Barattooti Oromoo, Wallagga,Horroo Guduruu Aanaa Jimmaa Ganatti Mana Barumsaa Hartoo Sadarkaa 2ffaa fi Qopha’ina FDG Itti Fufan

Aside

diddaa9Ebla 9,2015 Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Gannatiitti Goototni barattootni Oromoo mana barumsaa Haratoo sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’ina  FDG jabeessuun itti fufuun, wal qabatee Manni barumsaa Haratoo sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina cufame, dullii hidhaas uummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jira. 

Godina Wallaggaa Horroo Guduruu torbee darbee keessa FDG Aanaa Amuruu magaalaa Agamsaa fi Lixaa Shaggari Meettaa Roobiitti gootota barattoota Oromoo fi sabboontota uummata Oromoon qabsiifame jabaachuun gara guutummaa Godina Dhihaa Oromiyaatti babbaldhachaa kan jiruu yoo ta’uu, yeroo ammaan kanatti aanaa Jimmaa Gannatii Magaalaa Haratoo fi Mana Barumsaa Haratoo sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’ina keessatti guyyaa kaleessaa irraa egaluun FDG  kan qabsiifamee daran jabaachuun hanga ilmaan Oromoo oromummaan yakkamanii hidhatti ukkanfaman hiikamanitti kutaa seenee barachuun keenya bu’aa kan hin qabnee fi jireenyaa yaaddoo fi teenyee hidhaa eeggachuudha waan ta’eef hanga gaaffiin mirgaa gaafachaa jirruu fi ilmaan Oromoo badii tokko malee hidhaatti guuramaa jiran hiikamanitti FDG itti fufa jechuun goototni barattootni Oromoo barnoota dhaabuun FDG sirna faashistii wayyaanee EPRDF/OPDO/TPLF irratti qabsiisan jabeessuun itti fufan.

Mootummaan abbaa irree humna waraanaa,  poolisaa fi basaastota isaa gara Godina dhihaa Oromiyaa magaalota akka Amboo,Neqemtee, Gimbii fi Jimmaa irraa qubsiisaa jiruu humna poolisaa guddaa gara Magaalaa Haratootti bobbaasuun gootota barattoota Oromoo fi uummata Oromoo afaan qawween ukkamsaa kan jiruu ta’uu maddeen keenyaa gabaasaan addeessaa jiru, yeroo amma kanas barattootni Oromoo 12 olitti lawwaaman mana barumsaa Jimmaagannatii Haratoo irraa ukkaanfamuun waajjiraa Poolisii Aanichaatti hidhamanii jiraachuun walqabatee hanga gootatni baratootta Oromoo ukkanfamaa jiran atattamaan hiikamanitti jechuun barnoota dhaabuun FDG itti fufani jiraachuun ibsame.

Haaluma walfakkatuun yeroo amma kana Godina dhihaa Oromiyaa Aanota akka Lixa shaggar: Amboo,Gudar, xiiqur Incinnii, Jimmaa Raaree Wayyuu, Midaa Qanyii Baallammii, Calliyaa Geedoo, Iluu Galaan Ijaajjii, Dannoo, Bakkoo Tibbee, Fincaa’aa fi Guduruu keessatti FDG guddaan narratti qabsiifamuuf jira maqaa jedhuun mootummaan wayyaanee EPRDG/OPDO/TPLF humna waraanaa, poolisaa fi basaastota isaa bobbaasuun uummata goolaa jiraachuun uummata Oromoo fi dargaggoota qeerroo barattoota Oromoo daran FDGf kan onnachiisaa jiruu fi uummaatni Oromoo gamtaan ka’ee mirga isaaf akka falmatuuf kan murteeffachiise ta’uun ibsamera.

Qeerroo bilisummaa Oromoo yeroon gamtaan kaanee falmannuu amma, (Eblii 11/2014 Guyyaan Warraaqsii FDG bifa qindaa’een itti eegalee bara darbee guutummaa baatii Ebilaa keessaa uummatni Oromoo keessattuu dargaggootni Oromoo wareegamaa qaalii itti kanfaleef Oromiyaa Finfinnee fi mirga uummataa Oromoof falmaan hadhawaa itti godhamee) fi Ebli 15 Guyyaan Gootota oromoo Guyyaan seena qabeessii kan itti kabajamuu ta’uu hubachuun qajeelfamaa fi Ibsa hogannis sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo dabarsuu hordofuun uummatni Oromoo bakka jirruu gamtaan harka walqabannee mirgaa keenyaaf, biyyaa keenyaa fi eenyummaa keenyaa kabachiifachuuf haakanu jechuun dhaamsa isaa dabarsa jira.

Ebla 15, Guyyaa Gootota Oromoo Ilaalchisee Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Aside

ABO

Baatiin Eblaa Seenaa QBO Keessatti Baatii Seenaa Qabeessa

Ibsa ABO

Ummatni Oromoo sirna gabrummaa walabummaa, birmadummaa fi mirga dimokraasii isaa sarbee hacuuccaa fi saaminsa gadi dhaabuu barbaade baroota dheeraaf of irraa faccisuun walabummaa isaa tikfate. Haa tahu malee dhuma irratti diinni waggoota dheeraaf Oromoo gabroomsuu irratti hin milkaa’iin ture gargaarsa meeshaa fi beekumsaa ala irraa argateen ittisa Oromoo cabsee hawwii isaa bakkaan gahate. Kana irraas sirni Kolonii Oromoo irratti diriirfame. Abbaan biyyummaa Oromoo hafee biyya isaa irratti alagoome. Qabeenyi Oromoo fi Oromiyaa ajaja alagaa jala gale. Gabroomfatootni ummata Oromoo cabsuun ol aantummaa fi sirna Kolonii Oromiyaa fi Oromoo irratti diriirsuuf milkaa’an iyyuu ummatni Oromoo gabrummaa irratti fe’ame fudhatee tole jedhee jalatti hin bulle. Walabummaa fi bilisummaa humna qawween irraa sarbame deebifatuuf wareegama baasaa har’a gahe. Wareegamni gosa hundaa baasaa jirus ummata Oromoo irraa kan dhaabbatu guyyaa mirgi isaa guutummaatti dhugoomee dhimma isaa irratti murteessaa tahe qofa. Oromiyaa diina irraa ittisuu fi diina jalatti erga kufeen boodas walabummaa gonfachiisuuf kanneen wareegaman yaadatuun dirqama lammummaa ti. Kana hubatuun ture ABOn Ebli 15 guyyaa yaadannoo, Gootota haqa ummata Oromoof jecha lubbuu isaanii bakka bu’aa hin qabne baasan ittiin yaadatamu akka tahuu kan murteesse. Guyyaan Goototaa miseensota ABO qofaan eegale kun har’a kan ummata Oromoo maraa tahuun hubatamee biyya keessaa fi alatti kabajama. Kunis qabsaawota qabsootti jiran hamlachiisee, kaanis qabsootti akka makamanii fi gumaacha qabsoo adda addaa akka gumaachan taasiseera. Kanatti dabalees ilmaan Oromoo bilisummaa saba isaaniif jecha yeroo fi bakkoota adda addaatti kufan galmee seenaa fi onnee ummata isaanii keessatti akka galmaa’an taasise.

Gutummaan Isbsa Kanaa PDFn :-  Ibsa Guyyaa Goototaa

Ayyaanni OPDO Yuuniversitii Gambeelaatti Kabajamuuf Ture Feshele, Barattootni Oromoo Moorichaas Faarsuu Qabsoo fi Dhaadannoo Dhageessisaniin Humni Waraanaa Naannoo Yuuniversitichaa Qubate.

Aside

Gabaasa Qeerroo Mattuu,Ebla 8,2015

diddaa9Ayyaanni Dh.D.U.O Yuuniversitii Gambeelatti kabajamuuf har’a Ebla 8,2015 akeekame barattoota Oromoo Yuuniversitichaan feshelaa’e.
Gabaasa Qeerroo Godina Iluu Abbaa Booraa magaala Mattuu Irraa har’a Ebla 8/2015 nu qaqqabeen maqaa Ayyaana jedhuun oromiyaa godinootaa fi dhaabbilee barnootaa keessatti mootummaa wayyaanee waggaa 25 guutuu uummata ajeessaa, hidhaa, qabeenyaa uummata Oromoo irratti duula saamichaa gaggeessaa jiru faarsuun dirqamaan uummataa fi barataa bobbaasaa kan jiran gabaasa Qeerroo nugahaa jiru irraa kan hubatamuudha. Haaluma kana fakkaatuun ayyaanni kun barattoota Oromoo mooraa Yuuniversitii Gambeelaatti akka kabajamuuf guyyaa har’aa akeekame barattootni sirba qabsoo fi dhaadannoo dhageessisuudhaan qondaalota OPDO keessaa achitti argaman dura dhaabbachuun mooraan Yuuniversitichaa kan dura ta’ee hin beekne weelluu qabsoon guutame, tikni mootummaa Wayyaaneen fageenya irraa waamamuudhaan naannoo Yuuniversitii sana qubate.

Dhaadannoo barattoota oromoo mooraa Yuuniversitii Gambeelaan dhageessifameen walgayii fi ayyaanni OPDO feshalaa’een:
– Nuti sabboontota Oromooti,OPDO hin beeknu ABO malee!
– OPDOn uummata Oromoo bakka hin buune,bakka bu’uus hin danda’u!
– Uummata oromof kan dhaabbatee qabsoo hadhawaa gaggeessaa jiru WBOn nuuf haa dhufu!
– Yaa OPDO dhiigni ilmaan oromoo lola’e isin haa gaafatu!
– Oromoon mirga isaaf hidhame haa gadhiifamu!
– Miidiyaan sobaa nurraa haa dhaabbatu!
– Wayyaaneen gabroonfataadha nurraa haa ka’u!
Jechuudhaan sagalee dhageessisan, dhaadannoo fi weelluunis haala aarii jabaatiin barattootni oromoo mooricha wal qindeessuudhaan dhageessisan, humni waraana wayyaanee magaalaa fi bakka Tarbi Shaalakaqaa jedhamu irraa sosso’uudhaan gara mooraa yuuniversitichaa qubachuu Qeerroon magaalaa Mattuu irraa odeessa dhiyeessa.

Godina Arsii fi Bakkeewwan Birootti Qonaan Bultootni Oromoo Saaminsa Lafaa Dura Dhaabbachuudhaan Investeroota Halagaa Arii’an‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Ebla 7,2015 Asallaa

Oromian resistanceUummatni Oromoo saaminsa lafaa Mootummaan Wayyaanee fi Investerootni alagaa fudhachaa jiran dura dhaabbachaa jira. Godina Arsii aanaa Gololchaa ganda Siree Baggoo fi Furda Bal’aa jedhamee beekamu keessatti investerri mootummaa Wayyaanee waliin harka mirgaa tahee hojjetu Mohaammed Amaan jedhamu lafa qotee bultootaa fudhachuuf wayita jedhutti Uummatni qotee bultootaa dura dhaabbatanii jiran. Investera kanaaf mootummaan wayyaanee Heektaara 1000 ol kan kenniteef yoo tahu qotee bultootni gandoota kanaa nuyi qe’ee keenya irraa hin buqqaanu, Lafti kan keenyadha jechuudhaan diddaa dura dhaabbatanii lafa isaanii dhorkachuun investera kana tokkummaadhaan ka’uun arii’anii jiran. Haaluma wal fakkaatuun Godina Baalee aanaa Daalloo mannaa fi Godina Wallagga bahaa Haroo Limmuutti mootummaan wayyaanee lafa qotee bultootaa investeroota Lammii Biyya Australiadhaaf kan kennite yoommuu tahu Uummatni gamtaan ka’uudhaan lafa isaa akka falmatu Qeerroon waamicha dabarsa.