Category Archives: Oduu/News
Walleelee Warraaqsaa Qeerroo Irreessa Hora Ardadee 2015
Aside
Finfinnee Oromiyaa nin turqa jettee bakka bultii dhabda!! Wallee Gootota Oromoo Irreecha 2015
Aside
Ummanni 150,000 Aanaa Zuwwaay Dugdaa Jiraatu Beelaan Shororkaaya Jira
Aside
Aanaan Zuwaay Dugdaa Godina Arsii qarqaraa haroo dambalii dheerina naannawa harichaa walakkaa ol irra naannofte tan argamtu fi lagni kataar aanicha wallakkatti kutee kan darbu dha. Finfinnee irraa kiloomeetira naanno 150 irratti argamti. magaalli guddoon aanatti ogolchoo jedhamti . aanan kun bahaan Aana xiyyoo(Asallaa), dhihaan Aanaa Adaami Tulluu jiddoo kombolchaa(hara Dambalii ), kaabaan Aaana Heexosaa(Itayya), Kaaba dhihaan Aana dugdaa fii Aanaa Boorra (Maqii ), kibbaan Aana Arsii nageellee fi muunessaa daangoftee kan argamuu yoo tau, ballinni lafa aanicha kiloomeetir iskuweeri 1269 , qilleensi aanicha Gammoojjii giddu galeessa fi gogaa, teessumni lafaa diriiraa yoo tau aanattiin guutumatti SULULA QIINXAMAA GUDDICHA keessatti argamti. baayinni ummataa aanichaa 150,000 kan tilmamudha . odeefanno aanattii kan sirritti ibsuu barbaadeef sila aana tana MOTUMMAA qofa moo ummatummatu hin bakne kan jedhu irra shakkii waan godheef .
Gabaasa guutuu argachuuf as tuqa; 2222
Irreechi Bishooftuu Hora Arsadii Bifa Howwaa Ta’een Kabajame. Mootummaan Wayyaanees Uummata Sakatta’uu fi Hidhuun Beekame.
Aside
Onkoloolessa 04,2015 ,Irreechi Hora Arsadee Bishooftuu kan 2015 haala aja’ibsiisaa ta’een kabajamee jira.Uummanni Oromoo godinaalee mara keessaa heddumminaan irratti argamuun ayyaana waggaatti Oromoon wal argu kana bifa qindaawaa fi miidhagaan kabajatanii jiru.
Addatti roorroon kan itti hammaate sabi Oromoon walleelee warraaqsaan diddaa mootummaa Wayyaanee irraa qaban muldhifataa oolan.
Mootummaan Wayyaanee Uummata danuu irreecha nagaan kabajachuuf dhaqe qabanii hidhuu fi sakatta’uun hanga ammaa itti fufee jira.Haala kana sababaa network gahaa dhabuun Qeerroon Bilisummaa hanga ammaa uumataaf dabarsuu yaalaa jira waan ta’eef yeroo gabaabaa keessatti bifa qindaaween ni dabarsa.
Jalabultiin Ayyaana Irreecha Bishooftuu Bifa Howwaa Taheen Galgala Kana Kabajamaa Jira.
Aside
Galagala kana gara Bishooftuutti sakatta’insi cimaatu daandii irra jira. Namni tokko ykn Oromoon hundi otoo hinsakatta’amiin hindarbu.
Ummanni garuu yoo xinnaate har’uma jala bultii argaman namoota miiliyoona tokkoo gad hin taane magaalittii itti guutaniiru. Qeerroon wallee warraaqsaan soda tokko malee dhiichisaa jira.
Mooraa bal’aa WAAJJIRA ABBOOTII GADAA KAN OROMIYAA BISHOOFTUUTTI ARGAMU KEESSATTI QOFA NAMOONNI KUMAATAMATTI LAKKAA’AMAN HEDDUUTU GUUTEE WALLEE ABO FI WBO,QEERROO FAARSUUN ITTI JIRU.
Qeerroon Oromoo ykn dargaggoonni marsanii tuuta tuutaan dhiichisaa jiru! Walleen isaanii irra guddaa kan warraaqsaati. Ispaaltiin Magaalittii dhiichisa ilmaan Oromoon socho’aa jira Bakki hundi dhiichisadha. Hooteelonni fiixeetii hamma fiixeetti Oromoon guutameera. Walleen Afaan biraan dhagahamu mana kam irraayyuu hindhagahamu! Haaftis laftis hunduu Afaanuma Oromoo sirba. Guyyaa Bilisummaa fakkaata. Namni hunduu gammachuu machaayeera! Koreen qindeessituu irreechaa Qeerroon miidhagina kanaaf jabinaan hojjetaa jiru.Gabaasa caaluun walitti deebina.
SBO Onkolooleessa 04,2015, Oduu. Maastar Pilaanii Irratti Ijoo Dubbii ABO, Ayyaana Irreechaa Ilaalchisee Qophiilee Garaagaraa…
Aside
Sagalee QEERROO Bilisummaa( SQ) Qophii Onkoleeleessa 02,2015 fi Seenaa Jeneraal Taaddasaa Birruu Kutaa 2ffaa
Aside
Roorroon Kan Itti Hammaate Uummanni Oromoo Godina Lixa Shaggar Aanaa Ada’aa Bargaa, Mirga Abbaa Qe’ee Fi Biyyummaa Gaafachuu Itti Fufee Namoonni 75 Waraana Wayyaaneen Ukkaamfamuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Gabaasa Qeerroo Onkoloolessa 2,2015
Onkoloolessaa 12, 2015 Godina Dhiha Oromiyaa AANAA ADAA’AA BARGAAtti Fincillii diddaa gabarummaa ka’een Ummatni gaaffii abbaa qe’ummaa fi biyyummaa isaaf qabu kaashisuun egalame daran jabachuun itti fufee ilmaan Oromoo nagaan 75 olitti lakka’aman humna waraana Wayyaaneetiin ukkanfaman. Fulbaana 30, 2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Ada’aa Bargaa Magaalaa Mogor keessatti fincilli Ummataa daran cimaa dhufuun mootummaa Wayyaanee yaaddessaa jira! Fulbaana 27, 2015 halkan keessaa sa’aa afuriin booda Waraanni mootummaa Wayyaanaa Ummatatti dhukaasa banuudhaan namoota hedduu madeessaniiru. Waraanni mootummaa Wayyaanee yoo xiqqaate rasaasa 330 ol halkan tokkotti ummata irratti dhukaasuu kan eegalee hanga ammaatti qawween uummata dura dhaabbachaa jira.
Waraanni Agaazii jedhamus gaasii boochiftuu ummatatti gadi dhiisuun namoota lakkoofsaan hedduu tahan humnaa ol reebuun daangaa du’aa fi jireenyaa gidduu akka jiranis himame. Manneen namootaa irra deemuun caccabsanii saamaa akka jiranii fi uummata jumlsaam hidhatti guuraa jiraachuun ibsamera..Haala kanaan yeroo ammaatti nammootni 75 ol nama hidhaa Wayyaaneetti dararamaa jiraachuu fi waraanni motummichaa nama karaarra deemu kamuu arginaan gara mana hidhaatti guuraa jiraachuun ibsame .Maqaa ilmaan Oromoo nagaa Oromummaan yakkee Wayyaaneen hidhaatti guuraa jiru keessa muraasa nu qaqqabee jiru:
1. Obbo Daawwit Tafarii
2Obbo .Seefuu Tafarii
3.Obbo Alamuu Ajabii
4.Obbo Abbush Masfin
5. Obbo Saamu’eel Kabbadaa
6. Dargaggoo Fiqaaduu Amaaraa
7. Dargaggoo Nawaay Tasfaayee
8. dargaggoo Fayyisaa Raggaanee
9. dargaggoo Qattuu Dalasaa
10.dargaggoo Abbush Balaay
11 obboo .Katamaa Baayyuu
2. Obbo Fiqaaduu Tolasaa
13.Obbo Daani’eel Taarraqanyi
14.Obbo Asaffaa Kabbadaa
15. obbooTolasaa Abdiisaa
16. Muluu Baalchaa
17. Kaasuu Baqqalaa
18. Daani’eel Tasfaayee
19. Biraanuu fa’adha.kanneen jedhaman kan keessatti argaman ilmaanOromoo nagaan gaaffii mirga isaanii kabachiifachuu fi qe’eef qabeenyaa
keenya irratti halagaaf qawween dirqamnee hin bulluu waan jedhaniifi.
MUST WATCH – Artist Eliyaas Kifluu ” Mirga Keenya Alagaadhaan Dhaalamne”
Aside