Onkolooleessa 29,2015 Holotaa
Mootummaan Wayyaanee TPLF Maaster pilaanii Finfinnne fi godina addaa naannawa finfinnee qotee bulaa lafa irraa buqqisu dhuma baatii kanaa ykn Onkoloolessa 2015 hojiirra oolchuuf ol gadi raafamaa jira.
Karoora Maaster pilaanii uummanni oromoo lubbuu isaa itti wareegamaa jiru hojiirra oolchuuf bakka bu’ooti Wayyaanee TPLF dhaabi OPDO’n torbee darbe kaadiree fi bulchitoota magaalaa Adaamaatti walitti qabuun karoora Wayyaanee fudhachiisuuf ololaa turte yeroo ammaa kana guyyaa har’aa Onkoloolessa 29,2019 irraa eegalee godinaalee Oromiyaa hunda keessatti kaadiree fi ergamtoota aanaa hunda keessaa walitti qabuun olola uummata Oromoo qe’ee irraa buqqisuu mariisisaa jirti.
Haaluma kanaan godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinneetti kaadirootaa fi ergamtooti Wayyyaaneef amanamoo tahan walitti guuruun magaalaa Holotaa irratti mariisisaa jiru. Marii kana irrattii kaaadirooti OPDO miidhaa qotee bulaa Oromoo kanaaf quuqaman gaaffiis tahee yaada tokko kennaa kan hin jirree fi kaadirooti sammuun isaanii gabroomee garaa isaaf duutu qotee bulaa qe’ee isaa irraa buqqisuuf murtii dabre fudhachuuf qoophaa’uu issheetu mul’ata. Qeerroo fi sabboontoti Oromoo iddoo jiruu ka’aniie falmachuu akka qaban jaarmiyaan Qeerroo Bilisummaa ibsa baatii kana keessa baaseen beeksisee jira.
Onkoloolessa 29,2015 Haromaayaa
Mootummaa Abbaa irree Wayyaaneen wayita kana akkuma beekamu ilmaan oromoo sabboonummaa qaban dhaabbilee barnootaa olaanoo keessatti adamsuudhaan gocha ajjechaa, ukkaamsaa, hidhaa fi barumsa irraa ariyuu ejjennoo godhatee akka itti fufee jiru uummata oromoo jalaa kan dhokate miti. Haaluma Kanaan bara barnootaa kana keessatti sochiin barattootni dhaabbilee barnootaa keessatti yeroo ammaa taasisaa jiran dura dhaabbannaa Maaster Pilaaniin kan wal qabate tahullee kunimmoo mootummaa wayyaanee haalaan yaaddeessuun isaa qabatamaadha. Kanaaf mootummaan Wayyaanee kan barsiifatee fi kaayyeffate ilmaan Oromoo adda durummaadhaan gaaffii mirgaa kabachiisuu, mormii MP kana jabeessuun mooraa barnootaa keessatti sochii taasisan ukkaamsaa fi ajjeesaa jira.
Torban lama kan hin guunne keessatti Yuuniversitiiwwan garagaraa irraa barattootni ukkaamfamaa jiru, gocha garaa nama nyaatu barataan Tarreessaa Samaraa jedhamu Yuuniversitii Mattuutti tikoota Wayyaaneen ajjeefamuun isaa kan hubatameedha. Kanumaan wal kan ilaalu Yuuniversitii Haromayyaatti gumiin guddina aadaa,afaanii fi seenaa Oromoof sababa tahan Gumiin dhaabbatee jiru miseensota gumichaa fi gumicha keessattis qooda olaana kan bahan ijoolleen 20 ol tahan ukkaamfamuu dhaga’amee jira.
Haaluma kanaanis barattootni hedduun ukkmaafamaa, barnoota irraas ariyamaa kan jiran gabaasni Qeerroo mooricha irraa addeessaa utuu jiruu barataan Buzaayyoo Garramuu, barataa Injineeringii waggaa 2ffaa baratu yoommuu tahu tikoota Wayyaaneetiin wagga darbe erga mormii dhimma Master Pilaanii Oromiyaa keessatti FDG finiinee kaasee barataan kun yeroodhaa yerootti doorsifamuun gabaafame. Kanumaan wal qabsiisuudhaan maqaa ABOtiin, ijoollee barattoota Yuuniversitii qindeessuu jedhuun, kana dabaluunis ODAA uffatte kun babal’ina siyaasa ABOti jechuunis daandii irra osoo deemuu qabamuudhaan ID Card mooraa Yuuniversitii irraa fuudhameen booda barumsa irraa akka ariyamu tahee ammas bakka buutiin isaa hin beekamniin jira.
Barataan kun SABBOONUMMAA QABAACHUU FI OROMUMMAA isaaf qofa irraa kan hafe yakkaa fi badii tokko malee barumsa irraa ariyamuun gabaasonni dhufan kan ibsaniidha. Akkasuma gochi isa fakkaatu barattoota hedduu mooraa sana dabalatee Yuuniversitii biroo keessattis kan mul’ataa jiru tahuu maddooleen Qeerroo gabaasu.