Category Archives: Oduu/News
Mudde 27,2014 Raadiyoo Sagalee Oromoo /Gaaffii fi Deebii Hayyuu Duree ABO Obbo Daawud Ibsaa Waliin Taasise
Aside
Mudde 26,2014 Halkan Yuuniversitii Walqixxee Keessaa Barattooti Oromoo 40 ol Loltoota Wayyaaneen Ukkaamfamuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Gabaasa Qeerroo Muddee 27,2014
Muddee 26,2014 Godina Kibba Dhihaa Oromiyaa Yuunibarsiitii Walqixeetti Mootummaan abbaa irree EPRDF Wayyaanee barattoota Oromoo fi Amaaraa gidduutti rakkoo uumeen jeeqamsa kaasuun waraana mooraa Yuunibarsiitii seenee barattoota Oromoo goolaa jira.
Mootummaan abbaa irree shiraan umrii aangoo isa turfacha ture barattoota Oromoo fi barattoota saboota biroo walitti diruun ilmaan Oromoo barbaadu keessa guuree maqaa walitti bu’iinsan hidhuuf karoorfatee socho’aa jiru, Qeerroon barattootni Oromoo dura dhaabbachuun akeekaa wayyaanee fashalsuu irratti xiyyeeffatan. Yakkamtootni ilmaan habashaa ergama Wayyaanee fudhachuun waldhabdee hin barbaachifne dhaluu barbaaddan yeroon yoo gochaa diinuummaa fi ergamtummaa wayyaanee irraa of hin qusatne rakkoo haama keessa kan of galchaa jirtan ta’uu hubachiisuun, Qeerroon barattootni Oromoo walitti bu’insa barattoota Oromoo fi saboota biroo gidduutti dhalatuuf mootummaan ERDF Wayyaaneen itti gaafatama ta’uu jabeessine hubachiifna.
Shira dabballooti Wayyaaneen uuman kanaan walqabatee ilmaan Oromoo badii tokko malee Yuunibarsiitii Walqixee keessa halkan humna waraanaa fi poolisaa Federaalaa Wayyaaneen ukkanfaman keessa kanneen maqaa isaani nu qaqqabee jiru
1.Barataa Yaadasaa Mirreessaa
2.Barataa Qalbeessaa Iddoosaa
3.Barataa Abarraa Xaafaa
4.Barataa Wagayyoo Nugusee
5.Barataa Abbabaa Balchaa
6.Barataa Jirra Nuus
Kanneen jedhaman kan keessatti argaman barattootni 40 olitti lakka’aman halkan humna waraanaan ukkanfamuu maddeen keenya Yuunibarsiitii Walqixxee irraa gabaasuun, Qeerroon barattootni Oromoo shira Wayyaanee dura dhaabbachaa jiraachuu ibsatan.
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Mudde 26, 2014 / Oduu fi Gabaasa Dhimma Walgahii Artistootaa
Aside
“Wareegamee Lubbu Itti dhabuu illee…… ” Wallee Haaraa Sabboontuu Biyyashii Fufaa B / 2015
Aside
Filmaata Dhufu Mohachuu Sababa Jedhuun Mootummaan Wayyaanee Projektii Daandii, Ibsaa fi Yuunniversitii Hundeessuu Jedhchuun Karoora Bakka Hin Geenye Baase Irratti Uummatni Hirmaachuu Dide.
Aside
Gabaasa Qeerroo Qellem, Jimmaa Horroo, Muddee 26,2014
Filmaata Dhufuuf Mohachuu Sababa Jedhuun Mootummaan Wayyaanee Projektii Daandii, Ibsaa fi Yuunniversitii Hundeessuu Jedhchuun Karoora Bakka Hin Geenye Baase Irratti Uummatni Hirmaachuu Dide. Abdii Dhabuudhaniis Hojiin Ibsaa Galchuu Karatti Hafe.
Diddaan uummataa Oromiyaa godinaalee garagaraa keessatti haala wal hidhataan finiina jiraachuun kallattii adda addaan Qeerroon gabaasaa
jira,Mootummaan Wayyaaneen yeroo ammaa dhimma filannoon wal qabsiisee uummata garaa laaffifachuudhaaf ummata biyattii qabachuudhaaf caasaa qabutti dhimma bahee filannoof qophii gochuutti jira, carraan filannoo inni gara uummata oromoo irraa qabu yeroo ammaa yaaddessaa fi akka hin filamnes waan shakkuuf,kanas maaliin uumatatti dhiyaachuu akka qabu karoora keessa waan galcheef uummata Oromoo qabachuudhaaf uummataaf waan gaarii hojjechuu, keessattuu uummata baadiyaa keessa jiraatuun filatamuudhaaf inni guddaan irratti xiyyeeffatee caasaa qabuun hojii eegalee jiru misooma daandii hojjechuu ,projektii ibsaa galchuu fi mana barumsaa olanaa kan akka yuuniversitii babal’isuu jedhu uumataaf waadaa seenuu irratti torbeewwan kana keessa kan eegale, godina Qellem kanneen akka aanaa Jimmaa Horroo, Anfilloo, magaala Dambi Doolloo,Qeebbee, keessatti duula kana irratti namoota isaa bobbaasee mootummaan uummataaf ibsaa galchaa jira, daandii baasa jira waan taheef sirna bulchiinsa isaa aangootti fayadamee har’a gahe kana isa baasuu diduu hubatee gara sobaan fakkeessaadhaan yaada uummataa argachuutti kaayyefatee caasaa OPDO keessaa kanneen dhalootaan oromoo hin tahin, uummata Oromoo gidduutti kan guddataniin dhimma bahuueegalee akka jiru gabaasni Qeerroo lixa Oromiyaa Qellem, Dambi Doolloo irraa addeessa.
Aanaa Jimmaa Horroo keessatti torbee kana kan hojjetamaa jiru hojii ibsaa galchuu irratti kan bobbahan, humna uummataatti fayadamee projektii ibsaa kana yeroodhaan akka xumuramuuf uummataaf waamicha taasise keessatti uummanni aanaa kana keessa jiraatu hojii isaanii lagachuu fi argamuu diduun, kaayyoon mootummaa Wayyaanee nuun nun fayadadu, uummata Oromoos wan fayadu hin qabu kan jecha uummata irraa dhagayaniin abdii uummata irraa dhabanii isa kaayyefatan daandiitti gubbaatti feshelaa’ee hafe, ammas taanan uummanni kan jedhu filannoon keessan jala geenyaan ibsaa galchitanii, kaleessa ijoollee keenya ajjeeftani, hojii irraa ariitani jechuudhaan Muddee 20 irraa kaasanii duula mootummaan wayyaanee uummata oromoo keessatti filatamuuf jecha hojii sobaa eegale uummataan feshala’aa jiraachuu godina Qellem, aanaalee garagaraa irraa dhagayamaa jira. aanaa kana keessatti uummatni Qote bulaan Qeerroo waliin jiraatee diddaa waan jabeesseef, akkasuma hojiin Wayyaaneen caasaa isaan uumata keessatti dalagu dhoksaattis tahe mul’inatti ifatti bahaa waan jiruu kana hunda hubachuu irraan uummatichi ABO dha jechuu eegale, qorachuufis uummata kana kan qoratee dhiisu wallaaluu gama caasaa caasaa mootumaa godina Qellem irraa Qeerroo qaqqabuun gabaasni nu gahaa jiru addeessa. Haaluma kanaan tokkummaan uummataa Qeerroo waliin cimee kan jiru tahuu isaa kunoo gabaasonni Qeerroo lixa oromiyaa, Qellem irraa nu gaha jira.
Sagalee Seife Nebelbaalii fi Simbirtuu
Aside
Barruuleen Waamicha Qabsoo Magaalota Oromiyaa Adda Addaa Keessatti Tamsa’uu Itti Fufe.
Aside
Gabaasa Qeerroo Finfinnee,Mudde 25,2014
Waraqaan waamicha qabsoo bilisummaaf gaafa guyyaa Mudde 24 bara 2014 irraa eegalee Oromiyaa bakkoota garaagaraatti faca’uu eegale Mudde 25,2014 itti fufuun magaalota Oromiyaa fi baadiyyaalee keessatti bal’inaan faca’uu itti fufee jira. Akka odeessa gumaa’ee nu qaqqabetti, waraqaan kun magaalota Oromiyaa kan akka Amboo fi naannoo ishii, Giincii, G/Baraat, Jalduu, Geedoo, Naqamtee fi naannoo ishii, Waayyuu fi naannoo ishii, Walisoo, T/Boolloo,G/Gurraacha,Fiichee fi naannoo ishii, dhaabbilee barnootaa ol’aanoo garaagaraa kan akka Yuuniversiitii Finfinnee, Amboo, Walisoo, Wallaggaa fi akkasumaas kan bakkoota adda addaatti fac’aa jiraachuu gabaasni nu qaqqabe addeessa.
Faca’uu waraqaa waamichaa kanaan wal qabatee mootummaan abbaa irree Wayyaanee shororkaa keessa galuun uummata waraqaa kana dubbisu humnaan akka hin dubbifne irraa bittimsuu fi waraqaalee faca’an kanneeniis irra deemuun funaanaa jiraachuus odeessi nu qaqqabe addeessa.
Gaaffiin Aartistoota Oromoo Ergama Qondaalota ODPO Fudhatma Dhabsiise.
Aside
WAYYAANEEN NACAQASSI !
Aside
Mudde, 25,2014
Oromumaan keenyaan biya iraa baqanee.
Yakka taka malee Oromiyaa irraa fagaannee,
Kino haga araa biyyatti hindeebinee.
Lammi irraa addan baane,
Firaan addan banne,
Ollaan addan banne.
Kino haga araa Oromumaaf jeenne,
Akka ilmaan shibiraa adunyaa iraa facaanne.
Hayyottin Oromo maaf biya baqattan,
Baratton Oromo maaf biya baqattan ,
Goottonni Oromo maaf biyyaa baqattan?
Maalifissi hidhaman,
Maalifissi tumaman ,
Maalifissi ajeefaman?
Biya keessa kan jiran?
Mee yakka maal qaban?
Gutummaa Walaloo Haftaamuu Dubbisuuf:- Wayyaaneen Na Caqasi







