Category Archives: Oduu/News
Sagalee Qeerroo Guraandhala 03 Bara 2015 Qophii Afaan Amaariffaa
Aside
Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, February 2, 2015 with 15 minutes English Program, Oromia Insight
Aside
SBO Gurraandhala 01 Bara 2015. Oduu, filannoo wayyaanee irratti gaaffii fi deebii dargaggoo Falmataa Bilisummaa fi Qophiilee adda addaa
Aside
Gabrumman Nu Gaha!!!! Jibriil Jawaar /2G BOYZ/
Aside
Wallee Haaraa “Gabrummaan Nu Gaha”
Koollejjiin Barsiisota Jimmaa Tajaajila hojii Ogummaa Barsiisummaa Kennuun Cinatti Hojii Dabballummaa Mootummaa Abbaa Irree EPRDF Akka Fudhatan Dirqaman.
Aside
Ammajjii 29,2015 Koollejjiin Barsiisota Jimmaa tajaajila hojii Ogummaa barsiisummaa kennuun cinatti hojii dabballummaa mootummaa abbaa irree fudhachuun sabboontota barattoota Oromoo waajjirraatti waamuun isin farraa mootummaati jechuun barattoota Oromoo dararuu itti fufe jira.
Sabboontootni barattootni Oromoo koolleejjii barsiisota Jimmaa humna dabballee tikaa mooraa koolleejjii barsiisota Jimmaa irratti ramadamaa nama Taarikuu jedhamuu fi President koolleejjii Barsiisota Jimmaa kan ta’ee nama hojii dabbalummaa fi basaasummaa irratti bobba’uun barattoota Oromoo doorsisaa jiruu Abbaa Zinaab Abbaa Olii kan jedhamuun doorsifamaa fi dararama jiru. Guyyaa kaleessa sabboontota barattoota Oromoo lama badii tokkomalee biirootti ni barabbadamtu jechuun isin FDG mootummaa keenya irratti kaachiisuuf barattootaa fi uummataa kakaasaa jirtu, miseensa kenyaa diigaa jirtu,barattoota miseensa ta’an akka isaan miseensummaa mootummaa
keenyaa dhaaban dirqisiisaa jirtu jechuun doorsifaman.
SabboontotniBarattootniOromoo haala kanaan doorsifaman:
1.Barataa Guddisaa Cimdeessaa barataa Mummee Civic and Ethical Education waggaa 3ffaa
2.Barataa Seefuu Hayilee barataa Muummee Geography waggaa 3ffaa
Kanneen barachaa jiran badii tokko malee Oromummaa isaaniin yakkamuun qorannoo farreen dimookiraasii fi bilisummaatiin dararamuun ibsame jira. Goototni barattootni Oromoo Koolleejjii barsiisota Jimmaa fi Yuunibarsiitii Jimmaa Wayyaaneen gocha abbaa irrummaa isheetiin muddamtee hudhamtus FDG kan hin ollee fi doorsiisaa fi barnoota irraa arii’uu, hidhuu, reebuu,ajjeesuu fi biyya irra arii’uun dhaabuu kan hin dandeenye ta’uu hubachiisan.
Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, January 31, 2015
Aside
Wallagga,Horroo Aanaa Jimmaa Gannatii Keessatti FDG Haala Jabaa Ta’een Qabatee Rakkoon Bulchiinsa Wayyaanee Mudate.
Aside
Gabaasa Qeerroo Jimmaa Gannatii Amajjii 30,2015
Ammajjii 29,2015 Godina Dhiha Oromiyaa Horroo Guduruu Wallagga Aanaa jimmaa Gannatiitti Tajajila Ibsaa, Bishaanii fi daandii konkolaataa dhabuun wal qabatee Uummatni fi Dargaggootni gaaffii barattoota mana barumsaa sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa fi sadarkaa tokkoffaa cina dhaabbachuun gaaffii mirgaa finiinsuun Mootummaa Wayyaanee irratti FDG kaachisan. aanaa Jimmaa Gannatiitti rakkoon ibsaa haalaan kan jabaatee yoo ta’u, baatii tokkoo oliif Uummatni utuu gyyaa tokko illee ibsaa hin argatiin turuun FDG kaasuun Wayyaanee dura akka dhaabbatu dirqamsiisee jira.
Goototni barattiitni Oromoo aanaa Jimmaa Gannatii Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’ina irra baratan Ammajjii 29/2015 Gaaffii mirgaa finiisuun sagalee mormii fi dhaadannoo mootummaan Wayyaanee nu hin bulchituu, filannoo sobaan hin gowwonfannuu, Tajaajjillii human ibsaa fincaa’aa uummata Oromoof ooluu qaba. Utuu hidhaan fincaa’aa human ibsaa MW guddaa maddisiisee Oromiyaa irra darbee tigiraayiif tajaajiluu nuti jiraattootni naannoo ibsaa dhabnee rakkachuun tuffii, garbummaa fi roorroo garbomsaan nurratti rawwachaa jiru nurraa dhaabbachuu qaba, wayyaaneen nurraa buqqa’uu qabdi jechuun baratootni Oromoo gaaffii finiinsuun sagalee
mormii guddaa dhageesifatan.
Aanaa Jimmaa Gannatii keessaatti uummatni Oromoo tajaajila ibsaa malee tajaajila daandii konkolaataa ga’aa dhabuu, tajaalilaa bishaanii fi Yaalaa sirrii illee dhabuun uummaatni Oromoo Aanaa kanaa akkuma uummata Oromoo godinoota kaanii fi Aanaawwaan kaanniitti rakkoo ulfaataa keessa jiraachuun uummatni roorroo baachuu dadhabee gara FDGtti akka seenu dirqee jira. Goototni Barattootni Oromoo M/B sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Jimmaa Gannatiis baatii kana guutuu humni ibsaa aanaa keenya irraa cituun Qormaataa Semistera kanaa waan ittin qo’annuu fi dubbifnuu dhabuun hedduu rakkachaa turre, qabxiin barattoota baay’ees sababaa kanaan gadii bu’ee argamaa jira, Egaa haamma yoomitti garbummaa keessa jiratna jechuun gaaffii mirgaa karaa nagaa derikteera Mana barumsichaatti dhiyeeffachuun Derikteerrii mana
barumsaa gaaffii barattootaa qaama dhimmi ilaalutti dabarsuun deebii sirna kennuu irra isin ABO dha jedha barattoota Oromoo jeequu waan filateef goototni barattootni Oromoo fincilaan dura dhaabbachuun sagalee mormii guddaa dhageesisuun uummata magaalaa fi baadiyaa jiraatu dhageesifatan, kanuma irra ka’uun Amajjii 30/2015 Barattootni manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa Jimmaa Gannatiis Sagalee mormii sirna
cunqursaa wayyaaneef qaban itti fufuun dhageesisaa jiru, Uummatni Oromoo Aanaa kanaas barattoota Waliin ka’ee FDG waliigalaa qabsiifamuuf jiraachuu madden keenya Aanaa Jimmaa Gannatii rrraa gabaasa.
Barruuleen Warraaqsaa fi Dhaadannoon Qeerroo Godina Gujii Aanaa Garagaraa Keessatti Maxxanfamee, Bittimfame Uummataanis Raabsame.
Aside
Gabaasa Qeerroo Godina Gujii aanaa Shaakkisoo Amajii 30,2015,
Dargaggootni fi Qeerroon oromoo godina Gujii kaleessa Amajii 29 aanaalee garagaraa Gujii keessatti waraqaalee dhaadannoo bittimsuun mootummaa Wayyaanee rifaasisuu fi uummatnis dammaqsuun Qeerroon gabaase, baatiima kana keessa mootummaan wayyaanee rakkoo uummanni jiraattotni Gujii miliyoonaan lakkaawamu rakkina daandii fi ibsaa qabaachuu,rakkina isaanis furmaata itti gochuuf, yeroon filannoon jala gahetti hojii misoomaa daandii baasuu fi ibsa uummataaf galchuu irratti caasaa isaa misoomaa gara bobbaasee jiraachuu miidiyaa of harkaa qabu RTVOn lallabaa ture, odeessi midiyaa Wayyaannootan darbu uumata biyyattii biratti odeessa kijibaan darbu malee kan haqa of keessaa qabu akka hin taane saboonni biyyattii gahaatti ni beeku. Haala kanaan Qeerroon godina Gujii keessa jiraatu olola mootummaa Wayyaanee soba of keessaa qabu ifatti saaxile, dhaadannoolee:-Mootummaan wayyaanee waggaa 25 aangoo ture keessatti rakkoo uummataa
furuu hin dandeenye,Daandii baasuu fi ibsaa galchuun mootumma wayyaaneef dadhabbii tahe,
kanaaf nurraa haa ka’u,Dirqamaan kaardii filannoo hin fudhannu,Humni waraana mootummaa nu keessa hin deemin nu keessaa haabahu,Nuti bilisummaa barbaanna,walabumaatti ammanna! Oromiyaan kan oromooti, kan habashaa miti!Mirgi keenya nuuf haa kabajamu!Mootummaa sobduu hin barbaannu!Mootummaan Wayyaaneen ajjeesaadha, saamtuudha, aangootti fufuu hin qabu!
Dhaadanollee hedduun uummata keessatti aanaalee adda addaa keessatti darbatamuun bittimfamee jira, uummannis har’a akkuma jirutti waraqoota faca’e kanatti gurra dhaabuun gammachuun itti dhagayame, diddaan isaaniis dargaggoota godinichaa waliin hiriiruuf mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachuun falmii gaggeessuu kutatan,dhaadannon Qeerroo kaleessa galgala ka’ee aanaalee hunda keessatti naannoo mana barumsaatti faffaca’uu fi bakka uummanni arguttis maxxanfamuun dhagayame, kanumaan har’as barattootni kanneen akka mana barumsaa sadarkaa lammaffaa, qophaayinaa aanaa Shaakkisoo barumsa dhaabuun dhagayame.
Seife Nebelbal Radio, January 30, 2015
Aside