Category Archives: Oduu/News
Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo Qophii Ebla 6, Bara 2015
Aside
Shirri Filmaata Sobaa Wayyaaneen Deema Jiru,Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobii Keessatti FDG Kaase,Manneen Barnootaa CufamaniiOromoonni Hedduunis Hidhaman.
Aside
Gabaasa Qeerroo Lixa Shaggar Ebla 07,2015
Gaafa Ebla 5,2015 Godina Lixa Shaggar keessa itti shira filmaata sobaa Wayyaaneen wal qabatee adeema jiru ,Aanaa Meettaa Roobiitti FDG uummataa fi dargaggootaa barattoota Oromoon jabatee itti fufuun manneen barnoota cufaman,duulli hidhaas uummata Oromoo irratti jabaatee itti fufuu Qeerroon naannicha irraa gabaasa.
Mootummaan Wayyaanee torbaan darbe keessa Godina Shaggar Lixaa Aanaa Meettaa Roobiitti ummatni dirqamaan waggaa 25ffaa Dh.D.U.O akka kabajuuf mana mana irra deemee karaa dabballoota isaan uummata doorsisaa ture. Ummatni kabaja ayyaana kanaa guutummaatti lagannaan konkolaataan ummata geejjibu tajaajila ummata dhaabee milishoota isaa akka geejjibuuf dirqisiisaa ture. Ummatnis tajaajila geejjibaa dhabuu hin qabnu jechuun mirga isaaniif yommuu mormatan konkolaataan kamuu Aanaa Meettaa Roobii keessaa gara biraatti akka hin baane dhoowwaa turan. Dhumarratti dabballootni mootummaa Wayyaanee walga’ii taa’uun namni tokko sa’aa 12:00n booda karaa irratti argamnaa rasaasaan akka rukatamu dhaamsa ajaja dabarsanii turan.
Kuni kanumaan osoo jiruu gaafa Ebla 4,2015 Aanuma kana Magaalaa Eelaa jedhamtu keessatti diddaa sirna mootummaa Itiyophiyaa (Wayyaanee) gaggeessuuf uumata gurmeessitaniitti jechuun hidhaatti nama guuraa jiru. Namoota yeroo ammaa Waajjira Poolisii Magaalaa Eelaatti argaman keessaa muraasni;
1.Hirkoo Magarsaa
2.Hirkoo Giree
3.Baatiruu Giree
4.Abraham Bantii
5.Addisuu Hayilee
6.Damshuu Ajabii
7.Addunyaa Ajabii
8Addunyaa Badhaadhaa
9.Taaddasaa Hayiluu
10.Bokii Caalaa
11.Dajanee Baatuu
12.Margaa Naga’oo
13.Isiyaaq Damee fi kanneen biroo yommuu ta’an Namoota ja’a immoo gara biraatti dabarfaman keessaa muraasni;
1.Taaddasaa Daadhii
2.Tasfaayee Urgaa’aa
3.Gizaachoo Iddeessaa
4.Dirribaa Tsaggaayee fi warra maqaan hin qaqqabin biroo turan. Haala kanaan Barattootni Mana Barnootaa Eelaa Amuumaa Sad.1ffaa fi Mana Barnootaa Meettaa Sad.2ffaa achuma Magaalaa Eelaa keessatti argaman, barattootni hidhaman hanga gadi nuuf dhiifamanitti gaaffii mirgaa gaafachuu itti fufna jechuun barnoota dhaabaniiru. Haaluma kanaan ummata nagaan mana isaa jiraatu ABO manatti olkeessanii sooraa jirtu jechuun manneen namootaallee akka sakatta’aman taasisaa jiru.
“Gabrummaan nu Gaya,Ka’i Yaa Ilamaan Oromiyaa” Wallee Haaraa Sabboonticha Artist Aliyyii Saabit
Aside
Taamsaasa Raadiyoo Sagalee Oromoo Qophii Ebla 6,2015
Aside
Empowring Macha Tulama
Aside
Objective
- To empower Macha Tulama Cooperative & Development Association (MTA) so that the organization can achieve its mission.
Mission
- The mission of MTA is to advocate for sustainable cultural and socioeconomic development in Oromo society with a focus on rebuilding indigenous national institutions based on Oromo democratic tradition and values such as the Gadaa system.
. The specific activities MTA has outlined to achieve its mission are on the website that we have developed for this plan: http://machatulama.org/#/aboutMTA
Empowring Macha Tulama
Jaallan Qeerroo Ebla 2014 Wareegamanii fi Rasaasa Wayyaaneen Reebaman Bara Baraan Ni Yaadatna.
Aside
Bosonni Oromiyaa Wallagga,Aanaa Waayyuu Tuqaa Ganda Burqaa Lafaa Bakka Jedhamu Keessatti Kan Argamu Akka Inversterootaaf Hin Kennamne Ummanni Gamtaan Saamtota Wayyaanee of Irraa Dhorke
Aside
Ebla 5,2015 Gabaasa Qeerroo Naqamte
Guyyaa Har’aa , Bosonni Oromiyaa Wallagga,Aanaa Waayyuu Tuqaa Ganda Burqaa Lafaa Bakka jedhamu keessatti argamu guyyaa har’aa Inversteroota alagaatti yeroo gurguramuuf yaalametti Ummanni Oromoo naannicha jiraatan gamtaan ka’uun qondaalota Wayyaanee kanneen lafa gurguruuf bakkicha dhaqanii fi bulchitoota aanaa akkasumas Investeroota dhalootaa Habashaa ta’an hunda naannicha irraa ari’uun bulchaa gandaa ta’e Taayyee Bulchaa Jedhamu ammoo qonnaan bultoota naannichaan reebamee Hosptala Naqamteetti ergamuu gabaasi Qeerroo addeessa.
Sagalee QEERROO Bilisummaa Qophii Bitootessa Ebla 3,2015
Aside

