Category Archives: Oduu/News
Aside
Mudde 17,2015 Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FDG jabaachuun itti fufe Godina Wallagaa Bahaa Waamaa Hagalootti Warraaqsii daran jabaachuun itti Fufe, Guyyaa hardhaa Aanaa Waamaa Hagalootti warraaqsii finiina jira, uummatni Baadiyyaa fi Magaalaa hin Hafnee hunduu ba’ee falmachuu irratti argama. Godina Lixa Shaggar Aanaa Iluu Galaan Magaalaa Ijaajjii keessatti warraaqsii guyyoota Sadiif itti fufinsaan gaggeeffamaa jira. Magaalaan Ijaajjii Dirree waraanaatti jijjiramee jira.
Aanaa Midaa Qanyiitti Warraaqsii Uummataan jabaachuun hojjettootni mootummaa hundii hojii dhaabaan, Milishoonnii gandaa Uummataa waliin hiriiruun Mootummaa Wayyaanee Ganuun Uummatatti hidhannoo isaanii waliin harka kennatan , Mootummaan Wayyaanee Har’a Humna waraana Isaa guddaa konkolaataa 7 Fe’uun gara Aanaa Midaa Qanyiitti geessa utuu jiruu Daandii Konkolaataa Leencaa irraan jallatee Midaa geessuu bakka Goodaa Abbaa Caalaa jedhamuun Beekamutti uummatni riqicha kutuun waraanni wayyaanee karaa darbee Midaa seenuu dhabuun rakkacha jiru. Aanaa Calliyaa Magaalaa Gedoo fi Baabbichaa Humna Loltuu Makelakeya jedhamuun beekamuun qabamte ganama kana.
Kaayyoon Waraanni Wayyaanee Midaa Qanyiitti geeffamaa jiruuf hidhattoota gandaa fi poolisoota Meeshaa hiikachiisuuf waan ta’eef hidhattootni gandaa fi poolisootni of eeggannoo akka godhanii fi haala akkan ulfaatu kana keessatti meeshaa akka hin hiikkatne dhaamsii darbeefii qophiitti jiru.
Mudde 17/2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobiitti Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF Uummata Oromoo Irratti Waraana Bane.
Aside
Mudde 17/2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobiitti Mootummaan wayyaanee EPRDF/TPLF Uummata Oromoo irratti waraana bane. Humna waraanaa Konkolaataa 30 ol kan ta’uu gara Meettaatti kan geese jiru Wayyaaneen yakka duguuginsa Sanyii rawwachuu itti fufe,
Uummatni Oromoo Waraanni Manatti ittisuu kan isaa hin dandeenye guyyaa har’aa Meettaa Roobii keessatti Uummata 16,000tti tilmaamamutuu daandii konkolaataa Cufuun warraaqsaa Biyyaalessaa oromiyaa FDG itti fufee hiriiree jira, Uummatni gaaffii keenyaaf deebiin nuuf kennamuu qaba, waraanaan gaaffiin keenya hin ukkaanfamuu, jechuun hiriiruun Magaalaa Gooroo, Eelaa fi Minaaree irraa sagalee Mormii waanaanaan mirga keenya falmachaa jirruu irraa duubatti hin deebinu jechuun mormii dhageessisaa gara Magaalaa Shinoo deemaa utuu jiranii Waraanni wayyaanee bakka Ulaa Tuulii jedhamutti uummata nagaan sagalee isaa dhageesisaa jiru. Namootni lama rasaasan rukutaman. Sagalee dhukaasaa guddaatu dhaga’amaa jira. Hallii Meettaa roobii guyyaa har’aa daran yaaddessaa ulfaata ta’uun gabaafame.
Goddinni Addaa Oromiyaa Sulultaa fi Laga Xaafoo akkasumas Daadhii keessatti FDG Itti Fufee Jira.
Aside
FDG amma sa’atii kana ganama sa’a 2:30 irra eegalee barattootni fi uummanni godina addaa Oromiyaa Sulultaa, Laga Xaafoo fi Laga Daadhii
hiriira mormii isaa adeemsisaa jira.Gaaffiin uummanni dhiyeessaa jiru deebiin afaan qawwee tahuun isaa Diddaa keenya itti nu fifsiisa
jechuun Qeerroon dargaggootni oromoo magaala Sulultaa ganama kana qonnaan bulaa waliin daandii cufee hiriiree jira.
Akkasuma Laga Xaafotti uummanni maatii isaa tokko osoo hin hambisnee daanditti bahee mormii isaa dhaadannoodhaan dhageesisaa jira.Humnoonni waraanaa wayyaanees ganama Sulultaa fi Laga Xaafotti bobbaafamaa jiru.
Naannowaan Finfinnee guutummaan guututti Fincilatti hiriiruuf waamichas dabarsaa jira. Daandiiwwan guddaan gara Shaggar kaabaa geessu cufamaa jira
Aside
Mudde 16.2015 galgalaa fi har’a Mudde 17,2015 Warraanni Agaazii Wallagga Shaambu galchanii jiru. Waraanni kun konkolaataa 7 seene Barattootni Oromoo magaalichaa waraana seenetti dhagaa darbachuun itti chookanii dhadachuu fi WBO ABO dhadessaa jiru. Bulchiinsi magaalaa Shaambuu sagalee guddistuu dhaam namni tokko illee akka magaalaa keessatti gadi bahee hin argameef konkolaataan olii gadi fiigee labsii dhageessisaa jiru illee uummanni diddaa isaa itti fufee jira.
FDG Har’aa Mudde 17,2015 Qeerrolee Yubdoo Wallaggaa,
Aside




Aside
Maqaan Magaalaa Ijaajjii waan irraa moggaafame baroota 120 dura waraanni Minilik gara naannoo dhiha Oromiyaatti darbuuf bakka san yeroo gahu uummanni naannoo dabarsuu dide,bakka sanatti Ijaajise ( Dhaabe) gooti bara san lolee lolchiise Geendaa Buushan jedhama. Egaan waraanni Minilik waggoota 5 oliif achitti waan jaajjisaniif bakkichi Ijaajji jedhamuu maanguddoonni seenaa ni himu.
Har’as goototiin naannoo sanii Wayyaanee dabarsu diduun achitti Ijaajjisaa(Dhaabaa) jiru.
Mudde 17,2015 FDG Itti Fufee Wallagga Waamaa Hagaloo Keessatti Ummannii Loltoota Of Irraa Deebisaa Jiru.
Aside
Mudde 17,2015 Naqamte
Wallaggaa Waamaa Hagalootti Hardha 17/12/2015 Hiriira mormiirra jiru. uummatnii fi hojjetaan mootummaa barattoota mana barumsa ifa waamaa fi moxee sadarkaa lammaffaa waliinta’uun
1)Finfinnee laachuurra dhumuu filanna,Finfinneen Kan Oromooti.
2) liiziin nurraa haa dhaabbatu
3) Gumaa barattoota keenyaa ni baasna
4) Hidhaa fi ajjeechaan qabsoo oromoo hin hambisu
5) Ormiyaan Ni Bilisoomti Jechuun Bul/aanaa Fuulduratti Dhaadachaa Jiru.
Oromo Voice Radio (OVR) Broadcasts- 16 December 2015
Aside