Dhaabbati Ethio Tel Jedhu Karaa System 3G Jedhuun Uummata Guutuu Biyyattii Addatti Ammoo Hojjettoota Mataa Isaa Samaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Hagayya 20,2015 Finfinnee

imagesDhaabbati tajaajila teelee toopiyaa karaa systema 3G jedhu uummata guutuu biyyattiifi addatti immoo hojjettoota mataa isaatii saamuun rakkoo fi kasaaraa guddaa keessa buusaa jiraachuun beekame
Maddeen Qeerroon dhaabbaticha keessaa akka gabaasanitti dhaabbati Ethio telecom walii galtee fayyadamtootaa fi hojjettoota isaa waliin qabu diiguun faaydaa addaan uummmata saamuuf jecha tooftaa haraan fayyadamtoota dhaabbatichaa irraa galii addaa saamaa jira.

Dhaabbati Ethio Tel kan lammilee biyyittii saamuutti bobba’e kun karaa software akka 3G,2G,4G jedhamaniin fayyadamuun bifa tooftaa addaa ta’een horii itti lakkoofsisuu fi waan itti hin fayyadamiin kan fayyadaman fakkeessuun qarshii itti lakkoofsisuun uummata diinagdeen saamaa jira.
Akka gabaasa Qeerroo dhaabbaticha keessaatti fi  hojjettoota dhaabbatichaa jedhanitti dhaabbatichi hojjettoota isaaf bilbila addaa kenneefi kaffaltii bilbila namoota dhuunfaarraa adda ta’e karaa biilii jedhamuu kaffaltii erga jedhee booda fayyadamtooti hojjettoota dhaabbatichi utuu hin beekin hanga kuma digdamaa fi isaa ol irratti lakkaa’uun rakkoo jireenyaa keessa isaan buuseera
Fayyadamtooti uummataa karaa prepaid jedhamuu kan fayyadamaan yoo ta’u tooftaan kun utuu fayyadamtooti itti hin fayyadamin qarshii bilbilasaanirra jiru mara irraa dhaamsaa akka jiru beekameera

Ilmaan Oromoo New Yoork Gara Dhihaa Qubataan Dubaree Oromoo Bartuu Biiftuu Durreessoo Qabxii Ol-Aanaan Barnoota Xumurtef Qophii Milkii Godhan,

Aside

20150815 211234

20150815 211234

Ilmaan Oromoo New Yoork gara Dhihaa qubataan bara kana keessaa milkii gaarii dhaan barnoota isaannii xummurachaa jiru.​yeroo darbee Dubaree Oromoo Bartuu Biiftuu Durreessoo achuma New York magalaa Rochester ti mana barumsaa ishee sadarkaa olaanaa qaphixxii guddaan xumuruu dhaan haasa bara kana sirna eebbaa irratti seenaa warra isheef akkaatta itti milkoofte dubbachuu addunyaa rajjeffachiiftee turte.
akkasumaas warra dhiirraa keessaas Dargagoon Adan Roobaa magalaa Syracuse mana barumsaa isaa keessaati qaphixxii olanaa dhaan eebbifammee maqa biyyaa isaa dhofsissee jira. ijoolleen Oromoo Ollaa kanatti argamaan daran amillee ​akka qabaatanniif waldaan hawaassa Oromoo NY jiruu kennaa garagaraa kennuu dhaan, qophii sirna eebbaa isaannii biffa miidhagaa ta’een qopheessuun kabbajatteera.

20150815 211116

20150815 211116

ega milka’inaa daa’imaan kanaa duubaa jajjabinni maatii waan jiruuf amas da’imaan Oromoo haaluma wafakkaattuun Aadaa fi Afaan safuu sabummaa isaannii beekkaa akka guddattaan lammiillee keenya biyya gara garaa keessa jiraattanniif dhaamana kan jedhaan qophii sana irraatti yaada dabarfachaa turanniiru.
Adaan Roobaa barattoota ciccimmoo kuttaa biyyaa sanaa keessa isa tokkoo akka ta’ees beekama, inniis yeroo ama kana gara barnoota isaa sadarkaa olaanaatti deemuuf qophii dha.
ega barattoon Oromoo biyyaa keessaas alas barnoonnii bu’uura beekkumsaatti waan ta’eef yeroo isaanniitti cimmanii akka qo’attaan Adan daamsa isaa dabarfata.

WHO-NY

Ni Sarbamnne: Walaloo

Aside

Qeerroo Muniir Ali.
Dallas Texas irraa.

barruuNi Sarbamnne mirga Keenya
Ormaan dhiifnnu haqa Keenya
Eenyuu Kan nun mormu
Oromiyaan teenya
haa Kaanu Qeerroo Koo
Jollee biyya teenyaa
Walaboomuu qabdi
Biiyti Abbaa Keenyaa.
Onnee dhaban
Sombaa nama duta
Ka’i Oromoo Koo
Maalumaafii Usta
haa baafnnu gumaa gootaa
haga yoom Callifnna
Ni dhummnna yokaan
Ni bilisoommnna
Alagaaf gabroomnnee
Nama gad Laalamnnee
Hin Jiraannu tufattamnnee
Haqa Keenya dhabnnee
Qabsoo Keenyan dhabnnu
Fincilli itti haa fufu
hamma Walaboomnnuu

Dargagoo shamarran
Ilmaan biyyaa martuu
Xiqqaadhaa fii guddaan
Nu Kaasaa Hundumtuu
Haa Kaanuu Qabsootti
Oromiyaan teenya
nu malee enyuun qabdii?

Ni Sarbamnne

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Waamichaa Birmatnaa Lammuummaa Uummta Oromoo Godinaalee Haraargee fi Akkasumaas Kutaalee Oromiyaa Garaagaraa Keessatti Balaa Beelaaf Saaxilamuun Lubbuun Wareegamaa Jiraniif Bakka Jirruu Hundaa Haa Birmatnu Jedhu Dabarse!!

Aside

logo-qeerroo-oromiyaa31.jpgMootummaan abbaa irree Wayyaanee Guddina dinagdee Diijiitii lamaan dabaallee jirraa jedhee utuu olola sobaa ofaa jiruu fi utuu qabsoo bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuu fi maqaa diasporaa jedhuun olola afaan faajjii gaggeessa jiruu Uummatni Keenyaa Balaa beelaan dararamuun Lubbuun dhibbootaan lakkaa’amu Oromiyaa  godinaalee garaagaraa keessatti galaafatamaa jiraachuun ibsame jira.

Addatti immoo Uummatni keenyaa Godinaalee bahaa Harargee fi Dhihaa Harargee ,Karraayyuu, fi Walloo Kamisee balaa beelaa haala ulfaataa keessatti kufuun jumlaan lubbuun lafarraa dhumaa jiraachuutti gaadda guddaatu nutti dhagaa’ame jira. Uummaata qofaa utuu hin ta’iin beeladni kumootaan lakkaa’aman illee balaa beelaan lafarraa barbadeeffamaa jiru,  Ergaa balaan beelaa kun qabatamaan Godinaalee Harargee Lixaa fi Bahaa keessatti babaldhachuu eegalee ji’oota  sadii ol kan lakkoofsisee yoo ta’uu hangaa ammaatti qaamni mootuummaa abbaa Irree EPRDF/TPLF/OPDOs  ta’ee NGO addaa addaa illee birmannaa gochuu fi hanqachuun hedduu gaddisiisaa fi uummatichi mootummaa wabii isaaf dhaabbatu dhabuu irraa kan maddee ta’uun ifaadha. Dhabbooleen gargaarsaa akka uummata keenyaaf hin birmanneef mootummaan wayyaanee maqaa ‘’Guddina dinagdee biyyatti haala saffisiisaa ta’een dabalaa jirra, biyyattiin midhaan nyaataan of dandeesseetti jedheef dhaabbileen gargaarsaa Idil-Aaddunyaa uummata keenya cina dhaabbachuu irraa akka of qusachaa jiran hubatama jira.  Yeroo ammaa kanatti Wayitaa Uummatni Oromoo Harargee bahaa fi Lixaa, karrayyuu,Walloo Kamisee fi Oromiyaa bakkoota garaagaraa  balaa beelaan akka baalaa harcaafamaa jirutti Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDOn gurraa cuqqaallachuun Diasporaa dabbaalloota wayyaanee Waliin cidha qopheeffachuun Magaalaa finfinnee keessaa sirbaa jiraachuu fi bashannaanaa jiraachuutu muldhatee jira. 

Uummata Keenyaa haala rakkisaa keessatti kufee du’a eeggachaa jiruuf Uummatni Oromoo biyyaa keessaa fi Alaa yoo hin iyyaatiin uummatni keenyaa abdii dhabee balaa beelaan lafarraa barbadeeffamaa jira, haala gaddisiisaa kana hubachuun Uummatni Oromoo Qabsaa’otni oromoo, Jaarmiyaaleen Siyaasaa Oromoo fi beektootni Oromoo uummataa keenyaa balaa beelaan lafarraa dhumaa jiruuf dhaabbilee Mirga namoommaa Addunyaa, dhaabbataa Fannoo Diimaa Addunyaa fi jaarmiyaalee gargaarsa addunyaatti akka iyyannuuf  Qeerroo Bilisummaa Oromoo waamichaa guddaa dabarsee jira.

                            Injifannoon Uummata Oromoof!!

                             Gadaan Gadaa Bilisummaati!

                                       Hagayyaa 19/2015