Amajjii 23/2015 Mooraa Yuuniversiitii Jimmaa keessatti Dabballootii fi Humni Tikaa Wayyaanee Yakka Hojjetan

Aside

Amajjii 23/2015 Mooraa Yuuniversiitii Jimmaa keessatti yakka dabballootni humnootni tikaa Wayyaanee qindeessuun barattoota Oromoo ittin yakkuuf jedhanii Doormii barattootatti halkan keessa sa’aa 6:00 irratti ibidda itti qabsiisan, Goototni Qeerroon dargaggootni Oromoo itti dammaquun dhaamsuu danda’uun shira Wayyaanee dura dhaabbatan.

Goototni barattootni Oromoo Yakka kamuu ergamtootni dabbaallotni fi humnootni tikaa Wayyaanee ittin ilmaan Oromoo yakkuuf dalagaa jiran mara dura ni dhaabbanna jechuun halkan keessa sa’aa 6:00 irratti Wayyaaneen ergama diinummaa qabeenyaa Oromoo gubuun, ilmaan Oromoo immoo itti yakkuun hidhatti guuruun qindeeffatte, Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Main Campus Doormii Abdiisaa jedhamuun beekamutti ibidda qabsiisuun yakka hin jirre dalagaa jiraachuun bira ga’ame jira. Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo yakka dabballoota humnoota tikaa wayyaanee irratti dammaquun balaa ibiddaa hamaa qabeenyaa uummataa barbadeessuuf aggamamee kana dura dhaabbachuun dhaamsuu danda’ani jiru. Goototni barattootni Oromoo MootummaanWayyaanee yakkamadha, yoom iyyuu yakka dalagee Oromoo ittin dhaadhessuuf duubatti kan deebi’uu miti, yakkoota dalagaamaa jiran kana hundaaf mootummaan wayyaanee itti gaafatamadha. Ilmaan Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoos ta’ee sadarkaa garaagaraa fi bakkoota garaagaratti argamtan bakka jirruu hundaa harka walqabannee mootummaa Shororkeessituu Wayyaanee dura haa dhaabbatnu jechuun dhaamsa dabarsan

Daragaggoonni Oromoo Sababaa Filannoo Gufachiisuuf Karoorfattaa Jiru Jedhuun Mana Hidhaa Wayyaaneetti Darbamuun Hammaate.

Aside

Gabaasa Qeerroo Amajjii 23,2015 Finfinnee
Because I am OromoSirni Wayyaanee filannoo dharaa baatii Caamsaa keessa gaggeessuuf deemu irraa
sodaa sochii uummataa irraa qabuun kan kahe uummatni kaardii filmaataa humnaan akka fudhatu taasisuu irra dabree uummata addatti dargaggoota Oromoo kaardii filmaataa hin fudhannu jedhan mana hidhaatti dabraa jiraachuu gabaasonni Qeerroo bakkoota garaagaraa irraa nuqaqqabe addeessa. Dargaggoota kanneen filannoo kaardii fudhachuu didan isintu akka uummanni kaardii filannoo hin fudhanne taasisaa jira, filannoos gufachiisuuf deemtu jechuun ragaa qabatamaa hin qabneen mana hidhaatti dabraa jira. Dargaggoota godinaalee irraa hedduminaan hidhamaa jiran keessaa adda durummaan sochii Warraaqsaa qindeessuun uumata mootummaa irratti kakaasuun filannoo gufachiisuuf deemtu kanneen jedhaman keessaa kanneen Kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa:

  1. Dargaggoo Amaan Mohaammadii fi Jamaal Kadiir Roobaa, Baatuu irraa achuma mana hidhaa buufata poolisaatti dabramuun kan argaman.
  2. Dargaggoo Tesfaayee Guutaa, TulluBoolloo irraa, achuma buufata poolisa Tullu Boollootti dabramee kan argamu.
  3. Dargaggoo Gulummaa Caalaa fi Asaffaa Nadhii Sandaafaa irraa, achuma buufata poolisa Sandaafaatti kan darbaman.
  4. Dargaggoo Daani’eel Gammachuu magaalaa Incinnii irraa achuma buufata poolisa Incinniitti darbamanii kan argaman yoo tahu; Kanneen bakkoota gargaaraa irraa mana hidhaatti darbamanii jiran guutummaa isaa Qeerroon gara fuul duraatti qindoominaan ni gabaasa.

Baha Oromiyaa Magaalaa Awwadaay Keessatti Filannoo Caamsaa Keessa Gaggeefamuuf Kadimamtoota Nama 7 Wayyaaneen Dhiheeffate Uummati Oromoo Diddaan Dura Dhaabate.

Aside

Gabaasa Qeerroo Amajjii 23,2015 Awadaay.

diddaa9Filannoo Caamsaatti gaggeeffamuuf kaadhimamtoota jechuun namoota Wayyaaneen dhiyeeffataa jirtu irratti mormiin uummataa mudate.

Sirni abbaa irree Wayyaanee karaa lukkeewwan isaa OPDO godina Harargee bahaa magaalaa Awwadaayitti wal gahii gaafa Amajjii 21,2015 uummataa fi miseensota OPDO walitti qabuun kaadhimamtoota filannoo caamsaatiif kaadhimaman jechuun uummatatti beeksisuuf walitti qabe irratti mormiin jabaan uummataa fi miseensota isaa irraa isa mudate. Akka odeessa Qeerroo Awwadaay irraa nu qaqqabetti miseensota OPDO dabalatee kaadhimamtoonni kanneen namoota badii uummata Oromoo irratti dalaganii fi amantii keenya sirnaa dhiisee amantii mootummaan barbaadu dirqamaan nu irratti fe’uuf waarreen deeman waan taheef gonkumaa bakka nu bu’uu hin dandahan jechuun wal gahii walitti qabame irratti lukkeewwan Wayyaanee qaaneessuun wal gahii bittimsuun, dhaadannoo nama ‘’bakka nuu bu’u u dandahu kan filatu uummata Oromooti malee qaama biraa nu hin barbaachisu’’ jechuun sagalee isaanii dhageessifataa akka turan gabaasni nu qaqqabe ibsa.

Kanneen kaadhimamtoota jechuun uummataaf dhiyaatanii mormiin isaan mudate keessaas; –

Sheek Qamaara, nama sirna dargii keessa bakka sagadaa uumataa fuudhee waajjira taasifachuun dargii tajaajilaa ture ammas sirna Wayyaanee tajaajilaa jiru.

  1.  Yuusuuf Qophee nama golgaa amantaan sirna Wayyaanee tajaajilaa jiru.
  2. Ahamad Haaruun nama amantii sirna Wayyaaneen gaggeeffamu leellisu.
  3. Muktaar Karroo nama waggoota kudha shanii duraa calqabee maqaa amantiin wayyaaneen walii galee hojjetu,
  4. Sheek Bakarii Imaam ,
  5. Mahaammad Aliyyii,
  6. Sheek Mahaammad Saalihaa kanneen

Jedhaman namoota miidhama uummata Oromoo irratti gama hundaan halkanii
guyyaa hojjetan waan taheef, balaaleffannaan uummata qofaan otoo hint a’iin miseensuma OPDO dabalatee mormiin jabaa akka isaan mudate gabaasin nu qaqqabe mirkaneessa.

Humni Tikaa fi Bulchitooti Wayyaanee Dirqamaan Uumata Kardii Filatnoo Fudhachiisuu Imaamata Godatan.

Aside

Amajjii 23,2015 Finfinnee

images (1)Uummanni Oromoo filannoo waliin dhahaa fi fakkeessaa mootummaa Wayyaaneen bara baraan gaggeessu ijibbaate ejjennoo mataa isaa fudhatuutti jira. Ummanni filannoo baroota dabran wayyaaneen gaggeessaa turte irraa waa barate, filannoo barana wayyaaneen Caamsaatti gaggeessuuf deemtu sagalee isaa kennuu irraa ofqusachuuf ejjennoo kaardii filmaataa fudhachuu dhiisuutti jira. Mootummaan abbaa hirree ejjennoo uummataatti garaan gubataa jiru, tarkaanfii dirqisiisanii uummata fudhachiisuun bakkoota garaagaraatti hammaatee itti fufee jira. Akka gabaasonni  Qeerroo Oromiyaa bakkoota garaagaraa irra nu qaqqabetti mootummaan wayyaanee karaa caasaa tokko shanee jedhuun uummanni akka kaardii filmaataa fudhate to’achuun ala karaa gama bulchiinsotaa fi dabballoota gandaatiin mana nama dhuunfaa irra deemuun kaardii filmaataa fudhatuu fi dhiisuu isaa adda baafachuu, yoo hin fudhanne dirqiin akka fudhatu taasisuutti kan jiran ta’uus, uummanni ammoo fudhatuu fi dhiisuun mirga akka tahe jabeessee dabballoota wayyaanee hubachiisaa jira.

Haga gabaasni kun nu qaqqabetti, bakkoota uummata dirqisiisanii fudhachiisan keessaas, gandoolee  baadiyyaa fi magaalota naannoo Jimmaa, Aggaaroo, Sukorruu, Giincii, Ejeree, Hoolotaa, Baatuu, Moojoo, Baakkoo-Tibbee, Daannoo, Ijaajjii, Arjoo Guddattuu, Waayyuu, magaalotaa fi baadiyyaalee naannoo Finfinnee kan akka Sabbataa fi Alem ganaa, Burraayyuu, Sulutaa, Dukaam, Sandaafaa, galaan fa’aa akka tahe odeessi nu qaqqabe ibsa.

Godina Lixa Shaggar Anaa Miidaaqenyi Ganda Tuuyyee Goodaa Cuqqaalaa Keessatti Ummanni Diddaa Sirna Wayyaaneef Qabu Kaasuun Loltoota Wayyaanee Waliin Walitti Bu’an.

Aside

Gabaasa Qeerroo Amajjii 20,2015

diddaa9Amajjii 20,2015 Godina Lixa Shaggaar Aanaa Midaa Qanyii keessaitti uummatni fi dargaggoonni  Oromoo uffata aadaa Oromoon mimmidhaganii, walleelee warraaqsaa wallisuun diddaa Mootummaa Abbaa Irree Wayyaaneef qaban waan ibsataniif poolisotaa dabballootaa Wayyaanee waliin walitti bu’insi guddaan dhalate!!.

Godina Lixa Shaggar aanaa Midaa Qanyii Ganda Tuuyyee Goodaa Cuqqaalaa jedhamuun beekamutti Uummaatni Oromoo kumoota hedduutti lakkaa’amu ayyaana cuuphaa sababeeffachuun guyyaa kaleessaa walitti dhufuu uuffata aadaa Oromoo fi Walleewwaan Warraqsaa sirbuun ifatti mootummaa garboonfattuu Wayyaanee balaaleffatan, Uummaatni walleewwaan kanneen akka Wallee Warraaqsaa ”OPDO yaa baala tuufoo, ABO nuuf wayyaa nuufoo,korma guduruu ABO’n, gootuma duuru, kessattuu kaasetta Eebbisaa Addunyaa diinni diinumaa boru nurraa galaa ABO malee maaltu nuuf jira jechuun uummatni marartoo fi jaalaala guddaa ABO tiif qabu diinatti mul’ise jira. kasseeta Hirphaa Gaanfurree ”bishaan Oromiyaa Caffee keessa yaatii waraabuu waraabuu, Gmaan ijoollee Oromoo kana keessa baatii waraanuu waraanuu…” jechuun uummatni qabsoo haqaa fi falmii FDG’f qophii ta’uu ifatti diinatti argisiisee jira. Uuffata aadaa Ofii uffachuun lammaffaa Odaa tarsaate kan wayyaaneen itti gargar nu qooduuf jettee mallattoo Odaa Oromoo tarsa’aa qophiisitee bakka nu hin bu’uu jechuun uummatni uffata aadaa Odaa duudaa fi uffata abbaa gadaa waan uffataniif, isin ABO dha edhamuun polisoota wayyaaneen walitti u’insi dhalate.

Poolisootni federaalaa fi naanoo ofiin ergama diinummaa fudhachuun uummata shororkeessuuf akuma bobbaafamanitti uummata karaa nagaa sagalee isaa sirboota warraaqsaattii fayyadamuun dhageesisaa jiru goolaa oolan jedha gabaasaan keenya Aanaa Midaa Qanyii Baallaammii iirra!! Haalma kanaan walitti bu’insii guddan poolisoota dabballoota Wayyanee fi uummata gidduutti dhalateen pooliisootni wayyaanee hedduun dhagaan tumamani madeeffamuun ibsame jira. uummaatni nagaan manaa ba’ees heddumminaan qabamee waajjira Poolisii aanaa midaa Qanyitti ukkanfamee jiraachuun ibsamera. uummata nagaa keessaa ilmaa Oromoo nagaan poolisoota wayyaaneetiin reebamanii yeroo amma haala yaaddessa kessatt kanneen argaman keessa Obbo takkalaa abbabbee yero ammaa kana wayyaanootaan reebamanii haala ulfaata keessatti argamu.

Haaluma walfakkaatuun Aanaa Midaa Qanyii ganda Waloo Tambaroo bakka Mikaa’el Guutee jedhamuun beekamuttis uummatni ayyaana Cuuphaa daawwachuuf walitti ba’ee wallee warraqsan qabsoo bilisumma Oromoo fi ABO faarsuun poolisoota wayyaaneetiin wal reebaa oolun ibsame jira.Akkasumas Aanaa Calliyaa Geedoo, Baabbichaa fi aanaa tokkee kuttayee nanno Gooroo sooleetti uummatni Amajjii 19/2015 ayyaanaa cuphaa sababeeffachuun bifa wal fakkatuun mormii sirna abbaa irree wayyaaneef qabu wallee warraaqsaan ifatti dhageesisee jira. maqaa namoota aana Midaa Qanyiitti poolisoota dabballoota wayyaaneen guyyaa kaleessa ukkanfamuun waajjira poolisii tti hidhamanii jiranii adda baasuun kan isiniif gabaasnu ta’uu ni hubachifna.