Aside

Odeessa Godina Shaggar Abuunaa Gindebert.

Gurraandhala 2,2016 Oromoonni Hojjetaa Mootummaa Wayyaanee Ta’an Hedduun Sirnichaaf Hojjechuu Lagatanii Finfinneetti Godaanaa Jiru,Kanneen Keessaa Gariin:-
1,Baqqaalaa Nagaasa Hoji Kabbanee Wajjiraa OPDO Gindebert
2,Shibbiruu Wajjiraa Dargagoo fi Sport
4,Asfaaw Dhugumaa Ittisa Baalaf Qophayyina Abuunaa Gindeberet
5,Dhuguma Baqqala Wajjiraa Jaalisii
6,Sanyii Mootii Wajjira Haawasumaa
7,Laata Baayisaa Wajjiraa Gaalii Kanen Kun  Hojii Mootumaa Wayyaanee hin hojjennu jechuun Hojii Gadi Lakkisaan Garaa Godinaa Adda Finfinee Galan Keessa Isaan Kun Warraa Mursaadhaa Kanen Maqaa Isaanii aanaa fi ganda irraa gara fuula duraa gabaafnu ni jiru.

Aside

Guraandhala 2,2016
Harargee lixaa aanaa Ciroo ganda Koloolootti Amajjii 31 ,2916 ganama 1:30 qeeyrowwan naannichaan daandiin finfinnee gara dire dawwaa geessu dhagaan cufamee humnoota diinaatiin akka banamu tahe.halkan edas akkuma kana fakkatun muken jijjiganii dandin bakka lamatti cufame ganama kana konkolata ishetin diinni kaaste jirti. FXG karaa cufuun Oromiya keeysatti jabaate. Kanatti fufuunis dhaabbilee barnootaa naannoo Oromiyaa godina Wallaga bahaa aanaa Dega ganda Kolooboo mana barumsaa sad.1 fi aanaa Nuunnuu qumbaa mana barumsaa sad.2fi
qophaa’inaa keessatti barattoonni Guraandhala 1,2016 guyyaa sa’a 10:00 qormaata xumuranii dhaadannoo guddaa dhageessisaa gara manaa galaniiru. Yuunivarsiitii Wallaggaa mooraa Naqamteetti waraqaan loogoo qeeyrootin beekame.

Aside

Gurraandala 1,2016  Godina Shaggar Aanaa Abuunaa Gindebert Keessatti Hojjettooti Mootummaa Hojii Gadhiisanii Gara Finfinneetti Godaanaa Jiru. Milishoonnis Meeshaa Lafa Kaayanii Uummatatti Makamaa Jiru

Ammajjii gaafa 26,2016 irraa eegalee hojjettooti mootummaa dhalootaan ilmaan Oromoo kanneen ta’an hojii aanaa irraa hojjetan hojii idilee isaanii gadhiisuun naannoo aanaa Abuunaa Gindebrat dhiisanii gara Finfinneetti godaananii jiraachuu Qeerroon gabaasa.

Gandoonni aanaa Abuunaa Gindebert irra jiranis dura ta’aa fi tokko Shanee fi kanneen kaan hojii fi dirqama Wayyaanee lagachuun meeshaa isaanii lafa kaayuun qabsoo uummataatti dabalamaa jiru.

 

Aside

Guraandhala 1,2016 Sochiin warraaqsaa FXG yeroo yeroon jabaacha osoo jiruu Mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kana maqaa Boqonnaa Semistera jedhuun manneen barnootaa kanneen duraan hafan iyyuu cufaa jira.

Maqaaf boqonnaa Semisteraa haa jedhamu malee Oromiya keessatti sirni barnoota semistera duraa kana utuu hin gaggeeffamiin hafee jira. Godinalee Oromiyaa kanneen akka Lixa Shawaa, Kibbaa Lixa Shawaa(Walisoo), Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Lixaa keessatti sirni baruu fi barsiisuu warraaqsaa fi waraanaan goolamuun walqabatee guutummaatti hin aggeeffamne.

Godinaalee Baha Oromiyaa Harargee Lixaa, Harargee Bahaa, Arsii Lixaa, Baalee, Booranaa , Gujii fi Godina Kaaba Shaggar (Saalaalee)
keessattis haaluma walfakkatuun sirni barnoota ugguramee utuu jiruu maqaaf semisteera tokkoffaaf boqonnaa torbee lama kennuun cufamee jira
jechuun labsatani. Akkasumas kan dhaabbilee barnoota olaanoo fi Yuunivarsiitoota addaatti waraanaan waldhansoo ulfaataa keessa waan
jiraniifi barattootni hedduun durumaan iyyuu mooraa Yuunivarsiitii gadhiisuun gara maatii isaanitti deebi’anii waan jiraniif barnootni
hin gaggeeffamne.Amma semistera 2ffaa kanatti immoo murtii waliigalaa dabarfachuuf gamtaan Barattoota Oromoo marii guddaa gochaa jira.