Gaaffiilee Hundee Barattooti Oromoo Gaafachaa Jiranii fi Yeroo Ammaa Qeerroon Raabsamaa Jiru.

Aside

QeerrooWayyaanee EPRDFn Maqaa walga’ii leenjii barsiisotaa, fi barattoota jedhuun mirga keenyaa fi uummataa keenyaaf falmannu ukkamsuun umrii bittaa dheereffachuuf gaggeessa jira, kaleessa barattootaa fi barsiisota akkasumas uummata Oromoo rasaasan ajjeesan, kan hidhatti guuraan gaaffii gaafachaa turreef deebiin keenya rasaasa, hedduun hidhatti guurame.

Gaaffiiwwaan rakkoo hudhaa Oromoo fi Oromiyaa haala yeroo irratti akka guutummaa Oromiyaatti  Dargaaggootni  Qeerroon barattootni Oromoo Qopheeffachuun Waliif dabarsaa jiran:

  1. Labsii fi karoorri dhiittaa uummata Oromoo irratti baroota dheeraa dalagamaa ture bara darbe 2014 ifatti as ba’ee maqaa ‘’Master Plan Finfinnee’’ kan jedhu kun akeekaa diinaa fi Oromoo fi Oromiyaa balleessuu waan ta’eef atattamaan akka uummata keenya irraa dhaabbatu gaafanna!!
  2. Barattootni, dargaggootni fi waliigalatti uummatni Oromoo gaaffii mirgaa Finfinnee fi Master Plan Finfinnee mormuun karaa nagaa gaaffii waan dhiyeeffanneef rasaasan reebamne ajjefamnef mootummaan kun seeraatti nuuf dhiyaachuu qaba, Uummata keenyaa ajjeefamaniif ifatti gumaan kanfalamuu qaba, kanneen hidhaman gaaffii tokko malee hiikamuu qabu!!
  3. Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa, kabajamuun mirga namummaa fi mirga dimookiraasii uummata keenyaaf haa kabajamuu!!
  4. Mootummaan EPRDF barattoota Oromoo mirga sarbuun hidhaa, ajjeesaa, barnootaa fi biyya irraa ariiachaa waggaa 25 guutuu jiraate, yakka waggaa dheeraa barattoota Oromoo irratti raawateef gumaa kanfaluu qaba, aangawootni waayyanee EPRDF yakkamtoota kanneen ajaja dabarsuun ilmaan Oromoo irratti yakka raawwachiisanii fi rawwatan  seeraatti dhiyaachuu qabu!!
  5. Uummatni oromoo Mootummaa isa bulchuu fi wabii dhaabbatuuf dhabuun uummata keenya balaa Beelaa, Qe’ee irraa buqqa’uu, qabeenyaa samamuu, hidhamuu fi ajjeefamuuf isa saaxilee jira, kanaafuu mootummaan aangoo irra jiruu Uummata Oromoo fi Oromiyaa bakka bu’uu hin danda’u!!
  6. Uummatni Oromoo biyyatti keessatti baay’inaan Uummata Ethiopia walakkaa miliyoona 40 utuu ta’ee jiruu waggaa 26 guutuu aangoo siyaasaa keessa baafamee gita bitta jala jiraachuun beekamadha, kanaan booda gabrumaa EPRDF/TPLF hin fudhannu, afaan qawwee fi loltuu irra qubsiisuun Oromiyaa bituun dhaabbachuu qaba jenna!!
  7. Mirga uummata keenyaa fi saboota cunqurfamoo kabachiisuuf Mootummaan ce’umsaa Yeroo hundeeffamee filmaatni haqa qabeessi gaggeeffamee hireen uummata keenyaa akka kabajamuuf gaafanna!!
  8. OPDO’n Oromiyaa keessatti Seenaa hin qabu, seenaa OPDO  dubbachuun nama qaanessa, OPDO’n waggaa 24 guutuu bakka Shaggar kaabaa bakka Darraa jedhamutti hundeeffamne, jedhee uummata sobaa erga turee booda bara darbee immoo Nuti ‘’Naannoo Tigiraay Aanaa Adeeti’’ jedhamtu keessatti hundeeffamne jechuun labsattan isin amma dhugumaa eessatti akka hundeeffamtanii fi maaliif akka hundeeffamtanii fi eenyuu akka isin hundeesse beektuu??
  9. Gaaffii Uummata keenyaa karaa nagaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruuf Loltuu Agaazii fi poolisii Fedraalaa nurratti bobbaasuun dhaabbatee Aangawootni Mootummaa EPRDF/TPLF /OPDO nu gidduutti argamuun deebii nuuf kennan gadi jabeesinee gaafanna!!
  10. Biyya Ethiopia mootummaa abbaa irree EPRDFn gaggeeffamu keessatti filannoon dimookiraatawaa takka gaggeeffamee hin beekuu, Maqaa filannoo dimookiraatawaa gaggeessuu jedhuun mirgi Oromoo ukkanfamee filmaata sobaa gaggeessuun amaleeffatame akka dimookiraasiitti fudhatama waan jiruuf akeekni fokkataa fi mirga ilma namaa sarbaa jiru kun dhaabbachuu qaba!! Yakka dahoo filannoo kijibaan bara baraan gaggeeffamaa tureef mootummaan kun itti gaafatamuu qaba. Kan jedhuu gaaffiilee Bu’uuraa rakkoo hudhaa uummata keenyaa ta’ee dhiyeeffanna malee Walga’ii Leenjii wayyaanee hin fudhannu jechuun Dargaggootni barattootni Oromoo fi beektootni Oromoo sagalee tokkoon waliigallee mirga keenya kabachiifachuuf kan falmannu ta’uu murteessine.

             Injifannoon uummata Oromoof!!

             Qeerroo bilisummaa Oromoo!!

          

Fulbaana 19/2015 Godina Lixa Shaggar AANAA MIDAA QANYII fi AANAA CALLIYAA GEEDOOtti Walga’ii Barsiisota Wayyaaneen Qindaaye Irratti Gaaffiin Mirgaa Ka’uu Qeerroon Gabaase.

Aside

33Fulbaana 19,2015 Geedoo,,Ergamtoota Wayyaanee OPDO walga’icha gaggeessuuf ramadan gaaffiin joonjessuun of irraa arii’uun walga’ichis fashaala’e. Goototni barsiisootni Oromoo AANAA MIDAA QANYII fi CALLIYAA GEEDOO manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa MIDAA QANYII M/B Bakkalcha Barii sadarkaa 2ffaa , M/B sadarkaa 2ffaa Qanyii Bahaa Biftuu, M/B sadarkaa 2ffaa Baabboo MidaA Qanyii fi M/B sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Ballaammii fi manneen barnoota sadarkaa 1ffaa keessatti illee haala walfakkattuun mormiin barsiisota qabsiifamuun walga’iin Wayyaanee fashalaa’e.

Akkasumaas AANAA Calliyaa Geedootti Manneen barnoota kanneen akka M/B Geedoo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa , M/B sadarkaa 2ffaa Baabbichaa fi Manneen Barnootaa geedoo sadarkaa 1ffaa Dirree Guddinaa fi Dirree Jaartii jedhamanii fi Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa baadiyaa aanichaa keessatti Walga’ii gaggeeffamaa ture kana irratti mormii guddaa fi gaaffin guddaan ka’uun walga’iin wayyaanee fashalaa’ee karoorri walga’ii torbee tokko oliif qabame dhaabbate jira.

Goototni barsiisotni Oromoo AANOTA LAMAAN irraa iyyuu gaaffii walfakkataan dabbaloota OPDO dura dhaabbachuun itti qoosuun fudhatama dhabsiisan. gaaffii mirga abbaa biyyummaa kaachisuun walga’ii Leenjii siyaasaa mootummaa EPRDF hin fudhannu, nuti mootummaa mirga uummata keenyaa kabaju fi kabachiisuu dhabuun ‘’Maqaa Master plan Finfinnee’’ jedhuun Uummatni Oromoo qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqa’aa waan jiruu fi mootummaan aangoo irra jiruu Oromiyaa balleessa waan jiruuf isin hin dhaggeeffannu jechuun ergamtoota Wayyaanee OPDO dura dhaabbatan. Walga’iin W ayyaanee EPRDF Oromiyaa keessatti leenjii siyaasaa wayyaanee ittin kennaa jirtu kun seenaa OPDO hundeeffama irraa hanga ammatti kan jedhu kan faarsuu yoo ta’uu, seensii ajendaa walga’ii kanaa gaaffii guddaa kaachisuun dabballootni wayyaanee waan qabanii gadhiisan dhabuutu ibsame jira. Haala kanaan Aanaa Midaa Qanyii guyyaa 3ffaa erga gaaffii fi waldiddaa guddaan barsiisotni dura
dhaabbachaa turanii booda guyyaa hardhaa barsiisootni gaaffii isaanii waan jabeessaniif akeekni wayyaanee milkii tokko malee hafuun walga’iin leenjii siyaasaa Wayyaanee kun fashalaa’uu danda’ee jira. Haala walfakkaatuun gaaffiiwwaan bu’uuraa goototni barsiisotni Oromoo kaasuunii fi gaaffiilee mirgaa ijoo ta’an gaafachuun dhagahame.

Afaan Oromoo fi Eenyummaa Oromoo Impayera Itiyophiyaa Keessatti.

Aside

(Hariiroo Jorgootiin Kan Qindaaye)

Barreessaa dhugaa baasa! Sagalee Qeerroo Fulbaana 18 Bara 2015 Afaan lammiileen biyyattii irri jireessi ykn Majority’n dubbatu, Afaan Oromoo guddichiifi hangafti afaanotaa impaayera biyyattii keessatti Afaan Biyyaalessaa ta’uu dhabuun akkuma sirnoota walfakkaatoo duraaniifi isaanii olitti ergaramaafii ukkaamsaan hidhaa diinaa jalatti to’atamuun hinumaatuu ulee diinni ittiin sabicha dhaanu ta’uun sababa yakka malee itti yakkani doorsisaniifi miidhan ta’uunsaa, warraaqsa waliigalaa humni diinaa duubatti deebisuu hindandeenye dhoosaa jiraachuun beekame. Warraaqsi kun bu’aa qabsoo Goototiin Oromoo mirga abbaa biyyummaafi kabaja eenyummaa Oromootiif ganama biyyaafi sabni keenya koloneeffatame irraa eegalee taasisaa as gahan ta’ullee, dammaqinsi hawaasa Oromoo daraaree dagaagee sadarkaa firii quubsaa argamsiisuu irra gahuu irraa kan ka’e, gama hundaanuu sadarkaa hawaasa Oromoo hundaa biratti finiinee warraaqsa galmasaa ga’u malee hindhaabbanne kaasaa jiraachuun ifa ta’eera. Barattootni yuuniversiitiifi sadarkaa garagaraa irratti argaman, hojjettootni, daldaltootiin abbootiin qabeenyaa, dargaggoofi shamarran hayyootaafi maanguddoon duuchaamatti sabni Oromoo marti, Afaan tokkoon, fedhii tokkoon, ejjennoo tokkoon, garaagarummaa ilaalcha siyaasaafi amantaa maleetti, quqama jabaataan Afaan Oromoo hacuuccaa jalaa bahee bilisaan Afaan Biyyaalessaa ta’uu akka qabu ifatti gaafachaa jiraachuun mirkanaayeeera. Kunis akkaataa amansiisaa ta’een qabsoo Walabummaa Oromiyaafi Bilisummaa Oromoof taasifamu ofdura tarkaanfachiisuuf shakkii tokko malee kan abdachiise ta’uu bilchinaan hubatamuu gamaggamni Qeerroo ququlleefatee jala muree gabaaseera. Oduu Sagalee Qeerroo Fulbaana 18 Bara 2015