Category Archives: Oduu/News
Yuniverstii Wallaggaa Keessatti GDO Akka Hin Sochoone Dhorkamus Barattooti Artii Oromoo Guddisuuf Gahee Isaanii Bahan.
Aside
Moora Yuunivarsiitii impaayera biyyattii keessatti GDO ykn gumiin guddinaaa fi dagaagina afaan Oromoo hidhata ABO waliin qabu maqaa jedhu qofaan aadaa fi seenaa uummatasaanii guddisuu irratti danqi dura ka’ameera, Haata’u malee guyyas kaleessaa Waxabajjii05,2015 Yuunivarsiitii Wallaggaa keessatti barattooti aartii Yuunibarsiitichaa haalaa miidhagaa ta’een agarsiisa aadaa taasisuun mataa diinaa gadicabsaniiru. Uffati aadaa,nyaanni aadaa,faayaan Oromoo marti dhiyaachuun uummaticha boonseera gara fuuladuraattis guddina aadaa fi seenaa uummatichaa irratti dhiibbaan Mootummaa bicuu kanaa akka itti cabuu qabuufi aartii uummatichaa gudfisuun akka danda’amurratti marii bal’aan erga geggeeffamee eebba Oromootiin goolabamera
Seife Nebelbal Radio, June 5, 2015
Aside
FDG Bulee Horaa Yuunniversitiitti Itti Fufuudhaan Barattootni Hhmna Waraanaan Marfaman, Barattootni Qormaata Kutaa 12ffaa Qoramanis Diddaa Sirna Wayyaanee Kaasaa Jiru.
Aside
Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Bulee Horaa fi Godinaalee garagaraa irraa ibsu. Barattootni Yuuniversitii Bulee Horaa guyyaa har’aa Waxabajii 4,2015 FDG kanaan dura eegalee jiru hanga bilisummaatti hin dhaabnu jechuun itti fufan.Humni waraana Wayyaanee konkolaataa 10 ol tahus garasitti fe’ame. Barattootni hedduunis qabamanii mooraadhaa bahuu Qeerroon gabaasaa jira.
-Nuti mirga keenyaaf falmii afaan qawween doorsifamuun osoo hin dhaabbatin itti fufuu qabna.
-Humni waraanaa mooraa keenya keessaa nuuf haa bau’u
-Oromiyaan haa bilisoomtu
-Nuti abdii WBOtiif jiranna
-Oromiyaan kan Oromooti.
-Habashootaa fi nafxanyoof hin jilbeenfannu
-jala deemtuu wayyaaneef bakka hin qabnu
-Seenan isin haagafatu kan ilmaan Oromoo mana hidhaatti guursistan mooraa Yuuniversitii Bulee Horaa keessatti dhaadannoon kun har’a
barattootaan itti fufee jedhamaa ooluu Qeerroon kan gabaasuu fi akkasuma barattootni qormaata biyyoolessaa kan kutaa 12 guyyaa har’aa
eegalan qorumsa biyyooleessaa sa’a isaa eegate kajabuu irra bilisummaa faarsaa oolan. qorumsi sirnaan kan hin gaggeeffamne Oromiyaa
godinaalee hunda keessatti tahuu Qeerroon gabaase. Torban kana guutuu mannen barnootaa sadarkaa gadii keessatti WBO faarsuun barattootni
diddaa itti fufan.fedha qaban Bilisummaa fi walabummaa tahu barattootni kutaa 1 irraa kaasee hanga qophaayinatti ibsaa jiru. FDG Yuuniversitiilee keessatti itti fufe.
“Gaalgalootoo” Wallee Aadaa Artist Hacaaluu Hundasaa
Aside
Sagalee Simbirtuu,Qophii Waxabajjii 04,2015
Aside
Gootonni Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Roorroo Poolisoota Ergama Wayyaanee Raawatanii Dadhabuun If Irraa Ittisa Gochaa Jiru.
Aside
Waxabajjii 3/2015 Mootummaan Wayyaanee Sochii warraaqsa FDG gaggeeffama jiru irraa soda fi yaaddoo guddaa keessa seenuun sakkatta’insa guddaa barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa irratti jabeessuun wal qabate ergamtoota poolisoota Wayyaanee TPLF fi barattoota Oromoo jidduutti walitti bu’iinsi guddaan uumame.
Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa poolisoota Wayyaanee fi basaastoota Wayyaanee yaaddoo keessa galuun barattoota Oromoo sakkatta’insaan dararaani fi barattoota Oromoo doorsisan yeroo dheeraa obsaan bira darbaa kan turan yeroo ammaa kanatti bahaa fi galma isaanii irratti hiraarsaa fi doorsisa akkasumas sakkatta’iinsa poolisoonni Wayyaanee godhanii fi reebicha barattoota irratti gahaa jiru irraan amman booda obsa fixatne jechuun dhagaan poolisoota yakka hojjetan haleeluun akka fedhii keenyaatti mooraa barnoota keessa gadi baanee oldeebi’uu qabna jechuun poolisoota Wayyaanee balbala irra dhaabachuun sakkatta’insaan dargaggoota barattoota Oromoo dararan dhagaan dhahuun achii arii’atan.
Galgala har’aa barruun warraaqsaa FGD labsitu kan ibsa Qeerroon bilisummaa Oromoo baasee fi barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu irraa ukkaanfaman attattamaan hiikamuu qabu jedhuu Yuunibarsiitii Jimmaa fi kolleejjii barsiisota Jimmaa, Yuunibarsiitii Maattuu, Magaalota akka Jimmaa, Baddallee, fi Mattuu fa’aa keessatti bittinneeffame. Mootummaan Wayyaanees muddama seenuun humna waraanaa fi basaasaa isaa mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa irratti bobbasuun, barattoota Oromoo doorsisuuf yaalus goototni barattootni Oromoo yoom iyyuu caalaa tokkommaa isaanii jabeeffachuun sakkatta’insi seeraan alaa nurraa dhaabbachuu qaba, nuti shiftaa miti warraa biyya iyyuu bulchuu danda’udha, shiftaan mootummaa wayyaaneeti, Wayyaanee fi ergamtootni ishee qabeenyaa uummata keenyaa saamaa jiran sakkatta’amuu qabu, seerattis dhiyaachuu qabu jechuun sakkatta’insa seeraan alaa Wayyaaneen barattoota irratti gaggeessa jirtu balaaleffatan. Galgala kana magaalaan Jimmaa muddama guddaa kessa kan seente ta’uun ibsame.
Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast-3 June 2015
Aside
” Ykn Achi Goraa, Ykn Nutti Goraa” Artist Kabajaa, Zarihun Wadaajoo
Aside
Maqaa Omisha Inversteraa Jedhuun Bosonni Oromiyaa,Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Adda Addaa Keessaa Haalaan Manca’aa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Waxabajjii 03,2015 Mattuu
Jaarraa tokkoo oliif qabeenya uummata Oromoo saamaa jiranii fi kan turan ammos Imaammata saaminsa qabeenyaa biyya Oromiyaa irratti kan fuula deeffatanii sirni mootummaa Habshootaa, Godina Iluu Abbaabooraa qabeenyaa uumamaa buna,albuudaa,bajjii hoosoo lafa gabbataa jireenya uummataaf tolu qabu daguuginsa fi ciraa bosonaatiin mancasaa jiru.
TPLF/OPDOn qabeenyaa Oromiyaa keessaa yeroo barbaadetti barbadeesse bosona keessa ABOtu jira kanaaf barbaadaawuu qaba jechuun uummaticha dhaaba kallacha irratti ololus uummaanni fudhachuufii hin dandeenye. Yeroo ammaa kana diinagdeen Impaayera biyyatti gita bittootaa kanaaf ooluu irraa kan ka’es ilmaan Oromoo baratanii maqaa hojii uumuu jedhuun dirreerratti rakkatanii yeroo gamuuf waan nyaatanii jiraatan dhabuu irraa mooraa waraana Wayyaaneetti galuu dirqamu, Ilmaan Tigiraay immoo imaammata lafa babal’ifannaa argatanii wayita Oromoodhaan lafa qotattee bultu siilaachuuf lafti hin jiru jedhanitti Oromiyaa keessa basha’anii jiraachuuf carraa argatanii kunoo bosonni aanaa Dhidheessaa Godina Iluu Abbaabooraa akkanaan manca’aa jira.
Lafa babal’ifannaa guutummaa Iluu Abbaa booraa keessatti adeemsifamaa jiru keessatti Habashooti kaabaa haalaan qubsiifamaa akka jiranis beekamaa dha.
