

Category Archives: Oduu/News
Wallagga Horruu Guduruu Aanaa Jaartee Keessatti FXG Qeerroo Naannichaan Haalaan Jabaatee Itti Fufee Jira.
Aside


Shaggar Naannoo Gudarii fi Gindabarat Keessatti Karaan Cuufamee Waraanni Agaazii Darbaa Dhabaa Jira,Injifatnoon Kan Uummataati.
Aside



Bosonni Oromiyaa Shaggar Naannoo Waliisootti Argamu Humana Agaaziin Gubachaa Jira.
Aside
Gurraandhala 18,2016 Walisoo irraa, :Gaafa dilbata halkan keessaa sa’atti 6:00tti boosonni tulluu warabboo jedhame beekamu gubate. Boosoni kun aanaa walisoo ganda xombee ancabbii keessatti kan argamudha . Akka oduu achi nu gahetti humni addaa dargaggoo ta naannoo bosona gale kan jedhu sodaa waan qabanif dilbata galgala naannoo sa’ati 12:00tti humni agaazi dursee boosona sana maarse nun jedhu jirattoonni achi.
Doktorooti Ogeessa Fayyaa Ta’an 4 Wallagga Hosptala Naqamtee Irraa Ogummaa Isaaniin Ummata Akka Hin Tajaajillee Mootummaan Wayyaanee Dhorkuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Gurraandhala 18,2016 FXG Godinaalee Oromiyaa Keessatti Jabinaan Itti Fufee Jira. Alaabaan ABO Qilleensa Oromiyaa Irra Balali’aa Jira.
Aside
Har’a Gurraandhala 18,2016 FXG oromiyaa bakka hundaatti har’a ganama irraa kaasee itti fufeera. Godina Shaggar lixaatto qonnaan bulaan lafa keenya irratti diina hin gabbarru jechuunis fardeen isaan yaabbatee gara FXG barattoota waliin walitti makamuutti deemaa jira. Shawaa lixaa, Gindabarat, Amboo, Gudar, Jalduu, Baakkoon hanga baadiyaatti fincila isaa itti fufeera. Wallagga bahaa fi Horro Guduruutti barattootni mana barumsaatti fincilaisaanii itti fufaniru.
Godina Wallaggaa Aanaa Jaarsoo Keessatti Barattooti Mana Hidhaa Keessatti Baatiilee Darban Hidhaman Marraa Lammaffaaf Mana Murtiitti Dhihaatan.
Aside
Guyyaa har’aa Guraandhala 18,2016 bartoota fi dargaagoota Oromoo Wallagga Aanaa Jaarsoo kaneen FDG irraattii hidhaamanii mana murtiittii akka dhiyaatan gabaasuun keenya ni yadatama, namoota ragaa sobaa ba’aniis gabsnee ture..beellami guyyaa har’aa waan tureef…ammas beelama guyyaa gaafa 8/6/2008tittii erga dabarsanii booda ammaas
barattootii fi dargagoonni kun har’aas hirira galuun mormii jabaa dhageesisaa mana murtiitti galanii jiru surraan yeroo isaan mana murtii galanii jiran dha ,sa’aa ammaa kanatti jechuu dha..
Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo(SQ) Qophii Guraandhala 17, 2016
Aside
Gootota Qeerroo Bilisummaa Magaalaa Abaaroo Gurraandhala 17,2016
Aside



Gurraandhala 17,2016 Magaalaa Dodolaa Keessatti Alaabaan ABO Balali’aa Oole,Gootonni Qeerroo Wallee Warraaqsaan WBO Faarsaa Oolaniiru.
Aside





