Guyyaa Har’aa Yuuniverstii Wallaggaa Keessatti Barruun Warraaqsaa Maxxane Sabaa Jedhuun Kaabinooti Wayyaanee Barattoota Gidirsaa Jiru,Madda Walaabuu Ammoo Barattoota Oromoo Hidhaa Jiru.

Aside

Gabaasa Qeerroo Ebla 30,2015

diddaa9Barruuleen warraaqsaa Yuunivarsiitii Wallaggaa,magaalaa Naqamtee kutaa boordii,Bakkejamaa fi Kolleejjii barsiisotaa Naqamtee keessa itti maxxansamuudhaan kan rifate Wayyaaneen  guyyaa har’aa Ebla 30,2015 kolleejji barsiisotaa Naqamtee keessatti barsiisotaa fi barattoota guyyaa fi galgala baratan hunda walgahii ariifachiisaa waamee jira. Haalli kun sa’aa ammaa magaalaa Naqamtee keessatti kan raawatamaa jiru yeroo ta’u gabaasa guutuu Qeerroon dabalee dhiheessa.

Gama biraan Mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo Yunversity Maddaa Walaabuu hidhaa fi hordofii cimaan dararaa jirti. Guyyaa har’a barattoota Oromoo lama polisii Wayyaaneen qabamanii jiru, isaan keessaa tokko barataa Falmataa Kumsaa kan jedhamuu fi bakkii dhaloota isaa Godina kibba lixa Shaggar aanaa Ammayyaa kan ta’ee akka keessatti argamu baramee jira.

Ogeessa Fayyaa fi Barataa Yuuniverstii Amboo Kan Ta’e Sabboonaa Magarsaa Mashashaa Ayyaanaa Humnoota Tika Wayyaaneen Ukkaamfame.

Aside

Ebla 29,2015 Amboo

Because I am OromoSabboontichi ilmi Oromoo Magarsaa Mashashaa Ayyaanaan, magaala Amboo keessaatti hojii fayyaa (nursing) kan hojjetu yeroo ta’u gaafa Ebla 22,2015 dhimma hojii dhuunfaaf naannoo Boolee deemee osoo jiruu ganama sa’aa 7:00WD irratti qaamni tika Wayyaanee magaalaa Amboo irraa eegalanii jala bu’uun Finfinnee erga gahanii ukkaamsuu isaanii Qeerroon magaala Amboo irraa gabaasee jira.

Qaamni tika Wayyaanee hordofiin isa faana bu’aa tures maqaan isaa Mekonnin Gamma nama jedhmamu  yeroo ta’u namni kun waggoota mursaaf darban irraa kaasee barattoota Yuuniversitii Amboo fi Wallagga irratti ramadamee dargaggoota Oromoo hedduu kan qabsiisaa ture ta’uun beekamaa dha. Kana malees namni Mekonnin jedhamu basaasi Wayyaanee kun uummata Amboo biratti maqaa Bulguu  jedhamuun akka beekamu uumataafis ta’e barattootaaf ifaadha.

Haaluma kanaan sabboontichi Oromoo Magarsaa Mashashaa Ayyaanaa hanga ammaatti bakka buuteen isaa dhabamee jiraachuun hoggansi Qeerroo Amboo irraa addeessa.

Dhiha Oromiyaa Aanaa Horroo Limmuu Keessatti Warraaqsa Bilisummaa Ka’een Mootummaan Wayyaanee Ummata Hidhuu Mala Ukkaamsaa Godhate.

Aside

diddaa9Gabaasi Qeerroo akka addeessuttu, Ebla 25,2015 irraa eegalee Wallagga aanaa Haroo Limmuu keessatti uumataa fi bulchitoota aanaa jidduutti rakkoo uumameen kan ka’e,uummanni Oromoo naannichaa walgahii Wayyaanotaa guutummaatti lagachuun diddaa waan itti kaasaniif jecha kaabinoonni humna poolisaa qabachuun uumata naannichaa fi dargaggoota hedduu mana hidhaatti geessuu beekame.

Haaluma kanaan daraggoo Lalisaa Asaffaa jedhamu ammaan dura diddaa naannoo sanatti dhalateen wal qabatee uummata nurratti kurfeessita sababaa jedhuun waggoota muraasa hidhamee kan bahe yeroo ta’u,ammos Kaabinooti Wayyaanee sababuma fakkaataa itti funaanuun mana hidhaatti dabanii jiru.

Kanuma waliin kanneen hidhaman keessaa Obbo,Gammachuu Tamsgeen qonnaan bulaa fi daldalaa Margaa Lammii kanneen jedhaman uummata baadiyaa fi gadoota keessaa mootummaa irratti kakaaftan sababaa jedhuun wattadara Wayyaaneen qabamanii hidhamuu Qeerroon gabaasa.

Ijoo Dubbii ABO: Yaadannoo Guyyaa Wareegamtoota Ilmaan Oromoo Amboo

Aside

AmbooBiyya itti dhalatan, handhuurri isaanii itti awwaalame keessatti kabajaa lammummaa dhorkatamanii, eenyummaa isaaniin qofa diina taasifamanii gaaffii mirgaa kaasuu isaanii irraa qofaan ilmaan Oromoo gara jabinaan magaalaa Amboo keessatti ajjeefaman hur’allee gadda guddaan yaadanna. Kana waliin kanneen ilmaan Oromoo fayyaaleyyii fixanii fi ficcisiisan ammayyuu murtii seeraaf kan hin dhihaanne tahuun gadda keenya dacha taasisa. Gumaan lammiilee Oromoo mirga saba isaaniif osoo falmanii dabran kanneenis, akeeka kufaniif sana bakkaan gahuuf qabsoo finiinsuun bilisummaa ummata Oromomoo dhugoomsuun tahuu mirkaneessaa ti.

Ilmaan Oromoo gootummaan harka qullaa diina ummata isaanii dura dhaabbatuun dugda osoo hin taane qoma rukutamanii lubbuu isaanii bakka bu’aa hin qabne qabsoo haqaa irratti dabarsan kanneen, baatiin itti wareegaman baatii Eblaa ti. Baatiin kunis, baatii wareegamtoota gootota Oromoo walabummaa Oromiyaa tiksuu irratti kufanii fi cabiinsa Oromoon boodas kanneen bilisummaa ummata isaaniif wareegama isa maayyii baasan itti yaadataman waan taheef, tarree isaanii seensisa. Seenaan lubbuu isaanii osoo hin mararfatiin kabajaa ummata isaaniif jecha wareeganis dhiigaan waan barraa’eef galmee seenaa Oromoo keessatti galmaa’ee bara baraaf yaadatamaa jiraata.

Gooti ummata isaa irra lubbuu isaa hin mararfatu. Gooti haqaaf falmaa dabruu filata malee akka geejjibaatti fe’amee cunqursitootaa fi saamtota jalatti jilbeenfatee buluu filmaata hin godhatu. Kana irraa ti ilmaan Oromoo hin gabroomnu! gabrummaa jalattis hin bullu! jechuun walabummaa fi bilisummaa isaaniif jecha wareegama ulfaataa baasaa kan turanii fi jiran.

Wayta ammaa kana ummatni Oromoo mootummaa shorarkeessaa kanaan miidhaan irra gahu dabalaa deemuun bal’inaan mul’ata. Ummatni Oromoo qe’ee isaa keessa nagaan jiraachuu hin dandeenye. Nagaan baratanii manatti deebi’uun yeroo kamuu caalaa ulfaataa tahee jira. Hireen ilmaan Oromoo baratanii dalagaa argatanii hojiitti bobba’uun ofii fi maatii isaanii jiraachisuuf qaban hinaaffaa, jibbiinsaa fi sodaa irraa diinaan dhiphifamee hojii dhablummaan jooran. Kanneen maatii fi fira irratti ba’aa hin taanu jechuun abdii nuuf dabra jedhuun biyya ambaatti baqataa jiran lakkoobsi guddaa dha. Baqa karaa adda addaa adeemaa jiru kanaanis balaa suukanneessaa lammiilee mudataa jiru guyyuu gaddaan dhaga’uun baay’atuu irratti argama.

Mootummaan Wayyaanee mootummaa kufaatii fi badii raawwatu irraa kan hin baranne, mirga ummatootaa beekuu fi kabajuu hin barbaadne tahuu irraa, sochiin ummatootaa bakkayyuutti itti jabeeffamaa jiraatuu haalli ummatootaa fi tarkaanfii mootummaan kun sodaa fi muddamsuu irraa fudhataa jiru ni hubachiisa. Addatti ammoo tarkaanfiin ummata Oromoo irratti fudhataa jiru, kan diinummaa isaa dhugoomsuu dha. Kabajamuu mirga ummata Oromoo kan hin barbaadne tahuu mirkaneessa. Waan taheef, ABOn guyyaa ilmaan Oromoo Ambootti faashistootaan ajjeefaman kana wayta yaadataa jirutti dhaamsa itti aanu ummataaf dabarsuu fedha.

Hawaasni keenya biyya keessaa fi alaa gootota ilmaan Oromoo Ebla 30, 2014 waraana diinaan guyyaa saafaa magaalaa Amboo fi naannootti rashanaman kabajaan oggaa yaadatnu akeeka kufaniif beeknee bakkaan gahuu irratti cichuun fiixa baasuu irratti qabsaawwuuf murteeffatuun,

Mootummaan gochaa diinummaa gartuuleen fiinxaaleyyii ummata irratti raawwataniin adda hin taane raawwatu kun, hanga hin qolatamnetti rakkooleen hundi itti fufuu qofa osoo hin taane, caalaatti hammaataa fi dabalaa kan deeman tahuu qalbifatuun, tooftaa jabaa fi bilchaataan dura dhaabbatuuf qophaa’uun akka tahu,

Har’as rakkoon ummata keenya addatti ammoo dargaggoo Oromoo mudataa jiru hammaachaa dhufuu hubatnee bifaa fi karaa hundaan cinaa dhaabbatuuf murteeffatuun akka tahu ABOn dhaama.

Diinni ummata Oromoo ummata keenya qabsoo irraa jiilchuuf tarkaanfiilee suukanneessaa adda addaa fudhatullee ummatni keenya bilisummaa isaaf qabasaa’uu irraa kan booda hin jenne tahuu dalagaan mirkaneessaa jira. Ajjeechaan jumulaa, hidhaa, dhaaninsii fi doorsisi diinaan irra gahullee, bilisummaa! Walabummaa jechuun qabsoo irratti argama. Kanaaf, haala abdachiisaa fi onnachiisaa ummataa, addatti ammo Dargaggoo Oromoo keessatti mul’ataa jiru firii itti gochuuf harka wal qabannee haa sossoonu. Rakkoon waloo waloon keessaa bahamaan dhaamsa ABO ti.

 

Godina Addaa Naannawaa Finfinnee Ona Sulultaa Keessatti Hojjettooti Mootummaa Filannoo Mormitan Sababaa Jedhuun Akeekkachiisi Itti Kenname.

Aside

Ebla 27,2015 Sulultaa

images (1)Godina addaa naannawaan Finfinnee ona Sulultaatti filannoo mootummaan Wayyaanee gaggeessuuf jiruun wal qabatee dararaa yeroo ammaa hojjattoota mootummaa kanneen Oromoo tahanii fi uummata irra gahaa jiru daran jabaachaa dhufuu gabaasi Qeerroo addeessa.

Haala kanaan yeroo ammaa kana mootummaan faashistii TPLF jalee OPDOtti fayyadamuun maqaa tokkoshanee jedhuun uummata irraa abdii waan dhabdeef karaa kaadiree fi dabballoota isheen akka mallattoo tiisisaa/kanniiisa filatan mallatteessisuu qabdu gama jedhuun hojjataa mootummaa sadarkaa gandaa jiran hojii idilee isaanii dhiisanii akka ergaa EPRDF/TPLF  kana hojjatan taasisaa jiru.

Hojjataa mootummaa ergama isaanii kana morman ammoo akeekkachiisa fi doorsisaa garaagaraa irraan gahaa jiru. Addatti hojjattoota sabaan Oromoo tahanii fi miidhama saba isaanii hin barbaannee irratti yeroo garaa garaatti xaalayaa of eeggannoo jedhu itti barreessaa kan jiranii fi dorsisaa kan jiran tahuun ifatti mul’achaa jira. Hojjattooota yeroo ammaa of eeggannoon itti laatame jiru keessaa

  1. Obbo Abdii Masqalaa hojjataa Misooma qonnaa

2.Obbo Darajjee Tolaa hojjataa waajjira qonnaa

Kanneen ta’an keessatti argamu.