Category Archives: Oduu/News
Madda Walaabuu Media Foundation (MWMF) will start English program
Aside
3 January 2015
Oromo Voice Radio (OVR) English Service will be launched on 5 January 2015, every Monday for 15 Minutes from 7:15-7:30 pm Oromia Local time. For the start OVR English Service program will be aired once a week, and with time it hopes to increase the time length and scope of the program.
MWMF is a non-governmental, non-partisan and non-profit organization, incorporated in Washington, D. C. (USA) and Melbourne Australia.Founded in 2013 by a broad based collective of human rights advocates, civic society leaders, journalists and community members who are committed to the principles of democracy, human rights, freedom and justice, the MWMF provides an independent voice for the Oromo people and other voiceless communities of the Horn of Africa, including the Diaspora communities from the region.
The MWMF envisions that providing public education through its media outlets will enhance knowledge and appreciation about the true nature of the Oromo society and also the interest and its neighbours. MWMF’s pride is our common bond, aspirations, achievements and the desire to be a positive voice in the global society.
The OVR English Service program is designed to address issues that impact on the daily life of Oromo people and its neighbours in the Horn of Africa. It broadcasts 15 minutes English Program every Mondays at 7:15 PM local time at 16 MB or 17850 kHz.
For further information please call Mr. Aliye Geleto Anota on 61422602204 or email mwmfdirector@gmail.com
Sagalee Seife Nebelbalaalii fi Simbirtuu Qophii Eegala Amajjii 2015
Aside
BIDDEENA NAMA QUUBSU, EELEE IRRATTI BEEKU !!!!
Aside
SEENAA Y.G (2005) – Kutaa 2ffa | Amajjii 3, 2015
Bara 2015, 1ffaa-,waan keessa keenyatti rakkoo uumuu danda’an hunda irraa fagaachuu fi Qabsoo ofii tikisuun, waan kaleessa nu diigee yk wal-afoo ykn wal-dura nu dhaabe, shira diinaa fi fira fakkaattootaa irraa ofi fi qabsoo tikifachuun, 2ffaa- dhukkuba taa’aanii Hawwuu keessaa baanee, Wareegama waa maraa kafallee, Bilisummaa Ummata keenyaa dhugoomsuuf, Humnaa fi dandeettiin akkasumas, Beekumsaan qabsoo kana tinnisuu, deeggaruu, kan danda’u qaamaan keessatti argamee, kan hin taaneef waan qabsoo kana jabaeessuun utubee yoo wal Tumsee, 3ffaa- Ilaalchaan, Amantiin kkf adda baanuus, Dhimma Oromoo fi Oromiyaa irratti waliin dhaabbachuu fi falmachuuf yoo murteeffannee diina qofa irratti xiyyeeffannee yoo hojjanne, humna jabaa taanee, wayyaanee har’aa falminuu qofaa odoo hin taanee,Godinichatti humna murteessaa ta’uu fi dhageetti Addunyaa irraa qabnuus akka ol kaafnu Amantaan kiyya. Bilisoomuuf qofa odoo hin taanee, waan Bilisummaa boodaaf illee, bu’ura kaa’aa deemuun mul’ata kiyya.
Mata duree barruu kiyya kutaa 1ffaa jalatti, Midiyaalee qabnu ilaalchisee,Qabsoo Tumsuu irratti, Xalayaa ABOn, UNtti erguu fi OMN ilaalchisee , waan fooyaaa’uu qabu irratti yaada mataa kiyyaa kaaseen jira. Kutaa 2ffaan isaa itti fufa.
- Aadaa, Seenaa Qooqa/Afaani fi Artii ilaachisee :- sochiin gama kanaan gaggeeffamu qabu, Gamtaa barbaada. Tumsa waa maraa gaafata. Ijaaramuu barbaada. Sochiin gama kanaan taasifamu kan siyaasaa caalaa, bilchina barbaada, obsa barbaada, toftaa barbaada. Bilisummaan booda yoo jennes, dhabama isaa labsaa deemna malee, furmaata hin argamsiifnu. Akka kiyyatti sochiin gama kanaan taasifamu yaada gabaabaan yoon ibsee, Dhalli Oromoo Qabeenyaa Umamaan isaaf kenname kanatti deebi’uuf fedhii walii gala qaba. maaltu akka isaaf tolu hubateera. Hanqinni jiru, akkamiin waan kana jabiinaan Ummata keessatti deebisnee gadi dhaabnaa ? kan jedhuudha. kun Gamtaa fi Ijaaramuu gaafata. Ijaaramuun kun walliftoota qofaa miti. ogeessitoonni hundi waan kana irratti ijaaramnii humna diinni dura hin dhaabbannee ta’uu qaban. Gamataa abbaan fedhe keessa hin burraaqinee fi akka sibiilaa jabaatu dhaabbachuu barbaachisa.
SBO Amajjii 04 Bara 2015. Oduu, Gabaasa Oduu Guyyaa WBO, Haasaa H.D.ABO Jaal.Daawud Ibsaa fi Ibsoota Qeerroo qabannee dhihaatneerra.
Aside
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Qophii Amajjii 2, 2015
Aside
Gartuun Qeerroo Hegeree Booruu Magaalaa Adaamaa Guyyaa Amajjii 1 Sirna Miidhagaan Kabajatan.
Aside
Amajjii 02,2015 Adaaamaa
Waggaa Haaraa fi kabajaa guyyaa WBO sababeeffachuun dargaggootni hegeree boruu magaala Adaamaa keessatti haala hoo’aa tahee fi seena qabeessa taheen guyyaa WBO kabajatanii olan.
Kabajaan guyyaa kanaa eegala irratti yaadannoo sammuu daqiiqaa 5f taasifnnee jirra jaallan qabsoo bilisummaatif jecha maatii fi qe’ee isaanii gatanii qorraa fi aduu otoo hin jenne qabsoo bilisummaa otoo gaggeessan lubbuun dabartee fi Qeerrowwan barattoota Oromoo sodaa tokko malee harka qull’aa moottummaa gabroomsaa dura dhaabbachuun gaaffii abbaa biyyummaa finiinsuun otoo socho’an lubbuu isaanii wareega taasisan yaadachuun sagantaa eegalan, itti aansuun ,marii adeemsa QBO irraatti akkasumas farreen qabsoo ta’an irratti fi furmaata isaa waliin marii sa’aa dheeraa taasifmuu gabaasi qeerroo Adaamaa nu gahe addeessa ijoon mariin irratti xiyyeefatame keessaa kanneen armaa gadiiti,
- Bara 2014 keessa,adeemsi FDG godinaalee Oromiyaa keessa jiru maal fakkaataa turee fi bara 2015 keessa ammo bifa kamiin akka jabaachuu qabu
- Uummanni Oromoo biyya keessaa qe’ee irraa buqa’uu fi walii galli gaaffii mirgaa kaasuu fi abbaa biyyummaa falmachuuf daran jabaachuu waan qabuuf qeerroon ciminaan kan irratti akka hojjetu
- QBO keessatti gaheen haawwasni taphatu maal fakkaata ,hawwaasni akkamitti tumsa qabsoo bilisummaa faana taasisa
- Ummatni rakkoo mootummaa Wayyaaneen geesisaa jiru gahaatti dammaqiinsaan hubachuu akka qabuuf sabboontoti Oromoo bakka maratti dirqama hawaasa dammaqsuu akka qaban fi haalota qabsoo bilisummaa Oromoo walii gala irratti marii gaggeefataa akka turan odeessi nu gahe addeessa.
ቄሮ:የኦሮሞ:ወጣቶች:ለነፃነት:ንቅናቄ:ድምፅ:የሳምንቱ:ዜና:: January 1, 2015
Aside
Aside
Deggarsa Ijaaramuu Qeerroo Idil-Aduunyaa
Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa
Finfinnee
Jarmayaan “Dhaabbata Deggersa Qeerroo Idil-aduunyaa- International Qeerroo (Youth) Support Group dhabbatuu isaa fi seeraan galmaawee akka socho’u beeksisa bahe yeroo arginu gammachuu guddan nutti dhagahame.
Akeeka eebbifamaa jarmyaa kanaa Oromootni biyya alaa fi keessaa akka cinaa dhaabbatanii fi irratti gargaartan waamicha keenya isiniif dabarsina.
Ummanni Oromoo miga dhalanamaa fi saba cunqurfamaa Oromoof jecha deggersa dandeessan kannaa jirtan martuu waliin hojjatnee waliin rakkina akka sabatti qabnu keessaa akka baanu waamicha keenya.
Dargaggoonni Oromoo fi Ilmaan Oromoo jarmyaa akeeka eebbifamaa Deeggarsa Qeerroo Idil-addunyaa gadi dhaabdan hojii irratti milkii cululuqaa waliif hawwina. Qeeroon akeeka keessan milkaawuuf waan irraa eegamu hunda akka raawwatu gamanumaa mirkaneessina.
Injifatnoo Ummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaa dha!
Qeerroo Bilisummaa
Finfinnee
Amajjii 01,2015
BEEKSISA: Dhaabbata Deeggarsa Qeerroo Idil-aduunyaa
Aside
“Dhaabbata Deeggarsa Qeerroo Idil-aduunyaa” biyyaa Amerikaa Magaalaa Guddoo Washington DC keessatti seeraan bu’aa fi siyaasaa irraa walaba ta’uun hundaa’ee hojii eegaluuf haal-duree xumuree jiraachuu isaa gammachuun isiniif ibsina. Kaayyoo hundeeffama isaa qabatnee uummata Oromoo fi deeggartoota kaayyoo kanaa kan taatan mara yeroo dhihoo keessatti isin bira waan geenyuuf qophiidhaan akka nu eegdan kabajaan isin beeksifna.
Koree qindeesituu irraa
ANNOUNCEMENT
This is to inform you that the “International Qeerroo (youth) Support Group” has officially established in Washington DC, USA as nonprofit and nonpolitical organization and completed preparations to reach out to you. The founders kindly request all Oromo people and the supporters of the purpose of the organization to work with them.
The organizing committee

