Category Archives: Oduu/News
FDG Mudde 16,2015 Lilxa Harargee Magaalaa Asaboot.
Aside
FDG Burraayu Shaggar Mudde 16,2015
Aside
Mattuu Iluu Abbaa Booraa FDG Mudde 16,2015 Gaggeefame
Aside
Mudde 16,2015 FDG Arsii Asallaa Mana Barnootaa Sd 2ffaa
Aside
Bulchiinsi Magalaa Sabbataa Guutuutti Manneen Barnootaa Cufuu Ibsee Hojjettoota Naannichaa Irratti Ammoo Duula Itti Banee Jira.
Aside
Mudde 16,2015 Bulchiisni magalaa Sabbata har’a manneen barnootaa hundumaa kan dhunfaa osoo hin hafiin cufanii adeemsa baruuf barsiisuu wali galatti kan dhaabbate yoo ta’u, hojjetaan mootummaa (civil servants) hundumaa waajjiraalee isaaniitti olgalchanii karraa itti cufanii, beeksisaan “hojii arifaachiisaan waan jiruuf abbaa dhimmaa hinkeessummeessinu ” jechuun abban dhimmaa akka achii hin dhaabanne poolisiin ittisaa jiru.
Sababiin isaa kan ummataa kaakaasaa jiru civil servant dha jedhanii walga’i hojjetootaa guyyaa kaleessa 15/04/15 gaggeeffamee irratti akeekkachiisa cimaa wajjin hojjetaan sa’aa hojii hundumaa waajiraa akka gad hinbaaneef murta’e. Kaabinoonni ammoo tokkollee waarra sochi hojjetaa mooraa keessa too’atan irraa kan hafe hojii basaasaatiif magaalaa keessa faca’anii jiru. Loltoonni waaraanaa fi poolisiin Federaalaa konkolaataan (pick up) magaalaa guutaniiru asiif achi kaatu waarri kaabinee baayyeen isaanii konkolaataa dhuunfaa lakk.gabatee koodii 2 fi 3 qabatanii karaa namnii isaan hinshakineen socho’aa jira.
Aside
Har’a Muddee 16,2015 Hospitaala Najjootti poolisiin Hospitaala seenuun walitti bu’iinsa uumameen wal-qabatee hojjetooti guutuun itti makachuun lubbuun waardiyyaa Hospitaalichaa fi namoonn 3 boroo yeroo darbu, kanneen 36 ol t’an ammoo madoo hamaa ta’uun achummatti gargaarsa fudhachaa jiru.Kana maleesa Magaalaa Ayiraa keessatti Mudde 16,2015 namni 5 wareegamanii jiru.
Itti dabaluunis hiriirri mormii Aanaalee Nuunnuu Qumbaa Magaalaa Adaree, Jimmaa Arjoo daandii cufuun fi Leeqaa Dullachaatti itti fufee ooleera. Guyyaa kaleessaa (Mudde 15,2015) Poolision Mana Barumsaa Gatamaa Sadarkaa 2ffaa seenuun barattoota hiriira nagayaa bahan reebuun tokko battaluma ija erga jaamsan booda, buufata fayyaa Gatamaatti lubbuun isaa darbeera. Suuraa fi maqaa barataa kanaa qeerroo naannoo sanaarraa fudhannee ergina.
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Mudde 15, 2015/Gabaasa FDG Guutuu Oromiyaa
Aside
Gabaasa Galgala Kanaa:- Mudde 15,2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Iluu Magaala Tajji Irratti Gaaza Summaa’aa Fayyadamee Diddaa Uummataa Dhaamsuu Hin Dandeenye.
Aside
- Anaa iluu magaalaa Tajiitti uummata gaba irraatti gaaza imimmaanessu dhukaasuun namoonnii baayyeen hawaasni wa’ee gaaza kanaa kan hinbeekne karaa irrattii kuukkufee bakka jiruttii reebichaafii dhukaasa irratti banuun kaan ajjeesaa kaan madeessa kaan ammoo mana hidhaatti guuraa jiru.
- Amman tana ammoo magaalaa Asgorii anaa Iluu uummannii daandii cufee loltoota Wayyaanee waliin falmii guuddaatuu godhamaa jira. Tajii fi Asgoriin addaan fageenya km 5 qofa qabdi.
- Godina Wallaggaa Anaa Jaarsoo keessattii guyyaa har’aa bartonnii Sad2ffaa fi qopha’inaa diddaa gaggeessanin mootummaan Wayyaanee barattoota harka qullaa gaaffii mirgaa gaafatanitti hamma galgala kanaa dhukaasaa akka oolete beekamee jira. Manni barnootaas torbaan tokkoof akka cufamu labsiin kaabinoota Wayyaaneen naannichatti labsamaa jira. Achuma Gandaa Haroo Birruu Jedhamu keessattii yeroo sadafaf mormiin itti fufee jira
- Galgala kana Mudde 15,2015 barattoota sagantaa galgala kolleejjii barsiisotaa Naqamteetti baratan itti humni bobbaasamee barattoota irratti dhukaasi banamee jira Barattooti faffaca’anii waan jiraniif halkan kana uummati Magaalaa Naqamtee akka isaan cina dhaabbatu bakka bakkatti bilbilaan walitti dabarsuun waamichi godhamaa jira.
- Kibba lixa Shaggar aanaa Iluu har’a 15/12 /2015 Hiriira mormii guddaan uummata aanaa sanaa barattoota, qonnaan bultoonni fi jiraattonni magaala mormii godhaa oolan.Galgala kana ammo humna waraanaa fi dhuka’a meeshaa gurguddaa itti bobbaasuun aanicha tasgabbii dhorkaa jiru warri Wayyaanee. Kaabineen aanaa Kinfaa Iggazuu jedhamus ummata waliin walitti bu’ee miidhama guddaan irraa gahamee Hospitaala aanichaa akka jiru beekame.
- Akka Kanaan Godina kibba lixa Shaggar aanaa Iluu magaala Tajiitti guyyaa har’aa 15, 12, 2015 ganama sa’aa 3 irraa eegalee humni Wayyaanee magaala kanatti bobba’e ummanni akka hin daldalannee sodaa irraa qabaniin kan ka’e gabaa bittinneessaniiru.Aanaadhuma kana magaala asgoritti hirira mormii sabboontota ilmaan Oromootin umameen humni diinaa gaazii summaa’aa fayyadamtee ummata bittinneessuf yaaltetti.Magaalaa kanatti mormii umameen kabinoonni jala kaattun Wayyaanee ummataa fi barattoota maqaa diinatti dabarsuun qabsiisaa jiran akka armaan gaditti maqaa isaanii tarreessineerra.
1.Akliiluu Caakkaa qunnamtii(communication) ummataa kan ta’e
2.Tasfayee Baay’isaa manager magaalaa asgorii
3.Tarruu Leellisaa kantiibaa magaalaa kan ture
4.Chombee Lammeechaa hojii kan hin qabne gurra diinaa ta’uun ummataa raakaa kan jiru
5.Warquu namni jedhamu kantibaa magaalaa kan ammaa kan ta’e akkasumas 6.Naggasaa Mitikkuu
7.Dajanee Baqqalaa Namoonni asii olitti eeraman kunniin ummata Oromoo aanaa Iluu keessumaahu magaala Asgoritti Darara ummata keenyarran gahaa jiru.Namoonni kun gochaa kanarraa hin deebi’an yoo ta’e tarkaanfiin ummata fi qeerroo naannoo saniitin irratti haa fudhatamu.






