Yunvarsiitii Mattuutti Yakka Ajjeecha Gara Jabeenyaa Barataa Sabboonaa Oromoo Tarreessaa Safaraa Irratti Rawwatamee fi Ukkamsaanii Gara Dhabsiisuu Hayyoo Oromoo Abbaa Liibaan Dabbasaa Guyyoo Irratti Rawwateef Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF Itti Gaafatamu Qaba.
Ibsa Qeerroon Bilisummaa Oromoo
Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLFn yakka ilmaan Oromoo qoroo hawaasaa ta’an irratti fudhatuu jabeessee itti fufuun, Onkolooleessa 23,2015 Sabboonaa barataa Oromoo balleessaa tokko malee barataa Oromoo Tarreessaa Safaraa barataa Injineriigii Waggaa 1ffaa kan ta’ee fi Hayyuu Oromoo Abbaa Liibaan Dabbasaa Guyyoo biyya Keeniyaa kan jiraachaa turan torbee darbee keessa shirri Wayyaanee kan keessatti muldhatu humnoota hin beekamneen ukkamfamuun eessa buuteen isaanii dhabamuutti gadda guddaatu nutti dhagaa’ame jira. Barataan Oromoo Tarreessaa Safaraa asiin dura Oromummaa isaan Yakkamee Waggaa 9 oliif mana hidhaa biyyatti keessatti argaman Maa’ikalawwii,fi qaallittii dararamaa kan ture badii tokko malee humnoota tikaa wayyaaneen ukkamfamuun fannifamee kan ajjeefameef mootummaan Wayyaanee itti gaafatamuu qaba!!
Abbaan Liibaan Dabbasaa Guyyoo hayyuu Oromoo aadaa,Sirna Gadaa, Afaanii fi eenyummaa Oromummaa uummata isaanii barsiisaa turanii fi Addunyaa biyya lafaa kana irratti Gadaan Oromoo hundee bu’uura dimookiraasii addunyaa kanaa ta’uun akka beekamuuf biyyoota addunyaa hedduu irra naanna’uun kan barsiisaa turanii fi aaddunyaatti bulchiinsa dimookiraasii sirna gadaa kan argisiisaa turan yakka tokko malee eessa buuteen isaanii dhabamee jiruuf mootummaan Wayyaanee itti gaafatamuu qaba. Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Sadaasa 4,2015


elfless Oromo Artist Usmayyoo Muussa was in jail for 8 years in a harsh Woyyaane prison. He sustained severe torture and contracted all deadly diseases in jail. He was released from prison only when the regime was sure that he won’t survive. Usmayyoo died on November 18, 2006 in Ciro town and his funeral took place on November 19, 2006 in Ciro with a large crowd with Oromo tradition.