Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Bulee Horaa, Muddee 11,2014
Yuuniversitii Bulee Horaa, addeessu itti guyyoota lamaan dura Qeerroon mooraa Yuuniversitii Bulee Horaa keessaa waraqoota qabsoo balaliituu mooraa keessa tamsaasuun isaa waan yaadatamuudha, akka gabaasni nu gahe ibsaa jirutti waraqaan hedduun kan mooraa keessatti bittimfamee bule mirgi uummata Oromoo haa kabajamu, gaaffiin uummata barattootaa deebii haa argatu, hanga kun deebiin mootummaa biraa itti kennamutti barumsa akka hin baranne, gaaffiin mirgaa deebii kennamuufii qaba jechuun barattootni nyaata akka lagatan.
Muddee 10/2014 barattootni mooraa guutummaan nyaata lagachuudhaan mooraa keessatti gaaffiin uummata Oromoo deebii hanga mootummaan itti kennutti barumsas tahe nageenyaan tasgabboofnee mooraa keessa jiraachuu akka hin dandeenye ibsa kennaa akka turan gabaasni Qeerroo har’a nnu gahe addeessa. Kanumaan itti fufuudhaan motummaan Wayyaanee har’a akeekkachisa kennuuf murtoo keessa kan seenaa jiru barattootni addatti barattootni Oromoo Yuuniversitii keessa jiran fincila kaasuudhaaf waamicha waliif taasisaa waan jiranif dursanii of qopheessuu caasaa isaa mooraa yuuniversitii hundaatti beeksisuun gama caasaa mootumaan dhagayamaa jira, sochiin barattoota Oromoo Yuuniversitii Bulee Horaa keessatti yeroo ammaa adeemsifamaa jiru dhimmoota gaaffii mirga uummata Oromoo kabachiisu fi hidhamtootni akka bahan, lafti Oromoo fi Oromiyaa gurgarmuu fi saamichia akka dhaabbatuuf gaaffii kaasuun kan wal qabate sochiin fincilaa mul’ate hanga uummata naannichaa kaasutti argame, qote bulaanis barattoota deggeruuf of qopheessee ka’u gabaasni nu gahe addeessa.
Muddee 10,2014 Bulee Horaa
Mooraa Yuuniversitii Bulee Horaa keessatti waraqoonni Qeerroo halkan sa’a 7:00 irraa kaasee waraqaa balaliituun darbatamtee, kaanis maxxanfame ture. Tohannaa fi hordoffiin loltoota Wayyaanee rakkisaa bakka ta’e keessatti eda halkan barruulee hedduun mooraa Yuuniversitii keessatti maxxanfamaa turuun gabaasi Qeerroo nu gahe addeessa.
Qeerroon mooraa yuuniversitii Bulee Horaa halkan edaa barataan oromoo mooraa yuuniversitii kana keessaa baratu hanga gaaffiin barataa fi gaaffiin mirgaa kan mirga uummata oromo kabachiisu gaafatamaa jiru kun deebii argatutti nyaata lagachuudhaan diddaa akka mul’isan, barumsas dhaabanii ilmaan oromoo mana hidhaa keessatti dararriin irra gaheen du’aan saaxilamaa jiran kanaaf yeroo itti gadda isaanii mul’isan, gaaffiin barataan kaasee gaaffii uummataa waan taheef haala duree fi soba kan hin dabalanne keessatti mootummaa deebii haqaa akka kennuuf barattoota Oromoo mooraa keessaa kaasuu irratti waraqoota bittimfamantu ture, barattootni ganama ka’anii hedduun osoo hin argin poolisoonni mooraa keessa deemtee funaanaa jiraachuun beekame.
Gabaasa Oduu Gaddaa Mudde 9,2014 Sabboonaan Oromoo Barsiisaa Dirribii Nagaasaa daraaraa(torture) guddaa mootummaan EPRDF/TPLF/n irratti rawwataniin waggaa Sadii (3)oliif Mana hidhaa Wayyaanee Ma’ikalawwii fi Qaallittitti hidhamee dararama kan ture, darara ulfaataa irratti rawwatamaa tureen hakan Edaa hospital Geedootti lubbuun isaa Wareegame.
Sabboonaan Oromoo Barsiisaa Dirriibii Nagaasaa barsiisaa M/B Geedoo Sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inatti muummee barnoota Information Technology barsiisaa kan ture, Sochii warraqsaa dargaggootni Oromoo mirga abbaa biyyummaa Uummata Oromoo kabachisuuf gaggeessan keessatti ga’ee guddaa taphachaa kan turee fi sabboonaa Oromoo mirgii namummaa fi dimookiraasii uummata Oromoof kabajamuu qaba jechuun soda tokko malee gaaffii mirga abbaa biyyummaa finiinsa turedha.
Gootichi Oromoo barsiisaa Dirribii Nagaasaa bara 2010 carraa barnoota Mastersii argachuun Yuunibarsiitii Adaamaatti damee barnoota Information Technology tiin carraa barnoota Mastersii itti fufee barachuu utuu jiruu mootummaan abbaa irree Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n humnoota tikaa isheen bara 2011 ukkamsuun FDG qindeessa jirta, sochii warraqsaa Qeerroo bilisummaa Oromoo qindeessaa jirta, ABO waliin hidhata guddaa qabda jechuun ukkamsuun mana hidhaa Wayyaanee gidduu galeessatti darbame humnoota tikaa Wayyaaneetiin daraara(Torture) guddaan waggaa tokkoo oliif irratti fudhama turuu yeroo irraa gara yerootti gabaasaa turuun keenya ni yaadatama. Wayyaaneen gooticha Oromoo barsiisaa Dirribii Nagaasaa waggaa tokkoo oliif maa’ikalawwiitti dararaa turuun, waggaa lamaa oliif immoo Mana hidhaa Qaallittiitti daraaraa turuun yeroo garaagaraa gabaasa kan turredha.
Mana hidha Qaallittittis haalan dararaa ulfaatan kan irratti gaggeeffama ture yoo ta’uu, dararama ulfaata irratti rawwatameen akka malee dhukkubsatee achii keessatti lubbuun isaa illee haala sodaachisaa irra turuu gabaasa turre, mootummaan Wayyaanee barsiisaa Dirribii Nagaasaa Waggaa Sadii(3) oliif erga dararaa turtee booda ganna darbe Hagayyaa 2014 keessa mana hidhaa qaallitti irra kan gadi lakkise utuu inni du’aa fi jireenya giddutti dararama jiruu ta’uun beekamadha. Gootichi Oromoo barsiisaa Dirriibii Nagaasaa erga mana hidaa Wayyaanee irraa ba’ees guyyaa tokko boqonnaa hin argannee dararama waayyaneen irratti rawwatteen haala fayyuu hin dandeenyee fi yaaddessaa keessa turuun halkan edaa galgala Hospitalaa Geedootti lubbuun isaa Wareegamee jira.
Yeroo ammaa kana reeffii Gooticha Oromoo barsiisaa Dirriibii Nagaasaa ganda dhaloota isaa Aanaa Calliyaa Magaalaa Baabbichaa gara maatii isaatti galee kan jiru yoo ta’uu, Sirni awwaalcha gooticha Oromoo barsiisaa Dirribii Nagaasaa guyyaa boruu Aanaa Calliyaa Magaalaa Baabbichatti kan gaggeeffamu yoo ta’u, sirna Awwacha isaa kana irratti argamuuf uummatni Oromoo, dargaggootni barattootni Oromoo fi barsiisotni Oromoo godinaalee Oromiyaa garagaraa fi dhaabbilee barnootaa garaagaraa irra gara kanatti adeemaa jiru, uummatni kumoota dhibbootan lakka’amuus guyyaa boruu magaalaa Baabbichaa irratti sirna gaggeessa gooticha Oromoo kanarratti akka argamuuf jiruu ta’uun haalaan eegamaa jira.
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee yakka ofiin dhala Oromoo irratti dalage kanan soda guddaa keessa seenuun Magaalaa Amboo hanga Magaalaa Geedootti human waraanaa guddaa ramaduun magaalotni Amboo, Gudar, Tokkee Kutayyee, Baabbichaa, Geedoo, Ijaajjii fi Baallammiin waraanaan qabamtee jirti.
Haaluma kana ilaalchisuun Qeerroo bilisummaa Oromoo dararaa ulfaataa gooticha Oromoo barsiisaa Dirribii Nagaasaa irratti rawwatamaa turee fi Wareegamuu gooticha kanaaf gaddaa ulfaataa itti dhagaa’amaa jiru dargaggoota Oromoofi uummata Oromoo hundaaf ibsaa jira. Bilisummaa uummata ofii kabachiisuuf warregamuun darqama qabsoo keessatti goota mudatu waan ta’eef saba ofiif wareegamuun gootummadha, barsiisaa Dirriibii Nagaasaa wareegama gootummaa baase, qabsa’aan ni kufa qabsoon itti fufa jechuun dhaamsa ilmaan Oromoo bakka jirtan hundaa sirna gaggeessa gooticha Oromoo kanarratti akka argamtan jechuun dhaamsa dabarsuun, kanneen fageenyii fi haalli isin hanqisee qabsoo bilisummaa Oromoo goototni qaaliin irratti wareegamaa jiran galmaan geenyee bilisummaa keenyaa akka gonfannuuf FDGtti akka jabaattan jechuun dhaamasa gaddaa dabarsee jira. Gabaasaan sirna awwaalchaa fi Seenaa gooticha Oromoo barsiisaa Dirribii Nagaasaa kan itti fufuun isiniif ergamu ta’uu ni hubachiifna!!
Waggoota qabsoo Oromoo lakkoofsisaa har’a gahan keessatti, waggaa dhufaa darbaa bara itti sobni dhugaa caalee umurii isaa dheereffatee har’a gaheen, uummata Oromoo afaan faajjeessuudhaan mootummaan wayyaanee aangoo isaa dheereffate har’a gaheera. Uummanni Oromoo kan hubatee jiru eessattis tahu yoomiyyuu mootummaan wayyaanee sobaan dahatee, humnatti fayadamuudhaan, horiittis hirkachuudhaan uumata Oromoo gowomsaa, hidhaa ajjeessaa har’a gaheera, waggaa dhiyoo asitti waaree jaal Laggaasaa Waagii wareegamee kaasee caasaan mootummaa Wayyaanee gara lixa Oromiyaa jiran doorsisaa fi oftuulummaan itti dabalamee uummata irratti roorrisuun nii kaasuu guyyuudhaan dabalaa dhufe, uumataanis ABOn hin jiru, kan jiruyyuu kunoo ajjeesne, jechuudhaan uummata sobuun hojii isaanii fardii ture, waan namni itti amanee mana isaa keessaa mallattoo fi dhiigni isaas dhaaba ABO faarsu maqaa hadheessuudhaan, maqaa balleessuudhaan uummatan dhaabni akka jibbamu taasisuu isaanii hojii isaanii duraati kun waan hubatamaadha.Ibsaa fi Ejjennoo Qeerroo Wallagga Qellem,Aanaa Jimmaa Horroo