Category Archives: Oduu/News
Barattooti Oromoo Wallagga Magaalaa Naqamtee Mana Barnoota Qopha’inaa FXG Itti Fufan.
Aside
Mudde 29,2015 Guyyaa har’aa sa’a ja’a irraa eegaluun barattoonni Qophaa’inaa Naqamtee dhumaatii fi daguuggaa ilmaan Oromoo irra gahu balaaleffatan.Barattooti kun mootummaa garboomfataa ilmaan Tigiraay humna waraanaa Oromiyaa keessaa baasuu qaba afaan qawwee jalatti akka barannus dhabneerra jechuun mormii isaanii karaa nagaa wayita adeemsisaa jiranitti,homaan waraanaa barattoota bittinseera Uummati Magaalaa Naqamtee barattoota cinaa dhaabbachuun mootummaa Wayyaanee balaaleffataa jiru.
Ibsa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa Bilisummaa fi Dimokiraasii (Qeerroo Bilisummaa) Irraa Kenname
Aside
Haala Yeroo Warraaqsaa Biyyoolessaa FDG Gaggeessa Jirru Ilaalchisuun Ibsa Gabaaba Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Gamtaa Barattoota Oromoo Irra Uummata Oromoo Hundaaf Kenname!!
Muddee 28,2015
Finfinnee Oromiyaa
Nuti dhaloonni haaraan fi qaroon Hawwaasaa keenyaa addunyaa qaroomtetti dhiyoo jirru jarraa 21ffaa keessa gabrummaaf jilbeeffannee hin jiraannu, Uummata keenya adeemsa qe’eerraa buqqisuu teenyee hin ilaallu, Biyyaa keenya biyya mirgi ilma namaa fi mirgi dimookiraasii keessatti dhiitamaa jiru tole jennee hin fudhannu . Sagantaa fi karooraa duguuginsa sanyii (Genocide) Maqaa Master Pilaanii Finfinnee fi labsii Magaalota Oromiyaa jedhuun as ba’ee mormuu fi gaaffii kabajamuu mirga abbaa biyyummaa, mirga dimookiraasii fi mirgi namummaa nuuf haa kabajamu jennee karaa nagaa dhiyeeffannee mormii waan jabeesinee fi dhimmichi dhugaa qabatamaa dhimma uummata Oromoo ta’uu uummatni Oromoo akka guutummaa Oromiyaatti gamtaan dhaabbatne falmachaa kan jirruuf Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF/deebii armaan gadii kana nuuf deebisaa jiraachuun seeraa fi heera ofiin tume illee cabsuun yakka dugugginsa sanyii uummata Oromoo irratti rawwate jira.
- Uummata karaa nagaa fi Dimookiraasii gaaffii mirgaa dhiyeeffachuun sagalee mormii dhageesisaa jiru irratti poolisii federaalaa,waraana agaazii, fi humna raayyaa ittisa biyyaa jedhamu bobbaasuun oromiyaa godinaalee cufa keessatti yakka ajjeechaa genocide’n wal madaalu fudhachuun hanga ammaa ilmaan Oromoo kan maqaan adda bahee beekamu 125 ol ta’an warreeguun,kumootaan kanneen lakka’aman madeessuun, kumoota dhibbootan kenneen lakka’aman immoo ukkamsee hidhuun mootummaa fashistii ta’uu isaan addunyaa biyyaa lafaa fi biyyoota dhiha warra mirga namaa fi dimokiraasii leellisan fulduratti ilaalcha keessa galee jira.
- Uummaata Oromoo karaa nagaa mirga isaa fi karooraa fi sagantaa master pilaanii Finfinnee fi Labsii Magaalota Oromiyaa hin fudhannu jedhee falmachaa jiru uummata Sivilii irratti waraana labsee uummata Oromoo irratti tarkaanfiin waraanaa fudhatamee namootni hedduun du’anii, hedduun madaa’uun hedduun immoo ukkanfamanii lafa buuteen isaanii kan dhabame ta’uun ifadha. Ibsa Qeerroo Bilisummaa Muddee 28 2015
ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች: ለነፃነት: ንቅናቄ: ድምፅ: የሳምንቱ: ዜና::/ SQ December 28, 2015
Aside
Godina Horoo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruu Magaalaa Kombolchaatti Keessatti Warraaqsi Xumura Gabrummaa Jabaatee Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Mudde 28,2015 Godina Horoo Guduruu wallaggaa Aanaa Guduruu Magaalaa Kombolchaatti Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo fi uummataa Oromoon Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa Fincilli Xummura Gabrummaa (FXG)’n utuu Wal irraa hin citiin itti fufinsaan gaggeeffamaa jiru daran jabaachuun itti fufe.
Guyyaa har’a goototni Barattootni Oromoo Aanaa Hidhabuu Abootee M/B Kombolchaa Sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi Qopha’inaa fi Uummatni Oromoo jiraattootni Magaalaa Kombolchaa waliin Ta’uun Gaaffii mirgaa waan karaa Nagaa gaafatneef Yakki waraanaa nurratti labsamee kaafamuu qaba, awarranni Uummata siivilii mirga Isaac falmatu irra qubsiifamee yakka waraanaa dalagaa jiru seeraatti dhiyaachuu qaba; Dullii hidhaa Oromiyaa keessatti Uummata Oromoo irratti banamee atattamaan kaafamee hidhamtootni ilmaan Oromoo hidhaman Oromiyaa bakka hundaa iyyuu hiikamuu qabu, Waraanaan waan Doorsifamnee fi ajjeefamaa fi hidhamaa jirruuf mirga keenyaaf falmachuu irraa duubatti hin deebinuu itti fufinsaan hanga gaaffiin mirga abbaa biyyummaa kabajamutti ni falmanna; Mootummaa goolessituun Wayyaanee atattamaan Aangoo gadi Lakkisuu qaba. Ergaa Mootummaan karoorri Master pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa fedhii ummataa aladha; waan ta’eef balleessa keenyaadha ni fudhanna jedhee dubbate Sababii karoora dogooggoraa fi saamichaa Oromoo irraatti aggamameen kanaan ilmaan Oromoo akeekaa dogoggoraa fi saamichaa kana mormuun didan irraan balaan ulfaataan madaa’anii qaamaa hir’achuu fi Loltuu wayyaaneetiin warreegamaniif Itti gaafatamaan Mootummaa dha. Malee uummatni Maal Balleesseetu Jumlaan hidhamaa? Maal balleessetuu Ajjeefamaa?? Mootummaa yeroo Jalqabaaf Uummata isaa bulchaa jiru irratti waraana Labsee Mootummaa EPRDF qofaa ta’uu Addunyaa irratti kallatti heddujn ibsamaa waan jirruuf mootummaan yakkamaan kun nu hin bulchu. Gaaffii keenyaaf deebiin nuuf haakennamuu qaba jechuun Guyyaa har’aa Warraaqsii Xummuraa sirna Garboomsaa (FXG) gochuutti seenaan. Mootummaan Abba irree Wayyaanee Uummata karaa Nagaa gaaffii mirgaa gaafachaa jiruu irratti loltuu isaa bobbaasuun Uummata goolaa jiraachuun ibsame.
Guyyaa Har’aa Mudde 28,2015 Dhaabbiilee Barnoota Olaanoo Yuniverstiilee Keessatti Ficilli Xumura Gabrummaa Itti Fufee Jira.
Aside
Mudde 28,2015 Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Yuunibarsitota kanneen akka Amboo, Wallaggaa Harammayyaa fi Maddaa walaabuutti Goototni Qeerroon Barattoota Oromoo Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa Fincilli Xummura Gabrummaa (FXG)’n utuu Wal irraa hin kutiin itti fufinsaan gaggeeffamaa Jiru daran jabeessuun itti fufan.
Waraanni Agaazii fi raayyaan ittisa biyyaa Mooraa yuunibarsiitii Amboo keessatti barattoota Oromoo irratti yakkaa suukkaneessaa fudhachaa waan jiruuf Barattootni oromoo Mooraa yuunibarsiitii Amboo gadi Lakkisuun gara maatii isaanitti socho’aa jiru, Mooraa yuunibarsiitiilee Oromiyaa kanneen akka Yuunibarsiitii wallaggaa, maddaa walaabuu fi Harammayyaa keessatti diddaan barattoota Oromoo jabaachuun itti fufee jira. Mooraa yuunibarsiitii Jimmattis yakki ulfaataan barattoota irratti fudhatamaa jira. Guyyaa har’aa kana mooraalee yuunibarsiitoota Oromiyaa kanneen akka Amboo,Wallaqqaa, Harammayyaa fi Madda Walaabuu keessatti sochiin daran jabaachuun itti fufuun Walqabatee goototni barattootni Oromoo waliin ta’uun gaaffii mirgaa waan karaa Nagaa gaafatneef Yakki waraanaa nurratti labsamee kaafamuu qaba, warranni Uummata siivilii mirga Isaaf falmatu irra qubsiifamee yakka waraanaa dalagaa jiru seeraatti dhiyaachuu qaba; Dullii hidhaa Oromiyaa keessatti Uummata Oromoo irratti banamee atattamaan kaafamee hidhamtootni ilmaan Oromoo hidhaman Oromiyaa bakka hundaa iyyuu hiikamuu qabu, Waraanaan waan Doorsifamnee fi ajjeefamaa fi hidhamaa jirruuf mirga keenyaaf falmachuu irraa duubatti hin deebinuu itti fufinsaan hanga gaaffiin mirga abbaa biyyummaa kabajamutti ni falmanna; Mootummaa goolessituun Wayyaanee atattamaan Aangoo gadi Lakkisuu qaba. Ergaa Mootummaan karoorri Master pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa fedhii ummataa aladha; waan ta’eef balleessa keenyaadha ni fudhanna jedhee dubbate Sababii karoora dogooggoraa fi saamichaa Oromoo irraatti aggamameen kanaan ilmaan Oromoo akeekaa dogoggoraa fi saamichaa kana mormuun didan irraan balaan ulfaataan madaa’anii qaamaa hir’achuu fi Loltuu wayyaaneetiin warreegamaniif Itti gaafatamaan Mootummaa dha. Malee uummatni Maal Balleesseetu Jumlaan hidhamaa? Maal balleessetuu Ajjeefamaa?? Mootummaa yeroo Jalqabaaf Uummata isaa bulchaa jiru irratti waraana Labsee Mootummaa EPRDF qofaa ta’uu Addunyaa irratti kallatti heddujn ibsamaa waan jirruuf mootummaan yakkamaan kun nu hin bulchu. Gaaffii keenyaaf deebiin nuuf haakennamuu qaba jechuun Guyyaa har’aa Warraaqsii Xummuraa sirna Garboomsaa (FXG) gochuutti seenaan. Mootummaan Abba irree Wayyaanee Uummata karaa Nagaa gaaffii mirgaa gaafachaa jiruu irratti loltuu isaa bobbaasuun Uummata goolaa jiraachuun ibsame.
Fincilli Xummura Gabrumaa (FXG) utuu wal irraa hin citiin daran jabaachuun itti fufe!!
Aside
Mudde 28,2015 Godina Kaaba SHaggar(Godina Salaaleetti) Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa Fincilli Xummura Gabrummaa (FXG)’n Utuu Wal
irraa hin citiin itti fufinsaan gaggeeffamaa Jiru daran jabaachuun itti fufe.
Guyyaa har’a goototni Barattootni Oromoo Aanaa Hidhabuu Abootee M/B General Taddasaa Birruu Sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi Qopha’inaa fi
Uummatni Oromoo jiraattootni Magaalaa Ejeree waliin Ta’uun Gaaffii mirgaa waan karaa Nagaa gaafatneef Yakki waraanaa nurratti labsamee
kaafamuu qaba, awarranni Uummata siivilii mirga Isaac falmatu irra qubsiifamee takka waraanaa dalagaa jiru seeraatti dhiyaachuu qaba;
Dullii hidhaa Oromiyaa keessatti Uummata Oromoo irratti banamee atattamaan kaafamee Hidhamtootni ilmaan Oromoo hidhaman hiikamuu qabu,
Mootummaa Goolessituun Wayyaanee atattamaan Aangoo gadi Lakkisuu qaba. Ergaa Mootummaa karoorri Master pilaanii Finfinnee fi Labsiin
Magaaloota Oromiyaa fedhii ummataa aladha waan ta’eef ni fudhanna jedheen; Sababiin kanaan ilmaan Oromoo madaa’anii fi Loltuu Wayyaaneetiin warreegamaniif Itti gaafatamaan Mootummaa dha. malee uummatni Maal Balleesseetu Jumlaan hidhamaa? Maal balleessetuu
Ajjeefamaa?? Mootummaa yeroo Jalqabaaf Uummata isaa bulchaa jiru irratti waraana Labsee Mootummaa EPRDF qofaa ta’uu Addunyaa irratti
kallatti heddujn ibsamaa waan jirruuf mootummaan yakkamaan kun nu hin bulchu. Gaaffii keenyaaf deebiin nuuf haakennamuu. jechuun Guyyaa
har’aa Warraaqsii Xummuraa sirna Garboomsaa (FXG) gochuutti seenaan.
Mootummaan Abbas Dirree Wayyaanee Uummata karaa Nagaa gaaffii mirgaa gaafachaa jiruu irratti loltuu isaa bobbaasuun Uummata goolaa
jiraachuun ibsame. Injifannoo Uummata Oromoo!!
Bara 2016 Diddaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Uummata Oromoon Gaggeeffamu “Fincila Xumura Gabrummaa” (FXG) Tahuu Qeerroon Beeksise!
Aside
Beeksisa:- Waggoota dheeraaf abbootiin keenya Fincila Diddaa Gabrummaa(FDG) Gaggeessuun aarsaa ol-aanaa kafalanii darban,as dhihoottis waggoota 10n darban Qeerroon Bilisumma sochii warraaqsaa godheen faajjii abbootii isaa kaasuun Fincila Diddaa Gabrummaa(FDG) gaggeessaa turan. Haalli kun diddaa irraa gara XUMURA GABRUMMAATTI cehuun yeroon isaa kan yoomii irra kennataa waan ta’eef bara 2016 irraa kaasee fincilli gaggeefamu fincila xumura gabrummaa (FXG) akka ta’u Qeerroon Murteesseefatee jiraachuun beeksise.
Loltooti Wayyaanee Itiyophiyaa Mucaa Kutaa 9ffaa Baratu Luuccee Gammachuu Wallaggaa Magaalaa Innaangoo Keessatti Yerootti Rasaasaan Galaafatan.
Aside
Miidhaan Hammaatu Iyyuu Gootonni Barattooti Oromoo Qabsoo Itti Fufanii Jiru!
Aside

