Gootonni Barattooti Oromoo Yuniversitii Haromaayaa Irraa Qabamanii Mana Hidhaa Haromayaa fi Harar Jiran Birmatnaa Isaan Barbaachisa.

Aside

Mudde 12,2015 Haromayaa
Barattooti Oromoo Yuuniversitii Haromyaa Keessaa Qabamanii Mana Hidhaa Haromayaa Jiran dararaa haalaan hammaataa keessa galanii waan jiraniif birmatnaa hatattamaa isaan barbaachisa.
1. Hanbisaa Lameessa dep’t vet medicine 4 years
2. Yonas Abay depn’t Food Engineering 4 years
3. Eebba Garramuu depn’t vet medicine 3 years
4. Dajanee Baqallaa depn’t Engineering 1years
5. Sanyii Baayisaa depn’t Engineering 1 years
6. Abarraa Baqallaa depn’t Engineering 1years
7. Abdisaa(Taddasaa) Dhaabaa depn’t Geography 2 years
kan jedhaman gaafa muddee 09/2015 Dormii fi daree barnoota keessa qabamaani qoonqo fi reebichaa daraara buufata poolisi dallaa keessati argamuu, mana hidhaa magaala Haramaayaa fi magalaa Harariitt reebamaa fi haala hamaan waan dararamaniif iyyanaa barbaahisa.
 
Itti dabalees warreen qabamanii kana qabeenya gaafa barattoonni hiriraa nagaa gaafa sadaasa 30/2015 bahameera irrati humni waraana barattoo reebuf fullee, balbala fi lookara caccabsanii turan isintu qabeenya yuunivarsitii mancaasee jechuun mana murtii magaala Harariiti argamuutti himaatamaniruu. Raagale soba immoo basaasto isaanii itti bitaaniruu..

Aside

Muddee 12,2015 Godina Lixa Shaggaar Magaalaa AMBOOtti Warraaqsii Biyyaalessa Oromiyaa FDG haalan jabachuun itti fufe, humni waraanaa
Agaazii fi Humni Poolisii Federaalaa humnaa Olii fi Humni ittisa biyyaa Magaalaa AMBOOtti guuramaa jiraachuun itti fufe, daandiin bakkoota hedduutti cufamee jira. dhukaasni Meeshaa gurguddaadhan Magaalaa Amboo irratti baname jira.… gabaasaan itti fufa!

Aside

Mudde 12/2015 Godina Kibba Lixa Shaggar Magaalaa Walisoo fi Baadiyyaa walisootti Warraaqsii Biyyoolessa Oromiyaa FDG jabaachuun itti fufe,Addatti Qonnaan Bultootni Walisoo Aanoota akka wancii, Roggee, fi Ammayyatti warraaqsii Haalan jabaachuun itti fufe. Waraanni Agaazii fi humni ittisa biyyaa uummata irratti waraana banuun guyyaa kaleessa hanga har’atti namootni 7 Wareegamuun mirkanaa’ee jira. Guyyaa
kaleessa sa’a booda irraa eegaluun network balleessuun uummata Baadiyyaa walisoo Irratti waraanni baname. Kanneen madaa’an lakkoofsaan hedduu ta’uu fi kanneen wareegaman hedduu ta’uu ibsuun, hanga ammatti namootni 7 wareegamuun ibsame. Guyyaa hardhaas Warraaqsii jabaachuun itti fufee jira…gabaasaan itti fufa.

Aside

Mudde 12,2015 Mootummaan abbaa irree Wayyaanee waan qabee gadhiisu dhabuun Wallagga Dambi Doollootti waraana isaa guuraa jiru dhalootaan Tigiroota kan ta’an qofa naannichatti geessuun ganda 03 keessa qubaachiisaa akka jiru beekame. Ummanni diddaa isaa daran jabeessee jira.

Yuniversiti Wallaggaa Naqamtee ammoo barattooti baadiyyaatti guuramaa jiru.

Uni Wallaggaa

Aside

Har’a Muddee 12,2015 Ammayyaa keessatti mormiin uummata itti fufiinsaan dabalee kan jiru yeroo ta’u mootummaan Wayyaanee waraana isaa Xoolaayi irraa gara naannichaatti ergaa jira.Uummanni Oromoo diddaa jabeessee of irraa ittisaa akka jiru beekamee jira.