Aside

Guraandhalaa 5, 2016 Godina Baha Wallaggaa aanaa Nuunnuu Qumbaatti  Warraaqsii FXG Qeerroo dargaggoota Oromoo fi Uummataan daran jabaachuun itti fufee jiraachuun Qeerroon Nuunnuu gabaasee jira, Konkolaataan Bulchiinsa Wayyaanee tokkos barbadooftee jiraachuun ibsame jira.

 Aanaa Nuunnuu Qumbaa bakka Magaalaa Adaree jedhamuun beekamtutti Warraaqsii uummataa fi dargaggootaan jabaachuun kan itti fufe, yoo ta’uu uummatni Oromoo fi Dargaggootni Oromoo Aanaa Nuunnuu Qumbaa Waraanaa Agaazii fi Dabballoota wayyaanee konkolaataan socho’anitti daandii cufuun Diddaa isaa jabeessuun konkolaataa wayyaanee tokko hojiin ala gochuun warraaqsaa finiinsan, gaaffii mirga abbaa biyyummaaf diibiin hanga nuuf kennamutti kanfaltii Gibiraa fi Buusii kamuu hin kaffallu, mootummaan Kufeera isin jalatti hin bulluu, Jaleen Wayyaanee OPDO’n Diigamteetti, kanaan booda Ofiin of bulchina jechuun warraaqasaan waraana wayyaanee dura dhaabbatan. Mootummaan Wayyaanee Guyyaa har’aa konkolaataa bulchiinsaa Aanaa Nuunnuu Qumbaa barbaadessitaan jechuun Uummataa Magaalaa Adaree jiraatu irraatti waraana Agaazii bobbaasee jiraachuun ibsame jira.

Ummati Oromoo Gujii Tokkummaan Ka’uun Barattoota Oromoo 8 Hidhaa Wayyaanee Jala Jiran Baafatan.

Aside

 (4.02.2016, ‪#‎Gujii‬, Oromiyaa) Ummati Oromoo Gujii gootummaa isaaniitiin barattoota saddeet mana hidhaatii baafatan. Ummati gamtaan bahuun pooilisoota aryatee baratoota 8 hidhaa keessaa baasee fudhatee galeera. Diddaa fi mormii seena qabeessa kanaan humna wayyaanee raasaa jiran.

Humni dabalataa Hawaasaa irraa gara sanatti ergamaa jira. Ummati karaa cufee akka of eegagtu dhaamsi darbee jira.

Akkasumas humni warraanaa biraa kaampii 147 naannoo magaalaa Meeggaa Dubluq jirurraa gara Bulee Horaa kaatee jirti waan ta’eef uummati akak of eeggatu dhaamsi darbee jira,

Kana malees, yerooammaa naannoon Daawwaa, Ejersaa Gooroo, Bulchiinsi magaalaa Haya Diimaa fi gandi Booree Obbitti humnaa waraanaatiin dhunfatamtee jirti.

Guraandhala 4,2016 Godinaalee Oromiyyaa Adda Addaa Keessatti FXG Itti Fufee Oole.

Aside

Gurandala 4,2016 FXG godina Booraana fi Gujii keessatti Har’a Guraandhala 4/2016 mormii Albuuda qabeenyaa oromiyaa saamamaa jiruu fi FXG oromiyaa keessatti
dhaabbatummaan itti fufee jiru sirna wal harkaa fuudhinsa Fincilaatiin Qeerroon godinaalee lamaan kanatti jabaassuun yeroo ammaa adda duree
tahee argamaa jira.
Addatti fXG Bulee Horaatti gaggaaffaa ooleen uummanni magaalicha guutummaatti baadiyaa keessaa fottoqee bahee jira. kumaatama
guddaadhaan kan lakkaawamu daandii bakka 8 olitti cufuudhaan FXG finiinsaa oolera. Kun gabaasa godina Booranaa irraa nu qaqqabe yoommu
tahu oromiyaa gara lixaa
– Shawaa lixaa
– Wallagga bahaa fi
– Shawaa kibba lixaatti kan wal irraa hin cinneen har’as yeroo dhumaaf FXG itti fufeera.
Shawaa lixaa Gindabarat, akkuma duraatti itti fufuun shawaan kibba lixaa Wallisoon akkuma duraan maanguddodhaan of bulchaa jiranitti
qabsoon keenya hanga oromiyaan bilisoomtutti kan jedhamun FXG kana fiixaan baasuuf haaressanii itti fufaniiru.
– Oromoon ka’ee Bilisummaa isaaa haa mirkaneessu
– Lafti saamame galuuf ka’eera ka’ii fiixaan baafadhu
– Qeerroon Bilisummaa ka’I uummatakee kaasi
– Wayyaaneen biyyaaf hin dhaabbanne lammisheef lafa oromoo saamtee kennaa jirti yeroon ka’ii dura dhaabbadhu
– WBOtu nutty urgaa’e
– Abbaan keenya ABOn yoom nuuuf galaa? Yoom nuuf dhufaa? Jechuun dhaadannowwan kunneen magaala Wallisoo fi Jalduu keessatti
har’a dargaggootaan dhageessifamaa ooleera. FXG isa xumura gabrummaatiin bifa jijjiiirratee itti fufeera.

U.S. Senators request Sec. Kerry for full review of the situation in Ethiopia to protect innocent Oromo civilians

Aside

US_Senators2016US_Senators2016_2

n a letter written to the U.S. Secretary of State John Kerry [equivalent to the Minister of Foreign Affairs], U.S. Senators Amy Klobuchar and Al Franken (both from the State of Minnesota) requested Sec. Kerry for a full review of the situation in Ethiopia in order for the U.S. Congress to take “immediate actions” to protect innocent Oromo civilians in Ethiopia. The full 2-page letter is attached below.

http://www.Gadaa.com