Aside

JimmaAmajjii 15,2016 Warraaqsii Fincila Xummura Gabrummaa (FXG) Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Daran Jabaachuun wal qabatee Mootummaan Wayyaanee waraanaa of harka qabu waraana guddaa Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessa qubsiisuun barattoota Oromoo dararuu itti fufe.
Tarkaanfiin hammeenyaa Mootummaa Faashiistii kanaan nurratti fudhatamaa jiruu sochii mirga keenyaafi biyya keenyaaf falmachaa jirruutti dachaan kan nu jabeessuudha jedhu goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimma.

Oduu Gaddaa TVOMT

Aside

Dargaggoo Gaazeexessaa TVMT ta’e Bultum Omar magaalaa Torontoo itti dhalatee guddatee sabboonummaa Oromummaan haala dinqisiisaan kan beekamu yeroo ta’u Dargaggoo Bultum Omar jalqaba sochiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo bara 2011 seeraan caaseffamee FDG Oromiyaa guutuu keessatti qabsiisuuf yeroo murteeffatetti TVOMT irratti sochiilee Qeerroo gabaasuu fi dargaggoota Oromoo biyya alaa fi biyya keessa jiran haalaan onnachiisaa ture.

Dargaggoon Bultuma “Lubbuu Isaaf Waaqayyo Jannata Haa Banu Jenna” Maatii isaafis Jajjabina Waaqayyo Jajjabina Haa Kennuuf.

Humni waraana Wayyaanee godinoota Oromiyaa keessatti tarkaanfii bineensummaa isaa akka itti fufetti jira.

Aside

Amajjii 15,2016 Sibuu Siree

Guyyaa kaleessaa Wallaggaa Bahaa Aanaa Sibuu Siree magaalaa cingii keessatti hiriira barattoota irratti lubbuun nama tokkoo kan darbee yeroo ta’u, godinuma kana Aanaa Waamaa Hagaloo magaalaa Moxee keessatti mana nama dhuunfaa Galataa Diinagdee jedhamu cabsanii seenuun

Haadha manaa nama kana garmalee reebuun du’af jireenya gidduutti argamti Ilmi Obbo Galataa   Misgaanuu Galataas Humnoota tikaatiin ukkamfamee jira Yeroo amma kana tarkaanfii ambulaansii humna waraanaa deddeebiftu fi qabeenyaa TPLF irratti fudhatameen dargaggoonni. Aanichaa mana hidhaatti guuramaa jiru
Caalaa Bantii
Misgaanuu Galataa
Galataa Dinagdee
Fi kanneen maqaan nun qaqqabin heedduun harka diinaa keessa jiru Kanaan dura barnooti hidhaman guyyaa mana murtiitti dhiyaatan uummati aanichaa wajjin ba’uun nama ragaa sobaa irratti ba’u ilaalla jechuun barattoota hedduuf da’oo ta’anii kan jiran yeroo ta’u, uummati Oromoo bakka marattuu dawoo waliif ta’uu akka qabu dhaammatna.

Wallagga Magaalaa Najjoo Keessatti Har’a Amajii 14/2016 Dhukaasni Barattoota Irratti Dhuka’aa Oole. FXG Jabaatee Itti Fufe.‏

Aside

Amajiii 14,2016 Najjoo
Gaaasa Qeerroo Wallagga lixaa magaala Najjoo irraa Har’a barattootni mana barumsaa qophaayinaa magaala Najjoo, mana barumsaa Abdiisaa Aagaatti FXG ka’een humni waraana Wayyaanee dhukaasa banuun uummata bakka jiruu dammaqsuunis gara fincila barattootaatti hirmaachisee oole.

Akka gabaasni kun addeessutti har’a sa’a booda magaalaan Najjoo dirree lolaa taatee oolte. Uumataa fi humna waraana agaazii gidduutti lolli gaggeffamaa oole. Magaalaa Najjoo fi hangaa Goriitti uummanni daandii cufuudhaan dhaadannoo sagalee guddaadhaan dhageesisaa oole. Mootummaan wayyaaneen ammaa kaasee nun bitin jechuun dhaadachaa oolan.Qaama mootummaa wayyaanee magaala Najjoo keessaa
baasuun waajjiralee fi manneen jireenya diinaa fi ergamtuu irratti uummanni tarkaanfii adeemsisee jira. FXg har’a magaala Najjootti
gaggeeffameen barattootni hedduunis miidhamanii jiru, Dhibbaan barattootni lakkawaman ukkaamfamanii jiru. Barataa fi uummanni qonnaan
bulaan baadii keessaa fottoqee FXG kanatti hirmaachuun diina afaan qabsiisanii jiru. Haala qaawwaa argameen humni waraana Wayyanee
barattoota ukkaamsuun beekame, Injifannoon keenya jechunis uummanni ABO fi WBO faarsaa akka oole gabaasni Qeerroo irraa nu gahee jiru ibsa