Category Archives: Oduu/News
Abbaan Irree Waayyaanee Filannoo Kijibaa Barana Gaggeeffame Irratti Waan Hin Filataminiif Hujummoo Bishaanii Nurraa Buqqise Jedhu Jiraattotni Aanaa Adaamaa
Aside
Waxabajjii 19,2015
Aanaa Adaamaa ganda qonnaan bulaa Marabbee Marmaarsaa keessaa gabaasi Qeerroo naannichaa akka addeessutti akkuma beekamu mootummaan abbaa irree filmaata dura ummata goyyoomsuf tajaajiloota yeroodhaf kanneen akka ibsaa,bishaani fi kkf gandarra deemee galchaa turuun isaa ni yaadatama.haa ta’u malee ummatni tooftaan Wayyaanen yeroodhaa yerootti umrii bittaa dheerefachuuf itti jijjiiraa ture kun dursee waan hubateef sagalee tokkollee osoo hin laatiniif paartii KFO tif kennuun isaa kan yaadatamuudha.
Haala kanaan mootummaan abbaa irrees diddaa uummataa kanatti kan dallane tajaajiloota filmaata dura galche sana irra deemee buqqqisuu fi ciruu eegalee jira. Aanaa Adaamaa G/Q/B,Marabbee Marmaarsaa keessatti jiraattota muraasa irraa isin sagalee nuuf hin laatne akkasumas ummata nurratti kakaasaa jirtan jechuun hujummoo bishaanii jalaa buqqisee jiraattotni kun rakkoo bishaan dhugaatif saaxilamaa jiru , egaa yaa lammii koo “Surree jilbarraan dhumte Abbaatu waraannata Deega ijoollummaan dhufte Abbaatu tattaafata “akkuma jedhan ,mirga keenyaaf qaama biroo otoo hin taane numa mataa keenyaadha falma finiinsaa jedhu jiraatoti naannichaa.
Kaabinoonni Wayyaanee Bulchiinsaa fi Hoggansi Keenya Beekumsa Argachuu Qaba Sababaa Jedhuun Uummata Jeeqaa Jiru
Aside
Waxabajjii 19,2015 Naqamte
Hoggansii fi bulchiisi keenya uumata biratti amantaa fi fudhatama walii gala qabaachuu qaba sababaa jedhuun kaabinooti OPDO akkuma fedhan dhimmoota mara waliin laaqa oolanii bulaa jiru.
Waxabajjii 16,2015 Kaabinootiin Wayyaanee hojjettoota fayyaa,bishaanii,ibsaa,qonnaa fi kka bakka tokkotti walitti qabuun hogganummaan OPDO uummata biratti fudhatama waan hin arganneef dirqiin uummati fudhachuu fi nu kabajuu qaba yaada jedhu uummatatti kaasaa turan akkanatti yeroo kana Wallagga magaalaa Naqamtetti kaabinoota OPDO tti waaroon salphinaa hojjettoota fayyaa godinichaan itti uffisame walga’ichi gaafa 19,2015 xumurame.
Sagalee Seife Nebelbal Qophii Waxabajjii 19,2015
Aside
Sagalee Simbirtuu Qophii Waxabajjii 18,2015
Aside
የተደበቀው የራያና አዘቦ አኩሪ ብሔራዊ ማንነትና ታሪክ (በቦሩ በራቃ) | Brief National History of the Raya & Azebo People in Ethiopia
Aside
Adeemsi Qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adeemsa Qabsoo Jaarraa 21ffaati!
Aside
Kutaa 1ffaa
Oromoon erga Oromiyaa dhabdee, mirga, bilisummaafi demokiraasummaa isiis walumaani dhabde.
Dhimmi amantii dhimma siyaasaati. Amantiifi Siyaasaa addaan baasanii ilaaluun hin danda’amu. Sababiinsaa mirga amantii qabaachuun mirga demokiraasummaa qabaachuudha. Namni mirga demokiraasii hin qabne waan fedhe amanuu hin danda’u!
Erga Maqaan Oromiyaa, Daangaan Oromiyaa, Qabeenyaan Oromiyaa, Bulchiinsi Oromiyaa, Dinagden Oromiyaa, … kkf Itoophiyaa jalatti kolonneeffatamee jalqabee hanga guyyaa har’aatti Oromoon mirga demokiraasummaa waan barbaadetti amanuu dhabee, Amantii bittoota isaa akka hordofu, bifa garagaraatiin dhiibbaa gurguddaan, yakki jajjabaan iratti gaggeefamaati as ga’e.
Bara Minilik amantii Ortoodooksii akka hordofu dirqisiisuuf jecha, Hordoftoonni Waaqeffataa, Musliimaafi Protestaantii qawween ajjeefamaa turan. Hordoftoota amantaa Waaqeffataa adamsanii sassaabanii bakka tokkotti jumlaan rashanaa turaniiru. Akka fakkeenyaatti erga mootii Shawaa/Gullallee Tufaa Munaa ajjeesanii booda, Qaalluu Oromoo, Naannawa Finfinneetti argaman mara mana mana isaanii irra adeemanii guuranii fidanii magaalaa Finfinnee lafa amma piyaassaa jedhamutti bataskaana Giyoorgis ammaa cinaatti Jumlaan jiraa qotanii akka owwaalan seenaafi ragaaleen ni ibsan. Bara dabre kana Bakka awwaala qaallota Orommoo kana wayyaanticha Alaamuddiiniif akka gamoo guddaa gidduu gala gabaa/isa ‘Mall’ jedhan/ akka ijaaru yeroo kennaniifiitti wayta lafa kana bu’uura gamoo kanaa dhaabuuf qochisiisutti Lafeen qaalluulee Oromoo jumlaan ajjeefamanii kumaatamaan lakkaa’amu argamuu isaa irraa, akka uummanni seenaa kana beekee fincila hin kaafne dhoksaan halkan siinoo tiraakii chaayinaan guuramee bakka yeroof hin beekamnetti akka geeffame irra gahameera.
Akkasumas, Nama Macaafa Qulqulluu, Afaan Oromootti Hiike, Oniis Moos Nasiib /Abbaa Gammachiis/Hiikaa irrattis amantii proteestaantii akka hin lallabne murtii du’aa itti murteessee akka ture seenaan dhugaa baha! Adeemsi Qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adeemsa Qabsoo Jaarraa 21ffaati
Aad. Worknesh & Aad. Lense Recount Jaal Lemessa Boru’s Revolutionary, Courageous & Exemplary Years in the Oromo Struggle (Via OMN)
Aside
Oromo Voice Radio (OVR) Broadcasts -17 June 2015
Aside
