Simboo keessatti akaakuu fuudhaa fi heeruma Boorana keessaatu jira. Qophiin Addaa FDG irratti yaada namoota 4 qaba. Qophiin Imalaa Dr. Asaffaa Jalataa waan sabboonummaa fi qabsoo Oromoo irratti keessummaa dha.
Simboo keessatti akaakuu fuudhaa fi heeruma Boorana keessaatu jira. Qophiin Addaa FDG irratti yaada namoota 4 qaba. Qophiin Imalaa Dr. Asaffaa Jalataa waan sabboonummaa fi qabsoo Oromoo irratti keessummaa dha.
(Qeerroo, Giddaa Ayyaanaa, 19 Sadaasa 2015) Qeerroon Barattootaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa rakkoo bulchiinsa gaarii, Hoji dhabdummaa, fi Saamicha mootummaa mormuun hiriira adeemsisan.
Hiriira kana irratti Mormii maaster pilaanii irratti qabanis dhageessifatanii jiru.
Keessayyuu, adamoo eenyummaa Oromoo irratti adeemsidamu kamuu dura dhaabbanna jedhanii jiru.
Hiriira mormii adeemsisan kana irratti mootummaan Wayyaanee ummata Oromoo akak bakka hin buune ifatti dubbachuun ejjannoo qaban mul’isanii jiru.
Hiriirri kun gaafa 16/11/2015 kan geggeeffame yeroo ta’u, hanga ammaas barnooti dhaabbatee akka jiru beekameera.
Hiriira mormii kanatti kan rifate wayyaaneen barattooti, hawaasillee magaalattii keessatti korfaayee akka hin deemne humna poolisiin eegamaa jira.
Hiriira kana irratti sagaleen akkana jedhu dhageessifamaa ture.
Giddaa gidduu namaa
Gaafa dhiphuu namaa
Injifañnoon keenya
Hajabaannu barana!
Hiriirra mormii tokkumma baratoota Oromoo caayaa ABO fi hawassa Oromoo
waliin gageffame irratti roorroo ummata Oromoo irra gahaa jiru balaaleffataniiru.

Mormii hirirraa kana irratti namootaa hedduun irra qoodaa fudhataniiru. Keessumaa dhalonii qubee heduminnan kan argamanii fi gara fulduratiis qabsoon keenyaa daraan akka jabatuu fi bilisummaan keenyaa gonfanuuf hundumtuu gahee mataa mataa isaa bahachuu akka qabuu dhamsii waalii galaa dabree jiraa.
Mormiin hirirra kun eddo fi bakka barbachisoo tahaan hundaa kan demamee fi iyyannon xalayyan kan galfamee yerroo tahuu ,dhimmaa mormii motumaa abba irree halaan balaleffachaa olamee jirra.
Qabsoon Uummataa bal´aa Oromoo degartoota kayyoo fi dandii siyasaa ABOtti warrii amman dhabileen adda addaa heduminaan irra qoodaa fudhataaan jiruu.
Dhaadanolee fi ejjennon TBOJ caayaa ABO fi hawassaa qabsoo bilisumma oromoo degaraan ,
Ø Heerrii fi seerri Oromoof hin hojjenne, Oromoorattis hojjechuu hin qabu.
Ø Master plan , finfinne hangaa oromoon lafaa irraa jirutti hojji irra oluu hin qabu.
Ø Ajjeecha fi sanyii dugugga icittiin Oromoota irratti gageeffama jiruu hatataaman dhabachuu qaba.
Ø Hidhaa siyassaan mana hidhaa kessatti gidirfamaa jiran gadhifamuu qabu.
Ø Saamichi lafaa fi toftaalee adda addaan qe´ee irraa buqiifaamaa jiraan dhabachuu qabaa
Ø Gaaffiin Oromoo gaaffii abbaa biyyuummaa ti
Ø Sarbamuu mirgaa namummaa fi reebichaa garaa jabinaan irraa gaha jiruu dhabachuu qaba .
Ø Akkasumaas rakkolee adda addaa Saba keenyaa irraan otoo waal irraa hin citiin gahaa jiruu kun dhabachuu qaba.
Ø Itti dabalataan baatiin Sadaasaa qabsa´otaafi saboontotaa Oromoo biratti baatii adda tahee dha , kanaafuu fincilaa diddaa gabruumma (FDG) kan biyyaa jarmaan bara 2015 mormii hiriiraa waaliin waal qabsisuun qabsa´otaa keenyaa wareegamaan yadatamee oleraa.
Korri waggaa kan Miseensotaa ABO biyya UK fi walgahii hawaasaa Oromoo biyya UK kun Sadaasa 14, 2015 magaalaa Bolton (naannoo Manchester) tti geggeeffame.
Walgahiilee kanarratti miseensotni, deeggartootnii fi hawaasni Oromoo haala yaroo amma biyya Oromoo keessa jirtuu fi qabsoo bilsummaa ABO karaa adda addaa geggeessaa jiru irratti bal’inaan erga mariihatanii booda ibsa ejjennoo armaan gadii baafataniiru.
Injifannoon kan ummata Oromoo fi Saboota cunqurfamoo ti!
Bolton, UK – Sadaasa 14, 2015
Finfinnee, 15 Sadaasa 2015, Gazexxaan Afaan Oromoo Leelloo jedhamu Oromiyaa keessatti Sambata kaleessaa gabaatti bahuun beekame.
Gaazexaan kun aadaa fi eenyummaa Oromoo guddisuuf akeeka akka qabau beekameera.
Qopheessitooti gaazexixhaa akka jedhanitti aadaa,’ duudhaa, safuu, haqaa fkkf Ummata Oromoo irratti hojjachuuf murtii jabaa qabu.
Akka qopheessitooti jedhanitti Leelloon akka guddattee sadarkaa addunyaatti beekamtuuf birmannaan ummata Oromoo hedduu abrbaachisaa dha.
(QEERROO, NAQAMTEE, 14 Sadaasa 2015) Barattooti Oromoo 19 Yuunibarsiitii wallaggaa irraa akeekkachiisaman; lama immoo ari’aman.
Qubsuma, beekumsaa, buufataa fi dawoo ogummaa ilmaan Oromoo ta’aa kan jirtu Yuunibarsiitiin wallaggaa, barattoota Oromoof ardaa rakkinaa ta’aa jira.
Akka kanaa guyyaa FDG gootota wareegamanii yaadachuu isaaniitiif, barattooti lama barumsa irraa aryataman. Isaanis,
1. Barataa Waaktolee Raggaasaa Gamteessaa barataa Joornaalizimii waggaa Sadaffaa
2. Ababaawu Kabbadaa barataa Veterinary Laaboraatoorii Waggaa Sadaffaa akka taán beekameera.
Kana malees, Barattooti accounting Waggaa lammaffaa baratan 19 irratti akeekachiifni kenname.
Barattoota 19n akeekkachiisi itti kenname keessa muraasi
Barattuu Iftuu Margaa
1. Barataa Caalaa Tarfaa
2. Barataa Caalaa Baqqalaa
3. Barataa Dachaasaa Biddiiqaa
4. BArataa Kennawaaq
5, Barataa Caalaa Dhugumaa akka taán beekameera.
Yeroo ammaas barattooti hedduun diddaa isanii itti fufanii akka jiran beekameera.