaan wal qabsiisee miidiyaadhaan ololuun isaa waan bubbuleedha haatahu malee Qeerroon waraqaalee mooraa Yuuniversitii fi naannoo uummanni keenya heddummatutti kan raabse akka maxxanfamuuf waan gadi buuse keessaa-
– Ayyaanni Sabaa fi Sab-lammii Nu Oromoo Hin Ilaallatu!
– Mirgi Uummata Oromoo Kabajamuun Dirqama
– Nuti Oromoodha, Habashaa Miti!
– Mootummaan Wayyaanee Gabroonfataadha!
– Nuti Oromoon Bilisummaadhaaf Qabsoo Itti Fufna!
– Olola Mootummaa Wayyaaneef Hin Jilbeenfannu!
Akka tamsaasa Qeerroo irraa waraqaan torbee tokko dura naannolee yuuniversitii ayyaanni kun barattootaan kabajamuu qabuuf jala bultii qophiin taasifamaa ture irratti Qeerroon dursuudhaan barruuwwan dhaadannoo olii Yuuniversitiiwwan Madda Walaabuu, Mattuu, Wallaggaa, Amboo, Jimmaa fi Haromayyaatti ergamuudhaan ilmaan oromoo barattoota mooraa Yuuniversitii kunneen keessatti argamaniin maxxanfamuun guyyaa har’aa ayyaanni sabaa fi sab-lammootaa haalaan osoo hin kabajamun hafee jira, waraqaan halkan edaas kan maxxanfamee bule yuuniversitii Mattuu, Madda Walaabuu, Wallaggaa fi Amboo keessatti kan tahe, Yuuniversitiwwan kana keessatti humni waraana halkanuma edaa kan qubatee buleedha.

Odeeffata Mattuu yuuniversitii irraa nu qaqqabaa jiru, humni waraanaa mooraa keessa hanga doormii barattootaatti waan seeneef,barattoonti humni waraanaa mooraa keessaa nuuf haabahu jechuudhaan gaaffii kan kaasan, ayyaanni achirratti akeekame osoo hin milkaayin hafee gara gaaffii barattootaatti deebi’uudhaan wal jeequmsaa fi mooraan keessi tasgabbii tokko malee kan oolee fi ayyaanni sabaa fi sab-lammii kunis daqiiqaadhaaf hin tahin hafe, mootummaan Wayyaanee dhimma filannoof jecha kaayyoo isaa uummataan gahuuf, uummata qabachuuf kan deemuudha, kun mootummaan wayyaanee waan deemuuf waan hubatamaadha. Kanuma dursuudhaan dhaamsi Qeerroon barattootaan, caasaadhaan dabarsaa tureen uummata oromoo biratti har’a ayyaanni kun osoo hin kabajamiin ooleera. Odeessa Qeerroo Yuuniversitii Asoosaa irraa hubatama jirutti humni waraanaa mootummaa Wayyaaneetiin magaalaan sun kan jeeqamee ooleedha, uummata miti kan mul’atu waraana malee, baayina uummataa irra baayina waraana wayyaaneetu caalaa jedhama, kunis shakkii qabu, uummata irraa, barattoota irraa, naannoo sanatti humni waraana WBOs jiraachuu isaa waan shakkaniif sodaa qabanii humna waraanaa heddummeessuu isaanii kan odeessi nu gahe addeessaa jira. Mooraa yuuniversitii Asoosaas humna waraanaan kan eegamee ooleedha, akkasuma yeroo ammaa magaalaaleen Oromiyaa humna waraanaa fi basaastotaan kan dhuunfatamtee jirtuudha jedhu odeessi kallattii adda addaa nu qaqabu, magaalaan Finfinnee fi naannoon ishees baatii sadaasaa irraa kaasee waraanaan marfamteeti kan jirtu, akkasuma yuuniversitii fi koollejjiin waanuma kana fakkaatuudha, mootummaan Wayyaanee nagaa dhabee, hirribas yeroo itti dhabe, haalli yeroo ammaa uummanni oromoo irra jiru waan sodaachiseef sodaan muddamuu isaa waan ifatti mul’ataa jiruudha, gama ayyaana sabaa fi sab-lammii ilaalchisee gabaasni itti fufee kan dhiyaatuudha!