Yuniversiti Haromayaa fi Buraayyutti Har’a Dhukaasni Wal Irra Hin Citne Ta’aa Jira‏.

Aside

Amajjii 10,2016 Amma galgala kana FXG mooraa Yuuniversitii Haromayyaatti ka’ee jiruun dhukaasni garmalee barattoota irratti dhuka’aa jira. wayita kana amalli dhukaasa banuu wayyaaneef doorisisa tahuun isaa ifaadha. Mooraa Yuuniversiti Haromayyaa qofa miti Buraayuu naannoo Maariyamii jedhamutti meeshaa gurguddaan har’a Amajjii 10/2016 sa’a booda dhuka’aa oole. Uummanni mana isaa cufate oole. Dhukaasni gurguddaan osoo wal irraa hin cinnee kan dhuka’aa ture yoommuu tahu itti fufee galgala kanas FXG mooraa yuuniversitii Haromayyaatti barattootaan ka’een dhukaasni wal irraa hin cinne ta’aa jira. amma akka odeesi Qeeyroo mooraan ala jiraate nuun gahaa jirutti galgala keeysaa sa’a 3:00 booda barattoota irratti dhukaafamaa jiraatuudha.

Waraanni warra Itiyophiyaa Wayyaanee naannoo Yuuniversitichaa meeshaa gurguddaadhaan buufatee jira.
akkana jechun Qeeyroon amma gabaasa jira.

Wallagga Bahaa Aanaa Waamaa Hagaloo Ganda Baataa Waayyuu Keessatti FXG Itti Fufe.

Aside

FB_IMG_1452428844005Amajjii 10,2016, Abboonni keenya Ayyaantuun leeqaa Kan buufatu Naqamtee Bakkejamee irraa Hindhee gidduu gala Leeqaa dullachaa fi Jimmaa Arjoo  Achirraa Immoo Tabba ykn Tulluu Korbootti jalatti dhibaafachiisuun Luugoo waamaatti karaa Malkaa Nyaaree Dhibaafatanii  Lafa har’a Waamaa keessaa Hambachoo jedhamutti ardaa jilaa geggeessaa turan boodas “ayyaantuun keenya asi tti godaane” jechuun Hoodi warra Leeqaa Hooda Jijoo Hambachoo jedhamu Lafa Darmiidha jedhan kana Darmootti sirna waaqeffannaa duudhaa Oromoo ganamaa qabachuun kan jirtudha Darmoon.

Argamni Darmoo Wallagga Bahaa Aanaa Waamaa Hagaloo Ganda Baataa Waayyuu keessa yeroo taatu koyyaa kusaayee jedhamti!

Kunoo! Lafa seena qabeetti kana irratti dhaloonni seena qabeessi dhalate Jimaata darbe hiriira mormii sa’atii barnoota galgalaa akka geggeessan beekameera Jiraattoti gandichaa bulchitoota gandaan gurra ittiin isin dhaggeeffannu hin qabnu jechuun FXG dhageessisaniin diinatti waaroo salohinaa uffisaniiru

TV-n Gaadisa Dhugaa Sagantaa Isaa Itti Fufuuf Beeksisa Baase.

Aside

TVn Gaaddisa Dhugaa Guyyaa Gabaabaa Keessatti Sagantaalee Adda Addaa Qabatee isin biraan gahuuf Qophii Xumrachuu Isaa Yeroo Ibsinu Gammachuu Guddaadhaani.TV Gaaddisa Dhugaa karaa teessoo E-mail gadhtv@gmail yaada keessan gumaachuufii dandeessu.

Barataa Seeraa Waggaa 4ffaa Yuunibarsiitii Wallaggaa Lalisaa Taaddasaa Humnoota Tikaatiin Ukkaamsame.

Aside

Amajjii 10,2015 Barataa Lalisaan,mormii bara 2014 Humnoota tikaa Wayyaaneen adamsamaa kan ture yeroo ta’u, roorroo fi dararaa diina keessaa fi alaan itti dhufu damdamatee Barataa barnoota isaatti cichuun diina afaan qabachiise,barnootasaan alatti yakka kamittis kan hin hirmaanne ta’ullee yeroo itti Oromoonni biyya abbaasaaniirratti dhalatanii guddatan Oromoo ta’uu isaaniif itti hidhaman waan ta’eef carraan mana hidhaa ukkaamsaa isaafis keñname jechuun hiriyoonni isaaa dubbatu
Qabsoon Itti fufa Hidhaan Dugduuba nun Deebisu!

ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች: ለነፃነት: ንቅናቄ: ድምፅ: የሳምንቱ: ዜና::(SQ) January 9, 2016

Aside

FXG Itti Fufuu fi Mootummaan Wayyaanee OPDO Keessayyuu ABOn Jira Jechuu Eegale‏.

Aside

Amajjii 09,2016 Gabaasa Qeerroo
FXG oromiyaa keessatti akkuma itti fufetti oromiyaan guutuumaatti wal gahee jira Yeroo ammaa kana akkuma hubatamutti mootummaan Wayyaanee naasuu fi gara itti deebi’u dhabuu irraan OPDO goolaa jira, isin keesayyuu ABOn jira, diina waliin quunnamtii qabdu jechudhaan doorsisaa jira.

Caasaan OPDO gubbaadhaa hanga goodatti ABO dhaan shakkamuutti ka’e. Akkasuma har’a godina Qellem wallaggaa aanaa Canqaa irraa gara Ayiraa osoo deemuu konkolaataan waraana Wayyaanee nama 6 baattee deemtu galagalteen namni 6 du’anii fi lama du’aa fi jireenya gidduu keessa seenani jiru wayyaanee haalaan naasisuu dhaga’ame.
Wayyaaneen reefa namoota du’anii xayyaara iergee guurrachuun kan ifa tahee fi yeroo ammaa kanas aanaa kana keessa waraanni Wayyaane buufatee kan jiru tahuu Qeerroon gabaasee jira. Haatahu malee yeroo ammaa kana humni Fincilaa uummata qofa miti humnoonni hedduun duubaan jiran guddaa tahuun sodaachisee jira, WBOn uummata keessa faca’ee kan jiru tahuunis mootummaan wayyaanee raafamee jira.
Yeroo kana FXGs kan jabeeffame jiru dhaabbileen barnootaa wayita kana dhibbaan lakkaawam Oromiyaa keessaa hoji baruu fi barsiisuu dhaabuun
gara FXGtti fuulleffatnii jiru. Hanga ammaatti qabataaman kan beekanu manni barnootaa 185 ol hojii baruu fi barsiisuu dhaabee jira Oromiyaa keessatti. Kaanis kana irraa fagoo kan hin jirree fi Yuuniversitiileen halkan kana dablatanii kan akka madda walaabuu FXG finiinsaa jiranii fi yuuninvesitii biroonis yeroo ammaa kanatti guutummaan guuututti FXGtti hirmaannaa taasisuun itti fufanii jiru.
Godinaaleen oromiyaa FXG keessatti hin gaggeeffamin muraasa tahanillee fincilli hanga walabummaan oromiyaa mirkanaa’utti FXG itti fufuun uummannii fi Qeerroon irbuu haaressaa itti fufeera. FXG itti fufa.

Hiriira Xumura Gabrummaa Hararge Habroo Magaalaa Defoo Keessatti Guyyaa Har’aa Gaggeeffame/Amajjii 9, 2016

Aside

Guyyaa Har’aa Amajjii 9,2016 Barattooti Oromoo Yuuniverstii Haromaayaa FXG Gaggeessan.

Aside

SBO AMAJJII 10,2016. Oduu, Gabaasa FXG, Ibsoota AI fi HRW Irratti Gabaasa Cuunfaa, Hiriira Mormii Dubartootni Or omoo fi Qeerroon London Geggeessanii fi Walaloo…

Aside

Lixa Harargee Magaalaa Asaboot Keessatti Ficila Xumura Gabrummaa Barattooti Oromoo Amajjii 7,2016 Deemsisan

Aside