Qophii Addaa Gamaggama Keessa OPDO Ilaalchisee, Gaaffii fi Deebii Dargaggootoo Abdii Bosona Baalee Waliin Taasifame.
Qophii Addaa Gamaggama Keessa OPDO Ilaalchisee, Gaaffii fi Deebii Dargaggootoo Abdii Bosona Baalee Waliin Taasifame.
Bitootessa 28,2015 Godina Jimmaatti FDG gootota dargaggoota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaan qabsiifame jabaachuun gara uummataa magaalaa fi baadiyyaa Godina Jimmaatti babaldhachuun guyyaa har’aa Warraaqsi FDG Magaalaa Aggarootti kabaja ayyaana waggaa 25ffaa dhaaba ergamtuu Wayyaanee OPDO irratti uummatni FDG kaachisuun Ayyaanni Wayyaaneen qophaa’ee mormii guddaan fashalaa’e. Mootummaan Wayyaanee OPDO ‘n guyyaa har’aa Magaalaa Aggarootti maqaa guyyaa 25ffaa ayyaana Wayyaanee OPDO’n qopheessitee
uummata dirqamaan hojii isaanii dhaabanii akka irratti hirmataaniif humnaan baasteetti Uummatnii fi Goototni barattootni Oromoo M/B sadarkaa 2ffaa fi Qopha’ina Aggaaroo, M/b sadarkaa 1ffaa magaalaa Aggaaroo fi Koolleejjii Tekinikaa fi Ogummaa Aggaaroo fi Uummatni Oromoo fi sabaa fi sablamootni Magaalaa Aggaaroo, Magaalaa Gembee fi baadiyaa Aanaa Goommaa fi Aanaa Toobbaa irraa uummatni dirqamaan maqaa ayyaana hundeeffama dhaaba maxxannee fi ergamtuu wayyaanee OPDO waggaa 25ffaa kabajuu jedhuun Isteediyeemii Aggarootti uummatni kumootan lakka’amu walitti dhufuun mootummaa Wayyaanee dirqamaan fedhii uummataa malee doorsisee mana baasetti garagaluun mootummaa Wayyaanee irratti FDG kaachisaan.
Goototni Qeerroon dargaggootni barattootni magaalaa Aggaaroo fi aanaa Goommaa sagalee dhaadannoo dhageesisuun mootummaa Wayyaanee balaaleffachuun olola Wayyaaneen maqaa Filannoo kijibaan ofaa jirtuu irraatti uummaatni nuti Wayyaanee OPDO hin filannuu, Dimookiraasiin hin jiru, olola wayyaanees hin barbaadnu, mirgootni amatii keenyaa nuuf kabajamuu qaba, mirgii dimookiraasii fi namummaa nuuf haa kabajamuu, Oromoo hidhuun, ajjeesuu fi biyyaa irraa baqachiisuun dhaabbachuu qaba jechuun ifatti ba’ee uummatni Wayyaaneedhaan nuti isin hin filannuu isin hin barbaadnuu jechuun uummatni fi dargaggootni sagalee guddaan Wayyaanee balaaleffatan.mootummaan Wayyaanee walga’ii ofii isaan dirqisiisee uummata baase irrattii mormiin uummataa guddaan isa mudatee waan qabee gadhiisu dhabuun akkuma amala isaa humna poolisoota federaalaa, fi nannootti dhimma ba’uun uummata dura dhaabbate, dhukaasaa qawwee fi rookkeeta garaagaraa dhukaasuun uummaata sodaachisuuf dhukaasaa kan ture yoo ta’uu walga’iin maqaa ayyaana guyyaa dhaloota ergamtuu Wayyaanee 25ffaa kabajamuuf yaalames hoggansa Qeerroo bilisummaa Oromoo qindeessitoota warraaqsa sochii FDG karaa nagaa gaggeessuun mirga uummata Oromoo kabachiisuuf godhaniin sochiin mootummaa abbaa irree FDGtti jijjiramuun walga’iin wayyaanee bu’aa tokko malee mormii guddaan fashalaa’uu danda’e jira.
Oduu, Ijoo Dubbii ABO, Gaaffii fi Deebii Miseensa KHR – ABO Jaal.Jabeessaa Gabbisaa waliin geggeeffame, Sochii FDG Giddu gala Oromiyaa gara Lixaa keessatti deemaa jiru ilaalchisee gaaffii fi deebii dargaggoo Kaayyoo Dhugaa kutaa xumuraa fi Qophiilee biroo of keessaa qaba.
Jaal Bunguli (Abdiisaa) Hayilee abbaa isaa obboo Hayilee Dagabaasaa Camadaa fi haadha isaa Aaddee Muluu Daammanaairraa Caamsaa 14/1986 A.L .O. ti Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jibaat ganda Gaamoo Hadaadiitti dhalate. Yeroo umuriin isaa barnootaaf gahutti, barnoota isaa sadarkaa 1ffaa achuma aanaa Jibaat mana barumsaa iichaa hadaadiitti xumure. Barnoota isaa sadarkaa 2ffaa mana barumsaa shanan sadarkaa lammaffaatti barachuun qormaata biyyoolessaa(kutaa 10ffaa) qabxii giddugaleessaa galmeessissuun gara kolleejjii teknikaa fi oggummaa Ambootti ogummaa seeraa barachuu eegale. Ogummaa seeraa baratee osoo jiruu carraa hojii waan hin arganneef ogummaa dhuunfaa isaa hojii ijaarsaa garaa garaatiin biyyoota adda addaa deemee hojjachuu eegale.
Jaal Abdiisaan nama qajeelaa dhaabbii fi ilaalchi isaa namatti tolu ture. Hawaasa naannoo isaa biratti taphataa kubbaa milaa cimaafi farda gulufuun beekama. Jaal Bunguli (Abdiisaa) bara 2014 yeroo ummanni Oromoo daangaa lafa Oromiyaa falmatu mirga saba isaatiif nama of kennee falmaa turee dha. Sababa kanaanis hiriira seeraan alaa gaggeesite; jeequmsaaf ummata kakaafte jedhamee yeroo dheeraaf hordofamaa ture. Innis hordoffiin itti hammaannaan bakka jireenyaa jijjirachuun jiraataa ture. More:- http://oromedia.net/
Sagantaaleen keenya Tibbanaa fi Mala jireenyaa ti: Tibbannaan keenya haráa Waaée gara Itoophiyaatti galuu fi bahuu Ob Leencoo Lataa fi paartii isaanii irratti xiyyeeffata.
Gabasaa Qeerroo Bitootessa 25,2015 Buraayyu
Kaleessaa Bitooteessa 24,2015 Magaalaa Buraayyuu keessaa Manneen jireenyaa abbootiin warraa lakkoofsaan maatii 20 ol ta’anii diiguun uummata Oromoo jiraattota naannoo dirree irratti hambisee jira.
Dh.D.U.O’n yeroo ayyaana dhaloota isaa biyya Tigray keessatti dhalate kabajataa jirtutti uumata Oromoo harka qalleeyyii kanneen hojii humnaa guyyaa hojechuun mana ijaarratan dachi irraa fudhachuun inversterootaaf kennee guutummaatti naannichi akka diigamee Oromooti manaa fi qe’ee maleeyyii akka ta’anii hafan taasifamee jira.
Maatiin abbaa warraa 20 ta’an dachiin irratti mana ijaaratanii turan kun osoo isaan hin beekiin inversteroota alagaatti gurguramuun hattattamaan naannoo san irraa akka ka’anii fi manni isaaniis gaafa Bitootessa 24,2015 tuutummaatti diigamee lafi sun abbootii qabeenyaaf kennamee jira. Haala kanaan maanguddoota, daa’imman, dubartootaa fi dhiiroota Oromoo bakka jireenyaa dhabuun daa’imman isaanii waliin halkan bineensaaf saaxilamaa jiru.