Category Archives: Oduu/News
Qeerroon Bilisummaa Yuuniversitii Jimmaa Warraaqsa Bilisummaa Jabeessanii Itti Fufuun Guyyaa Har’aa Seenaa Galmeessan
Aside
Bitootessa 24/2015 Goototni dargaggootni Qeerroon Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa FDG qabsiisan jabeessuun itti fufuun guyyaa har’aa uffata gaddaa uffachuun ilmaan Oromoo bara darbee mootummaan EPRDF waraana itti bobbaasuun mooraa Yuunibarsiitii fi manneen barnootaa sadarkaa adda addaa keessatti fixeef gaddaa qaban mormii guddaan ibsachuun walleelee warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo leellisuun gootota ilmaan Oromoo faarsan.
Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa waraaqsa FDG egaalan jabeessuun mootummaa wayyaanee boqonnaa dhorkuun torbee dhuma kana dheengaddaa dabbaallootni mootummaa wayyaanee fi mataan mootummaa Wayyaanee jiilli abbootii irree EPRDF/OPDO/TPLF Muktaar Kadirii,Hayleemaariyaam Dassalee fi Barakt Simoonin durfaman mootummaa keenyaa warraaqsaa dargaggoota barattoota Oromoon raafamee kufuuf jiru kufaatii irraa haa baraarruu jechuun guyyaa hundeeffama ergamtuu wayyaanee OPDO kabajuu maqaa jedhuun uummata gooluu fi olola siyaasaa oofuuf gara Jimmaatti duula gochuun dhiphina keessa galanii jiraachuun hubatamera. Goototni barattoota Oromoo dhugaaf falmataan dullii olola siyaasaa fi humni poolisaa fi waraanaa gaaffii mirga abbaa biyyummaa keenyaa duubatti hin deebisuu, deebii gaaffii mirgaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruus hin ta’u jechuun tarkaanfii gara jabinaan mootummaan abbaa irree barattoota Oromoo nagaa irratti fudhateen gootota ilmaan Oromoo wareegamaniif gaddaa guddaa nuti dhagaa’amu ibsachaa qabsoo bilisummaa Oromoo galiin ga’uuf warraaqsa FDG gama kamiinuu ni finiinsina hanga gaaffiin karaa nagaa gaafachaa jirruu deebii sirrii argannuutti duubatti hin deebinu jechuun eebbifamtootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa barattoota Yuunibarsiitii jimmaa ilmaan cunqurfamoo kaan illee dabalachuun mooraawwaan yuunibarsiitii Jimmaa Saayinsii fi Teekinooloojii irraa ka’uun uuffata gaddaa uffachuun magaalaa Jimmaa keessa wallee warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo faarsu fi gootota Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo irratti wareegaman faarsaa gara mooraa Main Campusiitti walitti dhufuun nuti eebbifamtootni ilmaan Oromoo yoom iyyuu yoo eebbifamnes uummata keenyaaf jiraanna, uummata keenya waliin jiraanna, mootummaan abbaa irree uummata keenya irraan kaafna jechuun marii gabaaba godhachuun obbolaawwaan keenya bara darbee sabaaba gaaffii mirgaa gaafatneef dhaabbilee barnoota garaagaraa keessatti wareegamaniif gadda guddaatu nutti dhagaa’ama barattoota Oromoo mootummaan EPRDF/OPDO/TPLF garaa laafina tokko malee dhukaasee ajjeeseef yoom iyyuu itti gaafatamuu qaba jechuun dhaamsa dabarfachuun walleelee warraaqsaa mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessa naanna’uun sirbuun qabsoo bilisummaa Oromoo faarsan.SBO Bitootessa 25 bara 2015.
Aside
Oduu, Barruu Jiituu Lammii fi Sochii FDG Giddu gala Lixa Oromiyaa keessatti deemaa jiru ilaalchisnee gaaffii fi deebii dargaggoo Kaayyoo Dhugaa waliin goone itti fufa isaa akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa
Sirni Ibidda Qabsiisuu Malee Dhaamsuu Hin Beekne Ibiddaan Dhabama.
Aside
(Ijoo Dubbii ABO)
Itophiyaa keessatti hannii fi saamichi haayyamamaa fi deggeramaa dha. Empaayera qabeenyi ummatootaa fi biyyaa miliyoonotaan itti saamamu waan taateef. Empaayera Wayyaanee keessatti lubbuun lammiilee kabajaa hin qabu. Sirna garee shiftaan durfamu mormuun, mirga ofiif qabsaa’uun seeraan ala jedhamee bakkayyutti ajjeefamuun, hidhamuun, dhaanamuu fi balaa ulfaataaf saaxilamuun gochaa guyyuu lammiilee irratti raawwatamaa jiru waan taheef. Bittaa bulchiinsa alagaa jalatti dararamni Saboota mirga uumaa fi seeraan qaban dhaban irra gahu ammoo hunda irra ulfaata.
Gaaffiin sabummaa ummatni Oromoo kaasee waggoota dheeraaf irratti qabsaawaa jiruu fi gaaffii hangafaa tahe silaa kan deggeramuu qabu, gaaffii cubbuu taasifamee, kabajaa ummata Oromoo xiqqeessee, salphisee fi qaanessee gaddaa fi hiyyummaa salphaatti keessaa bahuu hin dandeenye keessa isa seensisee argama. Ajjeechaa, hidhaa fi dararamni diinaan irra gahu hammaatus ummatni Oromoo gaaffii kaaseef hanga deebii quubsaa fi isaaf malu hin argannetti kan qabsoo itti fufu tahuu tarkaanfii diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatuun agarsiisaa jira. Ijoo Dubbii ABO
Ergaa Ergamtuuf Malu!
Aside
Jiituu Lammii, Bitootessa 23, 2015
Karoora karaarraa dabe – qeeqnii fi qorannoon hin deebisu. Doorsifnii fi sossobbaanis hin qajeelchu. “Silaas takkaa taanee…” jedhanii ija jabinaan itti deemuunis dhuma isaa hin miidhagsu. Wayyaaneen torbanneen lamaan darban kanarraa eegaltee diddaa ummataa ukkaamsuuf karoora karaarraa dabe baaftee reeraawwii isaatiif OPDO of dura qabdee bobbaatti jiraachuu odeessi tibbana gola mootummaa naannoo Oromiyaa keessaa bahe ni mirkaneessa. Akka odeessa kanaatti karoora diddaa ummataa ukkaamsuuf akeekkate kana milkeessuuf dirqamni humnaa fi sossobbii makate qondaalota OPDO olaanoorraa ka’ee hanga dabballee gandaatti diriirfamuu maddi kun ifatti mul’isa. Ergaa Ergamtuuf Malu Jiituu Lammii
Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, March 23, 2015
Aside
Ayyaanni OPDO Magaala Adaamatti Kabajamuuf Ture Uummanni Argamuu Diduu Irraan Akka Karoorsanitti Hin Kabajamin Hafe, Akka Mooraa Yuuniversitii Adaamattis Feshalee Jira.
Aside
Gabaasa Qeerroo Adaamaa, Bitootessa 22,2015
Maqaa ayyaana hundeeffama DhDUOn wal qabsiisanii Oromiyaa naannoo diddaan uummataa itti jabaate keessatti uummata walgayii yaamuudhaan diddaa Qeerroo dura dhaabbachuuf karoorri OPDO bakka ayyaana itti kabajatan keessatti uummanni argamuu diduun, kan argame miseensuma isaaniin gaaffii mirgaatiin muddamuun tasgabbii dhabuun ayyaanichi haala yaadaniin hin kabajamin feshala’e.
Akka gabaasi Qeerroo Adaamaa irraa har’a Bitootessa 23 addeessuun guyyoota 4n darbab irraa kaasee maqaa ayyaana hundeeffama DhDUOtiin dahatanii ergama isaanii bahuu fi akkasuma diddaa Qeerroon oromiyaa keessatti gaggeessuun mootummaa nama nyaataa Wayyaanee dura dhaabbachaa jiru feshelsuu kan kaayyeffatanii ka’an, dabalataan dhimma filannoo barana dhufu irratti nagaadhaan milkeessuuf dursanii uummata waliin nageenya irra keessi sobaan dibame keessatti kabaja ayyaanicha gaggeessaa kan jiran naannoo garagaraatti akka karoorfatanitti uummanni Sirna EPRDF f ajajamee argamuu diduudhaan waan dhufaniif milkoomina dhabaa jiru, har’as magaala Adaamatti ayyaana kabajuuf kan argaman ergamtoota mootummaa Wayyaanee, OPDOn kanneen akka Dhaabaa Dabalee waldaalee dargaggoota waliin ayyaanicha kabajuuf kan achitti argame,akkasuma Zelaalem Jemane fi Milkeessaa Jaagamaa ayyaana kana kabajuuf magaala Adaamatti kan walgahan, kan isaan biratti argame miseensota isaanii kan tahanii fi deggertoota nama muraasaan hirmaatame, isaan deggertootni argamanis gaaffii dhimmi Master Pilani kaasuudhaan jarreen mootummaaf ergaman mataa cabsuudhaan sirni ayyaana isaanii akka yaadanitti kabajuu dhabuun feshalate.
uummanni magaalichaa fi naannoo ishee jiraatus irratti argamuu diduudhaan, akkasuma barattootni mooraa Yuuniversitii keessatti akka kabajamu bakka bu’oota dhaaba OPDO moorichaan labsame, labsiiman hafe, barataan maqaa ayyaana kana dhahu hin argamne, mooraa keessattis akka hin kabajamne barattootni mooraa yuuniversitii Adaamaa keessa jiran dhaamsa waliif dhaamuun barataan Oromoo mooricha keessatti argamu bakka kabaja ayyaana kana irratti namni tokko akka hin argamnee fi akka magaalatti uummataan kabajamuuf akeekamee deemames feshalaa’uu odeessaan Qeerroo magaala
Mootummaan Wayyaanee EPRDF Bishaanii fi Ifaa Uummata Irraa Kutuun Dheebuu fi Dukkanaan Adabaa Jira.
Aside
Bitootessa 23,2015, Gabaasa Qeerroo Qeelloo Wallagga
Godina Wallagga Aanaa Eebantuu Magaalaa Qeelloo erga ummatnii Oromoo gamtaan fincila diddaa gabrummaa kaaseen mootummaan Wayyaanee uummata haaluu ba’uuf jecha jiraattota magaalaa Qeelloo irraa ifaa fi bishaan dhugaatii kutuun jiraattotni magaalaa Qeelloo dheebuu n dararamaa fi ifaa malee halkan dukkana keessa rakkachaa jiru. Akka gabaasi Qeerroo ibsutti haalli kun yeroo torbaan tokko ol lakkoobsiseera
Akka uumati naannichaa ibsutti sababni ibsaan kun Ummata Oromoo irraa cite hidhamuu Barsiisotaa fi Baratootaa akkasumas ummata jiraatotta magaalaa Qeelloo karaa meeshaa sab -qunnamtii Media Garaa Garaa irratti gabaafamee ummatni dhaga ` eef jecha Haati kanaan kan ka, ee Bitootessa 16 / 2015 irraa eegalee Mootummaan Wayyaanee umnata Oromoo Jiraattota magaalaa Qeelloo ti mana barumsaa Qeelloo sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa irraa ifaan Addaan citee jira.
Jaarraa 21ffaa keessa yeroo addunyaa odeessa shaffeessaa fi haala qindaawaa ta’een odeessa fi qunnamtii ammaayaa ta’e ummataaf dhaqqabsiisuuf hojjetaa jirtutti mootummaan Wayyaanee akka ummatni Oromoo odeessa hin argannee fi bilbilaan wal hin qunnamee nneef qunnamtii isaa addaan kufuuf shira hojjetaa jira.
Keessumaa tti Ummatni Oromoo miidhaa fi saamicha, hidhaa fi ukkasmsanii ilmaan Oromoo qee fi qabeenya, hojii fi barumsa isarraa dhabamsiisaa jiran kana ummatni Oromoo wal hordofee akka hin gabaafnee fi dhagahee waliif hin dirmanneef ta’e jedhee shira ifaa kufuu fi neeti network cicciruu shira Oromiyaa keessa irratti hojjetaa jira.
Walaloo Sabboonaa Oromoo Abdii Baalee Oromiyaa Irraa
Aside
Filannoo Sossobbaa
Walaloo Abdii Baalee Oromiyaa Irraa
Haa gahuu nagaan koo,hunda Oromootaa,
Jaallaan qabsoof dhuman gootowwan goototaa,
Booranaa fi Baarentuu,ilmaan qabsaa’otaa,
Garaan hin dagannee,yoomuu ni yaadataa,
Rabbii har’aan nu gahetti galata galfataa,
Galanni haa gahuu,rabbii hundaa horataa,
Namoota hagamtuu,Aaammiiiinn jedha laata?
Ajaa’iba rabbii,gochoota Itoophiyaa,
Seerri cabe jedhee,osoo addunyaan iyyaa,
Dimookiraasii jettee,haasofti halkan guyyaa,
Waraanaa fi wareeraan jeeqaa mirga biyyaa,
Nagaan alatti,Dimookiraasiin dhugaa akkamitti tayaa???
Namni Oromummaa qabdu,ilmi Oromiyaa,
Irraa of qusadhaa,gochoota Itoophiyaa,
Harka keessaa fudhaa,gochaan keessaa bayaa,
Tokkummaa jabeessaa,irratti haasayaa,
Gaafas,gaafiin Kenya,galma isaa gayaa
Filannoon sossobaa,sun jarumaaf tayaa,
Diina biyyaa baasuuf,hundinuu qabsaayaa,
Filannoo Sossobbaa Walaloo
Aside
Cooma Mana Ormaa Irra Raafuu Haadha Ofii Wayya
Ibsa Qeerroo Bilisummaa
Bitootessa 23,2015
Uummanni Oromoo guyyaa gaafa gabrummaa jalatti kufee kaasee diina isa gabroomseef jilbeenfatee hin beeku, kallattii fi al-kallattiidhaan diina isaa of irraa qolachaa hanga yoonaa gahe,Moototiin Habashaa dhufaa darbaa uumanni Oromoo ciqilee isaanii jalatti akka kufee hafuuf shira hin wixiniin hin jiru.Kanas ta’u sirna cunqursaa meeshaa waraanaa hagna hin qabne hidhatee jiru Oromoon harkaan lolaa mirga isaa tikfataa har’a gahe. Har’as mootummaan Wayyaanee gaafa aangoo qabateen eegalee kuufama meeshaa ittiin Oromoo doorsisu irratti dabalee afaan sabichaan kan uummata doggogorsu dhaaba ofii isaa akka fedhetti ajajajuu fi kan walabummaa hin qabne ijaaruun OPDO jedhee itti fayadamaa jira. Dhaabuma kana kana keessattis kanneen uummata Oromoof naatoo qaban gara dabarsuu fi biyyaa arihuu kan uummataaf falman hidhuu fi hojii irraa gageessuu irratti hojjetaa umurii aangoo isaa dheerefattaa dhufe, kunis isa baasuu diduun yeroo Oromoon FDG ifatti finiinee aangoo Wayyaaneetti xumura godhchuuf yeroo muraasatti galche jiru kana keessatti haalli uummata Oromoo isa sodaachisee jiru kana keessatti, Oromoonni haalli FDG fi dammaqiinsi uummata Oromoo hin galiiniifii fi Oromoon akka qabsaawaa hin qabneetti ala irraa gallee sochii warraaqsa Bilisummaa hoggana jechuun afaan faajjii hawaasa keessatti uumuun Wayyaanee waliin karaa nagaa fi heera EPRDFn qabsoofna kan jedhan gochaan kana fakkaatu Uummata Oromoo irratti hojjeta malee qooda qabsoo Oromoof gabbisuuf akka hin deemne walii galatti sabni Oromiyaa akka beeku dursanii hubachuun barbaachisaa dha. Guutummaan Ibsa Kanaa PDFn:- Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Bitootessa 23 2015

