Sadaasa 25,2015 Amboo Gabaasa Qeerroo

Sadaasa 25,2015 Gootootni Qeerroon Barattootni Oromoo Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo FDG mORMII MASTER Plan Finfinnee fi labsii magaalota Oromiyaa irratti dabarfame fi gaaffii Mirga Abbaa biyyummaa dhiyeeffachuun fincila dhoosuun Daandii konkolaataa gara dhiha Oromiyaa fi Wallaggatti dabarsu cufuun waraanaa wayyaanee waliin wal dura dhaabbachuun FDG dhoosan.
Guyyaa har’a ganama sa”aa 1:30 irraa eegaluun Magaalaa Amboo keessatti goototni barattootni Oromoo M/b Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa, M/B Liibaan Maccaa Amboo sadarkaa 2ffaa fi M/B Carii Amboo sadarkaa 1ffaa fi dargaggootni Oromoo Magaalaa Amboo walitti dhufuun magaalaa Amboo utuu waraanaa wayyaanee guddaan eegamaa jirtuu FDG dhoosuun daandii Konkolaataa Finfinnee gara Dhiha Oromiyaa fi Wallaggatti dabarsuu cufuun hiriira mormii akkuma eegalanitti Waraana wayyaanee nafxanyaa hamma funyaanitti hidhate waliin wal dura dhaabbachuun Mormii guddaan itti fufee jira.
Goototni Barattootni fi Dargaggootni Oromoo lubbuun wareegamna malee, hidhatti ukkanfamna malee Oromiyaan kan uummata Oromooti, jechuun Karoorrii Master Plan Finfinnee fi Magaalota oromiyaa irratti xiyyeeffatee karooraa guddaa kan Oromoo lafarraa balleessuu ”DUULA GENOCIDE” jechuun goototni barattootnii fi Qeerroon dargaggootni Oromoo Magaalaa Amboo FDGtti seenan. Gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi mormii master plan Finfinnee bara 2014 dhiyeeffanneef deebiin nuuf kennamuu qaba, sabaaba karaa nagaa gaaffii mirgaa fi mormii Master Plan Finfinnee dura dhaabbatneef ilmaan Oromoo 80tti jumlaan Amboo keessatti fi Oromiyaa keessatti ajjeefamaniif Mootummaan itti gaafatamuu qaba, kanneen jumlaan ukkanfamanii hidhaman hiikamuu qabu,
Masterplaniin Finfinnee Haqamuu qaba, gaaffiin barattoota Oromoo Giincii gaaffii keenya deebii argachuu qaba, kanneen giincii irraa dheengadda hidhaman hiikamuu qabu jedhuu fi Gaaffii mirga abbaa biyyummaaf kan bilisummaaf deebiin nuuf kennamuu qaba gaaffii jedhu dhiyeeffachuun goototni Qeerroon barattootni Oromoo fincila dhoosan.
Yeroo amma kanatti daandiin konkolaataa Finfinnee Gara dhihaa Oromiyaatti dabarsuu fi Wallaggatti geessuu magaalaa Amboo keessatti yeroof cufamee jira, Waraanni Wayyaanee hiriiraa mormii dargaggoota barattoota Oromoo dura dhaabbachuuf daandii cufuun hiriiruun gaazii summaa’aa barattoota irratti dhukaasuu eegalan, Sochiin mormii warraaqsaa kun itti fufee jira.. Gabaasaa guutuu waraabbii sagaalee dhaadannoo fi suuraa qabanne walitti deebina…. FDG golee Oromiyaa
cufa keessatti itti fufa!!






Dhumaatii beelaan uummattoota naannoo roobni hin geenye irra gahaa jiru daa’immaan, haadholii fi horiiwwan yeroo itti wal faana dhumaatii sukkanneessaa irra jiranitti mootummaan Wayyaanee ofii cooma muree guddina biyyaa odeessaa jira.Kan baayee nama gaddisiisu keesssaa naannowwan kun beelli itti hammaatetti nyaataan mootummaan keenya isaan deggeraa jira jechunis miillii fi harki wayyaanee kan taate jaleen OPDO’n miidiyaa irraan oduu sobaa lafa naqaa jirti kan seenan lubbuu kumaan lakkawamaa jiru gaafatullee sobuudhaan uummata beelaan dhumaa jirutti qoosan. Yeroo biyyaaf boo’ichaa wayyaanee fi jala kaattuu sheef garaa guuttachuun nyaattee uummatatti dhaadatti. Kanumaanuu kan walq abate gaaffiii uummanni Baalee aanaalee garagaraa irratti mootummaan maaliif soba gargaarsi godhame nama dhuunfaa irraa kan hafe hin agine kan warra beela’aniif kan jedhanii wayyaanee soba ishee saaxilan yeroo kana gara siyaasatti harkifamanii qabamaa kan jiran jiru. Akkasuma sadaasa 25/2015 yuuniversirii Madda walaabutti barattotni gaaffii kaasan uummata keenya obbolaa keenya beelaan dhumaniif gaddina jedhuu fi akaksuma barattootni moora yuuniversitichaa mootummaa wayyaanee balaaleffatan.