Category Archives: Oduu/News
Barattooti Oromoo Yuuniversitiilee Adda Addaa Irraa Boqonnaaf Gara Maatii Isaaniitti Galaa Jiranii fi Ummanni Nagaa Konkolaataa Irraa Qabamuun Hidhamaa Jiru.
Aside
Adoolessa 14,2015 Finfinnee
Akkuma beekamu barattoonni dhaabbilee barnootaa olaanoo irraa eebbifamanii fi boqonnaaf gara maatii isaanitti galanii kan jiran yoo ta’u, mootummaa faashistii Wayyaanee barattoota Oromoo maqaa ‘tola ooltota’ jedhuun siyaasaaf fayyadamuuf baadiyyaa keessa ol gadi naanna’uu adamsaa jira. Kanaaf sabboontonni barattoonni Oromoo godinaalee Oromiyaa keessa jiran hundi shira mootummaa sobduu fi hattuun dhiiga ilmaan keenyaa dhangalaasaa jirtu kana tokkummaan kaanee dura haadhaabbannu, dirqma Oromummaa keenyaa haabannu kan jedhu barattooti dhaammataa jiru.
Yeroo ammaa kanatti barattoota Oromoo Yuuniverstiilee adda addaa keessaa gara maatii isaaniitti galan adamsee qabuun mana hidhaa naannoo godina Wallagaa aanaa Waamaa Hagaloo mana hidhaa Moxxii jedhamu keessatti hidhaa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa,hanga ammaatti barattoota hidhaman keessaa
- Barataa MOHIIBUL MISGAANUU
- Barataa DASSAALENY EEBBISAA,
- BarataaMOOTUMMAA MISGAANUU,
- Barataa FAYISAA OLAANII,TAMASGEEN
- Barataa IBSAA,LAMMAA TARFAA,
- Barataa HAMBISAA BIRAANUU
Fi akkaan kaan hedduun keessatti argamu.
Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 13 July 2015
Aside
Diddaan Sirna Mootummaa Wayyaanee Caasaalee Isaa Keessatti Eegale Jabeeffamuu Qaba
Aside
Diddaan Sirna Mootummaa Wayyaanee Caasaalee Isaa Keessatti Eegale Jabeeffamuu Qaba
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Irraa
Bara mootummaa abbaa irree Wayyaanee keessatti hidhaa, ajjechaa , saaminsii fi dararri dhala nama irra gahu hammaataa tahuun beekamaadha. Gocha suukkanneessan dhala namaaf hin malle kunis uummata oromoo fi uummata cunqurfamoo Impaayera Itoophiyaa irratti kan xiyyeffateedha. Kana malees rakkoowwan hoj-dhabdummaa, qaala’insa jireenyaa, gibira humnaa olii fi rakkoowwan kanatti hirkatam hammatoodha.
Rakkoowwan kana irra aanuudhaaf dargaggoonni oromoo hedduun baqattummaaf saaxilamuudhaan gammoojjii fi galaana keessatti irbaata allattii fi qurxummii ta’an. Gariin falma abbaa biyyummaa keessatti irbaata rasaasaa tahan.
Dargaggoonni kuma dhibbootaan lakkaawaman ammo rakkoo jireenyaa dandamachuu dadhabuudhaan miseensa waraana wayyaanee tahuu dirqaman, Sirna caaseffamma waraana mootummaa wayyaanee garuu olaantummaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay(TPLF)dhaan kan dhuunfatame tahee hacuuccaan miseensota waraanaa ilmaan Oromoo fi sabaawwan cunqurfamoo irra gahu daran duukkanneessadha. Ilmaan Oromoo gammoojjiwwan dhalli namaa dandamachuu fi ulfaatu keessatt dirqma akka bahan dirqisiiifamu . Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adoolessa 2015
SBO Adoolessa 15,2015. Oduu, torban diaspora Oromoo jechuun shira wayyaaneen xaxaa jirtu ilaalchisuun marii dura taa’ota hawaasa Oromoo Amerikaa, Kanadaa fi Awustiraliyaa waliin taasifame, Ibsa Qeerroo akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa
Aside
Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ)Qophii Adoolessa 13, 2015
Aside
“ UTUBAA FI DAGALEE ”
Aside
SEENAA Y.G (2005)
Mana ijaaramu tokkof UTUBAA FI DAGALEETU hundeedha. Utubaan qophaa isaa dhaabbatee Mana ta’uu hin danda’u. Dagaleenis akkasuma. lameen isaanii adda baasanii mana ijaaruun habjuudha. Ijaarsi Manneen durii, Utubaa fi Dagalee irratti hundaa’an. Kan hammayyaa har’aa ammoo , Kolamii (colum) fi Biimii (Beem) irratti hundaa’an . haalli hojii isaanii baraan adda haa ba’an malee, faayidaan isaanii tokkuma. Dagalee fi Utubaan durii garuu, isa hammayyaa har’aaf bu’ura waan ta’aniif, Kaayyoo barruu kanaaf filadheera.
Manni Utubaa malee, Utubaan Dagalee malee hiikkaa hin qaban. Utubaan qophaa isaa ijaajjee, waan mana sanaaf tolu baadhatee mana fakkeessuu hin danda’u. Dagaleenis Utubaa malee, qilleensa irratti dagalfamee waan mana sanaaf tolu walitti qabuu hin danda’au. waan waliif Umame kana adda baasanii dhimma itti ba’uun, baayyee rakkisaa qofaa odoo hin taanee, hin danda’amu jechuutu salaphata. Ijaarsa manaa keessatti , hojiin Utubaa fi dagalee walitti hidhuu gaggeeffamu tollaan , dhumni manichaas tolaa ta’a. Utubaa fi dagalee bakka malee, yoo walitti hidhan, YKN maal na dhibeen yoo ijaaran, umurii manichaa gabaabsuu qofaa ta’a. Walumaa galatti, UTUBAA FI DAGALEEN ijaarsa Mana tokko keessatti bakka ol aanaa ni qabaatu. Mana waggaa dheeraa ykn dhalootaaf dabru ijaaruuf, jabinni fi Ijaarsi isaanii isaaniin murtaa’a. Akkasuma, Ijaarsi Utubaa fi Dagalee irratti tollaan, qaamoota manichaaf barbaachisan hundi akka tolan hin shakkisiisu jennee haa xumurru. UTUBAA FI DAGALEEN….
Simbirtuu: Oduu fi Qophii IMALAA. Mana Hidhaa Itoophiyaa Keessatti Guraara Oromoo Irraan Geessifamee Jiru Ilaalchisee, Dargaggoo Milkeessaa Waaqjiraa Ragaa Baha.
Aside
Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 11 July 2015
Aside
Yaa Sangaa Margasaa Malee, Hallayyaasaa Hin Agarre!
Aside
(Hariiroo Jorgootiin! Qeerroo Bilisummaa Oromoo-Oromiyaa!!)
Dhumnisaa maal akka ta’u kan walumaan ilaallu ta’a malee araddaa wayyaanotaatti jidduu kana sadoofi gammachuu, sirbaafii dhiichisa, ililbee…..faaruu, fakkarsuufi geerarsa ta’eera.
Filmaata waan filatan hin qabne, diraamaan wayyaanootaa, olaantummaa wayyaanotaan xumuramuusaa karaa bakka bu’aa wayyaanotaa boordii filmaataan erga labsamee jalqabee wayyaaneen bittaashee cubbuun guutame halaal godhattee dabalata waggaa shaniif seera qabeessa fakkeessuuf waan hin goone hin qabdu.
Namoota sagalee uummataa Wayyaaneef saamsisan tokko-shanee ganda keessaa yeroosuma galma miliiniyeemiitti, yaamtee miseensotashee dabballoota gandaa badhaasaa fi afeerraan bash!… gootee akka ture kan hunduu arginedha.
Dheengaddas, biiroolee mootummaa gara garaa keessaa kanneen filmaata kana irratti sagalee uummataa hachisiiseefi tokko-shaneetiin hojjettoota basaasaa turan, cimina hojii irratti agarsiisan jedhamanii badhaasni maallaqaafi geebaa achuma galma miliniyeemii keessatti arjoomameerafii. Yaa Sangaa Margasaa Malee
