Category Archives: Oduu/News
Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 12 October 2015
Aside
OROMIYAA:- Irreecha Malkaa Ateetee Buraayyuu 2015
Aside
Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ) Onkoloolessa 12 , 2015
Aside
Onkoloolessa 11,2015 Qeerroon Bilisummaa Magaalaa Buraayyuu Keessa Naannawuun Dhadatnoo Dhageessisaa Malkaa Ateetti Cehan
Aside
Part 3
Hayyuun Oromoo Obbo Dabbasaa Guyyoo Bakka Buuteen Isaa Dhabame.
Aside
Obboo Dabbasaa Guyyoo ykn Obboo Abbaa Liban Dabbasaa Guyyoo ji’a Fulbaana 27,2015 Ayyaana Irreechaa Nairobi ti kambajamee oolee irratti argamuun eebba sirna ayyaanichaa akka raawateen booda gara mana isaatti galee deebi’ee akka gadi ba’een booda osoo maatiin hin beekiin bakka buuteen isaa wallaalamee hanga har’aatti dhabamee jiraachuu maatiin isaanii fi hawaasi Oromooo Nairobi gabaasu.
Obbo Dabbasaa guyyuu hayyuu fi qaroo Oromoo seenaa fi aadaa akkasumas amantii Oromoo ganamaa irratti beekumsa ol aanaa kan qabanii fi aadaa,seenaa fi afaan Oromoo guddisuu keessatti qoodaa fi gahee ol-aanaa kan qaban qaroo hayyoo Oromoo keessaa tokko.
Ummanni Oromoo bakka maraa dhabama isaanii kana irratti birmatna godhchuun waajiba waan ta’eef hawaasi keenya biyya keessaa fi alaan argama isaaf gumaacha akka kafalaniif bakka wal iyyaafataa jiraachuunis beekame.
Fulbaana 27,2015 Nairobi Irratti Eebba Obbo Dabbasaa Guyyoo
“ABO Nuu Wayyaa Nuufoo” Irreecha Buraayyuu Malkaa Ateetee Part 2, Onk, 11,2015/ Diddaa Qeerroo Bilisummaa
Aside
OROMIYAA:- Milkii Irreecha Malkaa Ateetee fi Diddaa Qeerroo Bilisummaa Onkoloolessa 11,2015
Aside
Irreechi Malkaa Ateetee Buraayyuu Sirna Howwaan Onkoloolessa 11 Bara 2015 Kabajamuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Miidhaan barsiisota Oromoo irra gahaa jiru, egeree Oromoo fi Oromiyaa bal’eessuuf duula geggeeffamaa jiru keessaa qaama tokko.
Aside
Leellooo Sabaa irraa
Guddina fi egeree biyya tokkoof kanneen murteessoo ta’an keessaa tokkko, humna nama baratee qabaachuu dha. Waan kana ta’eef, humna nama baratee ayinaa fi baay’inaan horatuuf ilaalchi jabaan itti kennamee irratti hojjetamuu qaba. Humna nama baratee ayinaa fi baay’inaan horachuuf kanneen ilaalchi guddaan itti kennamuu qabu keessaa tokko, barsiisota ayinaa fi baay’inaan horachuu fi haala jireenyaa dirqama kana bahuuf isaan gargaaru mijeessuufii dha. Mootummaan tokko, guddinaa fi egeree ummata tokkoof kan yaadu ykn kan hin yaadne ta’uu kan ittiin madalamuu danda’u keessaa inni guddichi, humna barsiisotaa ayinaa fi baay’inaan oomishuu, akkasumas, guddinaa fi egeree saba tokkoo keessatti qooda isaan qabaniin kan walgitu haala jireennaa aanjessuufii irratti hojii hojjetamaa jiruu dha.
Har’a, ragaaleen adda addaa akka mirkaneessanitti, ayinaan barnootaa, sadarkaa tokkoffaatti bakki inni itti kufee jiru Oromiyaa dha. Kanaaf sababi inni guddaan, humni Oromoo barate akka hin guddanneef shira adda addaa hojjechuun, guddinni fi egereen Oromiyaa akka dhabamuufi, miidhaa mootummaan gabroomfataa Ixoophiyaa barsiisota Oromoo irraan gahaa jiruu isa tokkoo .Miidhaan barsiisota Oromoo irratti raawwataa jiru
